Erga Entertainment
Open in Telegram
Official Khaxari Telegram Channel Website : https://khaxari.net Contact me abdi@khaxari.net
Show more7 998
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
7 998
ABDI KHAXARI
...........;;..........
Hunduma caalchisee
Wanti nama dinqu
Sammuu ilma namaa
Akka malee jeequ
Namuma akkami
Ajaa'iba garuu
Hamtuu namaa hin qabdu
Garaa kheysaa booruu
Jaalalaan guutamte
Tee sammuu fii garaan
Xaliila akka maddaa
Siin jaaladha dhugaan
Abdii khoo khaxarii
Abdii sabaaf kha'e
Dhaloota boodaatiif
Fakkii siitu tahee
Hayyuu yaa gameessa
Nama khoo qaruxee
Hunda saba kheetii
Onnee siitu lixee
Artii Waan ja'amuu
Artistiif hayyaata
Hundi duuba isaatti
Khaxari hammataa
Munshidoota jattuus
Namuu si barbaadaa
Atii malee hundi
Kharaa maqee badaa
Silaa haatee deysee
Kha akka kheetii lamaa
Bu'uraaf dandeytii
Hidda kheetu cimaa
Gammadi yaa Harmee
Abdii sabaa deysee
Mullataf khaayyoo tee
Rabbi si garsiisee
Khee ilmi kaayyoo tee
Guutuuf hogguu fiigaa
Oliif gad kharayyu
Yoom dadhabbii argaa
Si teeysisaa Waaqni
Humaa caayaa isaa
Eybisi gam-tokkoon
Isaas jajjabeysaa
Milkaa'ina humaa
Fuuldurri khee garii
Korma kuma caaluu
Yaa Abdi Khaxarii
Siin Jaaladha Hiriyyaa khoo qaalii:@Khaxariiii
From:@Sayafshafi1
For my dear friend ❤️:@Khaxariiii
7 998
“Akkan hin deebinetti
Deemeera yaa tiru
Na hin eegiin barataa koo
Anoo dhufaa hin jiru!
Sin barsiisa jedhee
Yaadee manaa ba’ee
Karaattin hafe egaa
Akka carraa ta’ee…
Amma dabtara kee cufii
Qalama kees qadaadi
Akkaataa itti boossee
Na awwaaltu yaadi…
Assignment bulchii
Gaaffii qabdus kaa’ii
Qe’ee maatii kiyyaa
Dhaqii gadda taa’i…
Konkolaataan ani ittiin
Si qaqqabuuf eege
Waadaa keenya nyaatee
Lubbuu koo wareege…
Beekumsa ani siif qooduuf
Umurii itti fixe
Dhiigaafi lafee koo waliin
Hallayyaatti lixe!
Kan nyaatte hin deebistu
Dacheen ni jabaatti
Ba’een karaatti hafe
Jedhi kaa nagaatti!”
Barsiisota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, kan har’a balaa konkolaataatiin dhumaniif gadda guddaatu natti dhaga’ame. Lubbuun keessan jannata haa boqottu obbolaan koo!
@Waloo_Leta
7 998
Namoonni dugda kee duubaan haasa’an yoo ta’e, kan fuulduraa si ta’uu keetti gammadi.
Ergaentertainment.com
7 998
Booyeetin kofalee
Imimmaan na qabe
Koflaaf jedhee bo'uuf
Ijakoo maaltu gubee
Imimmaan kan yaa'uuf
Kolfaaf ta'a mo boo'ichaa
Keessi koos Nagaya ta'uuf
An nan dhabe qorichaa
By @kaxari
