3 632
Subscribers
No data24 hours
-107 days
-730 days
Posts Archive
3 632
Repost from Oromia Health Bureau
Follow Oromia Health Bureau Second Annual Research Conference Live transmission With This Link
3 632
Updates and Attention: 👉Jijjiirraa Hojjataa Addatti Waajira Fayyaa Bulchiinsa magaalaa Shaggariif Hayyama...Ragaan ergamuu kamuu karaa qindeessaa HR Godinaa fi Hospitaalaatiin ta'ee lakk.Telegram +251 92 120 7323,+251 91 177 4567 ragaan sirritti qindaa'ee fi murteef ta'uu ergamuu qaba.
3 632
Repost from Oromia Health Bureau
DHUKKUBA KOLEERAA FI TOOFTAALEE ITTISAA
Dhukkubni Koleeraa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaa vibroo koleereetiin (Vibro cholerae) tiin dhufu ta’ee garaa kaasaa fi haqqee sardaaf kan nama saaxiluu fi du’aatii geessisuu kan danda’uudha.
MALLATTOOLEE DHUKKUBA "KOOLERAA"
• Garaa kaasaa sardaa yookiin walirraa hin citne. Bifti garaa kaasaa bishaan ruuzii ittiin miiccan ykn affeelan fakkaata. Akkasumas, foolii baay’ee badaa kan hin qabnee dha
• Balaqqamsiisa/Haqqee sardaa yookiin wal irraa hin citne
• Dhukkubbiin mataas qabaachuu danda’a
DHUKKUBA KOLEERAAF MAALTU NAMA SAAXILA?
• Hanqina Qulqullina dhuunfaa fi naannoo
• Mana fincaaniitti sirnaan fayyadamuu dhabuu
• Nyaataa fi Bishaan dhugaatii qulqulluu hin taane fayyadamuu
• Nyaata dheedhii yookan hin bilchaatiin soorachuu
• Kuduraa fi fuduraa faalaman soorachuù
• Meeshaalee nyaataa fi dhugaatii qulqullina hin qabnetti fayyadamuu fi kkf dha.
Maloota ittisa dhibee Koleeraa
• Nyaata qulqullinni isaa eegamee fi bilchaate soorachuu
• Kuduraa fi fuduraa bishaanii fi saamunaan miiccuudhaan soorachuu
• Bishaan qulqulluu dhugaatii fi nyaata qopheessuuf fayyadamnu
• Harka bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachuu
• Mana fincaaniitti sirnaan fayyadamuu
Nama mallattoon dhukkuba "Koleeraa" irratti mul'ate bifa tuttuqqii hambisuu danda'uun hatattamaan gara dhaabbata fayyaa dhiyoo jiruutti geessuun yaalchisuu qabna
Fayyaan nama hundaaf!
