cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

BBC Afaan Oromoo Official

Oduu - BBC News Afaan Oromoo BBC Afaan Oromoo irratti oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koo

Show more
Finland18The language is not specifiedNews & Media1 372
Advertising posts
93 530Subscribers
+14824 hours
+1 0287 days
+4 44630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Deetaa Ministeera Nageenyaa duraanii Itoophiyaa Obbo Taayyee Danda’aa humnoota ‘’farreen nageenyaati jedhaman deeggaruu, meeshaalee waraanaa seeraan alaati jedhaman qabachuun mana murtii olaanaa federaalaa ramaddii Araadaa dhaddacha yakkoota heerafi sirna heera ilaalutti himataman. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/AF4faMy
Show all...

Waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru mormuun hiriirri US keessatti gaggeeffamaa jiru yuniversitiiwwan Kolombiyaa fi Yale keessatti akkaan hammaateera. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Okdq60Y
Show all...

Itti-gaafatamaan Tikaa Humna waraanaa Israa’el haleellaaa nOnkoloolessa 7 Hamaas Israa’el irratti raawwateen walqabsiisuun aangoo gadhiisan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/tca4Hgk
Show all...

Evartan dirreesaa Gudisan Paarkitti kilaba waancaaf wal'aansootti jiru- Liivarpuul mo'achuun dhiphuu fi dhiibbaa jala jiru obbaafate. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/4gsuPFC
Show all...

Lammiileen Itoophiyaa 77 ta’an jireenyi godaansaaSaawudiifi Yamaniitti dabarsaniin nufan gara Itoophiyaa maatiisaaniitti deebii’uuf murteessan.Murteessaanii kanas dallaalaatti himanii Ebla 22, 2024 galgala bidiruu gara Jibuutiitti ceeesiiftuu qophii ta’u itti himan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/MA9SO2p
Show all...

Waraanni Raashiyaafi Yukireen biyyoota addunyaa adda qoodee erga eegalee amma bubbuuleera. Kanaanis biyyoonni lixaa Yukireeniif deeggarsa meeshaalee waraanaa adda addaa taasisuudhaan bira yoo dhaabbatan, Raashiyaa ammoo dhorkaawwan garaa garaa irra kaa’un diinagdeen dadhabsiisuuf yaalaa turan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/FtAw7WL
Show all...

Lammiilen Itoophiyaa heddu gammoojjii heddu qaxxaamuranii, beelafi dheebuu, roobafi aduu, danda’anii guyyaa kaan ammoo du’aan waldhaansoo qabanii kan carrooman du’arraa hafanii biyyoota Awurooppaa gahu. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/iCetXnr
Show all...

Kadir Tolaafi namoonni heddu daandii guddicha Seenti Paawul, Minesootaa keessatti argamu gubbaa konkolaatan osoo deemanuu konkolaataa daandii qarqaratti balaan mudatee boba'aa jirutti bahan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/lYEBw47
Show all...

Sanada sobaatiin Doolara Ameerikaa miliyoona jaha ol baankiirraa baasuuf yaalun kan himataman Luba Balaay Mokonnin, bakkicha ‘ namoonni na gowwoomsaniitu na geessan’’ jechuun mana murtiitti himuusaanii abukaatoon isaanii Tuulii Baayyisaa BBCtti himan. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/dy6Y5V0
Show all...

Viidiyoo kun daandii guddicha US Miiniisootaa irratti yeroo namoonni maanguddoo ibiddi konkolaataasaatti qabate lubbuu oolchuuf yaalii taasisaniidha. isaan keessaa tokko dhalataa Itoophiyaa Kadiir Tolaa yoo ta'u taatee sana ilaalchisuun akkasiin BBC Afaan Oromootti dubbate. via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/UOI4F7w
Show all...