JAARRAA ABBAA GADAA
Open in Telegram
Goota falmuu dhiifnee Qeerroon Galee ciifnee Oromiyaa Dachii Goota Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!! YAADAF👉 @JAARRAABOT Channel youtube keenya Argachuuf 👇👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Show more1 964
Subscribers
No data24 hours
-17 days
-130 days
Posts Archive
1 964
Watch "NEW WALALOO JAWAR MOHAMMED DAWADHAA ISININ JENNA !" on YouTube
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
1 964
Barattoota 12tiif
Share godhaa obboleeyyan keeysaniif
Rabbiin isin haa gargaaru firii keeysan lafa bada isin jalaa hin godhin. Inni irkoof tolu isin waliin haa jiraatu.
❤️Akka dhaamsaatti👇
1,Sa'aa ammaan tanaa irraa kaasaa online irraa fagaadhaa akka tasgabbooyatniif.
2,Qormaataatu hatame, yeroo isaatu dabre... ka ja'u hin dhagahinaa.
3,Barana akka tolutti akka isin hin baratin ni beeyna kanaaf suuta ja'aa waan dandeeysan yaalaa.
4, Deebiin qormaataa akka tasaa yoo isiniif ergame jarjartee itti lixxee akka sin dogongorsiifne.
5, Deebii alaa irratti irkoo takka hin godhatin haga dandeeysu yaaluuf if amansiisi.
6, yerotti fayyadamii ariitiin xumuruuf yaali. Deebii hedduu sitti ulfaate irra hin turin.
7, Ganamaan qa'ee mana barumsaa sanitti argami.
8, qormaata duraas tahee boodaas waa'ee qormaataa namootaa waliin hin odeeysin.
9, Wantoota guuttachuu qabdu duursii guuttadhu tasgabbiin bobbahi.
#Akka jabaa👇
❤️Ganama san dhiira yoo taate subhii jammaan salaati, achuma turi Qur'aana haga siif laafe qara'i, zikriilee jajjabduus godhi, du'aa'iis godhadhu, yeroo aduun ol baatee xiqqo ol jatte sunnaa lama irra buufadhu masjiidaa bahi, haadhafi abbaa kees fitti tufsiisi. Isaan yoo hin jiraannees namuma bira jirtu, akkasitti manaa bahi, haga karaa mana barumsaa deemtuus zikriilee godhaa deem, yeroo qorumsa jalqabdees "bismillaah" Yaa Rabbi na gargaari ja'iitii jalqabi. #Shamara yoo taatees bakka takkitti Subhii jammaan masjiidatti deemu san malee kanuma hordofta.
Iinshaallaah fadha Rabbiitiin irra aantanii abdii Rahmaaniin guutamaa !
❤️ @jechootahayyoota
1 964
Hirmaattonni Irreecha Hora Harsadee-Bishooftuu PP (Abiy Ahimed) irratti mormii yommuu dhageessisan.
Abiy Ahimed Waraana Bilisummaa Oromoo'shororkeessaa'jedhee moggaase; Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi uummanni Oromoo bal'aan ammoo sirna PP Abiy hogganu balaaaleffatan.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
1 964
“Baallii kichaa kichaa
Oromoon tokkicha
Marrootu nubulchaa
Jawartu nu bulchaa
Baqqeetu nu bulchaa”
1 964
Samiiraa Muhammad jedhamti shira Abdii illeetin buqaate Finfinnee qubsiifamte harra sariin pp tumamtii Oromoo maalyakkite oboleettin teenna tun callee morma isii kana tahinnaa laata?
1 964
Milkaa'inaafi kuufaati
Kutaa 1ffaa
Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu. Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i. Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu. Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati. Muziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha. Jireenyi dhala namas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa. Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba.
Join👇
@Oromotoo
1 964
Dogoggora khee irraa baratta.
Irraa kan barattu taanan dogoggora wanti je'amu hin jiru, barnoota qofa.
Hanga barattee siif galutti, barnoonni ittuma fufa.
An irraa baradhee tee wanti beeytun.. gocha gootu keessatti jijjiirama arguudhaani.
@jechootahayyoota
1 964
Duudhaalee MCBNO Ittiin Masakamu
Mirgoota dhala namaa addunyaan irratti waliigalamee fi biyyi kunis fudhatee mirkaneessite kabajuun akkauma jirutti ta’ee MCBNO yeroo cehumsaa kana keessatti duudhaalee armaan gaditti tarreeffaman mara ni kabaja, ni tiksa, ittiinis masakama:
a) Olaantummaa fi walabummaa ummataa: lammilee Oromiyaa walabaa fi mootummaa cehumsaa kana olitti abbaa aangoo olaanaa fi murteessaa ta’u isaa ni kabaja, ni tiksa.
b) Mirga dhala namaa fi mirga diimokraasii: MCBNO mirga dhala namaa fi mirga diimokraasii ummata Oromiyaa keessaa jiranii ni kabaja, ni tiksa.
c) Walqixxummaa korniyaa: MCBNO mirga walqixxummaa dhiiraa fi dubartiin ummata Oromiyaa ni kabaja, ni tiksa.
d) Olaantummaa heeraa FDRE fi heera Oromiyaa: Heerri FDRE fi heerri Oromiyaa seera olaanaa mootummaa Oromiyaa kamiiyyuu ol akka ta’e ni kabaja, ni tiksa. Seerri MCBNO baasu kamuu heera kana ni falleessa yoo ta’e fudhatama hinqabu.
e) Garaagarummaa mootummaa fi Amantii: MCBNO Oromiyaa keessatti mootummaa fi amantiin garagara ta’u ni kabaja, ni tiksa. Amantiin kan mootummaa ta’e hinjiru. Mootummaan dhimma amantii keessa hin seenu, amantiinis dhimma mootummaa keessa hinseenu.
f) Mirga sablammootaa (minority rights): MCBNO mirga sablamoota Oromiyaa keessa jiratanii ni kabaja, ni tiksa.
g) Walabummaa seer-ilaal: Qaamni Seer-ilaal (judiciary) MCBNO walaba ta’a.
h) Itti-gaafatammumma mootummaa: mootummaan tajaajilaa fi jiruu hojjatu iftoominaan geggeessa, badii dalage kamuufu seeraan itti gaafatama.
i) Waliin qoddannaa aangoo (shared rule): Hariiroo waliitumsuu bulchiinsa mootummaa naannoolee biro fi kan heeraan murta’e mootummaa giddu galeessa waliin qoodata.
j) Hariiroo michooma godinaa cimsuu: Diimokraasii, tasgabbii, nagaa waaraa, misoomaa fi maammilummaa dinagdee fi daldalaa Gaanfa Afriikaa keessaatti uumuuf, walitti bu’insaa godinica keessa jiru ilaafi ilaameen furuuf ni tattaafata.
1 964
Harargee lixaaa Aanaa daaruu labuu Magaalaa micatattii yakkaa tokkon male maatii Ebsitu Mohammed Jundi hiidhanii jiran #Sirni kuni sirna kashlabbeen ijaarameedha kanaaf maatii guutu hiidhe dararaa jira
1/Obboo Mohammed jundi
2/Kadir Mdhaala nama hin qabnedhaohammed jundi
3/ qalbeessaa Mohammed jundi
4/Addee Hindiyaa Hassan jaaloo jedhamti motummaan Abiyoot motummaa kabaja dhaala namaatif hin qabnedha
1 964
Magaalaa Naqamteetti asii ol baqata waan tikaaf waan basaasaa ta'e martuu...Naqamtee waashaa hattuuf gantuun, kan saba darartu itti baqatee nagaa bahu itti fakkaateey? Hunduu arganaa baadiiyyaaf magaalaa irraa waan qaama mootummaa ta'e Naqamteetti ol harataa jira torban kana.
Magaalaaf baadiyyaan Naqamtee jalaa WBO'n dhuunfatamaa jiraachuu dhageenyee osoo hin turin kun raawwachuu eegale. Ajab!
1 964
Barreessutuu waajjira Hayyu Duree ABO duraanii Aadde Meetii Milkoo mirgi wabii isheef eegamuufis, ajaja qaama olaanuuti jechuun mana hidhaatti ittifamte.
Aadde Meetii Milkoo waajjira Hayyu Duree ABO-tti barreessituu ta'uun tajaajilaa kan turte ji'a sagal dura poolosii Oromiyaatiin qabamuu ishee gabaasuun keenya ni yaadatama.
Turtii ji'oota ja'aa oliif himatni utuu itti hin bananin kan turte yoo ta'u, qorannoofi himata malee waajjira poolisii Buraayyuu Aanaa 3ffaa keessatti hidhamtee turuu isheen dabalata, rakkoo fayyaaf saaxilamuun rakkachaa jiraachuu ishee maatii dubbisuun gabaasnee turre.
Maatiin Aadde Meetii Milkoo himatti itti banamuu dhabuusaafi dhimmishee ilaalamuu diduusaatiif qaamolee mootummaa garaagaraafi dhaabbilee mirga namoomaatti erga iyyatanii booda, turtii ji'a ja'aa booda, poolisiin mana murtiitti ishee dhiheessus himata banuuf ragaa walitti qabachaa jiraachuusaa himuun yeroo beellamaa gaafatee akka ture namni OMN dubbise kun ni hima.
Manni murtichaas yeroo qorannoo dabalataa poolisiin gaafate dhowwuudhaan, dhimmashee alarraa akka hordoftuuf Mirga wabii kan eegeef yoo ta'u, poolisiin utuu ishee hin hiikiin akka hafe OMN odeeffateera.
Turtii ji'a sagalii booda maatiin yeroo lammataaf dhimmashee mana murtiitti yoo himatan, manni murtii dhaddacha Buraayyuu waxabajji 21, 2013 yeroo lammataaf dhimma ishee ilaaluun, Aadde Meetii Milkoofi Aadde Liidiyaa Alii Nuuree, wabii qarshii kuma sadiin akka hiikaman ajaja dabrsee akka ture maatiin OMN-tti himaniiru.
Maatiin qarshii mirga wabiif gaafataman erga kaffalanii booda, waajjirri Poolisii Buraayyuu aanaa 3ffaa ajaja mana murtii diduudhaan 'ajaja qaama olaanuurraa dhufeen akka hin hiikne jedhamne" jechuun maatiirraa xalayyaa fuudhuu akka dide miseensi maatii hidhamtoota kanneenii OMN-tti himee jira.
Aadde Meetii Milko dabalatee hidhamtoonni siyaasaa Oromoo hedduun mana murtiitti utuu hin dhihaatin waajjira poolisii Buraayyuu aanaa garaagaraa keessatti dararamaa jiraachuu OMN gabaasaa turuunsaa ni yaadatama.
Odeessa OMN
1 964
"Bu'aa filannoo baranaa hin fudhadhu" - Paartii Baaldaraas
Paartiin Deemookraasii Dhugaaf Baaldaraas jedhamu bu'aa filannoo biyyooleessaa isa marsaa 6ffaa kan hin fudhanne ta’u beeksise jira. Magaala Finfinnee keessatti kan dorgomee Baaldaraas ibsa kaleessa baaseen, Filannoon sun amanamaa fi kan haqaa ta’u isaa kan hir’isan gochii hedduun gaggeeffamuu qorannaan mirkaneesseen jira jedhe.
Komee isaa kana bordii filannoof dhiyeessuu iyyu deebii dhabuu isaan, Finfinnee keessa kan jiran naannoo filannoo 23 keessaa 21tti filannoon kun irra deebi’uun akka gaggeeffamuuf, mana murtiitti himannaa banuu isaa ibse Baaldaraas.
Iyyata Baaldaraas dhiyeeffatee ilaalchisee itti gaafatamtoota hojii kan boordii filannoo argachuuf yaaliin taasifame milkaa’u baatuus guyyaa bu'aan filannoo ifa ta’e sana Walitti Qabduun Boordii Filannoo Aadde Birtukaan Miidhagsaa haasawaa taasisaniin, boordiichi filannoo amanamaa gaggeesseera jechuun isaanii ni yaadatamaa.
Maddi: VOA
1 964
Guyyaa 7ffaa OSFNA
“””””””””””””””””””””””””
Sirna Mormii Bilxiginnaa cimaa fi Yaadannoon Haacaaluu ture. Maqaa Jawaar , Baqqalaa, Abdi Raggaasaa, Kolonel Gammachuu fi kkf … dhayamaa oole!
Koreen Qopheessituu OSFNA Galatoomaa Gootoota keenya yaadachiisuu keessaniif!
1 964
Yunvarsiitiin Finfinnee hayyoota 15f sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laate!
Yunvarsiitiin Finfinnee hayyoota 15f sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laateera.
Boordiin hoggansaa Yunvarsiitii Finfinnee ragaa Proofeesarummaa guutuu dhiyaate ilaaluun sadarkaa kabajaa kana raggaasiseera.
Haaluma kanaan:-
- Dooktar Fayyeera Sanbataa
- Dooktar Isheetuu Gurmuu
- Dooktar Hagos Biluutsi
- Dooktar Taammiraat Baqqalaa
- Dooktar Gazzahaanyi Maammoo
- Dooktar Kabbadaa Ammanuu
- Dooktar Salamoon Tafarraa
- Dooktar Makbib Afawarq
- Dooktar Abaabaw Fiqaaduu
- Dooktar Iyyaasuu Eeliyaas
- Dooktar Daamxee Shimallis
- Dooktar Amazanaa Taaddasaa
- Dooktar Yiliqaal Addaamu
- Dooktar Daani'eel Zawudineh
- Dooktar Tasfayee Sisaayiif sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laateera.
1 964
Mootummaan naannoo Amaaraa namni danda'u hundi akka adda waraanaatti duulu gaafate
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57962228
1 964
Namichi talaallii Covid-19 irratti qoosaa ture vaayirasichaan du’e
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57960866
1 964
Mootummaan naannoo Amaaraa namni danda'u hundi akka adda waraanaatti duulu gaafate
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57962228
1 964
Namichi talaallii Covid-19 irratti qoosaa ture vaayirasichaan du’e
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57960866
