1 028
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
1 028
kutaa2ffaa
😭😭osoo Wal jaldhannuu sabaaba amanti gargar baane.😭😭..nama mana keenyatti waraaqa ergatee waliin process Akka aadaa keenyatti jiru adeemu jalqabne...hoomtuu dhume guyyaan dhaadha diibaa jedhamu Jira Akka aadaa naannoo Ani itti dhaladhetti..guyyaa sana garuu inniis obsa dhabe bilbilaan message naaf erge..."garaa naaf kutaattee" jecha jedhu..uuff miirri sa'a sana natti dhagahamee hin cima ture..msgicha dubbise Akkan xumureen Akkan nama biratti hin heerumneen murteesse..abbaa koonis gonkuma hin heerumuu jedhen itti hime Ani abbaa koof intala angafa waan taheef..abbaan Koo bayee na jaldhata..fedha Kee yoo hin taanee dhiisii jedhee baasii jarrii baasan hunda jaraaf kaffaleef...Lola cimaatu ture...isaarraa na darba..aniis Amma inni qopha'uutti biyyaa araaba deemen hojjeedhe dhufa jedheen biyyaa araaba deeme..ammaan waggaa afur achii turee..Isa waliin walii bilbila ture .. garuu guyya tokkoo gallii Koo geenyan Akka Wal fuunee jiraannuu Kara what's up dubbachuu eegale..by the way innii phenxeedha Ani muslimaa....garuu duraan phenxee tahuu yaadan ture...ergaan gara araaba deeme Amaantii kootti Nan jabaadhe.innis akkasuma...turtii Wagga torbaa olii jalaalan turree...aniis biyyaa dhufee Akka Wal fuunuu ergaa dubbachuu eegale booda wahee Amaantii irrattii...walii galuu dadhabne.garuu looltaaf jibbaan miti Kan gargar baanee osoo Wal jaldhannuu.aniis Akkan galeen shekii wayii Kan abbaan Koo beekuttin heerumee mucaa tokko godhaadhee Jira...inniis fuudhee Amma mucaa tokko godhaatee Jira....ergaas Wal argineee hin beeknu...garuu keessa Koo yeroo hundaa Jira...barreefama kana argee yoo dubbiseef...anuma dirindiishee Kee durii irraatti....kinniin garaatiif....
1 028
😭😭sabaaba Amaantii osoo Wal jaldhannuu gargar baanee 😭😭
jalaallii eessaa Akka dhufee nama qabuu hin beekamu.Enyuu irraas Akka nama qabu hin beekanu...ufff faayilaan cuufee kaahee siniif jedhe hardha saaquufaani.Bara 2002. Innii mucaa magaalatti animmoo intala baadiyyaatti..guyyaa osoo hin taanee dimmiimisa ykn dukkana keessa Wal Barre..Ani barnootaaf jedheen magaala jiraadha.guyyaa Wal barree sana akkas ture.qormaata kutaa 10 qoramnee gaarii ganna maatii keenyatti deebinuuf saganta walgeeggessa xiqqo tokkoo qopheeffanne..yeroo sana sirbii (kinniin garaa) jedhu aaraa dha ijolleen qophiicha qopheessanis sirbaa kanaa sagalee itti dabalannii banamee ture...tilmaaman Galgala naannoo sa'a lama hin ta'a..sagantichii jalqabame...Innis ijjoolleen waamnan saganticha irraatti argame...bakki dhimnaan na bira taa'ee...ifaan waan badee jiruuf akkuma gaarittillee Wal ilaaluuf mijaata hin ture.. bilbila Wal geddaree tokko lama jenne haasa muraasa asoofnee...anis borumta isaa osoon Isa hin argiin gara baadiyaatti qajeele...bilbilaan waliin haasa torbee tokko geenye.. aniis gabaa sabaaba isaan deebi'e dhufe...tokko Jenne Wal argine..guyyaa dhan...aniis Nan jalaadheen...torbee keessa guyya lama Wal argina..isaaf jedhe gonkuma gabaa hin hafu.waan nama dhibuu..mana keenya network iin hin dalagu..tabba mana keenya irraa deemen bilbilee dubbisaaniin ture.uufff jalaala jalqaba Akka isheen nama maraachitu namnii walaale Jira jedhee hin yaaduu..osoo akkas jennuu ji'ootni lakka'aamee..waggaa ta'ee....inniis baayee na jaldhata.manni keenya magaala irraa deemaa millaan sa'ati sadii ta'a...guyyaa tokko adeemsa Amma kana osoo naa geggeessuuf na waliin adeemuu..ergaa deemsa sa'a2:30 oli adeeme Akka bayee magaala irraa fagatee bara..Akka hin deebine aduun dhi'eera...mana nama kadhatee bule...anaaf jecha baadiyaa dhufee ijjoollee dhiiraan reebame beeka...guyyoota mi'ooftu waliin dabarsine...dhugaa😭 isinitti himuun dagadhe..guyyaa tokko maqaa isaan waamee hin beeku..kinniin garaa koon jedhani...ergaa Wagga lama jalaalan waliin turree booda maatii heruumi malee jedhaani nama biraatti na herumsiisuuf kaanan Akkaan isatti herumu itti hime inniis yeroo sana qophaa'a waan hin taaneef gaaffii dhuma kana irraatti Wal lole aniis heruumuf kahe...nama mana keenyatti waraaqa ergatee waliin process Akka aadaa keenyatti jiru adeemu jalqabne...hoomtuu dhume guyyaan dhaadha diibaa jedhamu Jira Akka aadaa naannoo Ani itti dhaladhetti..kutaa 2ffaa isaa dakika. muraasa booda isiniif maxxansina
1 028
Maaliif garuu...?
Tokkoo uffaata guyya tokko uffaate irra deebihee hin uffaatu,waan altokko nyaatee itti debihee ilaaluyyu hin barbaadu,tokkoommo waaqummatu uumee jeechuu dhaafuu nama rakkisa. Bakka koosiin balfii itti gataamu kessa jiruu isaa godhata, balfa keessa nyaataa, balfa keessa jiraata......qorraan gubaate qulla isa bakkee keessa bula..maliif dachee dhuma tokko irraatti jireenyi nama amma lafaaf samii wal irra fagaata?...maal qaba osoo hunduu jireenya gammaadaf guutuu wal qixa jiraate?...wal caalmaan dhibe.hunduu waan nyaatee bulu argate! adaraa harkii keessan dhabaaf ha dirriruu🙏🙏 Wal gargaara🙏🙏 osoo isinii nama taatanii jirtaanu,tokko nammumaa isaa hin jibbiin 🙏 yoo sitti tole hiriyoota keef qoodii...
1 028
😭😭Mallaqaan biyyaa Araabati fidee narkaa fixe😭😭
osoon biyyaa arabaa jiru fuulaa Facebook Wal barree.gammee jedhama. Sila nama cinninan hin beekaan Ani Akka bareedina isaatin se'ee.yeroon biyyaa alaa jiru fb isaa irraa profil na godhatee sifaan Du'aa Nan jecha ba'ee.annis dhugaa se'een dafee dhufee arguuf jerjere...dhugaa dubbiin isaa,haasaa mi'eesse dubbaachuun isaa nama nagaa isaa fakkeessa...anis guyyaan dhufaatti kootti geenyaan gammeen akkaa na eeguuf itti hime inniis hiriyaa isaa fayisaan jedhamu kanniin fb kanaan beekun waliin na eegee abaaboo qabate. na simaatee na fuudhe hoteela Akka boqonnu natti hime.guyyaa lama jalaala hoo'aa na waliin dabarsee..guyyaa saddaaffaa irraatti akkaas naan jedhe. bankii birrii jiaa torbaaf Kan araaba galee Akka hin sochoonee gochuudhaaf waan taheef yoo mallaaqa book Kee irraa qabattee baasii Lafa ittiin bitaadhuu gaafaa deebi'uuf jettuu gurgurtaa Nan jennaan tolee jedhee birr 230,000 kaniin hojjeedhe Isa waliin deemne baasnee dhufnee bakka siree qabannettu deebinee...deemii shawoor galii baanee Lafa bitamu gafannaa dalaala Nan jedhe.aniis tole jedheen mana shawoor seenee.karaa alaa natti qolloofee birriicha fudhaattee bade.nan iyyee sana booda hojjeettoon hotelicha keessa jiraanu dhufaani balbala mana shawoor narra banaan gaafa ilaalu hoomtuu hin jiru..akkaasittiin gammeen natti taphatee bade...Amma kunoo maatii kootii muldhaachuuf sodaadheen asuma finfinnee fabrikaa seene hojjeta Jira...adara shammaraan biyyaa araaba jirtaanu Akka Koo Akka hin taanee of eegaadha....waliif dabarsaa warraa hin dhageenyeen naaf ga'aa...yoo obbollaan keessan biyya araaba jiraatanillee ergaa Koo kana Kara keessa ergaaf...share Share..godha...
