en
Feedback
Mana Murtii Aanaa Dadar

Mana Murtii Aanaa Dadar

Open in Telegram

Haqaaf Haqaan Hojjenna !!

Show more
2 164
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-730 days
Posts Archive
Criticism of some binding legal interpretations of the Federal Supreme Court on the interpretation of inheritance law.                                                                                                                                                                                                                                                         በውርስ ሕግ አተረጓጎም ዙሪያ በተሰጡ አንዳንድ የፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት አስገዳጅ የሕግ ትርጎሞች ላይ የቀረበ ትችት by Melake Telahun https://t.me/eluLaw

+3
Leenjii Seera Maatii kuutaa 1ffaa fi 2ffaa(LHD Marsaa Addaa 3ffaatiif-ILQSO bara 2017 )-By Elias K

Baay'ee nama gaddisiisa😭 Abbaa Alangaa keenya kan ta'an Obbo Sa'aad Aloo Gara ganda aakiraa deemaniiru. Yeroo darbe dhibee k
Baay'ee nama gaddisiisa😭 Abbaa Alangaa keenya kan ta'an Obbo Sa'aad Aloo Gara ganda aakiraa deemaniiru. Yeroo darbe dhibee kaansarii tiruutiin dhibamanii gara biyya alaa deemanii yaalamaa turanis, guyyaan isaanii gahee addunyaa kanarraa godaadananii jiru. Maatii, firaa fi aantee akkasumas hiriyoota isaatiif obsaa fi jajjabina hawwina.

Baga Bara Hojii Haaraa 2017 Nagayaan Geessan!! Manni Murtii Bara hojiii 2017 Fuulbaana 21 irraa hojii idilee waan jaqabuuf hawaasni Mana Murtichaa hundi qophaa'ummaa guutuun gara hojiiitti akka deebitan jechaa ,gama biraatiin Dhaddachi dhaabbii bulchiinsa Magaalaa qobboo bu'aa qabeessummaan isaa eerga  qoratamee booda koree bulchiinsa mana murtii Aanaa Dadariin akka cufamu kan murtee waan taheef abbootiin dhimmaa keenya dhimmi keessaan dhaddacha dhabbii magaalaa qobbotti ilaalaa turee kanaan booda Mana Murtii Aanaa Dadar dhaddacha idileetti kan ilaalmuu tahu beekkatani bu'uuruma beellama keessannin akka hordoftan kabajanaan isin beeksisan!! Fulbaana 20/2017 MANA MURTII AANAA DADAR DADAR

Dambii Mana Maree Ministirootaa Lakk.557-2016 Dambii To’annoo Tiraafikaa Geejjibaa Daandii የመንገድ ትራንስፖርት ትራፊክ መቆጣጠሪያ የሚኒስትሮች ምክር ቤት ደንብ

+1
👉Qabiyyee lafaa nama biraa irratti osoo abbaan qabiyyee hin mormiin yoo mana ijaare abbaa qabiyye manichaa fi lafa manni irratti ijaaramee ta'a jechuun murtiileen kennamaa turan yeroo ammaa manni maree federeeshinii ejjannoo qabate jijjiruun murtii kennu isaa yeroo darbe post godhame ture. 👉Gama kanaan barreefamoota ogeessotaan barraa’an kana dura murtiicha qeeqaa turan jiraachuunis ibsame jira. barreeffamoota kanneen keessa muraasni kunoo.👉(credit to Behailu Solomon-Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa)👉👉https://t.me/eluLaw 👉Judicial Protection of Private Property Rights in Ethiopia: Selected Themes: By Hailu Burayu Elias N. Stebek & Muradu Abdo 👉Transfer of Land Rights in Ethiopia: Towards a Sustainable Policy Framework: By D a n i e l B e h a i l u G e b r e a m a n u e l

2. "Himannoon jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhu dhiyaateera jechuun kan danda'amu,qabeenyi falmiif sababa ta'e harka isaa turuu fi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee fi himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifameedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 218309 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira. 5.𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀 1. "Manni Murtii seerummaa gareen falmitootaa hin gaafanne ykn ifatti hin kaanse irratti Murtii kennuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti sdfhh keewwata 182(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira. 1. "Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ragaa dabalataa fudhachuu fi madaaluun Murtii kennuun isaa,ragaa falmii Mana Murtii jalaa irratti hin dhiyaannee fi ragaa adeemsa seeraa hordofee hin dhiyaanneedha hin jechisiisu,ragaan dabalataa akkanaa qajeeltoo madaallii ragaa hin hordofneedha hin jechisiisu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 208350 ta'e irratti sdfhh keewwata 345 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira. ✍ Yeroo muraasa qabnutti fayyadamnee waan xiqqoo(muraasa) hubannoof ta'a jennee waa'ee hiikoo dirqisiisoo gabaabsinee hiiknee barreessinee isiniif qoodne.Yeroo boqonnaatti seerota fi hiikoo dirqisiisaa dubbisuun beekumsa dabalachuun gaariidha. Waan dubbistaniif galatoomaa!! 👇 https://t.me/Mnure88

#DHADDACHA_IJIBBAATAA_FEDERAALAA_JILDII 26ffaa:𝐒𝐄𝐄𝐑𝐎𝐓𝐀 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀 .... ... 𝐀. 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆 1. "Waliigalteen bittaaf gurgurtaa Manaa qaama aangoo qabu biratti yoo hin galmoofnee fi namni gurgure yoo mormee falme wixinee qofa ta'a malee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa ulaagaa Seeraa guutee kan raawwatame waan hin taaneef,bu'aa seeraa hin hordofsiisneedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 215762 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira. 2. "Gareen waliigaltee hin raawwanne sababa humnaa oliitiin yoo raawwachuu dhabe malee,garee miidhaa qaqqabeef dursanii waliigalaniiru yoo ta'e bu'uura waliigalteetiin kisaaraa kaffaluu qaba,yoo dursanii waliigalanii hin jirre ta'e ammoo Manni Murtii ragaan qulqulleessee kisaaraa kaffalchiisuu qaba,akkaataa 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂(𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘) tiin kan taasifame yoo ta'es,beenyaan kanfalu miidhaa dhaqqabe waliin kan wal madaalu ta'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 216155 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera. 3. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Manaa hin jiru wixineedha gaafa jedhamu gareen bitaa mirgaa bakka duraan turanitti deebi'uu qabu malee qarshii dachaa godhanii gaafachuun bu'uura seeraa hin qabu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira. 2. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂 (𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘) "Namni maallaqa kanfaluu hin qabne kan kaffale qarshichi akka deebi'uuf gaafachuu kan danda'u ta'us,dogoggorri osoo hin jiraatin akka qarshii sana kaffaluuf dirqisiisu seerri ykn waliigalteen kan hin jirre ta'uu osoo hubatu,maqaa nama qarshii kaffalamuu fi Lakkoofsa herrega Baankii barreessuun qarshii galii godhe fedhii isaatiin qarshii kan kaffale(galii tolche) jedhamee waan tilmaamamuuf,qarshichi akka deebi'uuf gaafachuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira. 3. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒄𝒉𝒊𝒔𝒆𝒆 1. Akkuma beekamu,Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 12ffaa Lakkoofsa Galmee 56795 ta'e irratti "namni tokko yeroo falmiin namoota biroo jidduu Mana Murtiitti gaggeeffamaa ture osoo beeku erga dhimmicha irratti murtiin kennameen booda bu'aa Murtii eegee murtichi mirga isaa tuqu/miidhu argee iyyata mormii Murtii Kan dhiheessu yoo ta'e,iyyanni mormii murtii fudhatama akka hin qabne"sdfhh keewwata 358,153(3),418-421 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa laatee ture.Hiikoon kun dhimma falmii dhaalaa irratti raawwatiinsa hin qabu,kana jechuun falmii qabeenya dhaalaa irratti Gareen 3ffaa falmii bu'uuraa yoo beekes mormii Murtii dhiheessuu danda'a jechuudha(kana hiikoo Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 144359 ta'e irratti kenne irraa ni hubatama. 2. "Qoodiinsa qabeenya dhaalaa qabeenya hin sochoone ilaalchisee waliigalteen qoodinsaa yookiin waliigalteen jijjiirraa dhaaltota jidduutti taasifamu barreeffamaan ta'ee mallattaa'ee Mana Murtii biratti ykn qaama waliigaltee raawwachiisuu aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 199901 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira. 4. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 1. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Lafaa seeraan kan dhoorkame waan ta'eef,gareen laficha bite ragaa abbaa qabiyyummaa baafatee gibira Mootummaa gabbarus,haalli argannaa isaa seeraan ala waan ta'eef,karaan argannaa qabiyyee Lafaa seera qabeessa ta'uu fi dhiisuu osoo hin qulqullaa'in murtiin kennamuu hin qabu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 201894 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.

Dambii Misooma Albuudaa Lakk. 245/2016 Magalata Irratti Maxxanfame

ALL published Cassation Decisions in one ALL PUBLISHED CASSATION DECISIONS IN ONE ሁሉም የታተሙ የሰበር ውሳኔዎች በአንድ ከቅጽ 1 -26 #Daniel Fikadu /ዳንኤል ፍቃዱ (ጠበቃና የህግ አማካሪ)/

Repost from Firew Law Office
📎Murtiilee Mana murtii Waliigalaa Federalaa Dhaaddacha ijibaataa jildii 26ffaa

jirtuu?Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa jildii 26 baheera. Kunooti👇👇👇👇https://t.me/eluLaw

+1
👉Qabiyyee lafaa nama biraa irratti osoo abbaan qabiyyee hin mormiin yoo mana ijaare abbaa qabiyye manichaa fi lafa manni irratti ijaaramee ta'a jechuun murtiileen kennamaa turan yeroo ammaa manni maree federeeshinii ejjannoo qabate jijjiruun murtii kennu isaa yeroo darbe post godhame ture. 👉Gama kanaan barreefamoota ogeessotaan barraa’an kana dura murtiicha qeeqaa turan jiraachuunis ibsame jira. barreeffamoota kanneen keessa muraasni kunoo.👉(credit to Behailu Solomon-Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa)👉👉https://t.me/eluLaw 👉Judicial Protection of Private Property Rights in Ethiopia: Selected Themes: By Hailu Burayu Elias N. Stebek & Muradu Abdo 👉Transfer of Land Rights in Ethiopia: Towards a Sustainable Policy Framework: By D a n i e l B e h a i l u G e b r e a m a n u e l

Repost from Firew Law Office
በፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ ቁጥር 1234/2013 አንቀጽ 26 ስር እንደተደነገገው አምስት ዳኞች በተሰየሙበት የሰበር ችሎት የተሰጠን ትርጉም በተለያዩ ምክንያቶች ማሻሻል አስፈላጊ ሆኖ ሲገኝ ከሰባት ያላነሱ ዳኞች በተሰየሙበት የሰበር ችሎት እንዲታይ እንደሚደረግ እና በዚህ መልኩ የሚሰጠው የህግ ትርጉም ውሳኔው ከተሰጠበት ቀን ጀምሮ በማናቸውም ደረጃ ለሚገኝ የፌደራል ወይም የክልል ፍርድ ቤት አስገዳጅ እንደሚሆን ተመልክቷል፡፡ በዚህ መሰረት በ2015ዓ.ም እና 2016 ዓ.ም ከሰባት ያላነሱ ዳኞች በተሰየሙበት የሰበር ችሎት ውሳኔ የተሰጠባቸውን ጉዳዮች

👉From Behaylu Solomon 👉M/Murtii Feedaraalaa Dhadachii Ijibbaataa jildii 4ffaa irraa eegalee murtiilee dirqisiisaa Kennaa tu
+9
👉From Behaylu Solomon 👉M/Murtii Feedaraalaa Dhadachii Ijibbaataa jildii 4ffaa irraa eegalee murtiilee dirqisiisaa Kennaa turen qabiyyee lafaa nama kan biraa irratti osoo abbaan qabiyyee hin morniin yoo mana ijaare Abbaa qabiyye manichaa fi lafa manni irratti ijaaramee ta'a jechun murteessaa jira. Murtiilee kanaafiis sababni dhiyeessu lifti qabeenya ummataa fi mootummaa waan ta'ef(Heera Mootummaa kwt 40(3) lafa irratti mana nama ijaareef eegumsi taasifamuu qaba kan jedhu dha. Ejjannoon kun waan barameef falmiin irratti dhiyaachaas hin jiru. Garu ogeessonni gameessi dhimma kana irratti qorannoo taasisan kan akka Dr Muraaduu Abdoo. Filipinos Ayinaalem fi Mollaa Abbaabuu fi kkf barreefama adda addaa qopheessun murtilee kunnen qeeqaa turan. Amma garu M/M/Feedareeshinii ejjannoo kana jijjjiiree jira. Namoonni barreefamoota ogeessota armaan olitti caqasaman barbaaddan isiniif erguu nan danda'a. Mee murtii kana akkamitti ilaalatu?

Repost from Firew Law Office
+2
📎The Ethiopian National Bank has approved a new directive enabling the country's 32 banks and 16 insurance companies to establish investment banks. Announced by Dr. Brook Taye at the 21st Ethiopian Economic International Conference on July 12, 2016, the directive aims to facilitate the creation of investment banks under the Ethiopian Capital Market's regulation. It includes restrictions, such as limiting banks to holding no more than a ten percent share in non-banking business activities.

Jijjiirraa Abbootii Seeraa ----------------------------- (Fulbaana 7,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa yaa'ii idilee 128ffaa har'a Fulbaana 7,2017 gaggeesseen yaada murtii jijjiirraa Abbootii Seeraa Mana Murtii Aanaa fi Abbootii Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa dhiyaate irratti maryachuun mirkaneessee jira. Bu'uuruma kanaan jijjiirraa idilee fi rakkoo hawaasummaa raawwatame isiniif maxxansuu keenya ibsa, jijjiirra dantaa hojiif raawwatame sa'aatii muraasa booda kan isiniif maxxansinu ta'uu ni hubachiifna. -------------------------- #Daayireektoreetii_Dhimmoota_Komunikeeshinii