en
Feedback
New nashida

New nashida

Open in Telegram

for more information please contact me @jaallee20

Show more
4 298
Subscribers
+424 hours
+577 days
+24130 days
Posts Archive
Lantu New ﷺ - Liqae 3 | ላንቱ ነው ﷺ - ሊቃእ 3 #አዲስነሺዳ # https://www.vidmateapp.com/subpub/yqh5/site?url=aHR0cHM6Ly93d3cueW91dHViZS5jb20vd2F0Y2g/dj1sSWVsQ1M5bUdhbw==&f=sy 🔥Trending video shared via VidMate🔥 🎉Best downloader for video and image on YouTube, WhatsApp status, Facebook, Instagram... 🎉Platform for FREE latest movies🎥🎥 👇Download VidMate Now!👇 https://www.vidmateapp.com/?subpub=sharing

8- وَعَنْ أبي الدَّرْداءِ ، رضي اللَّه عَنْهُ ، قَال : سمِعْتُ رَسُول اللَّهِ صَلّى اللهُ عَلَيْهِ وسَلَّم يقولُ: « منْ سلك طَريقاً يَبْتَغِي فِيهِ علْماً سهَّل اللَّه لَه طَريقاً إلى الجنةِ ، وَإنَّ الملائِكَةَ لَتَضَعُ أجْنِحَتَهَا لِطالب الْعِلْمِ رِضاً بِما يَصْنَعُ ، وَإنَّ الْعالِم لَيَسْتَغْفِرُ لَهُ منْ في السَّمَواتِ ومنْ في الأرْضِ حتَّى الحِيتانُ في الماءِ ، وفَضْلُ الْعَالِم على الْعابِدِ كَفَضْلِ الْقَمر عَلى سائر الْكَوَاكِبِ، وإنَّ الْعُلَماءَ وَرَثَةُ الأنْبِياءِ وإنَّ الأنْبِياءَ لَمْ يُورِّثُوا دِينَاراً وَلا دِرْهَماً وإنَّما ورَّثُوا الْعِلْمَ ، فَمنْ أَخَذَهُ أَخَذَ بِحظٍّ وَافِرٍ » . رواهُ أبو داود والترمذيُّ .

As wr wb ✅ Barbaachisummaa ilmii✍ Imaam Al Awza'iin akkana je'e: " Namoota jechuun nu biratti warra beekkomsaati. Warri isaan malee hafan homaa miti." 🌿 Imaamu Ahmad Bin Hanbalis akkana je'e:     " Namoonni qixa nyaataa fi dhugaatitti haajaman caalaa ilmii Shari'aatti akkaan haajaman . Maaliif? Nyaataa fi dhugaatii guyyatti yaroo takka ykn lama isaan barbaachisa, Garuu ilmii ammoo akkuma hafuura baafatuun isa barbaachisa." قال الأوزاعي: «النَّاسُ عِنْدَنَا هُم أَهْلُ العِلمِ، وَمَن سِوَاهُم فَلَيْسُوا بِشَيْءٍ»، وقال الإمام أحمد بن حنبل: «حاجة الناس إلى العلم الشرعي أعظم من حاجتهم إلى الطعام والشراب لأن الرجل يحتاج الى الطعام والشراب في اليوم مرة أو مرتين وحاجته إلى العلم بعدد أنفاسه».

%E1%8B%AB%E1%8C%A0%E1%89%A2%E1%89%A2_%E1%8A%A0%E1%8B%B2%E1%88%B5.mp311.94 MB

masha allah

An_haabeelawu_yaa_lammii_tiyya(256k).mp313.50 MB

SEENAA FAAXUMAA BINT MUHAMMADﷺ Kutaa 3ffaa 〰️〰️〰️〰️〰️ Walakkaa waggaa lammaffaa hijraa irratti obboleettin isii Ruqiyyaan sababaa dhukkuba finnootin hoo’i cimaan Isii qabe. Dhukkubichi kan isii jalgabe yeroo duulli Badrii kalaayetti waan tureef, dhibeenis daran itti jabaataa waan dhufeef abbaan warraa isii Usmaan isii yaaluf jecha duulicha irratti odoo hin hirmaatin hafe. Ruqiyyaan odoo abbaan isii duula Badrii irraa hin deebi’in lubbuun sii darbe. Obboleettin isii Faaxumaan du’a Ruqiyyaatitti baay’ee gaddite. Nabiyyitinisﷺ akkuma gara Madiinaa deebi’aniin awwaala intala isaanii daaw’achuu (ziyaaruu) hojii isaanii isa jalqabaa godhatan. Yeroo isaan gara iddoo awwaalaa deeman Faaxumaan isaan hordoftee turte. Yeroo bakka awwaalaa ga’an maddii awwaalichaa ta'udhaan du’aa‘ii godhuufii jalqaban. Faaxumaan (RA) garuu obsa waan dhabdeef imimmaan isii roobsuu jalqabde. Isaan isii jajjabeessuf imimmaan isii uffata ufiitin irraa haxaayan. Nabiyyiin ﷺ sana dura waa’ee dhimma nama du’eef gadduu haasa’anii turan. Ta’us garuu namoonni ergaa isaanii dhagayan sirritti waan hin hubatiniif yeroo bakka awwaalatti deebi’an, Umar dubartoota shahiidota duula Badrii irratti darbanii fi Ruqiyyaaf kan booyan itti dhufanii yeroo lolaniin argan. Yeroo kana nabiyyiinﷺ “Umar! dhiisi, haa booyanii. Wanti onnee fi ija irraa dhufe Rabbirraayyi, mallattoo rahmata Isaatisi. Garuu harkaa fi arraba irraa kan dhufu kan sheeyxaanati” jechuun isa gorsan. Usmaan (RA) erga Ruqiyyaan du’aan isaan irraa adda baatee booda yeroo heddu turaniitin obboleettii isii Ummu Kulsuumin fuudhan. Kanaanis moggaasa “Zunriuureeyni” (abaa ifnana lamaa) jedhamuun waamamuu fi beekamuu dada’an. Sababaa boqachuu Ruqiyyaatin mana nabiyyiiﷺ keessatti gaddi guddaan uumamus jiini (baatin) ramadaanaa seenee guyyaa sadaffaatti Faaxumaan ilma dhiiraa waan deettef gaddi gara gammachuu jijiiramuu dada’ee ture. Nabiyyiin ﷺ gurra daa’ima haara’a dhalatee keessatti azaana (waamicha salaataa) godhuun alattis maqaa isaa “Hasan” jechuun moggaasan. Hiikkan isaas ‘bareedaa’ jechuudha. Faaxumaan erga Hasaniin deettee waggaa booda ilma biraa yoo dabaltu maqaa isaas “Huseen” jedhaniitin moggaasan. Hiikkan maqaa isaas 'bareedaa xiqqaa’ jechuu dha. Faaxumaan ijoollee isii yeroo hunda akaakayyuu isaanii (abbaa isii) kan akkaan isaan jaalatan bira fiddi turte. Erga isaan guddatanii booda ammoo nabiyyiinﷺ gara masjiidaa isaan fuudhaniitin deemu turan. Sujuuda irra ta’aniis duuyda isaanii yaabbataniitin taphatu. Nabiyyiin ﷺ akkuma Hasanii fi Huseenif godhan ilma intala isaanii, Zeeynabaa kan ta’e Umaamafis tikaa fi eegumsa adda godhaafii turan. Waggaa hijraa saddeettaffaa keessa Faaxumaan intala da’uun sadaffaas nagaan hiikamte. Maqaa isiis Zeeynab jechuun, maqaa obboleettii isii tan daya isii dura duutee itti moggaafte. Zeeynabiin daa’ima Faaxumaa taate tun guddattee “goota karbalaa” hanga jedhamuu geettee jirti. Faaxumaan erga Zeeynabiin deettee booda waggatti intala isii tan afraffaa deette. Kulsuum jetteetin isii moggaafte. Sanyiin nabiyyii ﷺ itti fufuu kan danda‘e gara Faaxumaa qofaan ture. IlImaan dhiiraa nabiyyii ﷺ odoo umrii ijoollummaa keessa jiran darban. Akkasumas ilmaan Zeeynab kan Alii fi Umaamaa jedhamanis dardarummaa irra ta’aniitin addunyaa tana irraa du’aan boqatan. Ilmi Ruqiyyaa kan Abdallaah jedhamus daa'ima waggaa lamaa ta’eetin lubbuun isaa darbe. Egaa haallin kun hundi walitti dabalamanii Faaxumaan kabajamtuu fi intala addaa akka taatu isii godheera. Faaxumaan (RA) yeroo, isii kan irra caalu hojii kabajamaa ijoollee isii aadaa Islaamatiin sirritti qabdee guddisuu irratti dabarsaa turte. Kanaanis guddachuu dhimma hawaasummaa kan hawaasa muslima haara’a Madiinaa keessatti babalchaa deemaa tureetif ga’ee guddaa gumaachitee jirti. Odoo hin heerumin dura namoota rakkattoota turan kan Ahlas-suffaa tajaajilaatin turte. Erga waraanni Uhud xumuramee boodas dubartoota muslimaa kan isii fakkaatan wajjiin ta’uun reeffa muslimoota adda waraanaa irratti shahiida ta’anii kaasuu irratti hirmaatte. Akkasumas abbaa isii kan waraanicha irratti madaayaniif yaalii goodhaa turte.

Tofik_Yusuf_Mohammed_%EF%B7%BA_%E1%89%B6%E1%8D%8A%E1%89%85_%E1%.mp311.01 MB

AL-WAHDAA_1_NASHIIDAA_OROMIFFAA__HAARAWA_2022(256k).mp317.52 MB

لطفا به کانال ما جوین شوید @starplus_app

As wr wb nageenyi kiyya bakka jirttanitti sin naf haagahu obboleessa akira atis yaa obboleettii mee seena kana dubbisi sifayyadu hin oolttu yoo rabbin je'e hubaddha akkata isilaamumman keessa dabare nugahe Yeroo waraana Kandaqis akkuma yeroo biraa tajaajila murteessaa gumaachitee jirti. Yeroo dheera fi rakkisaan waraana diinatiin marfamanii turan sanas galaa qopheessuu irratti hirmaataa turtee jirti. Dubartoota kaampii isiin keessa turte keessa turaniif imaama ta’uun salaata dursaa akka turtes gabaasoleen ni akeeku. Umraa walii galtee Hudeeybiyyaa booda waggaa 6ffaa hijraa keessa nabiyyiin ﷺ godhan irratti Faaxumaanis argamtee jirti. Waggaa itti aanuttis isii fi obboleettin isii Ummu Kulsuum sochii nabiyyiin ﷺ Makkaan bilisa baasuf godhan irratti hirmaachun muslimoota jajjaboo maddii hiriiraniiru. Akka muslimoonni injifatanii Makkaan galaniinis, mana haadha isaanii kan Kadiijaa daaw’achuun, yaadannoo ijoollummaa isaanii, akkasumas qabsoo cimaa fi rakkisaa abbaan isii waggoota jalqaba ergaa nabiyyummaa isaanii naannoo sanatti dabarsan obboleettii isii wajjiin yaadataniiru. Baatii Ramadaana waggaa 1ffaa hijraa keessa Hajjii Dhaammannaa (Hajjatal-Wadaa’in) odoo hin godhin dura, iccitiiwwan nama biraatitti hin himin Faaxumatti himaniiru. Innis “hanga hardhaa Jibriil (AS) waggatti yeroo tokko qur’aana guutuu guulutti naaf dubbisa ture. Anis akkasuma yereo tokko guutuu guututti isaaf dubbisaa ture. Waggaa kana garuu yeroe lama naaf dubbise. Anis akkasuma godhe. Wanti kun naaf hin galle. Tasa yeroon kiyya kan dhumaa kalaayuu hin oolle” . kan jedhu ture. Nabiyyiin ﷺ hajjii dhaammannaa irraa akkuma deebi’aniin garmalee dhukkubsatan. Yeroowwan isaanii kan dhumaas mana Aa’ishaa (RA) keessatti dabarsan. Yeroo Faaxumaan (RA) isaan gaafachuu dhuftu Aa’ishaan abbaa fi intala kophatti dhiiftetiin baatif turte. Guyyaa tokko Faaxumaan (RA) gara isaanii akka dhuftu nabiyyiinﷺ nama itti erganiitin isii waaman. Akkuma dhufteen boqoo isii dhungatanii gurra isii keessatti waa hasaasan. Isiinis odoo baay'ee hin turin bootte. Deebi’anii yeroo lamuutif gurra isii keessatti yoo Waa hasaasan ammoo ni kolfite. Aa’ishaan haalicha waan argiteef akkana jechuun waa’ee dhimmichaa gaafatte :- “yeroo tokko kan boottu, deebitee ammoo kan kolfitu nabiyyiin maal sitti himaniiti, yaa Faaxumaa!?” Isiinis akkana jechuun deebii kennite: “Jalqaba yeroo gabaabaa booda Gooftaa isaanii wajjiin akka wal qunnaman natti himan. Anis saniif booye. Sana booda hin booyin, maatii kiyya keessaa namni jalqaba naan wal qunnamu sihi, jechuun yoo na gammachiisan ammoo gammachuun waan natti dhagayameefin kolfe.” Yeroon ganama, guyyoota jalqaba baatii Ramadaanaa keessa ture, Kabajamaa abbaa Faaxumaa kan ta’an nabiyyiin ﷺ erga boqatanii baatin shan lakkaa’amee jira. Yeroo hirriba irraa dammaqxu haala hin baratamintin fuulli isii gammachuun guutame. Guyyama sana waaree booda hiriyyaa isii tan kaluu kan taate Salmaa binti Umeeysi waamudhaan bishaan akka fidduuf goote. Qaama isii ni dhigatte. Uffata haara’a ni uffatte. Shittoo ni dibatte. Sana booda Salmaan siree isii gara alaa akka baaftuf ni gaafatte. Isiinis ni baaftef. Fuulli isii gara samii fageessee laalatiin abbaan warraa isii, Aliin akka waamamuuf gaafatte, Aliin (RA) waamameetin dhufe. Alatti siree irra ciiftee yoo argu ni rifate. Rakkoo maaltu akka isii qunname isii gaafate. Kolfaatin “hardha ergamaa Rabbii waliin beellama qaba” jetteen Aliin ni booye. Isiin garuu isa jajjabeessuf ni yaalte. Waa’ee ilmaan isii Hasanii fi Huseen amaanaa itti dhaamatte. Nama odoo hin baay’essine sirna awwaala isii akka raawwatuuf isa gorsite. Lamuu gara samii ni laalte. Ijji isii walitti deemte. Nabseen isiis gara Goofta . guddaa ni deebite. Faaxumaan hababoon (RA) sun haala kanaaf umrii waggaa’ diigdamii sagalii isiitti addunyaa tanarraa du’aat bogatte. Xumurame.

✦Salaata | Ulaagaalee isii, rogoota isii, dirqamaalee isii fii akkasuma balleessitoota isii. 👉 Ulaagaalee salaata : ➊ Islaamummaa. ➋ Sammuun nagaha ta'uu. ➌ Waa adda baafachuu. ➍ Hadasa ofirraa deemsisuu. ➎ Najisa ofirraa deemsisuu. ➏ Awraa ofii haguugu (dhoysuu). ➐ Yeroon salaata seenuu. ➑ Gara qiblaatti garagaluu. ➒ Niyyachuu 〰〰〰〰〰〰 👉 Rogoota salaataa : ➊ Dandeettii waliin dhaabbachuu ➋ Takbiiraa ihraamaa (seensaa). ➌ Faatihaa (alhamduu..) qaraa'uu. ➍ Rukuu'a (Jilba qabachuu) ➎ Erga rukuu'aati wal qixxaahu ➏ Humnoota toorbaniin suduju ➐ Sudja irraa ol jedhuu ➑ Teessuma jidduu suduuja lamaani ➒ Dalagaa mara keessatti ragga'uu ➓ Tartiiba rogoota salaataa eeguu ⓫ Teessuma/tashahuda dhumaa ⓬ Tashahudaaf taa'uu ⓭ Ergamaa rabbii ﷺ irratti salawata buusu ⓮ Salaamata lamaan 〰〰〰〰〰 👉 Dirqamaalee salaata : ➊ Cufa takbiiraa takbiiraa ihraamaa(sensaa) malee ➋ Samiallahu liman hamida jechuu, imaamaafi nama kophaa salaatuuf. ➌ Rabbana walakalhamd jechuu, nama maraaf. ➍ Subhana rabbiyal aziim jechuu, ruku'a keessatti. ➎ Subhaana rabbiyal a'alaa jechuu, suduuja keessatti. ➏ Rabbigfirlii jechuu, jidduu sujuuda lamaanitti. ➐ Tashahuda jalqabaa. ➑ Tashahuda jalqabaaf taa'u. 〰〰〰〰〰 👉 Balleessitoota salaata : ➊ Beekaa dubbachuu Osoo beekanii osoo hin dagatiin, namni dagatee dubbatee fi wallaalaa irraa salaanni hin baduu. ➋ Kolfuu. ➌ Nyaachuu. ➍ Dhuguu. ➎ Awraan saaqamuu. ➏ Kallattii qiblaa irraa baay'ee garagaru. ➐ Taphaa/Sochii walitti fufaa. ➑ Xahaaraan adda cituu. ⚪️⚪️⚪️⚪️⚪️⚪️⚪️⚪️⚪️⚪️ ※ Tarii wantoota amma dubbannee keessa tokko kufee salaanni badee ta’ee ati hin beekne turtee ulaagaalee fi dirqama salaataa fi sunnaa fi balleessitoota isaa. ※ Dirqamoota, ulaagaalee, sunnaa fi utubaa kana haffazuun barbaachisaadha kanaaf akka haffazdanii irraa fayyadamtan dhaamsa keenna..! Share waliin godhaa

As wr wb mee erga Kana dubbisa barumssa irra fudhadha Guyyaa Tokkoof Halkan Guutuu Dhaabbattee Salaataa Buluu Ni Dandeessa. Kana Namoonni Godhan hedduudha. Garuu Itti Deebi'uun Ulfaataadha. Guyyaa Tokkoof Dilii Tee Hundaa Lakkooftee Boochee Yaa Rabbi Naaf dhiisi jechuu Dandeessa. Mana Baankii Akkuma Dhayxeen Hojjatan Mana Baankichaa Maallaqni Kee Birrii Kuma 500 Siif dhaleera Yoo Siin Jedhe Lakkii Ani Muslima Dhala Hin Nyaadhuu jettee Diduu Dandeessa Garuu Kaardiin Mobaa'ilaa Guyyaa Guyyaan Liqeeffattu Deemee Kuma 500 San Akka Caalu Hin Beektu ykn Immoo Saantima Waa Xiqqoo Waan Taheef ni Tuffatta. Guyyaa Tokkoof Waan Guddaa Tokko Dalagdee Ajab Anumaatu Kana Godhee Hanga Jettu Geessa. Garuu Waan San Amaleeffattee Guyyaa Hundaahuu Dalaguun Ulfaataadha. Akkamittiin Hojii Koo Hifannaadhaan Malee Itti Fufiinsaan Hojjadhee Jijjiirama Guddaa Irra Gahuu Danda'a Yaanni Jedhu Gaafii Namoota Hedduuti. Islaamummaa Keessatti Hojiin Faarfamaafi Akkaan Jaalatamaa Tahe Waan Tokko Itti Fufiinsaan Dalaguudha Osoo Xiqqaatellee. Ergamaan Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Hojirraa Kan Gama Rabbitti Akkaan Jaalatamu Kami Jedhanii Gaafatamnaan Osoo Xiqqaatellee Waan Aadaa Godhatamee Dalagamuudha" Jedhan. Guyyaa Tokkoon Gaara Diiguuf Hin Yaalin Osoo Hin Hifanne Osoo Hin Dadhabne Gaaricha Diiguuf Guyyurraa Dhagaa Tokko Tokkoon Kaasuu Amala Godhadhuu. Guyyaa Tokko 30%'n Gaaricha Diiydee Guyyaa 30'f Boqonnaa Godhurra Guyyurraa 3%tin Dalaguutu Irra Caala. Sababni Isaas Guyaa 30 Keessatti 90% Hojjatta Jechuudha. Suuraan Kitaaba Atomic Habits "An Easy and Proven way to Build Good Habits and Break Bad Ones" Jedhu Irraa Kan Fudhatameedha.

BILCHINA SAMMUU! @GORSA_JIREENYAA ╔═══════════╗ ┃mee gadi lallaala ╚═══════════╝ ➊. Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessitti! ➋. Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo gadda waggaa tokkoo jijjiira!   ➌. Nama kabajuun mallattoo sodaa osoo hin taane bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti! ➍. Jireenya kee fooyyeessuu dhaaf yaalii dhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane akeektuu galma ga'iinsa yaalii keetiiti! ➎. Addunyaa kana irratti harreen akka namaatti yaadu jiraachuu baatus namni akka harreeti yaadu hin dhibamu! ➏. Akka addunyaatti yaadi akka naannootti hojjedhu! (Think globally act locally) ➐. Dhalli namaa wanta haaraa argannoo dhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu ta'ee, garuu ofii isaatii uumamuu yoo irraanfatu immoo kan nama gaddisiisu dha! ➑. Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane sammuu hin yaanne baachuu dha! ➒. Yoo rakkoon si mudate rakkoo si mudate sanaaf yaadda'uu osoo hin taane akkaataa rakkoo si mudate sana keessaa itti baatu yaaduu qabda! ➓. Wal beekuu irra waliif beekuu wayya!

Seenaa Ajaa'ibaaa Tana Dubbisii #Share Godhis Guyyaa Tokko Abbaan Manaa Erga Salaata Ishaa'ii Salaate Booda Yoo Manatti Galu Ijoolleen Isaa Rafanii Jiru. "Salaata Salaatanii?" Jedhee Haadha Manaa Isaa Gaafate. Isiinis "Nyaatni Waan Hin Jirreef Akka Isaan Hin Boonneef Malaan Raffiseen " Jetteen. Innis "Kaasiin Haa Salaatanii " Jedheen. Isiinis " Abbaa Jaadii Kiyya! Yoo Isaan Kaaseen Beela Irraa Waan Nutti Boo'aniif Nyaatnis Waan Hin Jirreef Haa Rafanii dhiisiis" Jetteen. Innis " Rabbiin Akka An Salaatatti Isaan Ajajuuf Na Ajaje , Isaan Nyaachisuun Immoo Rabbiin Harka Jira Kanaaf Kaasiin" Jedheen. Isiinis Ajajuma Isaa Fudhachuuf Jettee Ni Kaafteen. Ijoolleenis Yeroma Salaata Isaanii Geeffatan Balballi Ka Rukutamu Dhagahan. Innis Abba Qabeenyaa Tokkotuuyyu Nyaata Qabatee Achi Dhaabbbata. Akkanas Jedhe " Nyaata Kana Maatii Keetiif Kenni " Jedheen. Abbaan Manaas " Akkam Akkam Dhufiinsi Kee? " Jedheen. Innis Akkana Jedheen " Har'a Keessumaan Guddoon Tokko Natti Dhuftee Nyaata Isaaf Dhiyeessinaan Wollahi Ani hin nyaadhu jedhee kakatee na biraa lixe anis nyaata kana iddoo miilli koo na dhaqxee dhaabattetti sadaqadha jedhee bahe kanuma as dhufe of arge jedheen. Rabbiin Keenya Dhugaa Jedhe :- 20:132"Maatii keetis salaatatti ajaji; ishee irrattis obsiNuti soorata si hin gaafannuNutu si sooraBooddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi. وَأْمُرْ أَهْلَكَ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱصْطَبِرْ عَلَيْهَاۖ لَا نَسْـَٔلُكَ رِزْقًاۖ نَّحْنُ نَرْزُقُكَۗ وَٱلْعَٰقِبَةُ لِلتَّقْوَىٰ Salaatatti Jabaadhu. Kan Hafeef Rabbi Jira. Salaatuma Hin Laaffisin. Rabbiin Nuuf Haa Laaffisu. Aamiiiiin!

#Sheyxaana arrabsuun akka dhoorkaa ta'e beektuu? #Sheyxaana hin arrabsinaa, sharrii isaarraa Rabbitti maganfadhaa. #Sahaabichi tokko [ r.a ]akka jedhe : Guyyaa tokko Rasuulli [s.a.w] yaabbii isaanii duubaan na yaabbisanii osoo deemanii horiin isaanii gufannaan, ani 'sheyxaanni haa badu'n jedhe achumaan Rasuulli [s.a.w] "bismillaahi jedhi malee akkas hin jedhin naan jedhan, ati yoo akkas jette guddatee hanga manaa ga'ee, humna kootiinan akkas godhe" jedha yoo bismillaah jettemmoo, xiqqaatee hanga titiisaa ta'a".

Repost from Trendy Brands
#ሰባት አይነት ሰዎች! ረሱል (ﷺ) እንዲህ ብለዋል፦ ﴿سَبْعَةٌ يُظِلُّهُمُ اللَّهُ في ظِلِّهِ، يَومَ لا ظِلَّ إلّا ظِلُّهُ: الإمامُ العادِلُ، وشابٌّ نَشَأَ في عِبادَةِ رَبِّهِ، ورَجُلٌ قَلْبُهُ مُعَلَّقٌ في المَساجِدِ، ورَجُلانِ تَحابّا في اللَّهِ اجْتَمعا عليه وتَفَرَّقا عليه، ورَجُلٌ طَلَبَتْهُ امْرَأَةٌ ذاتُ مَنْصِبٍ وجَمالٍ، فَقالَ: إنِّي أخافُ اللَّهَ، ورَجُلٌ تَصَدَّقَ، أخْفى حتّى لا تَعْلَمَ شِمالُهُ ما تُنْفِقُ يَمِينُهُ، ورَجُلٌ ذَكَرَ اللَّهَ خالِيًا فَفاضَتْ عَيْناهُ.﴾ “ሰባት አይነት ሰዎች አላህ ከሱ ጥላ ውጪ ጥላ በሌለበት በቂያማ ቀን በጥላው ስር ያስጠልላቸዋል። እነሱም፦ ፍትሃዊ መሪ፣ አላህን በማምለክ ላይ ያደገ ወጣት፣ ልቡ ከመስጂዶች ጋር የተንጠለጠለን ሰው፣ ለአላህ ብለው ተዋደው በዚያም ላይ ተገናኝተው በዚያው ላይ የተለያዩ፣ የልቅናና የቁንጅና ባለቤት የሆነች ሴት (ለዝሙት) ጠርታው ‘እኔ አላህን እፈራለሁ’ ያለ ሰው፣ ምፅዋትን ‘ሰደቃ’ የሚሰጥ ሆኖ ቀኝ እጁ የሚመፀውተውን ግራው እስከማያውቅ ድረስ የሚደብቅ ሰው፣ አላህን በማስታወስ አይኑ የሚያነባ ሰው ናቸው።” 📚 ቡኻሪ (1423) ሙስሊም (1031) ዘግበውታል ┄┉┉✽‌»‌🌹✿🌹»‌✽‌┉┉┄ t.me/+jPQLXna9F-E3ZDQ0 https://bit.ly/3PJRnHE

JECHOOTA BEBBEEKAMOO ======== 1, → Maalif akka dhalatte, of gaafadhuutii hubadhu! 2, → Rabbii si uume sodaachuu dirqama kee godhadhu! 3, → Kabajaa fi naamusa kee eeggadhu! 4, → Kaayyoo kee irratti, kutannoo fi murannoo qabaadhu! 5, → Osoo rakkoon hin dhufin, uumakee yaadadhu! 6, → Yemmuu balleesite, dafii dhiifama gaafadhu! 7, → Jireenya injifachuuf, dursa ofiikee injifadhu! 8, → Uumakee kadhachuu; amala taasifadhu! 9, → Umurii dheerachuu yoo feete, waan gaarii hojjedhu! 10, → Nama kamiifuu, ilaalcha gaarii fi kabaja qabaadhu! 11, → Haqaa fi dhara, ragaan xiinxali adda baafadhu! 12, → Ejjannoo sirrii kan mataa keetii qabaadhu! 13, → Qabeenyas dhabdu, amalaa fi garraamummaa qabaadhu! 14, → Namummaa keetin, of tahii mul'adhu! 15, → Hiriyyaa nama hamatuu fi nama sobu; irraa fagaadhu! 16, → Sammuu keetin, of abboomii jiraadhu! 17, → Yeroo gaa'ilaaf nama filattu, bareedinna bifa osoo hin taane, bareedinna qalbii ilaalii filadhu! 18, → Haqaa fi mirga keef, sodaa tokko malee falmadhu! 19, → Lammii fi biyya keef, bilisummaa dheebodhu! 20, → Barnoota ammantaa kee, xiqqoos taatu baradhu! 21, → Yemmuu duroomte, hiyyeesota yaadadhu! 22, → Warroota dhukkubsatan, bira dhaqii gaafadhu! 23, → Haadha fi abbaakee, kabajii kunuunfadhu! 24, → Nama tola oltummaa siif ole, hundaa galateefadhu! 25, → Waan filattu, adda baafadhu! 26, → Du'a booda jireenyi jiraachuusaa qalbifadhu! 27, → Furtuu jannataa fudhachuuf, dhuugaadhan jilbeefadhuutii uumakee kadhadhu! 28, → Eessaa, maalif, eenyun, maaliin akka dhufte; Eessaa fi maalirraa akka jirtu; akkasumas, Eessaa fi maaliif akka deemtu; sirriitti gadiifageenyaan xiinxalii hubadhu! 29, → Gorsaa koo xiqqoo tana, adaraakee qomatti naa qabadhu! Hiriyoota keetiifis share godhi ⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️