cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Gurmuu Sabboontota Qubee{GSQ}

Namni Afaan aadaafi seenaa saba isaaf hojjetu goota jaarraa 21ffaati https://t.me/gootota21 youtube: https://www.youtube.com/SabboontotaQubeeSQ

Show more
Finland2 276The language is not specifiedEducation71 358
Advertising posts
269
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
-430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Biiniyaam Admaasuu jedhama. Achuma naannoo Paarkii Baalee dhiyoo jirutti dhalatee guddate. ALI bara 2014'tti, tasuma balaan ibiddaa paarkii Gaarreen Baalee keessatti ka’e. Balaa kunis kan baayyee hamaafi humna guddaa qabu ture. Balaan ibiddaa sun balaa humna namaan dhaamu hin turre jedhan yeroo sana hojjetaa paarkichaa kan turan Obbo Aschaaloo Baalchaa. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/hAgQqsI
Show all...
Warra ofii gubatee gubannaa oolchetu Paarkii Gaarreen Baalee addunyaatti baase

Biiniyaam Admaasuu naannoo Paarkii Baalee dhiyoo jirutti dhalatee guddate. ALI bara 2014'tti, tasuma balaan ibiddaa paarkii Gaarreen Baalee keessatti yeroo ka'u jaalala paarkichaaf qabu irraa ka'uun hiriyyoota isaa waliin dhaamsuu dhaqan. Bubbeen abidda isaanitti garagalchuun Biiniyaam osoo baqatuu jalaa bahuu dadhabuun abiddaan gubatee du'e. Paarkicha namoni aarsaa kaffalan akkamiin yaadatamu?

Oromoon safuu, duudhaafi haala jiruuf jireenya isaa sirnaan eeggachuu qaba. Waanti hundi adeemsa suutaa/gradual process keessa dhufaa deema. Aadaan keenyas adeemsa suutaa keessa badaa jira. Dhaloonni keenya aadaafi bartee hin barbaachisne ofitti fudhachaa jira. Rakkoo hin qabu osoo jennuu Safuun badaa jira. Safuufi duudhaan keenya baduun isaa hattuu, saamtuu, sobduufi dhaloota amala badaa qaban hedduu oomishaa jiraa. @gootota21
Show all...
Baqqala is a man who has paid all the necessary sacrifices for the truth to the end. And now it’s his own way he’s decided to live. He worked honestly, wholeheartedly, and sacrificially as he did.
Show all...
via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/6kYaMuq
Show all...
Bilbilli harka keenyarra jiru hangam akka sammuu keenya to’ate beektuu?

Bilbilli harka keenyarra jiru hangam akka sammuu keenya to’ate beektuu?

Repost from N/a
Barnootaafi Oromiyaa Barnoonni Oromiyaa namoota beekumsa, dandeetii, gahumsaafi teeknoloojii yeroon barbaaduun gahoomaniin durfamuu qaba. Hooggantoonni gubbaa hanga gadii jiran, ittigaafatamtoonni manneen barnootaafi barsiisonni keenya gahumsa yeroon barbaadu yoo xiqqaate hubachuu qabu. Guyyaan tokko yoo xiqqaate waan dabalataa tokko jireenya keenyatti dabalee darbuu qabu. "Everyday must introduce at least one more thing to our lives." GO TECH #software_Engineer #web_developer  #Flutter  #Android  #Tech  #Python  #Programming  #Algorithm  #Wise_Tech #Java #JAvaScript #React #NodeJS #Laravel #full_Stack #Computer_Science #software_Engineering #Google #Meta #Amazon #world 💻💻🖥🖥🖥 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21
Show all...
Repost from N/a
Gara fuulduratti diree ogummaa Teeknoloojii kanneen akka Saayinsii Koomputaraa(software engineering, cyber security, AI, Machine Learning, Internet of Things)? Sadarkaa barnootaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ykn immoo sadarkaa kamiyyuu irra jiraattanii gara fuulduraatti dirree kanatti makamuu yoo barbaaddan. Tarkaanfiiwwan fudhachuu qabdan muraasni kunooti 👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿 1. Bu’uura Barnootaa Cimaa Ijaaruu Gosa barnootaa herregaa, keessumaa gosoota barnootaa akka aljebraa/algebra, kaalkulasii/calculus fi fiiziksii irratti xiyyeeffachuun gaariidha. Gosoonni barnootaa kunniin beekumsa bu’uuraa saayinsii kompiitaraa fi injinariingii barbaachisu ni kennu. 2. Afaanoota Bu'uuraa Baradhu/programming language Kanneen akka Paayitoon/python, Jaavaa/Java, ykn C++ barachuu jalqabuun gara fuulduratti hojii nama salphisaa. Toora interneeti barachuuf isin gargaaruu danda’an hedduutu jiru. 3. Barnoota Toora Interneetii Hordofuu Barnoota toora interneetii kan akka Coursera, edX, Khan Academy ykn youtube irraa barnoota fudhachuun gaariidha. . 4. Dandeettii Rakkoo Furuu Guddisuu/Problem Solving Skills Dandeettin kun dandeetti jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaadha. Kanaaf dandeettii kana guddifachuun dirqama ta'a. Dandeettii rakkoo furuu guddifachuuf rakkoo xixiqqoo irraa eegaluun bifa sirna qabuun furuun dandeettii kana guddifachuun ni danda'ama. FKn piroobileemota herregaa furuu, gaaffilee hibboo, Puzzles logic, brain teasers, fi qormaata/challenge dandeettii xiinxalaafi yaaduu namaa guddisan irratti hirmaachuun mala gaariidha. Kunis barnoota keessaniifis ta’e hojii kee gara fuula duraatiif gatii guddaa qabaata. 5. Gorsa Barbaaduu/mentorship Yoo danda’ame qajeelfama argachuuf namoota damee Teeknoloojii kana keessa jiran waliin wal qunnamuun gorsa irraa fudhadhaa. Hubannoo, gorsaa fi ilaalcha qabatamaa namoota isin dura dirree kana keessa jiran irraa argachuu dandeessu. 6. Dandeettiiwwan sassalphaa biroo Ijaaruu/soft skills Hojii kamiyyuu keessatti milkaa’ina argachuuf dandeettiin walqunnamtii/communication skill, gareen hojjechuu fi yeroo itti fayyadamuu barbaachisaa dha. Hojii garee, gartuulee fisochiiwwan barnootaan ala ta’an kanneen dandeettiiwwan kana akka guddifattu si gargaaran keessatti hirmaadhaa. 7.Odeeffannoo waayitawaa ta'e yeroo hunda qabaachuu/stay informed Yeroo hunda odeeffannoo argachuuf mala fayyadama miidiyaa hawaasaa, yeroo keenyatti sirnaan fayyadamuun maddeewwan odeeffannoo garaagaraa hordofuun barbaachisaadha. Fkn: Biloogii teeknooloojii, podkaastoota, fi maddoota oduu hordofuudhaan haalawwan haaraa fi guddina teeknooloojii hordofuu ni dandeessu. 8. Kilaboota Herregaa fi Saayinsii keessatti hirmaachuu Mana barumsaa keessan keessatti kilaboota herregaa ykn saayinsii keessatti hirmaadhaa. Kilaboonni kun yeroo baayyee dorgommii, pirojektoota, fi taateewwan barnoota STEM (Saayinsii, Teeknooloojii, Injinariingii, fi Herrega) guddisan qopheessu. 9. Yuunivarsiitii barnoota keessan sirnaan barachuuf isin gargaaran galuuf cimaa hojjedhaa. Naannoo Teeknoloojiin itti guddatee xiyyeeffannoon kennamuufi namoota muxannoo qaban waliin hojjechuuf si gargaarutti dhiyoo ta'uun gaariidha. Akkasumas kolleejjii ykn yunivarsiitiiwwan sagantaa saayinsii kompiitaraa sirnaan kennan filachuun barbaachisaadha. Yaadadha boru waan sadarkaa guddaa irra geessanii ofii, maatiif, biyyaaf nama bu'aa buusuu ta'uuf, guddina keessan hardha eegaluu qabdu. Waan boru ta'uu barbaaddan hardha eegalaa Galatoomaa. #software_Engineer #web_developer #Flutter #Android #Tech #Python #Programming #Algorithm #Wise_Tech #Java #JAvaScript #React #NodeJS #Laravel #full_Stack #COmputer_Science #software_Engineering #Google #Meta #Amazon #world 💻💻🖥🖥🖥 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21
Show all...
Repost from N/a
Kaizen Kaizen jecha Jaappaan yoo ta’u hiikni isaas “jijjiirama caalu/better change”, ykn “foyya’iinsa itti fufinsa qabu/continuous improvement jechuudha.” Akka falaasamaatti, #kaizen yaada jijjiiramni xixiqqoo jijjirama guddaa jireenya namaa keessatti ni fida jedhu qaba. Kaizen fooyya’iinsa guyyaa guyyaa ti—guyyaan hundinuu karaa fooyya'aa waan tokko hojjechuuf carraa dhiyeessa ykn ga'ee mataa isaa taphata. Guyyaan hunduu jijjiramaaf ga'ee mataa isaa qaba jechuudha. Amala gaarii/self-discipline fi of kennuu/commitment guddaa barbaada. #Kaizen guddina Jaappan keessatti faalasama ga'ee guddaa xaphatedha. Nutis jijjirama xixiqqoo irraa eegallee jijjirama guddaa fiduuf haa hojjennu. #software_Engineer #web_developer #Flutter #Android #Tech #Python #Programming #Algorithm #Wise_Tech #Java #JAvaScript #React #NodeJS #Laravel #full_Stack #COmputer_Science #software_Engineering 💻💻🖥🖥🖥 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21 Join @cstst21
Show all...
Barruun kun ibsa gabaabaa akkaataa afoolli hawaasa keenya itti funaanamu irrattii qajeltoo muraasa nuuf ka'a. Akkasumas 👉 Kaayyoo sagantaa funaansa Afoola kana 👉 Eenyummaa Waldaa GSEDA 👉akkaataa funaansi kun irratti raawwatu irratti fi kanneen biroo irratti ergaa muraasa dabarsa. Barruu kana dubbisuudhaan waamicha kana irratti akka hirmaattan kabajaan isin gaafanna!! Odeeffannoo dabalataaf: 👉https://t.me/gareeFAD
Show all...
Show all...
Dorgommii ICT sa'aatii saddeetiif tureerratti hirmaannee 3ffaa baane - Barataa Naa'ol Taaddasaa

Dorgommii ICT sa'aatii saddeetiif tureerratti hirmaannee 3ffaa baane - Barataa Naa'ol Taaddasaa