cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Daandii Milkii(Jennataa)

Chaanaaliin kun kan barsiisu Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabuun madaaluudha (Comparative religious). Dubbisi, xiinxali, gulaali, madaali, filadhu, hordofi, nama itti affeeri. Yaadaaf @Saahibu28

Show more
Finland926The language is not specifiedReligion & Spirituality13 545
Advertising posts
6 912
Subscribers
+1024 hours
+1867 days
+1 03930 days
Posting time distributions

Data loading in progress...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Publication analysis
PostsViews
Shares
Views dynamics
01
#Goodansa #gara-madiinaa fi #Biyya #ijaaruu #Seenaa #Nabiyyii Nabiyyiin yeroo waqtiin hajjii ga'e kellaa Makka irra dhaabbachuun hawaasa kallattii adda addaa irraa gama makka dhufu gara amantii Islaamaatti waamu. Namoonni gariin ni sobda; Rabbiin tokkoo miti yoo jedhanuun, gariin immoo itti qoosaa bira darbu. Garuu isaan kana ilaalanii of duuba hin jedhan. Osoo haala nuffisiisaa ta'e kanaan da'awaa godhanuu ergamuu isaanii irraa jalqabee woggaa 11 tti Tuuta madinaa irraa dhufan tokkoon wal argan. Tuunni kunis waamicha isaanii qeebaluun Muslimoota  ta'an. Bara itti aanus (ergamuu isaanirraa bara 12itti) ammas tuutni biraa dhufee Islaamummaa fudhate.  Isaanis jara kanaa waliin walii galtee gochuun Saabota  irraa namoota Qur'aana isaan barsiisan kennanii gara Madiinaatti geggeessan. Worri ergaman  Akkuma achi dhaqabaniin ummaticha baraiisuu jalqaban. Ummatichi bifa adda ta'een amantii kana simate. Amantii Islaamaa siffisaan bababal'achuu itti fufe. Ammas bara 13ffaa itti namoonnii muraasni Nabiyyiin walqunnamuun yoo inni gama isaanii( Madiinaan) dhufe akka isaaf deeggarsa godhan waadaa galan. Waadaa kana booda Muslimoonni Makka keessatti Qureeshotaan roorrifamaa turan gara Madiinaa godaanan. Akkasumas warra Habashaatti godaane irraas namoonni baay'een gara madiinaatti deebi'an. Guruu Nabiyyiin achuma Makkatti afuun da'awaa itti fufan. Gama biraan immoo Nabiyyiin Naannoo Makkaatii fi Makka keessatti Sahabota isaa wajjin jiraachuu dadhabuun Kun Kuffaara Qureeshotaaf  cidha guddaa ta'ee jira. Garuu Nabiyyii of duuba hin deebifne. Inumaa Firii da'waa isaanii Makkaafi naannoo isii keessatti arguu baatanis fageenya Kilomeetira dhibba Shan fagaatu imalee Madiinaatti biqilee daraaree urgaan isaa  ofitti nama harkisuu jalqabeera.  Booda irra Kuffaarri Qureeshii odeefanmoo kana yeroo  dhaga'anu Nabiyyiin gara Madiinaa  deemnaan fudhatama argachuu isaa waan beekanuuf tarkaanfii ajjeechaa Nabiyyii irratti  fudhachuuf murtessan... Yeroo kana Nabiyyiin lubbuun ni afu jedhanii yaaduun ni ulfaata. Sababni  isaa biyya bulchiinsa sirnaawaa fi Seera ittiin bultu qabdu keessa hin jiru. Qaamni qabeenya badee fi lubbuu bade hordofu seeratti dhiheessus  hin jiru. Biyya sanitti isaanuu jaarraa hedduuf walnyaataa turani. Kana ta'uu wajjin yeroo Nabiyyii ajjeesuuf murteeffatanitti akka dhiigni isaa gosa isaatiin  hin barbaadamneef immoo nama isa ajjeesu gosa baay'ee irraa walitti qabuun seefii filatamaa summii dibanii itti kennuun itti ergan. Rabbiin guddaan yeroo kana akka  isaan Makka keessaa bahuu qaban  Nabiyyii ajaje. Kuffaaronni waan yaadan osoo bakka hin ga'atin hafan. Lubbuun arka Rabbii uumee waan jirtuuf osoo isaan isa hin xuqin isaan gidduu ba'ee nagayaan  Bara 622tti  Dh.K.D Madiinaa dhaqabe. Yeroo Isaan Makka irraa ba'an Qureeshonni labsii  namni fayyaa isaas ta'u du'aa isaa qabee fide Gaala dhibba tokko badhaafa jedhu  labsan. Biyyi guutuun  Nabiyyii argee  qabee fiduuf  yaalus ijji arka Rabbii waan jirtuuf Nabiyyii  arguu hin dandeenye... Akkuma Madinaan ga'ee qubateen Masjiida jiraare, Muhaajiraa (warra iddoo biraa irraa gara Madiinatti  godaane) fi  Ansaara( jiraattota madiina kanneen baqattoota simatan) walitti obboleemse,. Gidduu Muslimootaa fi Mushrikoota Madinaa,Yahuudotaa madiinaatti walii galtee nageenyaa mallatteesse. Kana irraa kan ka'e Madiinaan biyya jabduu kan Muslimootaan hogganamtu isii jalqabaa taate... Itti fufa... Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
4824Loading...
02
#Islaamummaan #amantii #bilisummaati. Rabbiif malee qaama tokkoof gabroomuu hin eeyyamu. Ilmi namaa uumaa Rabbii keessaa isa irra kabajamaa fi ulfaataadha; kanaafuu nama akka isaa gabbaruun ,yookiin uumama biraa kan isaa gadii gabbaruun kabaja ilma namaa balleessuu fi haqa Rabbiin ittiin kophaa bahe qaama biraatiif kennuudha. Kanaaf Islaamummaan Rabbiin malee qaama biraa tokkollee(ergamaa ta'us, Malaykaa ta'us muka, dhagaa, aduu fi kkf) gabbaruu jabeessee dhorka. Rabbii tokkicha kan wantoota kanaa fi uumaa biraa kophaa isaa uumee jiraachisaa jiru qofa gabbaruutti ajaje. Amantii Islaamaa keessatti yakki inni guddaan Rabbii wajjin qaama biraa gabbaruudha. Amantii garii keessatti waa'een Rabbii fi nabiyyootaa yookaan ergamootaa haala wal-dhahaa fi namaaf hin fudhatamneen hubatamee jira,garuu waa'een kanaa Islaamummaa keessatti sirriitti addaan ba'ee jira. Hundinuu maalummaa isaanii fi mirgi isaanii ifatti addaan baafamee jira. Akka amantaa biraa walmakataa fi walxaxaa waan sammuun namaa fudhachuu didu miti(neither confusing nor illogic).Rabbiin mootii tokkocha waan hunda dura jiru, kan waan hunda booda hafu, kan waan hundaa olii,kan waan hunda beeku,kan waan hunda uume,kan jiraachisu,kan ajjeesu, kan dhukkubsu,kan fayyisu, kan ergamoota erge, Kan Kitaabota buuse;kan waan addunyaa keessatti ta'ee darbe, kan amma ta'aa jiru, kan fuuldura ta'uuf ta'u kan to'atuudha.Taayitaa isaa keessatti namni tokko(qaamni tokko) kan itti hin qindoofneedha. 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
8194Loading...
03
Nabi Muhammad moo Yesuustu caala ? Deebii Dr. Zakir Naik dhageefadha. 👇👇Join godha! @Saahibuddiin28
5557Loading...
04

10Loading...
05
Nabiyyuu Muhammad  saw ni jedhe  : "Rabbii  lubbuun koo arka isaa jiruun kakadhee, Namni tokko Kiristaanaa fi Yahuudaa irraa (ergamuu) koo dhaga'ee osoo waanan ittiin ergametti hin amanin yoo du'e  warra Ibiddaa irraa ta'u malee hin afu(Ibiddatti gubata)".  ⎣Muslim 153 ⎭. Kanaaf Warri nabi Muhammad saw ergamaa Rabbii ta'uu amanuu diddan bor Qilee ibiddaatti gubattu.  Gaafas akka hin dhageenye hin jenne.  Nuti arra isinitti himnee jirra.  Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
8123Loading...
06
As wr wb. Kabajamtoota hordoftaata maatii    Daandii jennataa akkam jirtu ? Baga har'a geessan. Yaada qabdan naaf qooda! Maaltu dabalamuu qaba?  Maal sirreessuun qaba ? Hir'inni jiru maali?  Mata duree kam irratti osoo hojjadhee isinitti tola. Kiristaanonni as keessa jirtan %20 ol akka taatan argaan jira. Isinis yaada keessan nuuf qooda. Yaadni keessan anaaf galaa guddaadha. Yaada keessan kalattii dhuunfaa qofaan naaf erga. Innis 👉  @Saahibu28  kanjedhu tuquuni. 👇👇👇 @Saahibu28
1920Loading...
07
Media files
1 40321Loading...
08
Yesuus inni dhalate yoo Waaqa ta'e haati isaa Maryam immoo maaltaati ? Maryam nama ta'uu irratti yoo waliif galle Namni nama da'a waan ta'eef Yesuus nama ta'uu irratti waliif galuu qabna. Sababni isaa Qeeransi Leenca dhale hin jiru . Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 0403Loading...
09
#Nabi #Muhammad (saw)Yeroo Jalqaba #waamicha gara #Islaamummaa godhan Yeroo Umriin isaanii woggaa 40 ga'u Jibriil Qur'aana Kabajabaa Rabbiin bira gama isaanii fide. Isaanis Woggota sadiif Qur'aaana qabatanii iccitiin gara Amantii Islaamaatti hawaasa waaman. Yeroo kanatti fira,  hiryoota isaanii fi namoonni Rabbiin carraa Islaamummaa tti amanuu isaaniif laate yaamicha isaanii  gammachuun simatanii ittiamanuu danda'aniiru. Yeroo kana irraa kaasee(woggoota sadan booda) Rabbiin akka isaan waamicha iccitii dhiisuun ifatti bahanii Amantii Islaamaa  lallaban ajaje. Isaanis ajaja irratti hundaa'uun hojii isaanii itti fufan. Akka Namoonni haawiltii adda addaa gabbaruu irraa  gara Rabbii tokkicha gabbaruutti dhufanuuf kalatti hundaan waamicha wal irraa hin cinne jara waamaa turan. Garuu waamichi kun Kuffaara Qureeshiitiif hin liqifamne. Keesumattuu aaga'oota biratti rifaatuu uume. Waamicha kana dhagahanii itti fayyadamuu caalaa dura dhaabbatanii ittiin hoonga'uun jara biratti filatamaa waan ta'e fakkaata.  Nabiyyii duratti ba'uun isa mormuu jalqaban. Adeemsa isaa kana guutummaa guutuutti addaan kutuuf tooftaalee adda addaa fayyadaman. Ergaa Rabbiin biraa jaratti dhufe kana kallattii adda addaatiin dura dhaabbachuuf garee gareen walgurmeessanii lafaa ka'an. Gareen tokko garee  qoosaafii maq-xureessiiti. Hojiin isii Nabiyyii irratti qoosaa fi qishinaa gochuu, akka namni iddoo biraa irraa dhufe Nabiyyii fi Muslimootaan wal qunnamnee irraa hin baranneef holola sobaa facaasuun irra fageessuudha. Gareen biraa immoo hamilee cabsuu fi miira nabiyyii xuquuf kan ijaaramteedha. Isaan kun hojiin jaraa  yeroo Nabiyyiin daandii irra deeman rakkisuudha. Fkn: Yeroo daandii irratti isaan argite wantoota gaarii hin taane itti darbachuu,  qoraattii fi dhagaan karaa itti cufuu, boolla daandii isaan irraan deeman  gubbaatti qotuun akka itti kufanu gochuu, Halkan dukkanaan daatanii ulaa manaa duratti fincaa'uu fi kkf. Akkasumas  namni tokko amantii Islaamaa fudhachuu yoo dhagame gara isaa deemuun gara jabinaan gochoota suukanneessaa irratti raawwachuu, Amma lubbuun keessa jirutti adaba gara garaatiin  adabanii lubbuu   isaa baasu. Kunis namoota hunda irratti Saalaa fi umriin osoo hin daangefamne raawwatama. Booda irra  roorroon humnaa ol waan ta'eef Nabiyyiin akka isaan(namoonni amanan) gidiraa kana jalaa gara Habashaatti baqatan ajajan. Muslimoonni gariin  gidiraa kana irraa boqachuuf gara Habashaatti/ Itiyoophaatti baqatan.  Garuu Nabiyyii ammallee waan jara irraa garaa hin muranneef Makka keessatti afuun da'awaa cimsanii itti fufan. Kuffaaronni immoo gama isaaniitiin tumaa namni tokko Nabiyyii irraa bitaachuus ta'ee  itti gurgurachuu hin qabu jedhu raggasisuun woggoota sadiif  rakkoo jabaa akka qunnaman godhan. Yeroon kun Muslimootaaf yeroo akkaan jabduu turte.  Sagaleen daa'ima beeloftee iyyituu faagootti dhaga'ama. Nyaata bitachuuf namni itti gurguru hin jiru. Kanaaf baala mukaa fi kalloo irra ciisan akka soorataatti fayyadamaa turan. Yeroo kanatti  Muslimnii fi kaafirri Banii Haashimii fi Banii Muxxalib  Nabiyyii waliin rakkoo kana dhadhamachaa dabarsan... Nabiyyiin Qureeshota irraa abdii dhabanis saboota naannoo Makkaa qubatanii jiranuuf waamicha gochuu hin dhiise. Haa ta'uu malee isaanis  to'annaa Qureeshotaa jala waan jiraniif waamicha kanaaf tole jedhanii bifa walii galaan carroomuu hin dandeenye... Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 35210Loading...
10
Garaagarummaan #Islaamaa fi #Muslima maali? Midiyaaleefi @Afaan  namoota  beekamtii fi beekumsa qabna ofiin jedhanii irraa Kan "Islaamota #Itiyoophiyaa " jedhan dhageenya. Kun  sirrii miti. Akka addunyaatuu Islaama tokkootu jira. Garuu Muslimoonni biliyoona lamaa oltu jiru... Walumaa galatti Garagarummaan jecha "Islaamaa" fi "Muslima" jedhu jidduu jiru garaagarummaa Maqaati. "Islaama" Kan jedhamu maqaa amantii Rabbiin biratti filatamaa ta'eeti. Rabbiin keenya akkana jedha :-(Al Ma'idaa)5:3" Amantiis Islaama isiniif jaaladheera." "Muslima" kan jedhamu immoo hordofaa Amantichaati. Kan maqaa kana nuuf Moggaases Rabbiidha. Rabbiin akkas jedhe:" Inni (Rabbiin)isin filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin goone Karaa abbaa keessan Ibraahiim (deemaa)... Isatu (Rabbitu) kana duraafi (Qur’aana) kana keessattis Muslimoota isin moggaase"(Al-Hajj 22:78) Namni Amantii "Islaama" jedhamu hordofu hunduu  bakkaa fi yeroon osoo hin daangeffamin "Muslima" jedhamee beekama. Fkn: Rabbiin keenya Qur'aana keessatti  waa'ee amantaa Ibraahiim yeroo dubbatu  akkana Jedha:- Qur'aana 3:67" Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taane. Garuu inni Muslima qajeelaa ture. Inni mushrikoota irraas hin taane." Kanaafuu "Islaamni" maqaa Amantii nutii fi namoonni akka keenyaatti  fedhinnaa isaani Rabbiif kennan hordofaniidha. Amantiin nuti hordofnu "Islaama" Jedhama. Nuti immoo "Muslima yookiin Muslimoota" jedhamnee Waamamna. Muslimoota jechuun immoo Araboota qofa jechuu miti. Garuu Muslimoonni, Araboota, Turkoota, Peershiyaanota, Paakistaanota, Maleezhiyaanota, Hindoota, Awurooppanota, Afrikaanota, Ameerikaanota, Auwstiraaliyaanotaa fi kanneen biroo ta'uu danda'u. Arabni amantii osoo hin taane saba akkuma saba keenya saba  Oromooti. Araboonni Muslimoota, Yihuudotaa fi Kiristaanota qabu... Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 6474Loading...
11
#Ajjeesuu #Saamichaa fi #Daguuggaa #Sanyii gara jabinaan guutame Macaafa qulqulluu kessatti. Kutaa 3ffaa Macaafa qulqulluu moo Qur'aanatu Dhiiga dhangalaasuu jaallata? ❌Akka Macaafni jedhutti namni nama #ajjeesuu dide(garaa guutuun itti gammadee ajjeesuu dide) abaaramaadha. “Billaadhaan rukutanii ajjeesuu iyyuu yoo ta'e, namni isa Waaqayyo abboome kana garaa hir'uudhaan hojjetu abaaramaa dha!”. (Macaafa  Ermiyaas Raajichaa 48:10). ✅Garuu akka Qur'aanaatti nama tokko yakka murtii du'a itti murteesisuun maletti namni tokko yoo ajjeese akka waan dhala namaa hunda lafa irraa fixeetti ilaalama.  Sababni isaa namni kun dandeettii dhabe malee osoo isaaf danda'ame nama hunda lafa irraa fixuu irraa of duuba hin jedhu. Al-Ma'idah 5:32 مِنْ أَجْلِ ذَٰلِكَ كَتَبْنَا عَلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَنَّهُۥ مَن قَتَلَ نَفْسًۢا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍ فِى ٱلْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعًا وَمَنْ أَحْيَاهَا فَكَأَنَّمَآ أَحْيَا ٱلنَّاسَ جَمِيعًاۚ وَلَقَدْ جَآءَتْهُمْ رُسُلُنَا بِٱلْبَيِّنَٰتِ ثُمَّ إِنَّ كَثِيرًا مِّنْهُم بَعْدَ ذَٰلِكَ فِى ٱلْأَرْضِ لَمُسْرِفُونَ "namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti #ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti" jechuu murteessine. Jechi #Billaa, Seefii (#Sword, blade ) jedhu yeroo 408 Macaafa Qulqulluu keessatti irra deddeebi'ee dubbatame(KJV).  Afaan Arabaatiin jechi Seefii (Sword) jedhu jechoota dhibba shanii oliin ibsama. Ta'us Qur'aana keessatti  jechi seefii jedhu yeroo tokkollee hin dubbatamne.  Kanaaf #Islaamummaan nagaadha jennee lallabna. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdanii barachuuf Chaanaalii armaan gadii join godha.👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 0101Loading...
12
#Ajjeesuu ,#Saamichaa fi #Daguuggaa #sanyii #Gara-Jabinaan #guutame #Macaafa_qulqulluu #Kiristaanotaa Keessatti. #Kutaa_7ffaa 12. Amma billaan quufutte ajjeesuutti ajaja. Garuu billaan yoom quufti ? Guyyaan sun guyyaa Waaqayyo gooftaa maccaa, guyyaa inni itti diinota isaa irratti ijaa baafatuu dha; billaan hamma quufutti isaan in nyaata, hamma machaa'uttis dhiiga isaanii in dhuga; Waaqayyo gooftaan maccaa, biyya gara bitaatti, galaana Efraaxiis biratti, aarsaa qalamu isaan in godhata.” [ Macaafa Ermiyas Raajicha  46:10]. 13. Nama hunda billaadhaan ajjeesuu   “Warra mandara sana keessa jiraatan hundumaa billaadhaan ajjeesaa! Saba sanaa fi horii isaanii hundumaa qara billaatiin raawwadhaa balleessaa!” ⎣Seera  Keessa deebii  13:15⎦. 15 . Dubaroota butuun dirqamaan  itti sagaagaluutti ajajuu Yommus isaan namoota Yaabesh-Giil'aad keessa jiraatan hundumaa keessaa durboota dhiirri isaan bira ga'ee hin beekne dhibba afur argatanii, Shiiloo iddoo buufata isaanii isa biyya Kana'aan keessa jirutti in geessan. Yeroo sanatti namoonni Beniyaamin gara iddoo isaaniitti in deebi'an; warri Israa'elis durboota Yaabesh-Giil'aad keessaa baraaramanii dhufan isaanitti in heerumsiisan; durboonni sun garuu wal isaan hin geenye. ⎣Abbootii firdii 21:12 fi 14 ⎦ Dubartii gaa'ilaaf gaafannaan didde Dhokatanii butuu hayyamuu 😭 ²⁰ Itti dabalanii namoota Beniyaaminiin, „ Dhaqaa! Dhaabaa waynii keessa riphaatii eeggadhaa! ²¹ Yommuu durboonni Shiiloo lafa ayyaanichaatti sirbaaf gad ba'an eegaatii, iddoo dhaabaa waynichaatii ba'aa, durba tokko tokko butaa! Fudhadhaatii gara biyya Beniyaamin dhaqaa! ²² Abboonni isaanii yookiis obboloonni isaanii dhufanii yoo nutti himatan, 'Nuyi immoo yeroo lolaatti hunduma isaanii fuusisuuf durba hin arganne; ammas immoo isin waan itti hin heerumsiisiniif yakka isinitti hin ta'u; kanaaf nuuf jedhaatii faara tolaadhaan jara kana ilaalaa!'“ ittiin in jenna jedhan. ²³ Warri Beniyaamin akkuma isaan jedhan in godhan; durboota warra sirbituu sana keessaas tokko tokko butanii gara biyya dhaala isaaniitti in deebi'an; mandarootas deebisanii ijaaranii keessa in taa'an. ⎣Abbootii firdii 21:20-23⎭. Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
10Loading...
13
#Ajjeesuu ,#Saamichaa fi #Daguuggaa #sanyii #Gara-Jabinaan #guutame #Macaafa_qulqulluu #Kiristaanotaa Keessatti. #Kutaa_7ffaa 12. Guyyaan sun guyyaa Waaqayyo gooftaa maccaa, guyyaa inni itti diinota isaa irratti ijaa baafatuu dha; billaan hamma quufutti isaan in nyaata, hamma machaa'uttis dhiiga isaanii in dhuga; Waaqayyo gooftaan maccaa, biyya gara bitaatti, galaana Efraaxiis biratti, aarsaa qalamu isaan in godhata.” [ Macaafa Ermiyas Raajicha  46:10]. 13.  “Warra mandara sana keessa jiraatan hundumaa billaadhaan ajjeesaa! Saba sanaa fi horii isaanii hundumaa qara billaatiin raawwadhaa balleessaa!” ⎣Seera  Keessa deebii  13:15⎦. 15 . Dubaroota butuun dirqamaan sagaalaluu. Yommus isaan namoota Yaabesh-Giil'aad keessa jiraatan hundumaa keessaa durboota dhiirri isaan bira ga'ee hin beekne dhibba afur argatanii, Shiiloo iddoo buufata isaanii isa biyya Kana'aan keessa jirutti in geessan. …  ¹⁴ Yeroo sanatti namoonni Beniyaamin gara iddoo isaaniitti in deebi'an; warri Israa'elis durboota Yaabesh-Giil'aad keessaa baraaramanii dhufan isaanitti in heerumsiisan; durboonni sun garuu wal isaan hin geenye. ⎣Abbootii firdii 21:12 fi 14 ⎦ ²⁰ Itti dabalanii namoota Beniyaaminiin, „ Dhaqaa! Dhaabaa waynii keessa riphaatii eeggadhaa! ²¹ Yommuu durboonni Shiiloo lafa ayyaanichaatti sirbaaf gad ba'an eegaatii, iddoo dhaabaa waynichaatii ba'aa, durba tokko tokko butaa! Fudhadhaatii gara biyya Beniyaamin dhaqaa! ²² Abboonni isaanii yookiis obboloonni isaanii dhufanii yoo nutti himatan, 'Nuyi immoo yeroo lolaatti hunduma isaanii fuusisuuf durba hin arganne; ammas immoo isin waan itti hin heerumsiisiniif yakka isinitti hin ta'u; kanaaf nuuf jedhaatii faara tolaadhaan jara kana ilaalaa!'“ ittiin in jenna jedhan. ²³ Warri Beniyaamin akkuma isaan jedhan in godhan; durboota warra sirbituu sana keessaas tokko tokko butanii gara biyya dhaala isaaniitti in deebi'an; mandarootas deebisanii ijaaranii keessa in taa'an. ⎣Abbootii firdii 21:20-23⎭. Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 4207Loading...
14
Yesuus Waaqa Qaba Akka Macaafni Kiristaanotaa barsiisutti " Yesuus gaafa Yihuudotaan ajjeefamuuf jedhu  sagalee guddaadhaan,  "Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?"  Jechuun akka Rabbiin ajjeechaa irraa isa oolchuuf Waaqyyoo isaa kadhate. ⎣Mar.  27:46⎦. Yesuus yoo ofii isaaf waaqa ta'e waaqa kamiin kadhate ? Yesuusiin dhiiftanii Isa Yesuus kadhate maaliif hin kadhanne ? Isuma kadhatee argate irraa akka isiniif qoodu barbaaddanii? Dabalataan Yesuus cubbuu ilma namaa baachuuf eega dhufee maaliif du'a jalaa akka ooluuf waaqa isaa kadhate ? Mee Gaaffii armaan gadii filachuun deebisa. A. Yesuus osoo Waaqa hin qabaatin sobaan waan hin jirre  fakkeessee  kadhate. B. Nuti Kiristaanonni Waaqa tokko osoo hin taane Waaqa sadiitti amanna. Waaqni keenya sadan kun immoo Wal-kadhatu. Yesuusis kanaaf kadhate. C. Macaafa Qulqulluutu bakka kanatti dogongore malee Yesuus bifa kanaan Waaqa hin kadhatu. D.Yesuus Waaqa osoo hin taane, egamaa Waaqaati kanaaf Waaqa kadhate Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 5816Loading...
15
#Dhalootaa fi #Guddina #Nabi #Muhammad (saw). Maqaan isaanii Muhammad Abdullaah ibnu Abdul-Muxxalib ibnu Haashim...... Haashim immoo Qurayshii irraayi. Qurayshonni Araba irraayi; ilmaan Ismaa’iil ilma Ibraahiim jaalallee Rabbiiti; isaafi Nabiyyii keenya irra rahmanniifi nageenyi haa jiraatu. Haati Isaani Amiina jedhamti. Haadhaa fi Abbaa isaani kana irraa Ji'a April, Bara 571tti biyya Sa'udii Arabiyaa Makkatti dhalatan. Abbaan isaani osoo isaan hin dhalatinii fuula dachee hin arginii fi Haati isaani immoo isaani woggaa jaha keessa jiru irraa du'an. Sanaan booda Amma umriin isaanii Woggaa saddeet ga'utti Akaakayyuu isaanii bira turan. Achiin booda Abbeeraa isaanii biratti guddatan. Yeroo daa'imummaa irraa kaasee amma Woggaa 40 ga'anutti amala gaarii nama kam irrattuu argamuu hin dandeenye argisiisaa guddatan. Booda yeroo isaan woggaa 40 guutan Rabbiin aangoo nabiyyummaa isaaniif laate. Sanaan booda amala isaanii duraan gaarii sana barsiisa Rabbiin biraa isaanitti dhufuun (Qur'aanaa fi Hadiisaan) dabaalani jireenya qulqulluu dorgomaa hin qabne jiraataa turan. Kallattii amantaa qofaan osoo hintaane, Siyaasaa, Hawaasummaa, diinagdee, nageenya, dippiloomaasii fi haalota jireenyaaf nama barbaachisan hunda keessatti milkii adda goonfatanii jiru. Amma hardhaatti illee dorgomaa hin arganne. Fuundurattis argachuuf hin taa'u.Yeroo kana jedhu namoota gaariitti waanin itti amanuuf jecha kanan leellisu itti fakkaachuu mala. Kana akka hin taane akka hubattanuuf namoota karaa sirriitiin waa'ee nabi Muhammad qorachuun dinqisiifannaa isaaf qaban ibsan kanneen Muslima hin taane muraasa yoo Rabbi jedhe mata duree isaa jalatti ni laalla. Salawaata irratti buusaa! ﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺﷺ Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 1912Loading...
16
Dorgommii Qur’aanaa Idil-Addunyaa Liibiyatti gaggeeffameen,Liibiyaa fi Itiyoophiyaan wal duraa duubaan sadarkaa 1ffaa fi lammaffaa qabataniiru. Itiyoophiyaa irraa bakka bu’uun kan dorgommicha irratti hirmaate Muhammad Mahmuud Abdoo lakkoofsa lammaffaa cabsuun badhaasa Doolaara kuma soddoma badhaafameera. Akkasuma Abbootii murtii keessaa kan dorgommii adeemsisaa ture, Lammii Itiyoophiyaa kan tahan Ustaaz Nuuradiin Qaasimis hirmaataniiru. Addunyaa irratti maqaan biyya keenyaa ganda kiristaanaa qofa jechuun kan beekkamaa turte,amma garuu ciminnaa fi baay’inni Muslimoota Itiyoophiya ifa tahaa dhufee jira. Kuni tola RABBIITI. Amar Tamam @Saahibuddiin28
1 3240Loading...
17
Warri Macaafa of biraa hin qabne kana irraa dubbisa ! Maatewos 26:39-40 Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, 'Yaa abbaa, ko! In danda'ama yoo ta'e xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa ta'u malee" jedhee kadhate. ⁴⁰ Kana booddee gara bartoota sanaa dhufee, rafanii isaan arge; Phexrosiin immoo, "Egaa isin sa'aatii tokkittiif illee anaa wajjin dammaquu hin dandeenyee
1 1312Loading...
18
Yesuus Waaqaaf Sagada Akka Wangeelle barsiisutti Yesuus akka Muslimoonni sagadanutti addaan/kallachaan bu'ee Waaqaaf sagada. Yesuus ofii isaaf Waaqa yoo ta'e eenyuuf sagade ? Ofiif sagadee ? Ofiif sagaduun hiikaa maalii qaba? Akka Bibliin jedhutti abbaa isaaf(Waaqa isaaf) Sagade. Nuti Waaqa biraa mindaa ittiin argachuuf saganna. Yesuus maal ittiin argachuuf sagade ? Barattoota isaa barsiisuuf akka isin hin jeenneef bakka barattoonni isaa rafanii jiranutti kophaa sagade(Mat. 26: 39&40 ilaali). Ragaa kana argaa Yesuus Waaqa yoo jettan baay'ee nama Ajaa'ibdu. Nama beekaa rafe dammaqsuun ni ulfaata. Gaaffii armaan olii akka isin hin deebifne ni beeka garuu sammuu keessaniif Alarm dhugaa akka taatu qabdiin qaba. Yaa Obboleessaa fi obboleetti Kiristaanaa dammaqi! Amantii abbaa, Armee fi fira kootii akkamittan dhiisa jettee shakkii fi jeequmsa ofiin loluu wajji hin jiraatin! Sammuu Rabbiin siif kennitti fayyadamii dhugaa qoradhu! Itti fufa... Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 2754Loading...
19
Amma Islaamummaa wajjiin wal-haa barru. Jechi Islaam jedhu jecha Afaan Arabaa yoo ta’u hiikni isaa “Nagaa” jechuudha(akka afaaniitti). Akkasumas akka shari'aatti hiika “Masakamuu/Ajajamuu, fedhinnaa kee Rabbiif  kennuu jechuutti  hiikama. Akka hiika isa duraatti amantii nagaa, kan nageenyaaf dursa kennu, kan nageenyatti nama waamu, kan namni isa qabate nagaa argatu, kan hordoftoonni isaa nageenya jaallatanu, namni harkaa fi arraba isaanii irraa nagaa bahu jechuudha. Akka hiika lammaffaatti immoo kan hordoftoonni amantichaa ajaja Rabbiitiif masakman(ajajaman,fedhi isaanii Rabbiif kennan)jechuudha. Hiikni lachuu kan walfaallssu miti. Lamaan isaa bakka tokkotti Gabaabsitee gabachuuf Nageenya fedhinnaa kee Rabbiif kennuun argamu jechuudha. “Waa’ee Islaamummaa ilaalchisee wanti namni dura beekuu fi sirriitti hubachuu qabu hiikaa jecha “Islaam” jedhuuti. Amantiin Islaamaa dhaloota ykn mul’achuu nama tokkoo booda hin moggaafamne. Akka Kiristaanummaan Kiristoosiin (Yesuusiin) booda moggaafame, Bud-hizimiin Gotama Buddha booda moggaafame, Koonfushi’anizimiin (Confucianism) Koonfuushes (Confucius) booda moggaafame, Maarkizimiin Karl Marx booda moggaafame miti. Akka Juda’izmiin gosa Judah booda moggafamee fi Hindu’izimiin gosa Hindus booda moggaafames gosaan hin moggaafamne. Islaamummaan amantii Rabbii isa dhugaati; akkasuma maqaan isaas seera bulmaata amantii Rabbii kan jiddu galeessaa bakka buha. Innis guutummaan guutuutti fedhii Rabbiitiif ajajamuudha... Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 75410Loading...
20
Akka Yesuus Macaafa Keessatti barsiisetti Namni waan Rabbiin jaallatu hojjatu hundi obboleessa isaati. Nuti Muslimoonni waan Rabbiin jaallatu hojjana. Kanaaf Yesuus Waaqa keenya osoo hin taane obboleessa keenya jenna. Obboleessa keenya kana ni jaallanna. Ni hordofna. Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa kan godhu eenyu iyyuu, obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis" jedhe. [Maatewos 12:50⎦. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 0196Loading...
21
Pirezidaantii Iraan Ibraahim Ra'iisiin du'uun walqabate jarri " Inni Israa'eliin eegu hin rafu " jedhaa jiru.  Inni Israa'el eegu kun Yesuus yoo ta'e  Yesuus rafee jira. Yoo inni Israa'el eegu  Yesuus hin taanee immoo lammaffa Yesuusiin Waaqa hin jedhina. “Kunoos qilleensi jabaan bishaanicha irratti ka'ee hamma dha'aan bishaanii bidiricha irra danbali'utti ga'e; Yesus garuu rafee ture.”⎣ Mat. 8:24⎦. Nuti gama keenyaan Rabbii hin rafnetti amanna. Al-Baqarah 2:255 ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلْحَىُّ ٱلْقَيُّومُۚ لَا تَأْخُذُهُۥ سِنَةٌ وَلَا نَوْمٌۚ لَّهُۥ مَا فِى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِى ٱلْأَرْضِۗ مَن ذَا ٱلَّذِى يَشْفَعُ عِندَهُۥٓ إِلَّا بِإِذْنِهِۦۚ يَعْلَمُ مَا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْۖ وَلَا يُحِيطُونَ بِشَىْءٍ مِّنْ عِلْمِهِۦٓ إِلَّا بِمَا شَآءَۚ وَسِعَ كُرْسِيُّهُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَۖ وَلَا يَـُٔودُهُۥ حِفْظُهُمَاۚ وَهُوَ ٱلْعَلِىُّ ٱلْعَظِيمُ Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatuWanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan IsaatiInni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka Beekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanu Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu Innis ol ta’aa, guddaadha. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 2077Loading...
22
#Tooftaa #Kiristaanotaa beektuu ? Yoo ati gaaffii isaan deebisuu hin dandeenye gaafatte, "dhoksaan Macaafaa nama hundaaf ifa miti, Afuuraan guutamtu malee siif hin galu"... jedhu.  Yoo isin ati afuura jettu  fayyadamii natti himi jetten wanti himamu hin jiru... Garuu Macaafni isaanii wanti dhoksaa jedhamu akka hin jerre ibsee jira. Kiristaanota  moo Macaafatu dogoggore ? Hundaafuu osoo of gowwomsuu dhiiftanii gaariidha. 👇👇 Luqaas 8: ¯¯ ¹⁷ Waan tokko illee dhokatee utuu hin mul'atin kan hafu hin jiru, dhoksaatti kan eegames bakkeetti ba'ee utuu hin dhaga'amin kan hafu hin jiru. ¹ " Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 8406Loading...
23
Maryam Yesuusiin Waaqayyoo koo jettee waamaa turte moo Ilma koo jettee waamaa turte? Kiristaanonni nuuf deebisa.
1 2213Loading...
24
Innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji'un...! Oduu Gaddaa. Xiyyaara tokkoon imalaa kan turan Pirezidaantii Iraan Ibraahim Ra'iisii dabalatee Ministeerri Haajaa alaa Iraan Amiir Abdullahi, Bulchaa Baha Azarbaajaan Maliik Rahamati, Imaama Baha Azarbaajaan Imaam Muhammad Alii Al-Haashimi fi namoonni Xiyyaara sana keessa turan hundi isaanii lubbuun isaanii darbuu mirkanaa'ee jira. Iraan seenaa ishee keessatti gadda ulfaataa akka kanaa keessummeessitee kan hin beekne yoo ta'u taateen kun guddittii Iraan gadda ulfaataaf kaadhimee jira.
1 2104Loading...
25
Kanaaf  Keeyyata tokko qofa fudhachuu osoo hin taane walbira qabdee ilaaluu qabda. Dabalataan Yesuus Akka Waaqayyoo qabu barsiisee jira. Fkn:“Yesus immoo, " 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome.” Yoh. 20:17. Kiristaanonni yaada kana irratti mormii qabdan dhiheefachuu dandeessu. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 1662Loading...
26
Yesuus waan "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu." jedheef Waaqa jedhu. (Yohannis 14:6). Kiristaanonni baay'een keeyyata kana irra deddeebiin Yesuus Waaqa akka ta'e mirkaneessa jechuun dhiheefatu. Anis kanaa fi kan biroo dabalatee qabxiiwwan 45 ol irratti deebii quubsaa kan ta'u barreefama dheeraa  qopheesseen ture. Sana irraa yoh.14:6 irratti kanan barreesse isiniif maxxanseen jira. Isin fayyada waan ta'eef dubbisa, ol kaayadha.  Akkasumas share waliif godha. Deebii  : Keeyyanni kun Yesuus Waaqa ta'uu osoo hin taane namaa fi  Nabiyyii Waaqaa  ta'uu isaa mirkaneessa. Akkamitti? yoo jedhame,  Eeyyeen Yesuus Keeyyaticha keessatti ani "Karicha... anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu."..jedhe. Kana jechuun: "Ani karaa ittiin  namoonni gama Waaqaa dhaqani, Ana yoo ta'e maalee sabni Israa'el yeroo koo kanatti karaa kamiinu Waaqa gabbaruu hin danda'u. Ani bornoota Waaqni dhala namaaf dabarsi jedhe natti kennen ummataan ga'a jira"  jechuu isaati. Nuti Muslimoonnis amma bara Nabi Muhammad (saw)Ergamanutti inni karaa saba Israa'el ta'uu isaa ni amanna. Kana hin amannu taanaan Muslima hin jedhamnu. Akkuma beekamu karaa jechuun immoo galma ykn bakka itti deemamu jechuu miti. Bifuma kanaan Yesuus karaa ofiin jechuun ani   Waaqa jechuu miti.  Akkuma  Finfinnee  jechuu fi karaa Finfinnee geessu jechuun tokko hin taanetti.  kanaaf  Yesuusiifi Waaqa jechuun wanta tokkoo miti. Dabalataan jechi Yesuus kan " anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu" jedhu kun akkuma isin jettan   kan yeroo fi bakkaan  hin daangeffamne yoo ta'e namoonni Yesuusiin duratti jiraatan hundi   kan akka  Aadam, Nuuh,  Ibraahiim  Muusee dabalatee (hunda isaaniirra nageenyi haa jiraatu)  daandii jallinaa irra turan jechuudha. Kun immoo dubbii dhugaa irraa fagaatee fi barsiisa Macaafaatiinis walitti bu'u waan ta'eef fudhatama hin qabu. Akka Macaafni barsiisutti Yesuusitti amanuu jechuun maal jechuudha? Waaqummaa Yesuus amanuudha moo? Nabiyyii ta'uu isaa amanuudha? Osoo deebii gaaffii kanaa hin ilaalin wanti ilaaluun barbaachisu hiikaa jecha amanuu jedhuuti. Amanuu jechuun jecha afaan Arabaa irraa dhufe yoo ta'u hiikni isaa "dhugoomsuu" jechuudha. Namoonni amantii Kiristaanaa hordofan tokko tokko yeroo Muslimootaan "Yesuusitti amanaa"! jedhan ni dhaga'ama. Garuu Muslimni Yesuusitti hin amannee tokkolleen hin jiru. Yesuusiitti hin amanne jechuun amantii Islaamaa hin fudhanne jechuudha. Garuu kan amannu Nabiyyii ta'uu isaati, Ergamaa Waaqaa ta'uu isaati. Waaqa ta'uu isaa miti. Qur'aannis kanatti nu ajaja.Yoo Macaafa dubbifnes kana ta'uu hubanna. Yesuus akkana jedhe: 1.Yohannis 14:44 Yesus sagalee isaa guddisee "Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti. Namni Yesuusitti amane,isa Yesuusiin ergetti amaneedha. Garuu Inni isa erge eenyu ?  Rabbii tokkicha hin dalannee fi hin duuneedha. Ati Yesuus caalaa waa'ee isaa hin beektu . Yesuus "Namni anatti amanu, isa ana erge sanatti amana malee, anatti amana miti" eega nuun jedhee jecha Kiristaanotaa kan Yesuus waaqa jedhu dhaga'uu nu barbaachisu. 2.Yohannis 5:24 "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba". (Keeyyata kanaan walfakkaatu Mata duree 2.7 jalatte darbee waan jiruuf deebitanii ilaaluu dandeessu). Kiristaanonni dhugaa barbaan ni jiru. Isaan kun  Yeroo nuti deebii armaan olii kana dhiheessineef akkas jechuun gaaffii dhiheefatu : "  Yesuus Kutaa Macaafaa keessatti anattis amana Waaqattis amanaa jedha.   Fkn: Yohannis 14:1 Yesus itti fufee bartoota isaatiin, "Garaan keessan hin raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!(jedhe). Isa kana akkam goona ? Hiikni isaa maal jechuudha ?" Deebiin: Kana jechuun Yesuus, "Ana Nabiyyii Waaqaa ta'uu kiyya amana, Waaqa immoo Waaqa ta'uu isaa amana" jechuu isaati. Kanaan alatti hiikaa biraa hin qabu.Yoo kana hin taane keeyyanni armaan olitti kaafne kan akka Yohannis 12 :44 fi Yohannis 5:24 faayidaa maalii qaba ? Maaliif  barsiise ?
1 1478Loading...
27
As wr wb.  Kabajamoo fi jaallatamtoota hordoftaata Chaanaalii Daandii Jennataa akkam jirtu ?  Baga jiraatan. Dhiifamaa wajjin  Godina ykn Biyya irraa nu bordofaa jirtan nuuf barreessaa.  Waan murteessaa ta'e wahiitiif barbaanne waan ta'eef  itti hirmaadha.  Kana kana👉 @Saahibu28 gadi tuquun nuuf erga.
9261Loading...
28
#Ajjeesuu ,#Saamichaa fi #Daguuggaa #sanyii #Gara-Jabinaan #guutame Macaafa qulqulluu Kiristaanotaa Keessatti. #Kutaa_6ffaa 9.Dhala namaa Ibiddaan  gubuu “ Iyaasuun harka isaa diriirseen fiiganii mandarattii lixanii qabatanii, achumaan ibidda itti naqan.”⎣Macaafa Iyaasuu 8:19⎫. 10.Namaafi Lubbu Beeladaa barbadeeseessuu “Haa ta'u iyyuu malee, mandaroota saba warra kanaa warra Waaqayyo gooftaan kee dhaala siif kennu keessatti, wanta lubbuu qabu tokko illee fayyaatti hin hambisin!” ⎣Seera Kessa deebii  20:16⎭. 11. Biqilootaa fi Bishaan dhabamsiisuu. “Isin mandara masaraan itti ijaaramee fi mandara gaggaarii hundumaa in qabattu, mukkeetii gaggaarii ija godhatan hundumaa gad in cirtu, burqituuwwan hundumaa in duuchitu, maasii gaggaarii hundumaa irras dhagaa in tuultu" jedhe.”⎣Macaafa moototaa Isa 2ffaa 3:19⎭. Maqaan " Macaafaa Qulquulluu"   yoo waan sirrii irraa qulqulluudha. Waan dogoggora ta'een guutamaadha jechuu ibsuuf ta'e qabatama isa keessa jiruun sirriitti wal-sima. Garuu dogongora irraa qulqulluudha jechuuf yoo ta'e maqaan kun irra deebi'amee sirreefamuu qaba. Sababni isaa barsiifni isa keessa jiru qulqulluu miti. Macaafni kun  Dhiiga namaa dhangalaasuutti ,  Dubartoota, manguddootaa fi Daa'iiman bifa suukanneessaan ajjeesuutti ajaja.  Qabeenya saamuu fi ibiddaan gubanii barbadeessuutti ajaja. Sagaagalummaa abbaa fi Intala gidduutti geggeefame ibsa. Nabiyyoonni taabota hojjachuun nama akka gabbarsiisan ibsa.... Akkan yaadutti waan badiidha jedhame isa keessaa hin dhabdan.  Kana argaa akkamitti "Macaafa Qulqulluu" jennee isa Waamna?  Inumaa Kiristaanonni immoo "Sagalee Waaqayyoo" jechuun isa waamu ! Safuudha! Dogoggorri akkanaa goonkuma sagalee Waaqayyoo miti sagalee nama sammuun fayyaa qabuu ta'uu hin danda'u.  Macaafa kanatti amanaa hamilee kamiin waa'ee Muslimootaa dubbattu? Itti fufa.. Share waliif godha! Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 1454Loading...
29
Yesuus #Waaqayyoo osoo hin taane #Mootii #Yihoodotaati Akka Macaafni jedhutti Yesuus Mandara Betlihem keessatti dhalate. Namoonni  bara  Yesuus dhalatetti turan Yesuusiin "Mootii  Yihoodotaa "   jedhan malee Waaqayyoo hin jenne. Inumaa mootii Addunyaa hin jenne. Mootii Yihoodotaa jedhan. Kanaaf Yesuus mootii Yihoodotaati malee Waaqayyoo Addunyaa miti. Rabbii addunyaa kan ta'e Rabbii tokkicha hin dhalanne, hin duunetti amanaa. Ragaan: “ Yesus mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaatti yommuu dhalate(Matatewos 2:1). “Isaan, "Inni mootii Yihudootaa ta'ee dhalate eessa jira" jedhan. [Maatewos 2:2]. Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 0435Loading...
30
Qabxiin bu'uuraa kan Islaamummaan itti nama waamu: "Kan dhugaan gabbaramu Rabbiin tokkicha malee hin jiru, Muhammad ergamaa Rabbiiti" jedhanii amanuudha. Kun bu'uura amantii Islaamaa kan Nabiyyiin Muhammad (saw) barsiisaa turaniidha. Rogoowwan (dhagaa bu'uuraa)shanan amantiin Islaamaa irratti ijaaramu keessa isa duraati. Kun qabxii namni Muslimaa fi Muslima hin ta'in ittiin adda bahuudha. #Islaama#Muslima @Saahibuddiin28
9812Loading...
31
#Muhammad-(saw)_eenyu? #Kutaa_1ffaa Muslimoonni akka nabi Muhammad [saw] tarree nabiyyootaa isa dheeraa warra gara Rabbiin qofa gabbaruutti nama waamuuf ergamanii keessaa marsaa dhumaa ta’e amanu. Marsaa nabiyyootaa kun Nabiyyoota kan akka Aadam, Nuuh, Ismaa’iil, Is-haaq, Ya’aquub, Yuusuf, Muusaa, Daawud, Suleymaaniifi Iisaa of keessatti qabata. Rahmanniifi nageenyi Rabbii isaan hundarra haa jiraatu. Muslimoonni akkuma kana Muusaa irratti Tawraat buufamuu (wahyii isa osoo hin jijjiiramin ture), Iisaa irrattis , Injiil buufamuu (Injiil isa osoo hin jijjiiramin Iisaa irratti buufame) ni amanu. Nabi Muhammadis (saw) akka inni  waan namootaaf buufame (amantii ) isaaniif ibsuuf jecha Qur'aanni irratti buufame. Muslimoonni tokkolleen Muhammad ﷺ Rabbi ykn Rabbii wajjin aangoo qoodata hin jedhanu. Waanuma inni  ittiin of ibsee fi kan Rabbiin isaan jedhe qofa isaan  jedhu. Innis Muhammad ergamaa Rabbiiti, Garbicha Rabbiiti kan jedhuudha. Nabi Muhammad ﷺ yeroo du'uuf guyyaan lamaa fi sadii hafetti "Akka Kiristaanonni Iisaa/Yesuus dangaa isaaf maluu olitti guddisanitti(Rabbii jedhanitti) na guddisina " jechuun barsiisanii turan... Yeroo itti aanu Dhalootaa fi Guddina Nabi Muhammad kan jedhu ilaalla. Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 2131Loading...
32
Kitaaba "Kiristaanummaa Durii fi Ammaa" jedhu bifa Kan duraa irra fooyya'aa ta'een Kan qophaa'eedha. Dubbisa Share waliif godha. Barakallaahu fiikum. Barnoota dabalataaf:👇 join godha! @Saahibuddiin28
1 1842Loading...
33
#Ajjeesuu , #Saamichaa fi #Daguuggaa #sanyii #Gara-Jabinaan #guutame Macaafa qulqulluu Kiristaanotaa Keessatti. Kutaa 5ffaa 7. Macaafa Hisqi'e Raajichaa  9:6-8 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁶ Iddoo koo isa qulqullaa'aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta'u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi'aatinaa!" jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban. ⁷ Ammas isaaniin, "Manicha qulqullummaa xureessaa, reeffa warra ajjeefamaniis oobdii keessa guutaatii achii adeemaa!" jedhe; isaanis ba'anii mandarattii keessa naanna'anii ajjeesuu jalqaban. 8. Seera lakkoofsaa 31:7-17 ⁷ Isaan akkuma Waaqayyo Musee abboome warra Miidiyaan in lolan, dhiira hundumaas in ajjeesan. ⁸ Warra kana malees mootota Miidiyaan, Ewii, Reqem, Zuur, Huurii fi Rebaa kan jedhaman shanan in ajjeesan; akkasumas Bala'aamin ilma Be'or billaadhaan in ajjeesan. ⁹ Kana malees Israa'eloonni dubartoota warra Miidiyaan, ijoollee isaanii, horii qe'ee isaanii, qabeenya isaanii hundumaa in booji'an, badhaadhummaa isaanii hundumaas in saaman. ¹⁰ Mandaroota isaanii hundumaa, warra achi keessa jiraatan hundumaa, riqaa isaanii hundumaas ibiddaan in guban. ¹¹ Wanta booji'an hundumaa, namoota keessaa, horii keessaas warra qabatan hundumaa in fudhatan. ¹² Isaan boojuu sana, wanta qabame, wanta saamames gara iddoo buufataa isa dachaa Mo'aab bukkee laga Yordaanos fuullee Yerikootti dhi'oo sanatti Museetti, Ele'azaar lubichaa fi waldaa Israa'elitti in fidan. …  ¹⁷ Amma ijoollee keessaa dhiira kan ta'e ajjeesaa! Dubartoota warra dhiiraa wajjin ciisanii beekan hundumaas ajjeesaa! ¹⁸ Durboota dhiiraa wajjin ciisanii hin beekne hundumaa garuu ofii keessaniif hambifadhaa! ¹⁹ Isin warri nama ajjeeftan, warri reeffatti buutan hundinuus guyyaa torbaaf iddoo buufataa duuba buufadhaa! Gaafa guyyaa sadaffaa, gaafa guyyaa torbaffaas ofii keessan, boojuu keessanis qulleessaa! fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
1 9147Loading...
34
Yeroo darbe Mata duree Nabiyyii Rahmataa jedhuun Seenaa nabiyyii saw barreefama Page 80 ta'u barreesseen ture. Barreefama sana kutaa kutaan yoon isiniif maxxanse akkam jettu? Namni fedha qabdan jirtuu ? Yaada isin kennitan irratti hundaa'uun isiif dhiheessa. Warri nuuf dhiheessi jettan Comment irratti Qubee "A" yookiin Yaada biraanis naaf ibsa. @Saahibuddiin28
1 2462Loading...
35
Mana Barnootaa mootummaa keessatti barattoonni Muslimaa amantaa jijjiirsifamaa jiru Spider Media :  Shawwaal 29/1445 Mana Barnootaa Bultii Addaa Beddellee Keessatti Kitaabni Amantaa Islaamaa Arrabsuufi Barattoota Muslimaa Amantaa jijjiirsisuuf qophaa'e barsiifamaa jira Biiroo Barnootaa naannoo Oromiyaa jalatti kan bulu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee keessatti barattoota muslimaa amantaa jijjiirsisuuf shirri qinda'aan gaggeeffamaa jiraachuu maddeen Spider Media tti himaniiru. Sanadni fuula 32 qabu kan barattoota amantaa Piroteestaantii hordofaniifi barsiisota mana barnooticha amanticha hordofan dabalatee qaamolee iccitii duuba jiraniin bifa qinda'aa ta'een qophaa'e addatti barattoota muslimaatiif raabsamaas jira. Spider Media n sanada isa qaqqabe kana irratti qorannoo gaggeesseen sanadichi amantaa Islaamaa kan arrabsu, kabaja Ergamaa Rabbii (s.a.w.) kan xiqqeessu, walumaagalatti islaamaafi muslima irratti ololaafi yakka maqa balleessaa kan afarsu, jibba kan lallabu ta'uu mirkaneeffateera. Sanadni barreeffama boqonnaalee garaa garaatti qoodaman hammateefi fuula 32 qabu kun ragaa tokkoon maleetti yakka maqa baleessaa Islaama irratti raawwateera. Gama kaaniin ammoo barruun kun macaafa qulqulluu kan lallabuufi barattoonni sanadichiraabsameef (barattoonni muslimaa) amantaa Islaamaa dhiisanii kiristiyaana akka ta'an irra deddeebiin kan affeeru ta'uu Spider mirkaneeffateera. Biyyi keenya sekulaarizimii kan hordoftu ta'ullee Biiroo Barnootaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti kan bulu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Beddellee keessatti ifatti duulli barattoota muslimaa islaamummaa irraa deebisuu gaggeeffamaa jira. Manneen Barnootaa 'Bultii Addaa' barattoonni ciccomoon qabxii gaarii galmeessan filatamanii dorgommmii erga gaggeessanii booda kan seenan mana barnootaa dhaloota jajjaboo biyyaaf oomishaan abdiin irra jiruudha. Manni maree dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee, majlisa Naannoo Oromiyaafi kan Federaalaa waliin ta'uun tiksaa olaanaa mana barnootichaa Waajira Barnootaa Naannoo Oromiyaafi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta'uun rakkoo kana hatattaaamaan yoo hin furre egereen barattoota manneen barnootaa Bultii Addaa yaaddessaa ta'uu barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Beddellee Spider Media tti himaniiru. @Saahibuddiin28
1 6427Loading...
36
✅Namni tokkoffaa ba'e  data Intarneetii ja'a tokkoo 1GB ✅Namni 2ffaa ba'e 500MB ✅Namni 3ffaa ba'e 250MB ✅Namni tokkoffaa #15k fi isaa ol ta'uu qaba ✅Namni 2ffaa #10k fii  isaa ol ta'uu qaba. ✅Namni 3ffaa #8k fii isaa ol ta'uu qaba. ✅Turtiin amma May 15/2024 tti. Waan jedhme kana guutuu keessan badhasa kennuu duratti ni mirkaneefanna. Namni kana guutee argame ni badhaafama .
9791Loading...
37

38
Kitaaba share gochuun badhaafamaa! Namni Kitaaba kana  share gootanii kallattii keessaniin #view baa'ee olaanaa argattan tokkoo amma sadiitti badhaasa nu biraa qabdu. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28 T.me/Saahibuddiin28
9968Loading...
#Goodansa #gara-madiinaa fi #Biyya #ijaaruu #Seenaa #Nabiyyii Nabiyyiin yeroo waqtiin hajjii ga'e kellaa Makka irra dhaabbachuun hawaasa kallattii adda addaa irraa gama makka dhufu gara amantii Islaamaatti waamu. Namoonni gariin ni sobda; Rabbiin tokkoo miti yoo jedhanuun, gariin immoo itti qoosaa bira darbu. Garuu isaan kana ilaalanii of duuba hin jedhan. Osoo haala nuffisiisaa ta'e kanaan da'awaa godhanuu ergamuu isaanii irraa jalqabee woggaa 11 tti Tuuta madinaa irraa dhufan tokkoon wal argan. Tuunni kunis waamicha isaanii qeebaluun Muslimoota  ta'an. Bara itti aanus (ergamuu isaanirraa bara 12itti) ammas tuutni biraa dhufee Islaamummaa fudhate.  Isaanis jara kanaa waliin walii galtee gochuun Saabota  irraa namoota Qur'aana isaan barsiisan kennanii gara Madiinaatti geggeessan. Worri ergaman  Akkuma achi dhaqabaniin ummaticha baraiisuu jalqaban. Ummatichi bifa adda ta'een amantii kana simate. Amantii Islaamaa siffisaan bababal'achuu itti fufe. Ammas bara 13ffaa itti namoonnii muraasni Nabiyyiin walqunnamuun yoo inni gama isaanii( Madiinaan) dhufe akka isaaf deeggarsa godhan waadaa galan. Waadaa kana booda Muslimoonni Makka keessatti Qureeshotaan roorrifamaa turan gara Madiinaa godaanan. Akkasumas warra Habashaatti godaane irraas namoonni baay'een gara madiinaatti deebi'an. Guruu Nabiyyiin achuma Makkatti afuun da'awaa itti fufan. Gama biraan immoo Nabiyyiin Naannoo Makkaatii fi Makka keessatti Sahabota isaa wajjin jiraachuu dadhabuun Kun Kuffaara Qureeshotaaf  cidha guddaa ta'ee jira. Garuu Nabiyyii of duuba hin deebifne. Inumaa Firii da'waa isaanii Makkaafi naannoo isii keessatti arguu baatanis fageenya Kilomeetira dhibba Shan fagaatu imalee Madiinaatti biqilee daraaree urgaan isaa  ofitti nama harkisuu jalqabeera.  Booda irra Kuffaarri Qureeshii odeefanmoo kana yeroo  dhaga'anu Nabiyyiin gara Madiinaa  deemnaan fudhatama argachuu isaa waan beekanuuf tarkaanfii ajjeechaa Nabiyyii irratti  fudhachuuf murtessan... Yeroo kana Nabiyyiin lubbuun ni afu jedhanii yaaduun ni ulfaata. Sababni  isaa biyya bulchiinsa sirnaawaa fi Seera ittiin bultu qabdu keessa hin jiru. Qaamni qabeenya badee fi lubbuu bade hordofu seeratti dhiheessus  hin jiru. Biyya sanitti isaanuu jaarraa hedduuf walnyaataa turani. Kana ta'uu wajjin yeroo Nabiyyii ajjeesuuf murteeffatanitti akka dhiigni isaa gosa isaatiin  hin barbaadamneef immoo nama isa ajjeesu gosa baay'ee irraa walitti qabuun seefii filatamaa summii dibanii itti kennuun itti ergan. Rabbiin guddaan yeroo kana akka  isaan Makka keessaa bahuu qaban  Nabiyyii ajaje. Kuffaaronni waan yaadan osoo bakka hin ga'atin hafan. Lubbuun arka Rabbii uumee waan jirtuuf osoo isaan isa hin xuqin isaan gidduu ba'ee nagayaan  Bara 622tti  Dh.K.D Madiinaa dhaqabe. Yeroo Isaan Makka irraa ba'an Qureeshonni labsii  namni fayyaa isaas ta'u du'aa isaa qabee fide Gaala dhibba tokko badhaafa jedhu  labsan. Biyyi guutuun  Nabiyyii argee  qabee fiduuf  yaalus ijji arka Rabbii waan jirtuuf Nabiyyii  arguu hin dandeenye... Akkuma Madinaan ga'ee qubateen Masjiida jiraare, Muhaajiraa (warra iddoo biraa irraa gara Madiinatti  godaane) fi  Ansaara( jiraattota madiina kanneen baqattoota simatan) walitti obboleemse,. Gidduu Muslimootaa fi Mushrikoota Madinaa,Yahuudotaa madiinaatti walii galtee nageenyaa mallatteesse. Kana irraa kan ka'e Madiinaan biyya jabduu kan Muslimootaan hogganamtu isii jalqabaa taate... Itti fufa... Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
6
#Islaamummaan #amantii #bilisummaati. Rabbiif malee qaama tokkoof gabroomuu hin eeyyamu. Ilmi namaa uumaa Rabbii keessaa isa irra kabajamaa fi ulfaataadha; kanaafuu nama akka isaa gabbaruun ,yookiin uumama biraa kan isaa gadii gabbaruun kabaja ilma namaa balleessuu fi haqa Rabbiin ittiin kophaa bahe qaama biraatiif kennuudha. Kanaaf Islaamummaan Rabbiin malee qaama biraa tokkollee(ergamaa ta'us, Malaykaa ta'us muka, dhagaa, aduu fi kkf) gabbaruu jabeessee dhorka. Rabbii tokkicha kan wantoota kanaa fi uumaa biraa kophaa isaa uumee jiraachisaa jiru qofa gabbaruutti ajaje. Amantii Islaamaa keessatti yakki inni guddaan Rabbii wajjin qaama biraa gabbaruudha. Amantii garii keessatti waa'een Rabbii fi nabiyyootaa yookaan ergamootaa haala wal-dhahaa fi namaaf hin fudhatamneen hubatamee jira,garuu waa'een kanaa Islaamummaa keessatti sirriitti addaan ba'ee jira. Hundinuu maalummaa isaanii fi mirgi isaanii ifatti addaan baafamee jira. Akka amantaa biraa walmakataa fi walxaxaa waan sammuun namaa fudhachuu didu miti(neither confusing nor illogic).Rabbiin mootii tokkocha waan hunda dura jiru, kan waan hunda booda hafu, kan waan hundaa olii,kan waan hunda beeku,kan waan hunda uume,kan jiraachisu,kan ajjeesu, kan dhukkubsu,kan fayyisu, kan ergamoota erge, Kan Kitaabota buuse;kan waan addunyaa keessatti ta'ee darbe, kan amma ta'aa jiru, kan fuuldura ta'uuf ta'u kan to'atuudha.Taayitaa isaa keessatti namni tokko(qaamni tokko) kan itti hin qindoofneedha. 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
👍 6
14:44
Video unavailableShow in Telegram
Nabi Muhammad moo Yesuustu caala ? Deebii Dr. Zakir Naik dhageefadha. 👇👇Join godha! @Saahibuddiin28
Show all...
23.47 MB
#Islaamummaan #amantii #bilisummaati. Rabbiif malee qaama tokkoof gabroomuu hin eeyyamu. Ilmi namaa uumaa Rabbii keessaa isa irra kabajamaa fi ulfaataadha; kanaafuu nama akka isaa gabbaruun ,yookiin uumama biraa kan isaa gadii gabbaruun kabaja ilma namaa balleessuu fi haqa Rabbiin ittiin kophaa bahe qaama biraatiif kennuudha. Kanaaf Islaamummaan Rabbiin malee qaama biraa tokkollee(ergamaa ta'us, Malaykaa ta'us muka, dhagaa, aduu fi kkf) gabbaruu jabeessee dhorka. Rabbii tokkicha kan wantoota kanaa fi uumaa biraa kophaa isaa uumee jiraachisaa jiru qofa gabbaruutti ajaje. Amantii Islaamaa keessatti yakki inni guddaan Rabbii wajjin qaama biraa gabbaruudha. Amantii garii keessatti waa'een Rabbii fi nabiyyootaa yookaan ergamootaa haala wal-dhahaa fi namaaf hin fudhatamneen hubatamee jira,garuu waa'een kanaa Islaamummaa keessatti sirriitti addaan ba'ee jira. Hundinuu maalummaa isaanii fi mirgi isaanii ifatti addaan baafamee jira. Akka amantaa biraa walmakataa fi walxaxaa waan sammuun namaa fudhachuu didu miti(neither confusing nor illogic).Rabbiin mootii tokkocha waan hunda dura jiru, kan waan hunda booda hafu, kan waan hundaa olii,kan waan hunda beeku,kan waan hunda uume,kan jiraachisu,kan ajjeesu, kan dhukkubsu,kan fayyisu, kan ergamoota erge, Kan Kitaabota buuse;kan waan addunyaa keessatti ta'ee darbe, kan amma ta'aa jiru, kan fuuldura ta'uuf ta'u kan to'atuudha.Taayitaa isaa keessatti namni tokko(qaamni tokko) kan itti hin qindoofneedha. 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
Nabiyyuu Muhammad  saw ni jedhe  : "Rabbii  lubbuun koo arka isaa jiruun kakadhee, Namni tokko Kiristaanaa fi Yahuudaa irraa (ergamuu) koo dhaga'ee osoo waanan ittiin ergametti hin amanin yoo du'e  warra Ibiddaa irraa ta'u malee hin afu(Ibiddatti gubata)".  ⎣Muslim 153 ⎭. Kanaaf Warri nabi Muhammad saw ergamaa Rabbii ta'uu amanuu diddan bor Qilee ibiddaatti gubattu.  Gaafas akka hin dhageenye hin jenne.  Nuti arra isinitti himnee jirra.  Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
👍 2
As wr wb. Kabajamtoota hordoftaata maatii    Daandii jennataa akkam jirtu ? Baga har'a geessan. Yaada qabdan naaf qooda! Maaltu dabalamuu qaba?  Maal sirreessuun qaba ? Hir'inni jiru maali?  Mata duree kam irratti osoo hojjadhee isinitti tola. Kiristaanonni as keessa jirtan %20 ol akka taatan argaan jira. Isinis yaada keessan nuuf qooda. Yaadni keessan anaaf galaa guddaadha. Yaada keessan kalattii dhuunfaa qofaan naaf erga. Innis 👉  @Saahibu28  kanjedhu tuquuni. 👇👇👇 @Saahibu28
Show all...
Kaafira ajjeesuu 1(1).pdf2.24 MB
👍 2
Yesuus inni dhalate yoo Waaqa ta'e haati isaa Maryam immoo maaltaati ? Maryam nama ta'uu irratti yoo waliif galle Namni nama da'a waan ta'eef Yesuus nama ta'uu irratti waliif galuu qabna. Sababni isaa Qeeransi Leenca dhale hin jiru . Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
👍 2
#Nabi #Muhammad (saw)Yeroo Jalqaba #waamicha gara #Islaamummaa godhan Yeroo Umriin isaanii woggaa 40 ga'u Jibriil Qur'aana Kabajabaa Rabbiin bira gama isaanii fide. Isaanis Woggota sadiif Qur'aaana qabatanii iccitiin gara Amantii Islaamaatti hawaasa waaman. Yeroo kanatti fira,  hiryoota isaanii fi namoonni Rabbiin carraa Islaamummaa tti amanuu isaaniif laate yaamicha isaanii  gammachuun simatanii ittiamanuu danda'aniiru. Yeroo kana irraa kaasee(woggoota sadan booda) Rabbiin akka isaan waamicha iccitii dhiisuun ifatti bahanii Amantii Islaamaa  lallaban ajaje. Isaanis ajaja irratti hundaa'uun hojii isaanii itti fufan. Akka Namoonni haawiltii adda addaa gabbaruu irraa  gara Rabbii tokkicha gabbaruutti dhufanuuf kalatti hundaan waamicha wal irraa hin cinne jara waamaa turan. Garuu waamichi kun Kuffaara Qureeshiitiif hin liqifamne. Keesumattuu aaga'oota biratti rifaatuu uume. Waamicha kana dhagahanii itti fayyadamuu caalaa dura dhaabbatanii ittiin hoonga'uun jara biratti filatamaa waan ta'e fakkaata.  Nabiyyii duratti ba'uun isa mormuu jalqaban. Adeemsa isaa kana guutummaa guutuutti addaan kutuuf tooftaalee adda addaa fayyadaman. Ergaa Rabbiin biraa jaratti dhufe kana kallattii adda addaatiin dura dhaabbachuuf garee gareen walgurmeessanii lafaa ka'an. Gareen tokko garee  qoosaafii maq-xureessiiti. Hojiin isii Nabiyyii irratti qoosaa fi qishinaa gochuu, akka namni iddoo biraa irraa dhufe Nabiyyii fi Muslimootaan wal qunnamnee irraa hin baranneef holola sobaa facaasuun irra fageessuudha. Gareen biraa immoo hamilee cabsuu fi miira nabiyyii xuquuf kan ijaaramteedha. Isaan kun hojiin jaraa  yeroo Nabiyyiin daandii irra deeman rakkisuudha. Fkn: Yeroo daandii irratti isaan argite wantoota gaarii hin taane itti darbachuu,  qoraattii fi dhagaan karaa itti cufuu, boolla daandii isaan irraan deeman  gubbaatti qotuun akka itti kufanu gochuu, Halkan dukkanaan daatanii ulaa manaa duratti fincaa'uu fi kkf. Akkasumas  namni tokko amantii Islaamaa fudhachuu yoo dhagame gara isaa deemuun gara jabinaan gochoota suukanneessaa irratti raawwachuu, Amma lubbuun keessa jirutti adaba gara garaatiin  adabanii lubbuu   isaa baasu. Kunis namoota hunda irratti Saalaa fi umriin osoo hin daangefamne raawwatama. Booda irra  roorroon humnaa ol waan ta'eef Nabiyyiin akka isaan(namoonni amanan) gidiraa kana jalaa gara Habashaatti baqatan ajajan. Muslimoonni gariin  gidiraa kana irraa boqachuuf gara Habashaatti/ Itiyoophaatti baqatan.  Garuu Nabiyyii ammallee waan jara irraa garaa hin muranneef Makka keessatti afuun da'awaa cimsanii itti fufan. Kuffaaronni immoo gama isaaniitiin tumaa namni tokko Nabiyyii irraa bitaachuus ta'ee  itti gurgurachuu hin qabu jedhu raggasisuun woggoota sadiif  rakkoo jabaa akka qunnaman godhan. Yeroon kun Muslimootaaf yeroo akkaan jabduu turte.  Sagaleen daa'ima beeloftee iyyituu faagootti dhaga'ama. Nyaata bitachuuf namni itti gurguru hin jiru. Kanaaf baala mukaa fi kalloo irra ciisan akka soorataatti fayyadamaa turan. Yeroo kanatti  Muslimnii fi kaafirri Banii Haashimii fi Banii Muxxalib  Nabiyyii waliin rakkoo kana dhadhamachaa dabarsan... Nabiyyiin Qureeshota irraa abdii dhabanis saboota naannoo Makkaa qubatanii jiranuuf waamicha gochuu hin dhiise. Haa ta'uu malee isaanis  to'annaa Qureeshotaa jala waan jiraniif waamicha kanaaf tole jedhanii bifa walii galaan carroomuu hin dandeenye... Itti fufa.. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
Show all...
👍 10 6