3 839
Subscribers
No data24 hours
-197 days
-10430 days
Posts Archive
3 839
Barattoonni kutaa 12ffaa sagantaa Tiitooriyaalii isiniif bahe kanaan sa'aatii keessaniin argamtanii akka barattan isin beeksisna.
3 839
AKEEKKACHIISA. Barattoota mana barumsa keenyaa hundaaf. Gamoon mooraa keenya keessa jiru kan biirootti aanee jiru kutaa SMART Class fi biiroolee adda addaa taasisuuf keessummoonni dhufanii akka ilaalaniif waan qulqullaa'ee jiruuf guyyaa beeksisni kun barreeffamee kaasee barataan gamoo sana keessatti argame kamiyyuu kan itti gaafatamtan ta'uu keessan beektanii bakka itti dubbistan gamoo isa mana nyaataa fi mana dubbisaatti akka taasisifattan ergaa isa dhumaa isiniif dabarsina. Mana barumsaa
3 839
Ergaa sirreeffama ariifachiisaa
Jaallan akkam jirtu maree guyyaa hardhaa sadarkaa ministeera barnootaatti taasifameen qormaanni kutaa 12ffaa kutaa 10ffaa sirna barnootaa duriitii keessaa kan bahu ta'u waan nu qaqqabeef
1. kutaa 9fi10ffaa sirna barnoota durii irratto hundaa'uun shaakalliifi tutooriyaaliin akka kennamu
2. Barattoota social science ilaalchise economics kutaa 11fi 12ffaa keessaa kan bahu ta'u hubatame sirreeffama akka taasistan.
3. kutaa 11fi 12ffaa keessaa sirna barnoota haaraan akkuma jirutti
Dogoggoora uumamef gamanumaan dhiifama gaafachaa xalayaan officially boru ganama karaa keenyaan ykn Daarektoreti qormaataatiin kan isin qaqqabsiifnu ta'u nuuf hubadhaa.
3 839
Ergaan kun karaa biiroo Barnoota Oromiyaa waan nu qaqqabeef warri kutaa 12ffaa akka dubbistanii odeeffannoo dogoggoraa kanaan dura nuuf dabarsan waan kanaan sirreessaniif akka qorumsi seensa Yuunivarsiitii qabiyyee kan kutaa 10ffaa hammatu barsiisonnii fi barattoonni keenya beektanii qophii barbaachisu taasistan manni barumsaa ergaa isiniif dabarsa. M/B
3 839
Repost from ETHIOPIAN SOCIAL SCIENCE STUDENTS
@Tmhrt_Minister Maths G-12 Lesson Note on Probability.pdf3.77 KB
3 839
Akka mana barumsa Addaa Sad. 2ffaa Yuunivarsiitiitti Ambootti Sagantaan Arjooma Dhiigaa Guyyaa jalqabaa haala baay'ee ajaa'iba ta'eefi barattoonni keenya beekumsa qabaniin boru biyyaa fi hawaasa abdii guddaan isaan eegaa jiruutajaajiluuf sammuun/beekumsaan qophaa'aa jiran har'as du'a haadholiifi daa'immanii sababa balaa tasaatiin dhiiga dhabuutiin du'aa jiran hir'isuu keessatti gahee isaanii bahaa jiraniif manni barumsaa galata guddaa galchaa haaluma kanaan warri haftanis guyyaa boruutti qophooftanii dhuftanii dirqama lammummaa keessan baatan ergaa isiniif dabarsina. M/B
3 839
barattoonni keenya hubannoo argattaniifi quuqama lammummaa kanaan dura keessa keessan jirutti dabalachuun harcaatii fi dirqama tokko malee lubbuu lammii keessanii baraaruu keessatti gahee keessan bahuun ashaaraa fi seenaa hin dagatamne lafa keessanii darbuun 1ffaa bahuuf hawwii qabnu dhugoomsuun akka barnootaan akka oromiyaatti 1ffaa taanee sammuu uummata keenyaa ol qabne lubbuu hawaasa keenyaa baraaruun abbaa geebba akka nu taasistan manni barumsaa shakkii tokkollee hin qabnu. mana barumsaa keessan.
3 839
Nagaan isiniif haataβu jechaa, linkii kobotool (https://ee.kobotoolbox.org/x/SYKKaoT0) jedhamu telegrama keessan kanarratti maxxanfame fayyadamuun bargaaffii (questioner) dhimma qulqullina barnootaarratti dhiyate kana akka nuuf guuttan kabajaan isin gaaffanna. Yaadni isin guuttan qulqullina bornootaa fiduurratti gaβee olaanaa qaba.
Galatoomaa! Liinkichi isa Kotooolbox.org jedhu kanaadha
3 839
B/toota m/b keenyaa bara 2016 qorumsa fudhattanii Yuunivarsiitii Seentan hunaaf Questionnaries liinkii kanaan isiniif ergame kana guuttanii akka qulqullina barnootaa biyya keenyaa fooyyessuu keessatti hirmaattanii akka addaatti karaa mana barumsa keessanii waan affeeramtaniif hanga boru(27/5/2017) sa'a 9:00 tti liinkii armaan gadii kanaan summit naaf gootan isin gaafachaa ajaja koo fudhattanii waan guuttaniif kabajni koo guddaadha.Daarektara MB keessaniifi abbaa keessan B/sa Baqqalaa Margaa.Hub.1.B/toota qorumsa seensa Yuunivarsiitii hin qoramne hin ilaallatu.
2.B/toonni qoramtan hundi akka guuttan waan barbaadamuuf odeeffannoo kana waliif dabarsaa.
M/B
