Ogeeyyiin fayyaa Oromiyaa, kaffaltiin idileen-alaa haaromsa miindaa ammaatiin kaffalamuu dhabuu komatan
ONM-ABO Amajjii 15,2026
Oromiyaa keessatti oggeeyyii fayyaatiif, kaffaltiin shallaggii saāaatii idileen-alaa (duty)n haaromsa miindaa ammaatiin kaffalamuufii dhabuu ogeeyyiin komatan.
Ogeeyyiin fayyaa Oromiyaa maddeeniif yaada kennan, mootummaan Federaalaa hojmaata kaffaltii kana labsiin utuu fooyyessee jiruu, Oromiyaan garuu raawwii kaffaltii kana raawwachuu dideeraā jechuun himatan.
Ogeessi fayyaa rakkoo nageenyaa isaaniif jecha maqaan isaa akka hin eeramne gaafatan tokko, ākaffaltiin ogeessa fayyaaf kaffalamaa jiru gadi buāaa taāuun maatii ofii ittiin jiraachisuufuu gahaa mitiā jedhan. ākaffaltiin ogeessa fayyaaf heeraan Mootummaa Federaalaa irraa bahe sirnaan wal-qixa diriirfamuu dhabuun ammoo rakkoo biraatisā jechuun dabalataan dubbataniiru.
Ogeessi biraa kan ammas sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka eeramu hin feene, rakkoo kaffaltii hojii idileen alaa kun komii guddaa taāuu dubbatu.
Ogeessi fayyaa kun, āamma yeroo amma miindaan hojjettootaa fooyyaāeera, kaffaltiin tajaajila idileen alaa kunis silaa miindaa haarawa kanaan utuu shallagamuu qabuu, bulchiinsi Oromiyaa hojmaatuma duraan itti fufeeraā jedhu.
Waldaan Ogeessota Fayyaa Oromiyaas kaffaltiin idileen alaa ogeeyyii fayyaa kan Oromiyaa sadarkaa miindaa duraan akka kaffalamaa akka jiru mirkaneesse.
Hogganaan Waldaa Ogeessota Fayyaa Oromiyaa, Doktar Balaayinee Lataa, Addis Standardātti akka himanitti, koreen hojiraawwachiistuu waldaa isaanii komii ogeessota fayyaa irraa kaāe balāinaan qoratee, hojimaatni amma jiru qajeelfama seeraan baāe waliin kan wal hin simne taāuu mirkaneessuun xalayaa komii, Biiroo Fayyaa Oromiyaatti erguu himan.
Doktar Balayineen, qajeelfamni Mana Maree Ministiroota Federaalaatiin baāee, Ministeera Fayyaa Federaalaatiin gara naannooleetti darbee, Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Oromiyaatiin mirkanaaāee hojii irra jiru, kaffaltiin saāaa hojii idileetiin-alaa mindaa hojjetaatiin shallagamee guyyaa 30ātti qooduun herreegamuu akka qabu ifatti tumamee jira jedhan.
Haa taāu malee, Biiroo Fayyaa Oromiyaatiin, kaffaltiin amma raawwatamaa jiru miindaa ogeessi yeroo ammaa argatu irratti kan hundaaāe akka hin taanes eeran.
Buāuuruma kanaan, waldichi xalayaa banaa Biiroo Fayyaa Oromiyaatiif ergeen āajajni afaanii hooggansa Biiroo Fayyaatiin gara dhaabbilee fayyaatti darbe buāuura seeraa kan hin qabneefi, daangaa aangoo kan hin kabajneefi mirga ogeessota fayyaa kan sarbedhaā jechuun ibseera.
Ajajni kun rakkoo bulchiinsa gaarii uumaa jiraachuu himuun, tajaajila hawaasaa irratti dhiibbaa osoo hin uumin dura akka sirreeffamus waldichi gaafateera.
Dabalataanis, qajeelfamni mootummaa federaalaa garaagarummaa kaffaltii naannoolee gidduu jiru dhabamsiisuuf kan baāe taāus, faallaa kanaan ā kaffaltiin bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti kaffalamaa jiruufi Oromiyaatti kaffalamaa jiru garaa-garummaa qabaā jechuun murteen kun dogoggora taāuufi wal madaaluu akka qabu Waldaan Ogeessota Oromiyaa akeekeera.
Hoogganaan Waldaan Ogeessota Fayyaa Oromiyaa, Dokter Balaayine Lataa, kaffaltiin hanga ammaatti hin raawwatamin ture ogeeyyiirratti dhiibbaa cimaa uumuu eeruun, haalduree tokko malee sirreeffamni kaffaltii akka raawwatamu gaafataniiru.
Dokter Balaayine Lataa Addis Standardā tti akka himanitti Waldichi, Xalayaa komii Biiroo Fayyaa Oromiyaatif ergeen, ammatti duub-deebii akka hin arganne eeran.
Gama biraatiin, Ministeerri Fayyaa Federaalaa shallaggii saāaa hojii dabalataa akka fooyyaāu, qajeelfama Komishinii Sivil Sarvisii Federaalaa lakk. 921/2014 ātiin akka raawwatamu Biiroo Fayyaa Oromiyaaf beeksisuu yaadachiisuun, haalli kun Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti hojiirra ooluu isaas ibsaniiru.
Akkasumas, saāaatiin hojii dhaabbata irraa dhaabbatatti garaagarummaa qabaachuu kaasuun, dhaabbilee wal-fakkaatan hunda keessatti saāaatiin guyyaa tokko ogeessaaf qabamu wal-fakkaataa akka taāus gaafachuu eeraniiru.