uk
Feedback

Не попадись на ботовода! Telemetrio знаходить і позначає такі канали мітками 👉 Хочеш бачити мітку, оформляй підписку

Qaroo Academy

Qaroo Academy

Відкрити в Telegram

Winners don't do different things, they do things differently! Dhaloota qubeetiin, Dhaloota qubeetiif! @qarooacademy join godhaa! https://www.youtube.com/@qarooacademy9420

Показати більше
2 768
Підписники
+124 години
+197 днів
+2430 днів
Архів дописів
#Waamicha #Freshman #Yuunivarsiitii_DebreMarqos Bara 2019 barattoota haaraa Yuunivarsiitii DebreMaarqositti ramadamtanii fi akkasumas bara 2018 barattoota Sagantaa Reemeediyaaliin barnoota keessan DebreMaarqositti hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa fiddaniif guyyaan galmee Onkoloolessa 16 fi 17 bara 2019 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera. Wantoota galmeef barbaachisan; ● Sartafikeettii kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ● Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ● Kaardii kutaa 8ffaa orijinaala fi kooppii isaa ● Suuraa gurdii 3*4 afur ● Ansoolaa, uffata qorraa, uffata boraatii fi hidhannoo Ispoortii @Qarooacademy

#JimmaUniversity Beeksisa Yuunivarsiitii Jimmaa Yuunivarsiitiin Jimmaa barattoota idilee yuunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay keessatti argaman irraa gara Yuunivarsiitii Jimmaatti yeroo muraasaaf dabarfamanii ramadaman, hanga waamichi galmee isaaniif taasifamutti bakka jiranitti obsaan akka eegan gaafateera. Yuunivarsiitichi ragaa barnootaa barattoota idilee yeroo muraasaaf ramadaman kanaa yuunivarsiitiiwwan isaan duraan barachaa turan waliin mari'achuun walitti qabuufi qindeessaa akka jiru ibseera. 📅 Onkololeessa 6, 2019 E.C. @Qarooacademy

#SemeraUniversity Barattoota Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay irraa gara Yuunivarsiitii Samaraa ramadamtan hundaaf Barattoonni duraan yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti barachaa turtanii, bara 2019 A.L.I. Ministeera Barnootaan yeroo muraasaaf gara Yuunivarsiitii Samaraatti ramadamtan, galmeen keessan Onkololeessa 05 hanga 09/2019 A.L.I. akka raawwatamu isin beeksifna. Kanaafuu, guyyaa ibsame kana keessatti qaamaan gara mooraa yuunivarsiitichaa dhuftanii galmee keessan akka raawwattanii fi barnoota keessan itti fufitan isin beeksifna. Yeroo gara yuunivarsiiticha dhuftan wantoota qabattanii dhufuu qabdan: * Kaardii eenyummaa barataa yuunivarsiitii duraan itti barachaa turtanii fi yeroo yuunivarsiiticha keessa turuu keessan kan agarsiisu waraqaa (slip) ykn bu'aa qabxii qabattanii dhuftu. * Kaardii Eenyummaa Biyyaalessaa Faayidaa (National ID). * Suuraa paaspoortii safartuu 3×4 ta'e afur. * Meeshaalee dhuunfaa keessan, jechuunis uffata siree fi uffata boraatii guutuu qabattanii dhuftu. Hubachiisa:▪︎ Gara yuunivarsiiticha dhufuu keessan dura, kutaan ykn department barnootaa keessan jiraachuu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuuf lakkoofsa bilbilaa armaan gadii irratti bilbiluu qabdu. * 0912384656 * 0910426480 Barattoota guyyaa ibsameen ala turanii dhufan yuunivarsiitichi akka hin keessummeessine beeksisee jira. Madda: Yuunivarsiitii Semeraa — Daayirektoreetii Galmee fi Almunayii (Registrar and Alumni Directorate). 📅 Onkololeessa 6, 2019 E.C. @Qarooacademy

#WerabeUniversity Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay keessatti argaman irraa yeroo muraasaaf gara Yuunivarsiitii Werabeetti ramadamtan, guyyaa 09/02/2019 A.L.I. gabaasa akka dhiyeessitan yuunivarsiitichi beeksiseera. Galmee raawwachuuf yeroo dhuftan wantoota qabattanii dhufuu qabdan: ● Kaardii eenyummaa barataa yuunivarsiitii duraan itti barachaa turtanii. ● Ragaa xumura kutaa 8ffaa hanga kutaa 12ffaa. ● Tiraansikiriptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti. ● Suuraa safartuu 3×4 ta’e lama. ● Uffata siree, uffata qorraa, uffata boraatii fi uffata ispoortii. 📅 Onkololeessa 6, 2019 E.C. @Qarooacademy

#DillaUniversity Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay keessatti argaman irraa gara Yuunivarsiitii Dillaatti yeroo muraasaaf ramadamtan, guyyaan galmee keessanii Onkoloolessa 11 fi 12 bara 2019 A.L.I. ta’uu isaa yuunivarsiitichi beeksiseera. 📍 Bakka Galmee: Gamoo Galmee Barattootaa (Registrar) Yuunivarsiitichaa, Kutaa Lakkoofsa 609. Barattoonni galmeef gara Yuunivarsiitii Dillaatti deemtan, waraqaa eenyummaa yuunivarsiitii duraan turtanii fi National ID eenyummaa biyyaalessaa qabattanii akka dhuftan beeksifameera. 📅 Onkololeessa 6, 2019 E.C. @Qarooacademy

#JinkaUniversity Beeksisa Barattoota Yuunivarsiitii Jinkaa Barattoonni bara 2019 ALI sagantaa Freshman'n Yuunivarsiitii Jinkaatti ramadamtan, barattoonni bara 2018 ALI sagantaa Remedial barattanii qabxii darbinsaa argattan, akkasumas barattoonni yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti argaman irraa gara Yuunivarsiitii Jinkaatti ramadamtan, yeroo galmee bara barnootaa 2019 ALI Onkoloolessa 09 fi 10/2019 ALI ta'uu isaa yuunivarsiitichi beeksiseera. Barnoonni Onkoloolessa 12/2019 ALI ni jalqaba. 📌 Hubachiisa barattoota Freshman haaraa ramadamaniif: Yeroo gara yuunivarsiitichaa deemtan wantoota armaan gadii qabachuun isin irraa eegama: 1, Uffata boraatii (Pillowcase) 2, Ufata Siree irra afatan (Bedsheet) 3, Uffata qorraa (Biringa) fi ispoortii 4, Ragaa barnootaa kutaa 8ffaa irraa eegalee qabdan hunda. Barattoonni beeksisa kana akka barbaachisummaa isaatti hubattanii akka qophooytan isin beeksifna. 📅 Onkololeessa 2, 2019 E.C. @Qarooacademy

#RayaUniversity Beeksisa barttoota uunivarsiitii Raayaaf Yuunivarsiitiin Raayaa barattoota duraanii akkasumas barattoota sagantaa Boarding fi STEM bara barnootaa 2019 A.L.I'f galmaa'an, adeemsi simannaa fi galmee barattootaa Onkololeessa 17 fi 18/2019 A.L.I akka raawwatamu beeksiseera. Barattoonni dhimmi kun ilaallatu guyyaa ibsame kana irratti akka argamtan isin beeksifna. 📅 Onkololeessa 2,2019 E.C. @Qarooacademy

#Waamicha #Freshman #Yuunivarsiitii_Injibaaraa Waamicha Barattoota Haaraa Yuunivarsiitii Injibaaraa Barattoota haaraa bara 2019 Yuunivarsiitii Injibaaraatti ramadamtaniif akkasumas bara 2018 sagantaa Reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii gara sagantaa waggaa 1ffaa (Freshman Program)tti darbuuf qabxii galmeessiftaniif, guyyaan galmee qaamaan argamuudhaan gabaasa itti gootan Onkoloolessa 12 fi 13 bara 2019 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera. Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan: ✓ Sartafikeettii xumura kutaa 8ffaa fi 12ffaa orijinaala fi kooppii hin deebine ✓ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii hin deebine ✓ Suuraa gurdii (3×4) afur ✓ Waraqaa Eenyummaa Biyyooleessaa (National ID) ✓ Uffata siree (hirriibaa) fi hidhannoo Ispoortii Hubachiisa: Guyyaa ibsame dursanii yookiin dabarfatanii kan dhufan yuunivarsiitichi hin keessummeessu. @Qarooacademy

#Waamicha #Freshman #Yuunivarsiitii_Maqdalaa_Ambaa Waamicha Barattoota haaraa Yuunivarsiitii Maqdalaa Ambaa Barattoota haaraa bara 2019 Yuunivarsiitii Maqdalaa Ambaatti ramadamtaniif akkasumas bara 2018 sagantaa Reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddaniif guyyaan galmee Onkoloolessa 9 fi 10 bara 2019 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera. Iddoowwan galmee; ✓ Barattoota Saayinsii Uumamaatiif galmeen Mooraa guddicha ykn Kaampaasii Giimbaatti yoo ta'u, kan barattoota Saayinsii Hawaasaa ammoo Kaampaasii Makaana Salaamitti. Yeroo galmeef deemtan wantoota qabachuu qabdan! ✓ Sartafikeettii kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ✓ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ✓ Kaardii kutaa 8ffaa orijinaala fi kooppii isaa ✓ Suuraa gurdii afur ✓ National ID ✓ Lakkoofsa TIN ✓ Ansoolaa, uffata qorraa, uffata boraatii fi hidhannoo Ispoortii Odeeffannoo sirrii waa'ee Sangantaa Remeediyaalii fi Waamicha Yuunivarsiitiiwwanii argachuuf Channel Keenya join gochuun nu hordofaa @Qarooacademy

#Waamicha #Freshman #Yuunivarsiitii_Kootabee Waamicha barattoota haaraa Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabee Bara 2019 barattoota haaraa Yuunivarsiitii Barnootaa Kootabeetti ramadamtaniif guyyaan galmee Onkoloolessa 5 fi 6 bara 2019 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera. Wantoota galmeef barbaachisan; ● Sartafikeettii kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ● Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ● Kaardii kutaa 8ffaa orijinaala fi kooppii isaa Akkasumas Ragaawwan barnootaa armaan olitti caqasaman sadan scan taasisuun pdf dhaan soft copy isaa ● Suuraa gurdii sadi fi suuraa gurdii soft copy dhaan ● National ID fi TIN number ● Ansoolaa, uffata qorraa, uffata boraatii fi hidhannoo Ispoortii Waamicha Barattoota haaraa fi sagantaa Reemeediyaalii Yuunivarsiitiiwwan biroo argachuuf channel keenya join taasisaa! @Qarooacademy

#Announcement | #WRU #Waraabee Yuunivarsiitiin Waraabee Barattoota haaraa (freshman) fi barattoota bara 2018tti sagantaa riimiidiyaalii hordofuun qabxii darbiinsaa fidaniif waamicha taasisee jira. 📅 Guyyaan seensaa:- Onkololeessa 16 fi 17/2019 Barattoonni yommuu gara mooraatti deeman wantoota qabachuu qaban:- ➜ Ragaa xumura barnoota sadarkaa 2ffaa (Entrance Certificate) fi ragaa xumura kutaa 8ffaa Orjinaalii fi Kooppii ➜ Tiraaniskiriiptii kutaa 9-12 Orjinaalii fi Kooppii ➜ Suuraa qomaa baay'ina afur (×4) ➜ Ansoolaa, Uffata Qorraa, Huccuu Boraatii fi Uffata Ispoortii Guutuu. @Qarooacademy

#MaddaWalabuUniversity Barattoota waggaa 1ffaa Sagantaa idilee yuunivarsitii Madda Walaabuu hundaaf: Galmeen barattoota haaraa bara 2019 A.L.I tti yuunivarsitii Madda Walaabuu tti ramadamtaniifi sagantaa Riimidiyaalii bara 2018 moorichatti hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa argattan hundaaf guyyaan galmee Onkololeessa 09 fi 10, 2019 m tahuu hubattanii barnootni kan jalqabu Onkololeessa 11/2019 A.L.I tti tahuu hubattanii guyyaa jedhame keessatti guyyoota tuqame qofa keessatti muummee reejistraara mooraa yuunivarsitichaatti qaamaan argamuun akka galmooftan isin beeksifna. Hubachiisa: ~Ragaa kutaa 8ffaa — Orijinaalaa fi kooppii isaa. ~Ragaa xumura kutaa 12ffaa (Certificate) — orijinaalaa fi kooppii isaa. ~ Taranskiriptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa — orijinaalaa fi kooppii isaa. ~ Suuraa paaspoortii safartuu 3×4 ta'e afur (4). ~ Uffata siree, uffata qorraa uffata boraatii fi uffata ispoortii 📅 Fulbaana 30, 2019 E.C. @Qarooacademy

Ministeerri Barnootaa Ramaddii Barattoota Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraay Ilaalchisee Furmaata Kenne Ministeerri Barnootaa komii barattoonni duraan yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti barachaa turan ramaddii yeroo ilaalchisee dhiyeessan qulqulleessuun deebii kennuu isaa beeksiseera. Barattoonni ramaddii isaanii marsariitii https://student.ethernet.edu.et/university-transfer/ fayyadamuun mirkaneeffachuu kan danda'an yoo ta'u, ragaan kun kallattiin yuunivarsiitiiwwaniif waan ergamuuf waamicha dhaabbileen taasisan hordofuun gara barnoota isaaniitti deebi'uu danda'u. Ramaddii sirreeffame waan jiruuf barattoonni gara iddoo ramadamanitti imaluun dura marsariitii kanaan of mirkaneessuu akka qaban Ministeerichi hubachiiseera. Dabalataanis, barattoonni haaraan iddoo itti ramadaman marsariitii https://student.ethernet.edu.et/view-placement/ irraa ilaaluu ni danda'u. Gama biraatiin, yeroo ammaa haalli nageenyaa fooyya'aa waan jiruuf, barattoonni (warreen ramaddii yeroo argatan dabalatee) yuunivarsiitiiwwan naannoo Tigraayitti deebi'anii barachuu barbaadan, waamicha yuunivarsiitiiwwan sanaa hordofuun dhaabbata duraan itti barachaa turanitti barnoota isaanii itti fufuu akka danda'an Ministeerichi ifoomseera. @Qarooacademy

#DebreBerhanUniversity Beeksisa Galmee Barattootaa Yuunivarsiitii Dabra Birhaan Barattoonni haaraan bara 2019 A.L.I. Yuunivarsiitii Dabra Birhaanitti ramadamttan, akkasumas barattoonni bara 2018 A.L.I. Yuunivarsiitii Dabra Birhaanitti barnoota Riimidiyaalii hordofuun gara waggaa 1ffaatti ceetan, guyyaan galmee Onkololeessa 11 fi 12, bara 2019 A.L.I. ta'uu yunivarsiitichi beeksiseera. Leenjiin addaa fi sagantaan odeeffannoo kennuu (Orientation) Onkololeessa 13–15, bara 2019 A.L.I. kan kennamu yoo ta'u, barnoonni immoo Onkololeessa 16, bara 2019 A.L.I. ni jalqabu jedhameera. Barattoonni bara 2018 A.L.I. Yuunivarsiitii Dabra Birhaan keessatti barnoota Riimidiyaalii hordofuun gara waggaa 1ffaatti ceetan, kaampaasii barnoota Riimidiyaalii itti hordofaa turtan keessatti galmooftu. 📌 Wanti galmee irratti barbaachisu: ~ Bu'aa qormaata Ministeeraa kutaa 8ffaa — isa orijinaalaa fi kooppii isaa. ~ Ragaa xumura kutaa 12ffaa (Certificate) — isa orijinaalaa fi kooppii isaa. ~ Taranskiriptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa — orijinaalaa fi kooppii isaa. ~ Suuraa paaspoortii safartuu 3×4 ta'e afur (4). ~ Uffata siree, uffata halkanii, uffata boraatii fi uffata ispoortii. 📅 Fulbaana 29, 2019 E.C. @Qarooacademy

#Waamicha #Freshman #WolkiteUniversity Bara 2019 barattoota haaraa Yuunivarsiitii walqixxeetti ramadamtanii fi akkasumas barattoota bara 2018 sagantaa Reemeediyaaliin barnoota keessan walqixxeetti hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa fiddaniif guyyaan seensaa Onkoloolessa 9 fi 10 bara 2019 ta'uu yuunivarsiitichi beeksise. Galmeef yeroo deemtan wantoota hedduu qabdan ✓ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ✓ kaardii ministry ykn Kutaa 8 ffaa original fi koppii isaa ✓ National ID ✓ Sartafikeettii kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ✓ Suuraa gurdii 3*4 Share 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @Qarooacademy

#Waamicha #Freshman #Yuunivarsiitii_Dambi_Doolloo Waamicha barattoota haaraa Yuunivarsiitii Dambi Doolloo Barattootni haaraa waggaa 1 Ministeera Barnootaan Yuunivarsiitii Dambii Doollotti ramadamtanii fi rimiidiyaalii (Barattoota sagantaa fooyya'iinsaa) bara barnootaa 2018 qabxii darbiinsaa argattanii hundi; Guyyaa Galmee: Onkololeessa 09 fi 10, 2019 A.L.1 Guyyaa barnootni eegalu: Onkoloolessa 11/2019 A.L.I Barattoonni yeroo dhuftan ragaalee fi meeshaalee armaan gadii qabattanii dhufuu qabdu: 1. Ragaalee Barnootaa (Oriijinaalaa fi Koppii) ✓ Kaardii ministirii kutaa 8 ✓ Tiraanskriptii kutaa 9-12 ✓ Waraqaa ragaa kutaa 12 ✓ Suuraa qaamaa olii abbaa 3 x 4 baayinaan ja'a (6) Waraqaa eenyummaa Naashinaalii (Faayidaa) 2. Meeshaalee Dhuunfaa ✓ Uffata qorraa ✓ Uffata boraatii ✓ Uffata ciisichaa (Ansoolaa) ✓ Uffata jabeenya qaamaa (Ispoortii) qabaltaadii daapaaan akke galmoftan isin beeksifna Odeeffannoo yeroo isaa eeggate argachuuf Share 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 @Qarooacademy

#Waamicha #Freshman #Yuunivarsiitii_Arbaa_Miincii Bara 2019 barattoota haaraa Yuunivarsiitii Arbaa Miincitti ramadamtaniif akkasumas barattoota bara 2018 sagantaa Reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa fiddaniif guyyaan simannaa barattootaa Roobii Onkoloolessa 4 bara 2109, guyyoonni galmee ammoo Kamisaa fi Jimaata Onkoloolessa 5 fi 6 bara 2019 yoo ta'u, barnoonni ammoo Wiixata Onkoloolessa 9 bara 2019 ni eegala. Bu'uura kanaanis barattoonni bara 2018 sagantaa Reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa fiddan iddoon galmee Kaampaasii itti barachaa turtanitti yoo ta'u, barattoonni haaraa bara 2019 ramadamtan ammoo link armaan gadiin seenuun Id kutaa 12ffaa ittiin qoromtan galchuun iddoo Kaampaasii itti ramadamtan beekuu dandeessu. Galmeef yeroo deemtan; ✓ Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa ✓ National ID ✓ Sartafikeettii kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa Odeeffannoo yeroo isaa eeggate argachuuf @Qarooacademy

#Waamicha #Mettu_University Barattootni bara barnootaa 2018 A.L.I Yuunivarsiitii Mattuutti barnoota Remedial barachaa turtanii qabxii darbiinsaa argattanii fi barattootni haaraa bara 2019 Ministeera Barnootaatiin gara Yuunivarsiitii Mattuutti ramadamtan Guyyaan galmee Onkoloolessa 9 fi 10 A.L.I ta'uu yuunivarsiitichi beeksise. Hubachiisa Barattootni bara barnootaa 2018 A.L.I Yuunivarsiitii Mattuu Kaampaasii Beddelleetti barnoota Remedial barachaa turtanii qabxii darbiinsaa argattanii fi barattootni haaraa bara 2019 Mattuutti ramadamtan kan maqaan keessan qubee A_B'n jalqabu barattoonni natural fi social science iddoon galmee Kaampaasii Beddellee yoo ta'u . Kan Barattoota warra kaanii ammoo main campus ykn Kaampaasii guddaa keessatti. Yeroo dhuftan wantoota armaan gaditti ibsaman qabattanii akka dhuftan isin hubachiifna. 1. Qabxii Qormaata Biyyoollessaa kutaa 12ffaa orijinaalaa fi koppii, Kaardii kutaa 8ffaa orijinaalaa fi koppii isin barbaachisa garuu yuunivarsiitiin hin jenne kanaaf qabachuun gaariidha. 2. Tiraaniskiriptii kutaa 9-12 orijinaalaa fi koppii 3. Footoo/Suura qomaa olii abbaa 3*4 afur, National ID, akkasumas uffata qorraa, afata siree ykn ansoolaa, uffata boraatii fi uffata ispoortii qabachuu qabdu. @Qarooacademy

#Waamicha #Yuunivarsiitii_MiizanTeeppii Barattootni bara barnootaa 2018 A.L.I Yuunivarsiitii Miizanteeppiitti barnoota Remedial barachaa turtanii qabxii darbiinsaa argattanii fi barattoota haaraa bara 2019 Ministeera Barnootaatiin gara Yuunivarsiitii Miizanteeppiitti ramadamtan Guyyaan galmee Onkoloolessa 9 fi 10 A.L.I ta'uu yuunivarsiitichi beeksise. Iddoon galmee 👉 Barattoota saayinsii hawaasaatiif miizan Amaanitti kan argamu Mooraa guddicha ykn main Campus 👉 Barattoota saayinsii Uumamaaf immoo magaalaa Teeppiitti kan argamu Mooraa Teeppiitti Yeroo dhuftan wantoota armaan gaditti ibsaman qabattanii akka dhuftan isin hubachiifna. 1. Qabxii Qormaata Biyyoollessaa kutaa 12ffaa orijinaalaa fi koppii, Kaardii kutaa 8ffaa orijinaalaa fi koppii isin barbaachisa garuu yuunivarsiitiin hin jenne kanaaf qabachuun gaariidha. 2. Tiraaniskiriptii kutaa 9-12 orijinaalaa fi koppii 3. Footoo/Suura qomaa olii abbaa 3*4 sagal, akkasumas uffata qorraa, afata siree ykn ansoolaa, uffata boraatii fi uffata ispoortii qabachuu qabdu. @Qarooacademy

#OdaBultumUniversity Waamicha Barattootaa sagantaa idilee waggaa 1ffaa: Barattoota bara barnootaa 2018 A.L.I Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti barnoota sadarkaa fooyyeeffannaa (Remedial Program) hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa argattanifi barattoota haaraa Bara 2019 ministeera Barnootaatiin yuunivarsitii Odaa Bultumitti ramadamtan hundaaf: ~ Guyyaan galmee 04---05/2/2019 ~ Guyyaa barnootni egalu 06/2/2019 Haaluma kanaan yeroo dhuftan wantoota armaan gadii qabattanii dhuftu 1, Kaardii kutaa 8ffaa Orijinaalaa fi kooppii 2, Qabiins qormaata biyyaalessaa Orijinaalaa fi kooppii 3, Tiraaniskiriptii kutaa 9 hanga 12 Orijinaalaa fi kooppii 4 Footoo ykn suuraa qomaa olii abbaa 3×4 saddeet akkasumaas Uffata qorraa, uffata ispoortii fi kan siree akkasumaas boraatii qabachuun mooraa haaraa yuunivarsitichaatti argamuun qaamaan akka galmooftan isin beeksifna. Hubachiisa*** Barattoota yeroo armaan olitti ibsame duraas tahee boodatti hafanii dhufan kan hin keessisaa tahuu cimsinee isin beekiniif. 📅 Fulbaana 26, 2019 E.C. @Qarooacademy

Qaroo Academy - Статистика та аналітика Telegram каналу @qarooacademy