BARII TECH
Open in Telegram
Odeeffannoo : Tekinooloojii Iskoolaarshiipii Beeksisa Hojii Tapha Gabaaboo Kanneen Biroo Guutummaatti 🌐 https://bariitech.com
Show more8 722
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
8 722
Argentina Vs France
Tapha Hawwiin Eegamaa Jiru.
Waancaan Kan Eenyuu Ta'a Jettanii Yaaddu?
Tilmaamaa
8 722
Akkam jirtu Guyyaa har’aa odeeffannoo hojii onlaayinii(online) isiniif qabannee dhufneerra. Gosoota hojiiwwanii isin hojjechuu dandeessan 9 Website keenya irratti isiniif maxxansineerra. Isaan keessaa waa'ee Biloogii waa muraasa ilaalla.
Namoonni adda addaa biloogii hojjechuun doolaara kumaatamaan lakkaa’amu argatu. Kun hojiiwwan onlaayinii gaarii ta’an keessaa isa tokko yoo ta’u mana taa’uudhaan invastimantii tokko malee, wanti isin barbaachisu barreeffama kalaqaa qofa. Blogging'n namoota baay’ee jireenya isaan abjootan kenneera, blog bilisaa(free blog) ykn kaffaltii qabu(paid blog) uumuu dandeessa. Kunis maallaqa guddaa argachuuf si gargaara.
Mata duree beektu kamiinuu irratti biloogii barreessuu jalqabuu dandeessa. Biloogii jalqabuuf tarkaanfiiwwan salphaa muraasni jiru:
Website Keenya irraa dubbisuu dandeessu.
👉https://bariitech.com/hojii-online
SHARE GODHAA
@BARIITECH
8 722
GORSA GAMMACHUU:
• Oduu hin dhaggeeffatin
• Waan namoonni waa’ee kee dubbatan tuffadhu.
• Jireenya mataa keetii tolfadhu.
• Haala hunda keessatti waan gaarii barbaadi.
• Ilaalcha galateeffannaa horadhu.
• Caalaatti jaallachuu bari.
• Caalaatti kolfuu bari.
👉https://bariitech.com
SHARE GODHAA
@BARIITECH
🌻 BARII TEKINOOLOOJII OROMIYAA
8 722
Translation (EN → OM)
🍃°•Jireenya kee keessatti gonkumaa nama hin komatin;
Namoonni gaariin gammachuu siif kennu, .
Namoonni badaan muuxannoo siif kennu, .
Namoonni hamaan barumsa siif kennu, .
Namoonni gaariin yaadannoo siif kennu.
👉https://bariitech.com
SHARE GODHAA
@BARIITECH
🌻 BARII TEKINOOLOOJII OROMIYAA
8 722
Jarman keessatti waggaatti namoonni hanga 100 ta'an sababa mala garmalee ofiin of gammachiisuudhaan du'u jedhu qorattoonni Jarmanii.
👉https://bariitech.com
SHARE GODHAA
@BARIITECH
🌻 BARII TEKINOOLOOJII OROMIYAA
8 722
Repost from BARII TECH
Piroosesaroota miliyoona torbaa ol qaba! RAM Giigaabaayitii miliyoona shan qaba! Sekondii tokkotti shallaggii peetaa dhibbaan lakkaa’amu raawwata! Humna ibsaa itti fayyadamnu guddaadha #Fugaku!😱 Supercomputer addunyaa irratti saffisaa ta’e!
Supercomputer akka super computer jedhutti hiikuu dandeenya! Gosti kompiitaraa kun humnaa fi saffisa isaatiin gosoota kompiitaraa baratamoo irraa garaagarummaa guddaa qaba. Yeroo baayyee saffisa superkompitara safaruuf “Ajajni kompiitaraa meeqa sekondii tokko keessatti raawwatama?” Bakka meetirikii “floating point operations — FLOPS) meeqatu sekondii tokkotti raawwatama?” kan jedhu fayyadamna.
Bara 2017 irraa eegalee supperkompiitaroonni peetaaflooppii dhibbaa ol (sekondii tokkotti shallaggii qabxii lola’aa peetaa dhibba tokko) galmeessuu danda’aniiru. Dhibba booda zeeroo 15 jechuudha. Lakkoofsa kana kompitara barame waliin yoo wal bira qabnee ilaalle, kompiitaroonni gaariin giigaafilooppii dhibbaan lakkaa’aman hanga teeraaflooppii kudhan qofa ga’uu danda’u.
Supercomputer baay’ee qaala’aa waan ta’aniif biyyoota fi dhaabbileen muraasni qofti kan qaban yoo ta’u, qorannoo saayinsii, qorannoo haala qilleensaa, qorannoo boba’aa fi gaazii, fi hojiiwwan biroo hedduu kanneen adeemsa daataa barbaadaniif oola.
Akkuma dameelee biroo dorgommiin suppercomputers gidduu jiru hin baane. Ameerikaan dorgommii kana yeroo dheeraaf dursaa kan turte ta’us, Chaayinaa fi Jaappaan dorgomtoota ishee dhiyoo ta’anii itti fufaniiru. Dhugaa dubbachuuf, Fugaku Jaappaan suppercomputer addunyaa irratti saffisaa ta’e fudhateera! Bal’inni kompiitara kanaa akka armaan gadiitti dhiyaateera!
♦️ Baay’ina piroosesarootaa: 7,630,848
♦️ Memory: 5,087,232 GB
♦️ Saffisa: 442,010 TFlop/s (442 petaflop sekondii tokkotti!)
♦️ Fayyadama anniisaa: 29,899.23 kW
♦️ Sirna kompiitaraa (Operating System): Red Hat Enterprise Linux
Itti fuftanii dubbisuuf link gadii kana tuqaa
👉https://bariitech.com/supercomputer-addunyaa-irratti-saffisaa/
SHARE GODHAA
@BARIITECH
🌻 BARII TEKINOOLOOJII OROMIYAA
❓Kompiitara kana ji’a 1 qofaaf si bira kaa’uuf carraan osoo siif kennamee maal goota? 😁

Addunyaan keenya kun yeroodhaa gara yerootti akkaataa uumamaanis ta’e dhiibbaa jijjiirama qilleensaafii kan kana fakkaatan taateewwaan kanneen akka manca’uu qabeenyaatii hanga du’a lubbuuti ilmaan namaa irra qaqqabsiisuu irra kan darbe dhugaadha jedhanii amanuun kan namatti ulfaatu taateewwan ajab nama jechisiisan yeroodhaa gara yerootti mullachaa adeemaa jiru, Isaan keesaa tokko Bermuudaa Triangle yoo ta’u Bermuudaa Triangle bakkeewwan addunyaa keenya irratti argaman keessaa iddoowwan iccitii ykn dhoksaa ifa hin taane keessaa isa tokkodha. Qorattoonni hedduunis waggoota dheeraadhaaf bakki kun bakka balaafamaa ta’uusaa hubachuun qorannoo baayyee irratti adeemsisanii jiru. Iddoon kunis kan argamu kallattii kaabaan gara United States Ameerikaattii Filooridaa kan daangessu yemmuu ta’u kallattii biyyoota ardii Ameerikaa kibbaan immoo Poortoriikoo daangessuun kallattii kaabaa bahaan immoo hanga fiixee Bermuudaatti adeema.
Ballini bakka kana walii galatti km 1,300,000 – 3,900,000 ta’a. Akkaataa teessumaanis kallatti garaa garaa sadiitti kan qoodamedha. Kallattii kamiin irra deddeebiin balaan akka mullatus waanti qabtamaan hin jiru. Xiyyaaronnifii dooniiwwan bakka kanattii achi buuteen isaanii dhabame barbaacha gudddaa taasifamus arguun hin danda’amne. Bakki kun maqaa biroo Triangle seexanaa jedhamuunis ni beekama. Xiyyaarota 150fii dooniiwwan miyoota garaa geejjibsiisanii fi bidiruuwwan hedduun bakka kanatti dhabamaniiru.Baayyee kan nama dhibu ammoo xiyyaarotaafii dooniiwwaan bakka kanatti bishaaniin fudhataman caccabaan miya isaani illee barbaadamee dhabamuu isaati. Egaan bakka kanatti dooniiwwan garba guddaa Atilaantik irra geejjibamaniifii xiyyaarota irras balaa qaqqabeen lubbuun namoota hedduu darbee qabeenyi baayyeenis barbadaa’eera. Haa ta’u malee balaan kun sababa qaqqabeef hanga harraatti waanti qabatamaan hin jiru. Badiiwwan naanoo kanatti akka mudatan yeroo jalqabaaf kan ifoome akka lakkoofsa Awuropaatti Fulbaana 17 bara 1950 nama Edward Van jedhamuun barreefama Sovitid Press maxxanfame.
Waggaa lama boodas nama Joorj Saand jedhamuun barreefamni gabaabaan barreeffame akka jedhutti humna galaanaa irraa Ameerika 5 dabalatee xiyyaarota baayyeefii dooniiwwan akka bakka kanatti achi buuteen isaanii dhabame addeessa. Bara 1964 immoo Bitooteessa keessa nama Vinsaant jedhamuun Bermuudaa isa ajjeesicha mata duree jedhuun barruuleen maxxanfames naannoo Bermudaa Triangle kanatti balaa wal fakkataa qaqqabuun isaa dubbata. Barreesitooni biroon hedduun illee yaaduma kana balbaloomsu. Riichward Wiiner ammoo bara 1974 Tiriangle Diyaabiloos jechuun ibsa. Sababni isaas iccittin Bermuudaa Triangle humna uumamaa ol kan ta’eefii qorannoon qabatamaa waa’ee isaa ibsus kan hin jirre ta’uu isaati.
Bermuudaa Triangle uumama iccitii dhalli namaa hanga harraa ....
Itti fuftanii dubbisuuf link gadii kana tuqaa
👉https://bariitech.com/bermuudaa-triangle/
SHARE GODHAA
@BARIITECH
🌻 BARII TEKINOOLOOJII OROMIYAA
8 722
Bermuudaa Triangle bakkeewwan addunyaa keenya irratti argaman keessaa iddoowwan iccitii ykn dhoksaa ifa hin taane keessaa isa tokkodha 😱😱
8 722
Akkam Jirtu!
Yeroo Muraasaas isinirraa fagaannee turre. Nu ofkalchaa. Guyyaa Har'aa Jalqabnee Odeeffannoo Waayitaawoo Akkasumas Barsiisawwan Tekinooloojii Isiniif Dhiyeessuudhaaf Qophee Xumurreerra.
Isinis Channel Keenya Share Gochuudhaan Nu Cina Dhaabbadhaa.
Garee Keenya Join Godhaa
👉@BARIITECH_FAM
Website Keenya Hordofaa
👉https://bariitech.com
SHARE GODHAA
@BARIITECH
🌻 BARII TEKINOOLOOJII OROMIYAA
8 722
Beeksisa ✳️
Afaan Ingiliffaa kanneen baruu barbaaddan channel telegram gadi isiniif keenya kana tuqaatii join godhaa.
https://t.me/learn_english_in_oromic
Gaaffii Barbaaddan Garee Keenya Keessatti Nuuf Barreessuu Dandeessu. Galatoomaa.
👉@BARIITECH_FAM
Website Keenya
👉 https://bariitech.com
SHARE GODHAA
@BARIITECH
🌻BARII TEKINOOLOOJII OROMIYAA