777
Subscribers
-124 hours
-17 days
+430 days
Posts Archive
Ramaddiin sagantaa fooyya’iinsaa ifoome.
Barattoonni bara 2015 qormaata biyyoolessaa xumuraa kutaa 12ffaa fudhatanii yuunivarsiitiiwwan mootummaatti sagantaa Sagantaa Fooyya'iinsaan qabxii darbiinsaa galmeessan karaa liinkii asii gadiin filannoo keessan ilaaluu dandeessu.
Ramaddii keessan ilaaluuf👇
Marsariitii👇
https://result.ethernet.edu.et/
Telegram bot👇
https://t.me/moestudentbot
Ministeerri Barnootaa gaaffii jijjiirraa Yuunivarsitii akka hin fudhanne ibseera.
Yuunivarsitii itti ramadamtan waamicha eeggachuun barnoota keessan irratti argamuu akka dandeessan beeksifameera.
Hubannoof...
Barattoota keenya bara kana kutaa 12ffaa barachaa jirtaniif
1. Qormaanni kutaa 12ffaa bara 2016 gara Caamsaa xumuratti as butameera.
2. Qormaanni kutaa 12ffaa bara kanaa gosa barnootaa shaniin qofa kennama.
Natural Science subject
©English
©Maths
©Physics
©Chemistry
©Biology
Social Science subject
©English
©Maths
©Geography
©History
©Economics
Repost from N/a
Amharic Grade 10 Students textbook final version (2) (1).pdf3.34 MB
Repost from N/a
Afaan Oromo Grade 9 Student TextBook Final version pdf.pdf2.87 MB
#Update
Barattoota bara barnootaa 2015'tti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa darbaniifi yeroo ramaddii deeggarsa barbaaddaniif iyyata keessan karaa https: //student.ethernet.edu.et hanga Onkoloolessa 16/2016 qofatti
Ibsachuu akka dandeessan Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
#Yaadachiisa
Guyyaa ibsameen alatti iyyata kamuu kan hin keessummeessinee fi iyyanni kamuu qaamaan kan hin keessummeessifamne ta'uu Ministeerri barnootaa akeekkachiiseera.
Repost from Ministry of Education Ethiopia
የ2015ዓ.ም የ12ኛ ክፍል መልቀቂያ ፈተና ውጤት ነገ ይፋ ይሆናል።
..............................................................................
መስከረም 27/2016 ዓ/ም (የትምህርት ሚኒስቴር) የ2015ዓ.ም የ12ኛ ክፍል መልቀቂያ ፈተና ውጤት ነገ ይፋ ይሆናል። በዚህም ዙሪያ ትምህርት ሚኒስቴር ነገ መስከረም 28/2016 ዓ.ም ከ ቀኑ ስድስት ሰዓት ላይ ጋዜጣዊ መግለጫ የሚሰጥ ይሆናል።
ተማሪዎችም ትክክለኛውን መረጃ ከትምህርት ሚኒስቴር ገፆች ላይ እንድትከታተሉ እናሳውቃለን።
ፌስቡክ -https://www.facebook.com/fdremoe/
ቴሌግራም -https://t.me/ethio_moe
ትዊተር - http://twitter.com/fdremoe
ሊንክዲን - https://www.linkedin.com/company/ministry-of-education-ethiopia
በዌብሳይት - www.moe.gov.et
#Kutaa_12ffaa
"Qormaanni ba'uu biyyoolessaa kutaa 12ffaa ji'a Adoolessa keessa yunivarsiitiiwwan keessatti ni kennama" - Piroofeesar Birhaanuu Naggaa
Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa pireezidaantota yunivarsiitii fi qondaaltota waajjira barnootaa naannolee waliin marii gaggeessee jira.
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa ba’uu biyyoolessaa bara 2015 ji’a Adoolessaa keessa yunivarsiitiiwwan keessatti akka gaggeeffamu ibsaniiru.
Qormaanni kun akkuma bara darbee marsaa lamatti akka kennamu himaniiru.
Piroofeesar Birhaanuu Naggaa rakkoolee qormaata marsaa tokkoffaa tarreessuun furmaata marsaa itti aanuuf qophaa’uun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa Isheetuu Kabbadee (Dr.) akka ibsanitti, raawwii qormaata bara 2015tiif qajeelfamni adda addaa qophaa'aa jiraachuu fi odeeffannoon qoratamtootaa sirnaan qindaa'aa jiraachuu ibsaniiru.
Birhaanuu Naggaa (Professor) rakkoo hawaasaa hiikuu fi ilaalcha isaa jijjiiruuf, dhaloota gahumsaa fi itti gaafatamummaa qabu uumuuf qooda fudhattoonni amma jiran gahee isaanii bahuu qabu jedhan.
Dhumarrattis qormaanni bara 2016 gaggeeffamuuf jiru haala naannoo irratti hundaa’uun toora interneetii irratti kan kennamu ta’uu ibsaniiru.
Maddi: Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa
