452
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
#Hubannoo_Seeraa
Ebla 20, 2015 Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo-Baddannoo
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo bu'ura labsii 214/2011 kwt.7(33)tiin hubannoo seeraa hawaasaa gabbisuuf ykn dirqama seeraan irra kaaāame bahachuuf Guyyaa gaafa 20-08-2015 barattoota mana barnoota sadarkaa 2ffaa Baddannootiif dhimmoota mirgootaa fi miidhaa dubartootaafi daaāimmaniin walqabatanii irratti keessaafuu labsii daddabrsa/godaansa seeraan alaa ittisuufi tooāachuuf bahe lakk.1178/2012, 881/2007 fi 214/11, 236/2013 fi kkf. hubachiifameera.
yakkoota mirgoota dubartootaa fi daaāimman qaban sarbuun raawwataman qindoominaan haa ittisnuun dhaamsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannooti.
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
WAAAB-Baddannoo
Gaafa 18-8-15 Baddannoo
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo har'a Gaafa 18-8-15 Mana Barnoota Madarasaa Magaalaa Baddannoo fi Mana Murtii Aanaa Baddannootti matootii duree adda addaa irratti barattootaa fi abbootii dhimmaatiif hubannoo seeraa kennee jira.
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
WAAAB - Baddannoo
#MURTII_BARSIISOO
WAAAB_Ebla 11, 2015, Baddannoo
Himatamaan yakka hannaa raawwate hidhaa cimaan adabame.
Himatamaan badhaadhina isaaf hin malle argachuuf yaaduun waajjira mootummaa keessaa meeshaalee garaagaraa (firaashota xixiqqaa 2, seelana guddaa 1 fi xiqqaa 1) waajjiraalee DhDD fi Waaj/Daandii jalaa fudhatee mana jireenyaa isaatti galfatee argame gocha yakkaa hannaa salphaa raawwachuun shakkame erga tooāatamee booda qorannoon yakkaa barbaachisaan garee qorannaa yakkaa waajjira poolisiitiin taasifamee jira.
Haaluma kanaan, waajjirri abbaa alangaa aanaa baddannoo seera rogummaa qabu, SY kwt.665/1 jalatti himannaa hundeessuun himatamaan gocha yakkaa ittiin himatame raawwachuu waan amaneef buāuura SDFY kwt.134/1tiin murtiin balleessummaa itti kennameera.
Manni murtii aanaa baddannoo yaada adabbii bitaa mirgaa dhagahuudhaan ulfaaatina yakkichaa fi haala raawwiisaa akkasumas amala himatamaan kanaan dura qabu tilmaama keessa galchuun adabbii hidhaa cimaa wagaa 1 fi baatii 5-tiin adabamee jira.
Repost from Ethiotelecom - Afaan Oromoo
š Badhaafamtoonni baga gammaddan!
Badhaasni ammas akkuma itti fufeetti jira.
Namoonni 1504 marsaa jalqabaattin badhaafamaniiru.
Namoonni 7 chaanaali teelebirr namoota bay'eedhaaf affeeran badhaasa Laaptooppi, bilbila harkaa, TV, fi taablettif badhaafamaniiru.
Irratti hirmaadha badhaafama.
Start Tuquudhan jalqabaa.
Telebirr - Afaan Oromoo
Ethiotelecom gift
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo
Gaafa 28-07-15 Baddannoo Korean manaajimantii waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Baddannoo koree dhaabbii dhimma bulchiinsaa fi seeraa mana marii Aanichaa hordoffii fi deeggarsa taasisuuf dhufan waliin raawwii hojii baatii 9 irratti marii taasiseera.
Haaluma kanaan, ciminaalee turan itti fufsiisuufi hanqinaalee mul'atan immoo fooyyessuu fi sirreeffachuuf kallattii hojii kaayyachuun mariin ximuramee jira.
Haqaan Haqaaf Hojjanna!
WAAAB-Baddannoo
Waltajjii marii koree Manaajimantii WAAAB tiin dhimmoota raawwii hojii irratti taasifame
Labsii mana murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa irratti hubannoo seeraa fi marii Abbootii Gaaddisaa manneen murtii Aadaa sadarkaa jalqabaa fi oldabarfataa irraa irraa araddaalee 42 irraa dhufaniif taasifamee jira
Ibsaa_Dabalataa_Raawwii_Hoggansa_Qabeenya_Namaa_Ilaalchisee_052215.pdf4.54 KB
Proclamation 1178_2020 PROVIDE_FOR_THE_PREVENTION_105239.pdf3.37 KB
240_2013 Labsii Mana Murtii Aadaa Lakk. 240-2013.pdf2.63 MB
