Qaroo Academy
Open in Telegram
Winners don't do different things, they do things differently! Dhaloota qubeetiin, Dhaloota qubeetiif! @qarooacademy join godhaa! https://www.youtube.com/@qarooacademy9420
Show more2 478
Subscribers
No data24 hours
+37 days
-1030 days
Posts Archive
2 478
Ilaalcha gaarii qabaachuu.... Si fayyadaa dubbisi!
***
Ilaalcha gaarii jechuun yaada madalawaa, kan wanta gaarii of keessaa qabu fi sammuu huubataa kan akkaata nuti haalotaaf, namootaafiifii mudannoo keenyaaf deebii laannu kan murteessu jechuudha.
Ilaalcha gaarii qabaachuun waa’ee isa yeroo hundumaa gammaduuu miti, waa’ee dhiyaannaa gaarii ta’ee fi waa’ee wanta sirrii ta’e filachuuti. Barachaa deemuu, of jijjiiruu, guddachuu, hammeenya yaaduu dhiisuu, hinaaffaa of keesaa balleessuu fi k kf of keessatti qabata.
Qabiyyee ilaalcha gaarii muraasa..
.......................................
1. Waa’ee ofii keenyaaf yaadaa gaarii qabaachuu; kaayyoo keenya fiixaan baasuuf dandeettii qabnu ga’aa ta’uu of amansiisuu fi firii gaarii eegudha.
2.Rakkinaan/kufaatiin /dogogoraan mo’amuun duubatti deebi'uu dhabuu; namni ilaalcha gaarii qabu rakkina, kufaatii ykn dogongora irraa barata malee ittiin hin badu.
3. Galateeffachuu; yoo waanti argannee xiqqos ta’e guddaa galateefachuun gaaridha.
4. Gara laafina; yaada namootaa hubachuu fi miira isaanii qooddachuu, gargaaruu.
5. Sammuu banamaa qabaachuu; yaada haara fi muuxannoo haaraa fudhachuuf qopha’aa ta’uu.
6. Itti gaafatamuummaa; waan hojjannu hundumaatti itti gaafatamummaa fudhachu.
7. Kabaja; of kabajuun namoota warra kaanis kabajuu.
8. Yaada gaarii maddisisuu; waan nuti haasofnu, barreessinu, qeeqnu namoota biraa muffachisuu dallansiisuu hin qabu, waan ofii keenyaa jibbinu namoota biroo irrattis akkaa ta’u gochuu hin qabnu.
9. Obsa qabaachuu, ariifatanii murteessuu dhiisuu, waan hojjannu suuta hubannaadhaan dalaguu.
10.Haalli kana dura hin baratamne tokko yoo nu quunname dafanii of barsiisuu/of madaqsuu(flexibility)
Bu’aa ilaalcha gaarii qabaachuu
...................................................
1. Fayyaa sammuu keenyaa fooyyessa
Illaalcha gaariin dhiphina, sodaa fi mukuu/depression hir’isa.
2. Qaamni fayyaa akka ta’u godhaa(enhance physical health); qorqnnoon akka himutti ilaalcha gaarii qabaachun sirni ittisa dhukkubaa(immino system) qaama akka jabaatu godha.
3. Walitti dhufeenya gaarii akka uummannu godha.
4. Waan hojjannutti fiixaan ba’umsa akka qabaannu ykn akka milkooynu nu godha.
5.Obsaan cimnee Akka dhaabannuuf(greater resilience) nu gargaara.
6.Gammachuu nuuf dabala, akkasumas jireenya jiraannuutti akka itti quufinsa(satisfaction) qabaannu godha.
Ilaalcha Gaarii Akkamitti Horannaa(how to cultivate good attitude)?
.... yoo isinitti tole itti fufna.
Galatoomaa!
Fayyaan dhabinaa!
Fayyaa dayaa!
Via Dr Hamzaa
@Qarooacademy
2 478
Mallattoolee Dhukkuba Vaayirasii Marburg
**
Dhukkubni Vaayirasii Marburg-iin dhufu talaallis ta’ee qoricha addaa ka isa waldhaanu hinqabu. Talaalliin isaa qorannoo irra jira. Dhukkubsattootaaf yaalli dandamachiisuu adda addaa ni kennama. Kun ammoo du’aatii sababa dhukkubichaatiin mudatu hanga tokko hirdhisuu ni danda’a.
Nama mallattoo dhukkubichaa muldhiseef saaxilamanii vaayirasichi yoo namatti tare, guyyaa lamaa hanga digdamii tokkoo keessatti mallattoo muldhisuu jalqaba namni tokko.
Yeroo hedduu (yeroo hunda ta’uu baatus), Mallattooleen inni muldhisuu fi tartiibni mallattooleen itti muldhatanis akka kanaa gadiiti:
Mallattooleen dura muldhatan (mallattooleen guyyaa duraa) hoo’a qaamaa, bowwoo cimaa, fi miira dadhabii hamaa ta’edha. Dabalatan, dhukkubbiin maashaalee fi buusaawwanis jirachuu danda’a.
Baasaan gar-malee haphii ta’e, dhukkubbiin garaa, lollojjiniifi haqqeen guyyaa sadaffaa irratti ni muldhatu. Dabalatan, guyyoota lamaa hanga torbaa jiddutti shifiniin gogaa qaamaa irratti ni muldhata.
Guyyaa shan yoo gahe—dhiigni afaanii, irgaa, funyaanii, akkasumas bifa haqqeetiinii fi baasaatiin ni jiga.
San booda dhukkubsataan gara dadhabuu, gara of-wollaluu deema. Dhukkubichis gara hammaachutti deema. Qamaa fi sirna qaamota heddu dadhabsiisa. Yoo dhukkibichi haalaan cimaa ta’e mallattoo muldhisuu eegalee guyyaa 8 ykn 9-ffatti lubbuu galaafachuu danda’a.
Kanaaf, namoota mallattoolee kanniin muldhisan irraa qaamaan fagachuun barbaachisaadha. Namoonni mallattoolee akkanaa of-irratti argan ammoo hatattamaan gara dhabbilee fayyaa deemuu qabu.
—-
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Dr. Nuredin Luke
@Qarooacademy
2 478
Hemorrhagic Fevers | overview for community education and prevention
Eight suspected cases of hemorrhagic fever have been reported in Jinka town, Ethiopia. The exact virus is still under laboratory investigation, but health authorities have intensified surveillance, contact tracing, and community awareness to prevent further spread.
As prevention is paramount, I took time to compile a detailed overview for community education and prevention in the affected area and beyond.
🧾 Definition
• Viral Hemorrhagic Fevers (VHFs) are a group of severe illnesses caused by several families of viruses.
These infections are multi-systemic, disrupting vascular integrity, immune responses, and the function of vital organs.
Clinically, they are marked by high fever, a tendency to bleed due to vascular and coagulation abnormalities, and progressive multi-organ dysfunction, often leading to life-threatening complications1,2.
🩺 Clinical Presentation
• Early symptoms: sudden fever, fatigue, muscle aches, headache, sore throat.
• Progressive symptoms: abdominal pain, vomiting, diarrhea, rash.
• Severe signs: bleeding (nose, gums, gastrointestinal), low blood pressure, shock, organ failure.
• Note: Bleeding is not always present, but vascular damage is a hallmark1.
🔬 Diagnosis
• Clinical suspicion: based on symptoms, outbreak context, and exposure history.
• Laboratory tests (confirmation):
o PCR for viral RNA
o ELISA for viral antigens/antibodies
o Blood counts (low platelets, leukopenia)
o Liver and kidney function tests
• Differential diagnosis: always do not forget the common problems in the setting including malaria, typhoid, sepsis, dengue1.
🧪 Investigations
• Complete blood count: may show thrombocytopenia, leukopenia.
• Coagulation profile: prolonged clotting times.
• Biochemistry: elevated liver enzymes, renal impairment.
• Imaging: rarely needed, but may show organ involvement.
💊 Case Management:
• Supportive: as no universal cure; treatment is mainly supportive:
o Fluid and electrolyte replacement
o Oxygen therapy
o Blood transfusion if severe bleeding
o Treat secondary infections with antibiotics
• Specific antivirals: yet to be advised from the Ministry.
• Isolation and infection control: strict barrier nursing, PPE for health workers.
📈 Prognosis (outcome)
• Depends on the virus type: hence need early identification!
o Ebola/Marburg: high fatality (25–90%)
o Lassa fever: ~1% overall, higher in hospitalized cases
o Crimean-Congo hemorrhagic fever: 10–40%
• Early supportive care improves survival.
🛡 Prevention Mechanisms
• At community-level:
o Report suspected cases immediately.
o Avoid contact with sick individuals or dead animals.
o Practice hand hygiene and safe burial practices.
• At health system level:
o Rapid response teams, contact tracing, quarantine.
o PPE for healthcare workers.
o Vector control (rodents, ticks, mosquitoes depending on virus).
• Public awareness creation:
o Educate on symptoms and when to seek care.
o Avoid bushmeat and unsafe animal handling.
o Safe food and water practices.
✅ Key takeaway for Jinka community: Hemorrhagic fevers are serious but preventable. Early recognition, immediate medical care, strict infection control, and community cooperation are essential to stop spread.
I used these as references:
1. WHO | Regional Office for Africa
2. WHO Africa – Viral Haemorrhagic Fever Overview
Finally, please use this community-friendly educational flyer:
Kedir Negesso Tukeni
MD, Internist and cardiologist
Jimma University Specialized Hospital
November 13, 2025
Jimma, Ethiopia
@Qarooacademy
2 478
OF-EEGGANNOO! 🚨🚨🚨
Ibsa galgala kana baaseen Ministerri Fayyaa dhukkubni ammaaf maalummaan isaa guututti adda hinbaane Naannoo Kibbaa, Magaalaa Jinkaa keessatti mudatuu ibsee jira.
Dhukkubichis mallattoolee akka hoo’a qaamaa, qola ijaa diimessuu, baasaa dhiiga makate, dhiigni irga, afaan, funyaanii fi qaama biraatii dhangala’uu fa’a qaba.
Akka ogeeyyonni Hospitaala Jinkaa himanitti: torbee kana namoonni shan dhukkubichaan qabamanii lubbuun isaanii dabartee jirti. Isaan lubbuu dhaban keessaa lama ogeeyyota fayyaa (doktara tokkoo fi narsii tokkoo) kan dhukkubsattoota waldhaanaa turaniidha. Kun ammoo dhukkubichi nama irraa namatti haalaan daddarbaa ta’uu isaatiifi kan yeroo gabaabaa keessatti lubbuu galaafatu ta’uu agarsiisa.
Via Dr. Nuureddin Luukee
@Qarooacademy
2 478
#QormaataaKutaa12ffaa
#National_ID
Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 qoramuuf #National_ID haal-duree jedhe Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Biyyoolessaa.
Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 dorgomu kamiyyuu qormaata kanaaf galmaa'uu isaa dura waraqaa eenyummaa Biyyaalessaa argachuu fi qabachuu qaba.
"Barataan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa hin qabne hundinuu haala kamiinuu qormaataaf galmaa'uus ta'e qormaata fudhachuu hin danda'u" jechuun akeekkachiisaniiru.
@Qarooacademy
2 478
Ministeerri Barnootaa bara dhufu irraa eegalee ramaddii barattootaa akka dhaabu Ministiiri Barnootaa Piroofeessar Biraanuu Naggaa himan.
Barattoonni qabxii darbiinsaa galmeessan yunivarsiitiiwwaniifi damee barnootaa barbaadan akka iyyatan ni taasifama jedhaniiru.
Barnoonni yuunivarsiitii akka durii ramaddii Ministeera Barnootaan osoo hin taane, filannoo barattootaa irratti kan hundaa’u ta’uu himaniiru. Via OBN
Hojii irraa oolanii yaada baay'ee
gaarii dha isiin maal jettu.....?
@Qarooacademy
2 478
Qormaata Seensa Digirii Lammaffaa (NGAT) bara 2018 yeroon galmee ifoome.
Galmeen Qormaata Galmee Digirii Lammaffaa (NGAT) iyyattoota sagantaa digirii lammaffaa bara barnootaa 2018 barachuuf fedhii qabaniif Fulbaana 20 - 25/2018 akka gaggeeffamu beeksise.
Iyyattoonni ulaagaalee unka galmee irratti tarreeffaman guutuu fi karaa https://ngat.ethernet.edu.et galmaa’uu ni danda’u.
Guyyaan qormaataa booda akka ifoomu ibsameera.
Iyyattoonni gaaffii galmee waliin walqabatu kamiyyuu sa’aatii hojii idileetti 0920157474 ykn 0911335683 ykn karaa teessoo imeelii ngat@ethernet.edu.et qunnamuu ni danda’u.
Ministeerri Barnootaa iyyattoonni hundi waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Biyyaalessaa akka qabaatan yaadachiiseera.
Kaffaltiin galmee fi tajaajilaa birrii 750 karaa TeleBirr qofa kaffalamuu akka qabu hubachiiseera.
Odeeffannoo barnotaan walqabatan kamiyyuu argachuuf liinkii armaan gadii bantanii telegram keenya #join gochuun nu hordofuu ni dandeessu.👇👇
@Qarooacademy
2 478
Qabxiin darbinsa kutaa 12ffaa kan bara 297 akka ta'e ministeerri ibse!
Waa'ee remedial haga amma wanti jedhame hin jiru kanaaf obsaan egaa!
@Qarooacademy
2 478
Qabxiin darbinsa kutaa 12ffaa kan bara 297 akka ta'e ministeerri ibse!
Waa'ee remedial haga amma wanti jedhame hin jiru kanaaf obsaan egaa!
@Qarooacademy
2 478
Qabxiin Qormaata Kutaa 12ffaa Boru Ilaalama
-----------------
BBO- Fulbaana 04/2018 Barattootni Qabxii Qormaata Isaanii guyyaa boruu 05/01/2018 Sa'aatii 6:00 irraa eegalanii akka ilaallatan Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa ibsa miidiyaaleef kennaa jiran irratti dubbataniiru.
Kanaafuu, liinkii ergamu irratti hundaa'uun boru sa'aatii 6:00 irraa jalqabdanii kan ilaallattattan taha!
@Qarooacademy
2 478
Milkaa'ina Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa!
--------------------
BBO- Fulbaana 04/2018 MBIBBA Barattootni Isaanii Qabxii Bara Kanaa Olaanaa Galmeessisuun Barattoota Isaanii 100% Dabarsuun Milkaa'aniiru.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa 7nuufi MB Waldaa Misoomaa Oromiyaa Barattoota Isaanii 100% Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 Dabarsaniiru.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa;
- Amboo
- Beddellee
- Dodolaa
-Haramayaa
-Nageellee
-Najjoo
-Yaaballoofi
- WMO- Adaamaa dabalatee barattoota isaanii 100% kan dabarsan yoo ta'u, qabxiin olaanaan bara kana akka biyyaatti galmaa'es Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa keessatti ta'uun beekameera.
Isaanis:
Barnoota Saayinsii Uumamaan MBIBBA Dodolaa keessatti 591/600 kan galmaa'e yoo ta'u,
Barnoota Saayinsii Hawaasaan immoo, MBIBBA Amboo irraa qabxii 562/600 galmeessisuun qabxii bara kanaa keessaa 1ffaa ta'aniiru.
Walumaagalatti , Manneen Barnootaa Bultii Addaa Akka Oromiyaatti Qabnu Hunduu Qabxii Olaanaa Kan Galmeessisanfi Barattoota Isaanii 100% Dabarsaniiru.
Hubachiisa:- Qabxii Manneen Barnootaa Addaa ilaalchisee sagantaa itti aanutti kan dhiheessinu ta'a.
@Qarooacademy
2 478
Barattoota bara darbe qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa harki 8.4 dhibbeentaa 50fi isaa ol galmeessaniiru" Pirofeesar Birhaanuu Naggaa
Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa bu'aa Qormaataa Kutaa 12ffaa seensa Yuunivarsitii ilaalchisuun Miidiyaaf ibsa kennaa jiru.
Barattoota bara darbe qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa harki 8.4 dhibbeentaa 50fi isaa ol galmeessuus ibsan.
Barattoota miliyoona walakkaa ol qoraman keessaa kumni 48 fi dhibba 920 qabxii Yuunivarsiitii isaan galchu argachuus ibsan.
@Qarooacademy
2 478
Qabxiin Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 Ifoome.
-------------------------
BBO- 04/01/2018 Qabxiin Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 ifoomeera.
Akka Oromiyaatti Barattootni Qabxii 50%fi ol fidan 5.2%(14651) yoo ta'an, kan bara darbee 3.5% turuun ni yaadatama. qabxii olaanaa 500fi ol barattootni galmeessisan 794 yoo ta'an kan bara darbeen walcinaa qabamee yoo ilaalamu 305 kan ture irra dachaan dabaluu agarsiisa.
#Barataan_Qabxii_olaanaa galmeessise (591/600) Mana
Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa Dodolaa irraa ta'unis beekameera.
Akka biyyaatti barataa qabxii 50%fi ol fidan Finfinneetti aansee Oromiyaa ta'uun hubatameera.
#Walumaagalatti bara baraan jijjiiramni mul'achsa dhufuu agarsiisa.
Bal'ina odeeffannoo kanaafi #liinkii Qabxii ittiin laallattan booda dhiheessinaa, nu hordofaa!
@Qarooacademy
https://t.me/qarooacademy
