cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

🙏ALL OROMIYA YUNIVERSITY STUDENTS 🙏

Group keenya @oromiiyyaa Yaddaa Qabdan karaa bot nuu baressa @Odduuuubot

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
227
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Ergan Si Jaaladhee ~ Rafee suman yaada hirriiban qabu ciisee Guyyaas suman laala yaadan fakkii kaasee ~ Nyaadhu natti hin goru dheebuun kiyyas sumaa Dhibee onnee kootii siinan wallaanamaa ~ Tumaan laphee kootii maqaaf suura keetii Boonaa koo simalee iji koo yoom laaltii ~ Egaa kanumakaa dhugaan lafa jiruu Onnee koo siif malee Eenyufuu hin hiruu ~ Koottu kana beekii sin eega dhaabbadhee Barootni darbaniiru ergan si jaaladhee ~ By @debre_tabor_fresh_students #Yaadaafiqeeqaa Qabdan karaa bot keenya 📥 @odduuuubot
Show all...
AtomanTurikii MAAL MALLISAA Jedhu qabate dhufee #lyrics Hoofan hadha biyaa Hoofan abbaa biyyaa Hoofan barata koo Hoofan barattuu koo Hoofan qotee bulaa Hoofan abbaa biyyaa Karaa baay'ee qabna Yoom nu dhibe karan irra deemnu Silaa numa deemna numa deemna Maalif galma hin geenyu Karaa nu qabe moo garaadha laa Maaf gahuu dadhabne Duunee gumaa dhabne Lammikoo ammawoo nuu game Rooroon nutti hammaatte Sabakoo ammawoo nuu game Duunee gumaa dhabne Lammikoo ammawoo nuu game Akka waan lollee lolchisuu Tasuma hin dandeenye Akka dina lolle ofirraa Qoladhuu dadhabnee Gara laafnee buluu keenyaan Dinaaf salphaa tane Jaarraa tokkoof du'aa turre Kunoo har'as duune Maal mallisaa maal mallisaa Maali egaa malisaa Maal mallisaa maal malisaa Maali malli mallisaa Tokko hin dusa tokiko hin ajiesisa Dhufaa darba nuyi numaan cabsa Keenya ammallee sanuma saneen isaa Maal mallisa keenya maal mallisaa Karaa baay'ee qabna Yoom nu dhibe karaan irra deemnu Silaa numa deemna numa deemna Maalif galma hin geenyu Karaa nu qabe moo garaadha laa Maf gahuu dadhabne Duunee gumaa dhabne Lammikoo ammawoo nuu game Rooroon nutti hammatte Lammikoo ammawoo nuu game Rooroon hin hammaatte Lammikoo ammawoo nuu game Hayyuuf goota meeqa arjoomne Kunoo har'a geenye Anoleef Calanqoora tarraan Bishooftuuti raaji taane Garaa lafnee buluu keenyaan Dinaaf salphaa taane Waggaa dhibbaf du'aa turre Kunoo har'as duune Mal mallisaa maal mallisaa Maali egaa mallia Maal mallisaa maal mallisaa Mali malli maliaa Tokko hin du'a tokko hin ajjeesisa Dhufaa darbaa nuyi numaan cabsa Keenya ammallee sanuma Saneen isaa Maal mallisaa keenya maal mallisaa Maal mallisaa maal malisa Maali egaa mallisaa Mal mallisaa maal mallisaa Maali malli malisaa Harargeen mancaa qaraan (2) Jidda farda leenjise Roorroon daangaa dabaraan Qeerroon falma murteesse (2) Addaggeen safuu hin beektu (X2) Addarra dhaaban malee Falmadhu Qeerroo suma Abdiin sabaa yoomillee Si beekuuf bar shororkaawu Kanaf garaa jabatu Irreef humna qabanin ijibbaata falmatu Sin miti farda keeyyuu Hin beeku bareechani Gaafa gaarreen Adawaa Gaafa Maqalee sani Gameessakoo yaa Abba Daamaa Yaa Abbaa Daalee yaa Abbaa Shaanqoo Soori fardakee qopheessi Eebookee qari soroorsi Gaachana fannoora buusi Roorroo didee sirra marse Maalif duuta mana teessee Alaa eega hin abjootin Abju hin taane Kaafadhu fardakeen falmi Araat kiloof situ aane (2) Alaa eegaa hin abjootin Abjuu hin taane Kaafadhu mancaakeen loli Araat kilof situ aane @Atoman24 @oromiiyyaa @debre_tabor_fresh_students
Show all...
Repost from Finfinnee Post
ARAADA JAALATAMAA! “Araada tokkoon wal haa barru. Araada baay'een ittiin rakkatu irraa adda. Araada aara hin qabne, araada jaalatamaa! Araada kanaan qabamuun carroomuudha. Namni araada kanaan qabame sadarkaa itti aanutti darbuuf tattaafata malee dhiisuuf yaalii hin godhu. Araada jaalatamaa! Abbaa irraa ilmatti, hangafaa quxisuutti, kan duraa irraa kan dhufutti osoo darbee daandii mil'uu gara kaleessaa, sakatta'iinsa isa har'aa fi mul'ata boruu ta'uun dhalootaaf miidhagina hiixata. Eeyyeen! Nama irraa namatti yoo darbe dhiibbaan isaa ba'aa osoo hin taane bu'aa buusa, qara baasa, daba sirreessa, dhangaa nyaataa fi dhugaatii ta'uun dheebuu fi beela bakkaa kaasa. Araadichi araada jaalatamaadha! Nama araada kanaan qabamee fi hin qabamne jidduu garaagarummaa mul'ataatu jira. Araada jaalatamadha. Kanaafi! Bu'aan araada kanaa arraba gabaabsa, afaan dhiphisa, sammuu immoo daran bal'isa. Eeyyeen wallaalaa beekaa godha, beekaa immoo ittuma qara. Keessa namaa haaressuun fakkaattii alaa jijjiira. Quba namatti qabbii hir'isuun, of beekuu fi sakatta'iinsa keessa namatti dhiyeessa. Of nama barsiisa! Kan of bare immoo, ofiifis ta'ee hawaasa keessa jiraatuuf jal'isii ta'ee kan goge jiisaa, kan jiidhe immoo lalisiisa malee, lolaa ta'ee kan jiru balleesssuun abdii namaa hin golgoleessu. Araada jaalatamaa! Araada dubbisuu sana. Araada dubbisaa! Namni dubbisus isa hin dubbifne irraa adda. Dubbisaan dubbii tola; hammi dubbatus faara tolaan namaa liqimfama. Dubbiin isaas akka damma daamuuti; dhaggeeffataan 'dhaggeeffadhuu' malee dhaggeeffachuuf dirqamama. Dubbisaan waan dubbatu beeka, waan beeku dubbachuufis sodaan hin moo'atamu. Eeyyee, araada dubbisaa haa horannu! Haa dubbifnu!” #Abdiisaa Ejjetaa akka barreessetti. @abdimegersa @afaanoromoogroup
Show all...
Bira Gahuu dandeessa. Warri dirree Olympic irratti bahan injifannoo barbaadu,warri hojii hin qabnee(kaadhimamtoonnii) hojii barbaadu. Yoo warri milka'aaniif warri hin milkaa'iin galma Wal fakkaata waliin qoodatan, galmi warri mo'aniif warra mo'atanii akkamiin adda hin bahu. Galmi yoomiyyuu taanan achuma jira. Inni walitti fufiinsa wantoota xixxiqqoodhaan foyya'aa deemanii Kan ati ittiin waan barbaadu argatuuti. Galmi ati yeroo hedduu bira gahuuf yaaddee dadhabde maali ?. Galma sana bira gahuuf malootni ati fayyadamte maali ?. Daqiiqa muraasa qofa itti yaadi bira gahuu dandeessaa. @oromiiyyaa @debre_tabor_fresh_students #yaadaafi qeeqaa Qabdan karaa bot keenya @odduuuubot @Tokuummanbot
Show all...
1. Wɑ sɑdii eegii ⭐biyyɑ ⭐hɑɑdhɑ ⭐ijɑ 2. Wɑ sɑdiif qophɑɑ'i ⭐dirqɑmɑ sitti lɑɑtɑmu ⭐beekumsɑɑf ⭐gɑɑ'ilɑɑf 3. Wɑ sɑdii kɑbɑjjii ⭐wɑɑdɑɑ ke ⭐hiryɑɑ ke ⭐gɑɑ'ilɑ ke 4. Wɑ sɑdii too'ɑdhuu ⭐Arɑbɑɑ ke ⭐dɑllɑnsuu ke ⭐miirɑ ke 5. Wɑ sɑdii dinqisiifɑdhu ⭐bɑreedinɑ ⭐jireenyɑɑ ⭐uumɑmɑɑ 6. Wɑ sɑdii jibbii ⭐komii ⭐inɑɑffɑɑ ⭐hɑmeenyɑ 7. Wɑnti sɑdii bɑyyee si bɑrbɑɑchisuu ⭐Amɑntɑɑ ⭐Abdii ⭐jɑɑlɑlɑ 🙏 Hiriyyoota Keetif #Share Godhii. @orimiiyyaa @debre_tabor_fresh_students
Show all...
Hoggantuu dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID, Samaantaa Paawor daawwannaa hojiif gara Itoophiyaafi Sudaanitti akka imaluuf jiran dhaabbatichi beeksiseera. via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3j3o7fK
Show all...
Samaantaa Paawor፡ Hoggantuun USAID dhimma Tigraay ilaalchisuun dhiibbaa dippilomaasii taasisuuf Itoophiyaa daawwachuuf

Hoggantuu dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID, Samaantaa Paawor daawwannaa hojiif gara Itoophiyaafi Sudaanitti akka imaluuf jiran dhaabbatichi beeksiseera.

Itoophiyaan Olompikii irratti fageenya 10,000m'n warqii yoo argattu erga Olompikii Beejingii bara 2008 Atileet Qananiisaa Baqqalaan itti argamsiise as kuni kan duraati via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/2WwU9ZT
Show all...
Olompikii Tookiyoo: Solomoon Baaraggaan 10,000m'n warqii jalqabaa Itoophiyaaf argamsiise

Itoophiyaan Olompikii irratti fageenya 10,000m'n warqii yoo argattu erga Olompikii Beejingii bara 2008 Atileet Qananiisaa Baqqalaan itti argamsiise as kuni kan duraati

4_6035370808358996082.pptx0.77 KB
4_6028172915617302778.pdf0.92 KB
4_6010396776123599510.pdf1.11 KB
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.