2 164
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-730 days
Posts Archive
Faayidaa Eflininig fi video konfersii walqabate yaadaa ObN kennamme dhageeyafadhaa
https://vm.tiktok.com/ZMhGG9XJq/ This post is shared via TikTok Lite. Download TikTok Lite to enjoy more posts: https://www.tiktok.com/tiktoklite
Repost from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Sirni Eegalchiisa Mana Harka Qalleeyyii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin Ijaarsi Isaa Gaggeeffamu Godina Hararge Bahaa, Aanaa Dadar, Bulchiinsa Magaalaa Qobbootti Gaggeeffame
βββββββββ-
(Sadaasa 5,2017, MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)- Sirni eegalchiisa mana harka qalleeyyii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin ijaarsi isaa gaggeeffamu Godina Hararge Bahaa, Aanaa Dadar Bulchiinsa Magaalaa Qobbootti gaggeeffameera. saganticha irratti argamuun ijaarsicha kan jalqabsiisan Pirezidaantii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa kabajamoo Obbo Bukhaar Kadiirooti.
Sagantichi bakka hoggansi bulchiinsa magaalichaa fi maatiin harka qalleeyyii argamanitti gaggeeffame.Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa tajaajila abbaa seerummaa kennuun cinaatti tajaajila tola ooltummaa gara garaa irratti kan hirmaatu ta'uun isaa ni beekama.
Repost from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Beeksisa
-------------
(Sadaasa 4/2017, MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gita hojii banaa Gargaaraa Abbaa Seeraa kallattii irratti dorgomtoota fedhii qaban dorgomsiisaa jiruun isaa ni beekama.Adeemsa dorgommii kana keessatti dorgomtoota qormaataaf waamaman keessa dorgomtoonni Gargaaraa Abbaa Seeraa leenjiin boodaa fi Kaadhimamaa Abbaa Alangaa irratti dorgomanii ILQSO seenan keessa jiraachuun mirkanaa'ee jira.
Waan ta'eefis dorgomtoonni Gargaaraa Abbaa Seeraa fi Kaadhimamaa Abbaa Alangaa ta'uun ILQSO seentan qormaata barreeffamaa kana irratti kan isin hin keessummeessine ta'uu hubachiisaa dorgomaan gowwoomsa gara garaatiin qormaata qorame yoo jiraate itti gaafatamummaan kan irratti mirkanaa'u ta'uu ni beeksifna.
Repost from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Beeksisa WaamichaΒ Qormaata Barreeffamaa
------------------
(Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Kallattii irratti dorgoman irratti calalliin gaggeeffamaa turee booda baay'ina dorgomtootaa tilmaama keesa galchuunΒ namoota dorgommiif dhiyaatan daangessuun barbaachisaa ta'ee waan argameef Dhi-(CGPA 3.2fi isaa ol),Dubartoota (CGPA 2.0fi isaa ol fi Qaama Miidhamtoota 2.5 fi isaa ol) qormaata barreeffamaaf akka dhiyaatan murtaa'eera.
Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame Sadaasa 6,2017 ganama keessaa sa'aatii 3:00 irratti magaalaa Adaamaa Galma Aanaa Angaatuu (Karaa Hararitti geessu irra 'Amadee' bakka jedhamutti bu'uun 'Alem Hotel' cinaan harka bitaa gara kolleejjii geessu irraΒ meetira 200 ol seenuun) akka argamtan ni beeksifna.
Hub-1-Kutaa qormaataa seerota kamuu (hard cooy) qabatanii seenuun kan danda'amu yammuu ta'u, barreeffamoota seerotaan alaa garuu kan hin hayyamamne ta'uuΒ fiΒ waraqaa eenyummaa qabatanii seenuunΒ dirqama ta'uu ni hubachiifna.
2-Dorgomtoonni manneen murtii Oromiyaa keessa hojjataa jiraniifi xiinxalli naamusaa isaanii 'D' ta'e fi mana murtii keessatti muudama gara garaa irratti muudanii waggaa lama kan hin guunne fi dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSn boodaa irratti kanneen galmaa'anii turanΒ dorgommiiΒ kana keessaa kan baafaman ta'uu ni hubachiifna.
Repost from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
Beeksisa
-------------
(Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSOn boodaa irratti dorgomanii qabxii waliigalaan caalamanii eeggataa ta'anii fi isaanitti aananii jiran kan maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffame fedhii isaanii jiddu gala godhchuun gitoota banaa gara garaa irratti muudee hojjachiisuu barbaada.Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame sadaasa 5, 2017 ganama sa'aatii 3:00 irratti Magaalaa Finfinnee,Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Caffee Araaraatti argamutti akka argamtan ni beeksifna.
Repost from Elias Kasa Legal Service.
Leenjii Qajeelfama Adabbii(Dhimmoota Qabatamaa)_Bara 2017
BY Elias Kasa.
Joinπππ https://t.me/eluLaw
Repost from Desalegn B.
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtii dirqisiisaa Lakk.Ga.239167 (kan hin maxxanfamneefi olitti dhoobameβοΈβοΈ) ta'e irratti kenne keessatti: Waan ta'eefis, gurgurtichi adeemsa eeggatee ajaja mana murtiitiin adeemsa caalbaasiitiin kan raawwatame osoo ta'eellee Manni murtichaa aangoo seeraan isaaf kennameen murtiin abbaa mirgaa bakka bu'ee gurgurticha kan raawwatu hanga ta'etti gurgurtaan raawwatame mirga garee 3ffaa tuqee yoo argame gurgurtichi akka diigamu ykn mirgi garee 3ffaa akka mirkanaa'uuf himannaa haarayaa ykn addaa dhiyeessuun kan danda'amu ta'uudha. Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF haala hojiirra oolmaa sdfs kwt 421 fi 451 ilaalchisee lakk.Ga.50835 ta'e irratti kennes yaada kana kan cimsu ta'uu caalaayyuu, mirga qabeenyaa Heera Mootummaa FRDI kwt 40fi mirga haqa argachuu kwt 37 jalatti Ibsame kan mirkaneessudha. πMurtiin kun yaada sdfs kwt 447(1) jalatti; "Where no application is made under Arts. 444-446 within two months of the sale, the sale shall become absolute" jedhamuun ibsame, "sababa kamiiniyyuu haqamuu akka hin dandeenye" kan ibsu waliin akkamitti ilaalame laata? (π§) Guutummaa murtichaa dubbisaa!π Desalegn B.
Repost from Elias Kasa Legal Service.
πLeenjii ogeessota sagalee waraabbii fi barreessaa rikardii ieratti qophaa'e.
πBY Damisee Galataa
πCredit to Tofik Shemsu (priz. MMO godina Jimmaa)
https://t.me/eluLaw
