en
Feedback
Hamba Media

Hamba Media

Open in Telegram

Oduu Ammee

Show more
1 028
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
photo content

jalaallee_Koo_moo_maatii_koon_filaadha?😭 #seenaa_dhugaadha👇👇 Toleera jedhama qaroo hin qabu guyyaa bokkaan ulfataan tokko roobuu Wal barree finfinneetti..bokkaan roobaa osoo jiruu ulee jarrii ittiin deemanu kana qabatee bokkaa Jala baqachuuf karaa walaala. roobni ulfaatan rooba waan jiruuf lolaa humnaa olii keessa dhabbattee gargarsa gafata..cafe tokko Jala ta'een fagooti argeen fiigee gargaaruuf bokkaa keessa dhaqee harkaa qabeen fuudhee asiis asi deebi'e..koopha Koo ta'een fayyadama waanin tureef Amma bokkaan caamuti isaa waliin lallaafa dhugaa bokkaa caamsinee..gara inni deemutti geesse bilbila isaa fudhe gargar baane..kaniin bilbila isaa fudhe dubbiin isaaf gorsii isaa bayee wan natti toleefi malee waan biraaf hin turre.. guyyaa lama booda ammas dandii gubbaati argee dubbisee dakika muraasa waliin teenye...gargar baane..waan isiin hubatanu karaa irraa gafaan jedhu inni hin kadhatuu hojii mataa Isa qaba... tajajila gorsaa Kenna..bayee nama uffattu dha uffaanni illee Kan irraa bareedu...osoo waliif bilbiluu bilbiluu guyyaa tokko deemen bakka hojii Isa baree..wajjira inni kirreefate tajajila gorsaa laatu. turtii keessa garaa jalaalatti gallee..bilbiluumaan hasahuu jalqabne..waluma galatti tolaan nama jaldhatamu qabu dha..ijaa qofa dhabee malee waan hundaan guutuu dha. innis na fuchu Akka barbaaduuf waraaqa ergatee..maatiin Koo dhagahanii bayee rifataan gonkuma osoo lubbuun jirruu nama akkasitti hin herumtuu jedhaanii na didaan maal akkan godhuun walaalee...Amma aniis maatii kootin Wal loleen mana hiriyaa kooti tokko Jira..dhimma kana tolaan hin barree...nama dhiphisaa kanaafin Akka isiin gorsaa obboollumma Akka naaf laatanu barbaadde..maal godhu? Tolaa dhiise maatii kootti deebi'uumoo? maatii Koo dhiisee tolaatti heruumu? maal na gorsitu?

photo content

Hubaadhu👇👇👇👇 👉Nama ta'uu barbaadda? 👉barachuu barbaadda? 👉fuudha barbaadda? 👉gamoo ijaraachuu barbaadda? 👉jijjiiraamu barbaadda? konkolaata bitaachu barbaadda? 👉maal ta'uu barbaadda? waan ta'uu barbaadduu hundayyu ta'uu dandeessa garuu waan ta'uuf gochuu barbaaduuf gatii qaalii kaffaliif.... hojjaadhu hojjaadhu hojjaadhu.... ganama gaarii qabaadha 🙏👈👈👈

photo content

Milla kaayyo sakaalu, Deeme kan hin faaganne Dhugaa dha kuteen gata, Millaa kaayyoo hin qabne... Na dhaga'i miilla koo Millaa koo xawalwale Sammuu koo kara dhaabde Akka kaayyoo koo hin awaalle Yoo diiddee deemuu dhiistee, Anii sirraa dhimma hin qabu Kuteen si gata malee, Siif jeedhe kara hin dhaphu Illaa atis kayyoo koo Kaayyoo koo kaayyeeffata Sabaaba xiqqoof guddaaf Maaliif koopha na baafta? Yaada koon wali galii Adeemii karaa dheera Sin jalaadha kayyoo koo Yaada keetti wali galeera Yoon beela'es nan obsa Dheebuu koos obseetuma Garuu haala sodaatte, Karaa nan dhabiin gonkuma Yoo laafees mogoolen koo Karaan kaayyoo fagaatee Obseen cimee itti adeema Yoo haalliisas jabaate Kan kaayyoo guudda qabu Hin rafuu gadi ciisaa Yoo beelaa'es beelaasa Dhooksee yaadan liiqiimsa Akka fardaa coolleedha Ofii jajjaabeessuf immiimsa.. Dubbiisun kee gariidha Yoo hubaateef yaada koo Hiriyaa kee karaa jiruuf Sharee goodhiif caalaa koo

photo content

Milla kaayyo sakaalu, Deeme kan hin faaganne Dhugaa dha kuteen gata, Millaa kaayyoo hin qabne... Na dhaga'i miilla koo Millaa koo xawalwale Sammuu koo kara dhaabde Akka kaayyoo koo hin awaalle Yoo diiddee deemuu dhiistee, Anii sirraa dhimma hin qabu Kuteen si gata malee, Siif jeedhe kara hin dhaphu Illaa atis kayyoo koo Kaayyoo koo kaayyeeffata Sabaaba xiqqoof guddaaf Maaliif koopha na baafta? Yaada koon wali galii Adeemii karaa dheera Sin jalaadha kayyoo koo Yaada keetti wali galeera Yoon beela'es nan obsa Dheebuu koos obseetuma Garuu haala sodaatte, Karaa nan dhabiin gonkuma Yoo laafees mogoolen koo Karaan kaayyoo fagaatee Obseen cimee itti adeema Yoo haalliisas jabaate Kan kaayyoo guudda qabu Hin rafuu gadi ciisaa Yoo beelaa'es beelaasa Dhooksee yaadan liiqiimsa Akka fardaa coolleedha Ofii jajjaabeessuf immiimsa.. Dubbiisun kee gariidha Yoo hubaateef yaada koo Hiriyaa kee karaa jiruuf Sharee goodhiif caalaa koo

photo content

warreen dandii irraa jiraannu keessa yaada jarsa tokko.... akkas nan jedhan.....maal hojjeetta nan jennaan wahee hojii kootii itti dubbadhe..jabaadhu sa'a kana hin hojjenne tanaan akka keenya teesse isa hojjatu ilalte hidhi xuxxa...nan jedhan...maal jechuun barbaade beektu?... .... jijjiiramuufis baduufis umuriin dargagguumma sa'aatii murteessa dha. hardha yoo hin hojjeenne, hardha yoo muldhata keef aarsaa hin kaffalle ta'e dhugaa dha na amaani warreen gaara milkayiina gubbaa jiraanuuf bara kee guutuu harka walitti reebaa hafta...bor ergaa dargagguumman darbe ille yoo nan hojjeedha jette...kan mogoole si buusufiyyuu kara hojjaatu hin qabdu dulluma keessa milka'uuf haala mijaata barbaada...kan milka'uuf haala mijaata hin barbaadne umurii ati amma irra jirtuudha....kanaaf fillaannoo kee sirreeffadhu....yaada gaarii qabachuun qofti...milka'aa sin godhu...yaada keeolmaa keen wal fakkeessi....dirree gubbaa irraatti nama wal argu nu ha tasisu ....carra gariin siif hawwa adeemsa eegalii..

photo content

Aadaa baldheessuufii maaf keewwatte qumxaa dafii ofii irraa baasii dinnaan sittaan qurxaa waan jecha jiru fakkata aariif gorsaan makamee isiinis biraa hin darbina bakka argitaanitti itti himaamee😏😏👗

photo content

Adaraa biraan naaf gaha! 💔💔💔💔💔💔💔💔💔 wellisaa muquxaa'e sirbu sana mucaa magala sagaleen isaa Akka bishaan talilaa callisee onnee nama seenuu sana.. leencoo gammaachuu...bayeen keessan beektu jedheen yaada..dhiyootti immoo sirbaa bareeda Kan aadaaf dudha godina Iluu Abbaa Booraa Kan sirbittootniif walaalleesittootni meeqa jecha ittiin ibsanuu dhabanii...rakkatan jechoota nama maraaruuf namaa galuun shibiriq goodhee godinaa bareedduu kana keessa dhabbattee sagalee isaa bareedduu kanaan iyyee baroode...gurraa dawwaattoota bayeef ishee laatee.. sana...irraa jalaallii na qabe Yoon jedhe Akka isiin hin dinqinee beeka...garuu anaan bayee na dhiphisaa Jira....namaan itti himaadhuu dhabeen hardhaa Warreen page Oro media sagalee siif taana Nan jennaan karaa inbox isaanitti iyyaadhe...yoo mala beekan mala buudaa....akkamiin Akkan itti argadhu qofa naaf ha himaan...ya nama dhiisi jette na gorsitu...waantii atii nyaattu summiii sitti ha tahuu! Yoon jedhe, "abarsa" Akka ati Nan hin Jenne beeka....adara suura Koo hin maxxansina hiriyaa jalaala osoo hin taanee hiriyaan itti heruumuf kahuutu arga😏! obbollaan Koo illee page keessan kana waan hordofaniif suuraa Koo gonkuma hin maxxansina... galatoomaa yoo dhuguma maxxansituuf ta'e

photo content

Dhiiroo Man: Kutaa 3ffaa..... seenaa jaalalaa Isa booda anis haalli ishee waan naaf galeef nan callise. Isheen fedhiin ishee maallaqa malee jaalala miti. Osuma kanaan jirruu, yeroon boqonnas xumuramee barnootaaf gara magaalaa Naqamteetti deebite. Yeroo tokko tokko darbee darbee Miscall naaf gooti. Ani garuu hin deebisu. Akka carraa intalli fira isheen wal nu barsiisfte tokko turte. dhimmaaf gara magaalaa finfinnee dhuftee ture, sararratti wal arginee as jira naan jennaan maaf wal hin arginuree jennee guyyaa tokko obboleettiishee as jirtu waliin dhufanii wal argine. Teenyees shayii fi buna jechaa, waan baay'ee waliin haasofne. Waa'ee jaalalleekooti kanas waa hedduu natti haasayani. Haasaan isaanii baay'inaan mudaa fi balleessaa ishee malee gaarummaashee kan of keessatti qabate miti. Ani garuu waan isaan natti haasayan hundaas hin fudhanne, hundas hin ganne. Kan baay'ee nama dhibu , mucattiin dhimmaaf dhufte sun achi yeroo deebitummoo dubbii garagalchitee" Inni akkas akkas jedhee waa'eekee nutti odeesse" jechuun dubbii oomishtee jaalalleekoo sanatti haasofte. Jaalalleenkoos kana yeroo dhageessu bilbila naaf bilbiltee baay'ee dheekkamte. Garuu dhugaa ture akkas miti. Ta'us dubbichi akka anaa fi jaalalleenkoo deebinee yeroo 3ffaaf walitti araaramnuf sababa ta'eera. Isa booda akkuma amala keenyaa torbee tokko lamaaf nagaadhuma haasaa jaalalaa haasayaa osoo jirruu gidduun sargiin tokko dhufe. Jaalalleenkoo kun Waayila ykn Miizee kadhatamte. Isheenis Waayilaaf na kadhatanii ture garuu ani hin deemu naan jette. Maaliif jedhee gaafannaan, baasii dhimma kanaaf oolu hin qabu naan jette. Maalan godharee, murtoo jaalalli natti murteesedhahoo, maallaqa ishee barbaachisu hunda ergeefiin sagantaa sana irratti hirmaatte. Kana qofa miti , wayituma araaramnu kana kanfaltii barnootaa kan semisteera sadii darbaniitu narra jira, abbaan maallaqa naaf erguu didee, animmoo boru ergan siwaliinan bultii hundeessa ta'ee, abbaankoo nabarsiisuu hin qabu, situ na barsiisuu qaba yaada jedhu naaf kaastee jennaan anis tole jedhee kanfaltii barnootaa semisteera sadii walitti qabee ergeefi. Kana hunda osoon godhuufii kunoo amma bilbilas naaf hin bilbiltu, yoon bilbileefis najalaa hin kaastu. Ani amma fala dhabeen jira. Onneenkoo isheef malee nama biraaf bakka hin qabu. Isheen waa'eekoo dhimma hin qabdu. Akkuma seenaa kanarraa hubattan isheen yeroo maallaqa barbaaddu qofaa, natti araaramtee, naaf bilbiltee na waliin haasofti. Kanaan ala waa'eekoo dhimma hin qabdu. Akkan ishee dhiisee nama biraa hin jaalanne Onneenkoo kana gochuu hin danda'u. Ishee malees jiraachuu hin danda'u. Maallaqas hangana kan hin jedhamne itti baaseera. Booda kana waanan godhu dhabee jennaan yaada tokkon dhiheesseefi. " Silas ana hin barbaaddu waan ta'eef maallaqakoo naaf deebisi maatiikee waliin mari'adhaatii" jennaaniin , ani iddoon fidee sii deebisu hin qabu, boodan hojjedhee siif kanfala deebii jedhu naaf kennite. Kanaafuu fala Wallaaleen jira. Mee osoo isin ta'ee maal gootu, jaalakoos dhabee maallaqakoos dhabuun qabamoo mee maal godhu? Xumureera Galatoomaa"

photo content

Kutaa 2ffaa Sana booda anis dhukkuba koronaa irraa dandamadhee yeroo turtii torbee tokko booda yeroon bilbiluuf, bilbila kaastee haasaa sirrii natti haasahuu hin dandeenye. Maaliif hin dhufne jedhee yeroon gaafadhuuni, " Ani asumattan galmaa'ee, asumattan baradha, atis maatiinkees waan natti dheekkamtaniif dhufuu hin barbaadne " deebii jedhu naaf kennite. Dhugaa dubbachuuf anis yeroo dhukkubsadhee jirutti kanan itti dheekkameef namni ani natti dhihaata, nan jaaladha , dhukkubsadhee waanan jiruuf dursitee na qaqabdi jedhee abdadhu isheedha waan ta'eef malee, jibbaaf yokin immoo murtoo akkasii akka fudhattuufii miti. Maatiikoos yoo ta'e maaliif bira hin deemtu jedhan malee hammeenya biraa dubbatan hin qabani. Dhugumatti dheekkamsa akkasii itti dubbadhee hin beeku waan ta'eef rifachuu dandeessi, garuu wantichi murtoo akkasiirraan kan ishee geessisu miti. Isa booda yaada ishee akka jijjiirtuuf baay'een kadhadheen garuu jijjiiruu hin dandeenye. Kanumaan waldhabnee osoo walitti hin haasayiin ji'a 3f turre. Yeroo turtii kana keessatti ani nan bilbilaaf isheen garuu hin kaastu. Booda abdii kutadhee jennaan jaalalli ishee osoo akkamitti nawaaduu nan dhiise. bilbilas nan dhaabe. Waa'eeshee dagachuuf yaaliin godhe. Osoo kanaan jirruu guyya tokko ergaa barreeffamaa akkas jedhu " Waakoo baay'een si yaade, si obsuun dadhabe, garaankoo na dide, yoo jireenya biraa hin jalqabne ta'ee fi hamman barnootakoo xumurutti na eegda ta'e waliin jaalala keenya itti fufna" naaf ergite. Anis amanuu hin dandeenyee, keessikoo baay'ee rifate, Kun ijakootimoo dhuguma isheetu naaf barreesse kanan jedhu ergichaa fi lakk. bilbilaa ittiin erhichi na qaqqabe irra deddeebi'een ilaale. Kanuma isheeti, ishumadha. Anis maal laphee isheetti jabaatu eessaan fidaree, tole jedheen. Isa booda akkuma durii keenyatti guyyaa guyyaan, guyyaatti si'a sadii afur waliif bilbiluu eegalle. Haasaa eegallee osoo torbee hin gahiin gaaffii tokko naaf dhiheessite, " Waakoo Uffata naa hin bittuuyi, uuuuffi kopheen kaleessa hiriyaakoo waliin suuqiitti arginemmoo akkam bareedaa, dhugaa osoon qarshii qabaadhee nan bitadha ture, abbaanis maallaqa naaf erguu didee zayitas waan nyaatamus manaa fixeera" haasawwan jedhan gara dhuma waliin dubbii keenyaatti fiduu eegalte. Akkuman dura isinitti himedha ani isheetti garaa jabaatus ta'ee, arraba gaaffii isheef deebii " Lakki " jedhu kennu hin qabu mitiiree, Safuu yaa jaalala, edaa jaalalli gowwaa nama taasisa jechuudha. Waan isheen akka bitamuuf gaafatte kana hunda akka bitattuf jecha , gatii meeshaaleen sun ittiin bitaman ergan qulqulleeffadhee booda mallaqa sanaaf barbaachisu hundan ergeef. Dhumarrattis barnoota xumurtee gara biyyaa maatii bira galuuf yeroo kaatu " Waakoo Uffata ayyaana bara haaraaf bitadhee galuun qabakaa, dhugaa waaqaa abbaanoo maallaqa naaf erguu didee" jechuun akkuma amalashee arraba isa irrisaa dhadhaa fakkaatu, garuu keessisaa Summii ta'een yoo na gaafattu, anis maalan godharee Lakk. herregaa ishee irrattan galcheef. Waan baay'ee nama ajaa'ibu uffatnis bitameefii yeroo gara maatiitti galtu , maatii bira geenyaan bilbila kaasuu dhiiste. Maaltu akka uumames ani hin beeku. Ani hinuman bilbila, bilbilli ishee ni waama , isheen garuu hin kaastu. wanti na ajaa'ibe yeroon bilbilu yoo arguu dhaa baatte, miscall argitee deebisuu ni dandeessi ture. garuu kunis hin jiru. Dhumarratti guyyaa tokko akka tasaa naaf kaastee yeroon maal akka taate gaafadhuun, miira sirrii hin taaneen ' lakki homaayyuu hin taane, hin agarre malee" jettee naaf deebiste. Waa'ee jaalala keenyahoo maal yaadaa jirta yeroon jedhuun , " ani homaayyuu yaadaa hin jiru, Waaqayyotu beeka malee, Abbaanis akkamitti nama biyya ormaa, maatiisaa, firootasaa hin beeknetti heerumtaa naan jedhani, ani waanan beeku hin qabu jette.

photo content

Kabajamoo qindeessitootaa fi gaggeessitoota Oro Media. Hunda dursa gaaffiin isiniif dhiyeesse fudhattanii akkan Mudannoo jaalalaa qabu keessaan gara keessanitti ergu waan na affeertaniif galatooma jechuun barbaada. Mudannicha akkana. Kutaa 1ffaa Ani hiriyyaan baay'ee jaaladhun qaba ture. Ammaaf maqaashee ibsuun hin barbaachisu. Ani kanan jiraadhuu fi hojjedhu magaalaa finfinneedha. Isheenimmoo Naqamteetti barnoota ishee digirii jalqabaa barachaa jirti waggaa 3ffaa. Kan wal barre karaa fuula fbookitiini bara 2012 A.L.H tti. Osoo qaamaan wal hin argiin bilbilaa fi toora fbook qofaan naannoo ji'a 10niif waliin haasayaa erga turree booda Jaalalleenkoo kun Obboleettii ishee bira gara Magaalaa Incinnii jedhamu dhufte. Isa booda waa'ee keenya obboleettii isheef erga ibsitee booda, mana obboleettiishee deemee akka wal barru murtaa'ee anis bu'uuruma kanaan achi deemee mana obboleettiisheetti qaamaan wal barre. Kun osoo kanaan jiruu manakoo akka dhuftu waliigallee gara manakoo dhufuun ana waliin torbee lamaaf erga turtee booda boqonnaan xumuramee jennaan barnootaf gara magaalaa Naqamteetti deebite. Yeroo ana bira turte kanatti uffataa fi kophee biteefiin, baasii geejjibaa fi baasii ishee barbaachisu hunda kenneefiin gaggeesse. Akka waliigaltee keenyaatti semisteera 2ffaa waggaa 1ffaa yoo xumurtu barnoota ishee gara finfinneettk naanneffattee ana bira teessee akka barattu ture. Maatii ishee, waldooliin anaa fi isheen itti waaqeffannus bifama kanaan beeku turani. Haa ta'u malee yeroo isheen barnoota sem. 2ffaa sana ,xumurtee garakootti dhufuudhaaf qophiirra jirtutti wanti tokko uumame. Innis maalinni seete, Anatu dhibee koronaation qabameen baayee dhukkubsadhe. Kana gidduutti ani sadarkaa du'aarra gahee waanan jiruuf akka dhuftee deggarsa barbaachisu naaf taasoftu yeroon itti himutti, ''ani akkamittan qofaakoo dhufaa ati dhuftee ana fudhachuu qabda malee '' deebii jedhu naaf kennite. Anis yaadashee kanatti baay'ee waanan aareef ittin dheekkame, lammata bilbilakoorratti akka hin bilbille akeekkachiisa jedhun kenneef. Kutaa 2ffaa....itti fufa