en
Feedback
Hamba Media

Hamba Media

Open in Telegram

Oduu Ammee

Show more
1 028
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
seenaa dawwaadha subscribe goodhaati Oro media jabeessa

🇺🇸 DV 2024 VISA LOTORI guttun jalqabamme jirraa Marsaa kannarratti passportin haaffe jirraa! Namoonni DV kana guttu barbaadan  👉👉👉 @Chuliya43  nudubbisaa DV-2024 lottery Program: Online Registration The online registration period for the DV-2024 Program begins on Wednesday, October 5, 2022, at 12:00 noon, Eastern Daylight Time (EDT) (GMT-4) and concludes on Tuesday, November 8, 2022, at 12:00 noon, Eastern Standard Time (EST) (GMT 5).

photo content

maaloo dubbisaa😭😭 obsaan naa dhaga'aa yaada keessan naaf qooda!🙏 meseret waliin mucaa tokko qabna ture. bultiin keenya hoo'aa ture.garuu guyya tokko Akka biyyaa alaa deemte hojjaatte dhuftu naaf kaasnan tole jedheeni qotiyyoo qabnu gurguree gara biyyaa ormaattii ergee dayimaa Wagga lama waliin na dhiistee hojiif garaa biyya ormaa deemte. Waggaa sadii hojjaattee Akka dhuftu walii gallee,anis Akka abbaa,akkaa haadha tahee dayimaa keenya guddisuuf dirqame.ani Facebook hin qabuun ture garuu isheen Wal arguuf yeroo mara gurbaa hiriyaa keenya tokko bira deeme Nan dubbisaanin ture.imo Isa irratti suuraashes nuuf ergiti nu'iis kanuma gurbicha irraan erginaaf ture. mucaan kun hooma hin qabu ture inni Abba bilbila inni isheen irraan nu dubbiftu..turtii turti keessa uffata alaa dhufe bilbila duraani geddare Kan bira qabate...bayee jijjirama dhufe isheenis Wal nu dubbisiisu dide...manaas nu bira bahee.. osoo ishee hin argiin Wagga lama teenye. dhuma irraa waggaa sadaffaatti harkaa ishee duwwa dhufte.mucaa Koo kana booda Nan gargara malee SI waliin hin jiraadhu Nan jette sokkite...mucaa ishee dubbifte....aniis guyyaa sana bayeen gaddeen karaa isheen deemtu hordoofsisu eegale...Kara burayyuu kana mucaa duraan bilbilaan Wal nu qunnamsisutti heruumte mana bitteef waliin jirata jiruun dhagahee...safuu anaaf rabbi Jira rakkadhe dayimaa Koo Nan guddifadha...siif garuu rabbii hojii Kee ha kennu...adara share godha meseretii biraan naaf gaha....

photo content

dirqama na jabeessuu qabdu

photo content

KARAA FODDAA Seenaa ajaa'ibaa kana obsaan dubbisaa irraa baradhaa! Hospitaala guddaa keessatti ture.Kutaa dhiphoo tokko keessa dhukkubsatoonni dhukkuba cimaa dhukkubsatan lama waliin jiru.Sireen isa tokkoo foddaa bira waan ta'eef, karaa foddaa ala ilaaluuf carraa qaba.Inni tokko garuu foddaa irraa xiqqoo fagoo waan ta'eef, ala hin argu. Inni foddaa biraa sun waaree booda yeroo hundumaa mataa isaa ol qabatee ala ilaalaa namicha isa sanaaf waan arge hima ture.Namichi inni sun dugdaan malee ciisuu hin danda'u.Achuma ciisee isa karaa foddaa jiru sana dhaggeeffatee akka waan ofii ala jiruutti gammada."Ala kana bakka bashannanaa baay'ee bareedaatu jira.Bakka bashannanaa sana bira haroo miidhagaatu jira.Haroo sana irra daakkiyyee hedduutu daaka.Ijoolleen dhufanii daabboo daddarbatuuf.Bidiruu xixiqqoo babbareedduudhaan haroo sana irra bashannanu.Jaalalleewwan lama lamaan harka wal qabatanii mukkeen jala olii fi gadi deemanii gammadu.Abaaboowwan babbareedoon ni mul'atu.Dirree guddaan margaan haguugame ni argama.Ijoolleen achi irra kubbaa taphatu.Mukkeetii haroo sana duuba jiran garasiin immoo gamooleen magaalaa bareedanii mul'atu!" jedhee guyyaa guyyaan itti himee dhukkubsataa dugdaan malee ciisuu hin dandeenye sana gammachiisa.Innis akka malee itti gammada. Tokkoo tokkoo daqiiqaawwan dhufanii darbanii dubbii namichaatti gammaduun dabarsa.Mucaa xiqqoon tokko haroo sana keessatti kufuuf turee akkamitti xiqqootti akka oole, dubartoonni uffata babbareedoon faayamanii akka deeman irraa dhaga'a.Ibsi hiriyaa isaa dhuma irratti akka waan ofii isaa ala jiruutti akka itti dhaga'amu taasise. Guyyoota keessaa gaaf tokko garuu, "Hamma yoomiittan waan inni natti himu dhaggeeffadha? Sireekoo kan isaatti jijjiirrachuun qaba.Kana gochuufis waan ana irraa eegamu kamuu nan raawwadha" jedhee murteesse. Akkamitti akka siree isaa jijjiirratu yaaduu ittuma fufe.Humnaaf dadhabus hawwiin eeguu eegale.Halkan tokko utuu inni dugdaan ciisee jiruu, hiriyaan isaa karaa foddaa ciisu sun akka tasaa hukkaamamee qufa'uu eegale.Inni kun garuu callisee dhaggeeffate.Namichi kun hiriyaa isaa sana gargaaruu ni danda'a ture.Bilbilli ittiin bilbilanii narsii waaman keenyan isaa bira ture.Harka isaa hiixatee bilbila sana bilbilee ogeessa fayyaa waamuufii danda'a.Wanti nama ajaa'ibu garuu, siree namichaa fudhachuuf qofa akka inni du'uuf bilbila sana bilbiluu dhiise.Utuma inni bira jiruu namichi hafuurri isaa keessatti xiqqaachaa dhufe, dhuma irratti du'e. Ganama narsiin jara do'achuuf yoo dhuftu namichi foddaatti dhi'oo sun du'eera.Achumaan humna dabalattee reeffa namichaa baastee kutaa reeffaa galchite.Erga dubbiin xiqqoo qabbanaa'ee, haala ilaalee siree isaa jijjiirrachuu akka barbaadu itti hime.Ogeessonni fayyaas tole jedhaniifii sirecha jijjiiraniif.Innis suuta jedhee mataa isaa ol qabatee karaa foddaa ala ilaale. Wanti inni arge garuu nama ajaa'iba.Bakki bashannanaa bareedaan sun hin jiru.Haroon miidhagaan hin jiru.Gamoowaan haroo dudduubaa mul'atan hin jiran.Dakkiyyeewwan haroo daakan hin jiran.Wanti mul'atu dugda gamoo tokkoo qofa.Sunuu ijaan argaaf hin tolu ture.Edaa sun hundumtuu wantoota namichi du'e sun hiriyaa isaa jaallatu kana ittiin jajjabeessuuf, gammachiisuuf, dhukkuba isaa irraanfachiisuuf....uumee itti himaa turedha. Ilaalaa egaa kana.Inni sun hiriyaa isaa gammachiisuuf waan hin jirre uumee rakkata; inni kun immoo bakka isaa fudhachuuf garaa itti jabaate.Quba tokkoon bilbila keenyan manaa irra ture bilbilee du'a oolchuu otoo danda'uu jalaa callise. Madda:Kitaaba Abjuukoo Hin Gurguru Eebbisaa Baayisaa barreessitoota jajjaboo Oromoon qabu keessaa isa hangafa.Kitaaba isaa barbaadaa bitadhaa.Dubbisuu amaleeffadhaa!

photo content

Sammuun beela' e jireenya kee huqqisa! Akkuma dubbisaa, hubachaa, beekaaf ogummoomaa deemtuun, wantoota haaraa hedduu arguu jalqabda, sadarkaan yaaduu kee dabalaa deema, carraan waan haaraa uumuu Keeti ol ka'a! Waan guddaa hojjachuu akka qabduuf, dandeessu hubachaa deemta! Gaafa of bilcheessaa deemtu sammuu kees jireenya gaarii siif bocuuf carraa argata! Sammuun beela'ee eegaa jireenya kee huqqisa; dhimma uummamteef si dagachiisa; jireenya xiqqoo keessa si guggufsiisaa oola. Sammuun yaada gaariif, beekumsa gaariin badhaadhe, garuu si kabaja. Of taatee akka jiraattu si taasisa! Eegaa yaadoota gaggaarii yaaduuf kitaaboota gaggaarii dubbisuu haa amaleeffannu, aadaa yaaduuf xinxaluu haa gabbifannuu; fedhii jijjiramus haa hoorannu; isaantu bulchinsa jireenya keenyaa ol kaasee, jiruuf jireenya keenyatti Boca jaallatamaa uuma waan ta'eef! Garaan beela'ee qamoota Kee, sammuun beela'ee ammoo jireenya kee huqqisa! Kanaaf sammuu kee jijjiramee, jireenya kee akka si jijjiruuf heeyyamiif! Ati heeyyamamaa taanaan jijjiramarraa kan si dhorku hin jiru; dandeettiin kees abjuu kee guddaa milkeessuuf sin haqqatuu; ati garuu jabaadhu of ijaari; of bilcheessi! yoos lafa miilli namoota danuu qaqqabuu dadhabe geessee, waan haaraa labata har'aaf eegereef ta'uu dalagdee tartaa! Qabeenya guddaa rabbi eebbisee siif kenne sammuu keetti fayyadami! Gita Dandeettii sammuu keetii jiraadhu Tari...Ati ofiif nama tokko ta'u dandeessa garuu qabeenyi si keessa jiru kan dhaloota kanaati!

photo content

😭anaaf jedhee marzii dhugee du'ee😭 osoo innii dhugaan na jaldhaatuun Ani birriif jedhee itti siqa ture....dhuguuma nama jaldhatu fakkaadhen mallaqa irraa fuudhee jalaalee Koo waliin bashanana ture....uufff Akkan midheen ergaa inni ofi ajjeeseen bare....Yoon maal godhe ekeraan isaa dhiifama naaf gootii.... boqonna na dhabee keessi Koo....dhugaa awaalee soba duukaa jiraachuun dadhabee....Amma maal gochuun danda'aa .....maaloo mala naaf himaa....adara na gorsaa malee Nan arraabsina

photo content

🎉#Boontuu🎉 Oromummaa kee malee Badii hin qabdu mudaa Rakkoo tokko malee-s Tasa hin teessu hidhaa Garraammii akka gugee Yaada keetu gaarii-dha Qalbii qabeettii namaa Haadha sagalee carii-dha! Baga baate Boontu! Siif hin taatu manni hidhaa 🎉 Yaa Boonee ko Baga baate Goomattuun Kee Lafa ilaalte Yaa Boonee ko Baga baate Goomattuun ke Lafa taate Yaa Boonee ko Baga baate Goomattuun kee Lafee taate Yaa Boonee ko Baga baate Goomattuun Kee Of wallaalte! 🎉 Sanyii keetu qaalii-dha Kanaaf diinni si hordofti HidhamuunKee qaaniidha Kanaaf gammaddi doofti Sesseeqxuu sanyii mootii Beektuu saba Oromootaa Bareedduu sanyii kootii Xiiqoftuu sanyii goototaa Baga nuuf baate Boontu Gara miidiyaatti koottu! SimeSimeeraa BilisummaaiSimeeraa Bilisummaa

photo content

#BOONTUU_KOO! Si biran jiraam anoo Fooliikee suufaan oolaa Hamaa kee yoo dubbatan Garaan na fedhaa lola Bagan sitti dhihaadhee Argaa kee dharraan ba'aa Dhokseetan si jaalladhaa Naaf jiraadhu kufaa ka'aa Si jaallachuu koo ha beekanii Haa odeessan dubbii jibbaa Ati kun tokkittiin keeyyuu Naaf caalta nama dhibba Sin abdadhe anis boriifii Sin amana natti aantuu koo Hamtuun sin argin naarraa Namarartaam boontuu koo!!

photo content

#Koottu! Kottu naan firoomii Siifan saaqa Garaa Yoo rabbi murteessee Qaamaanis sin baraa! ~ Narraa fagoon jirtuu Na baruu feenaanii Fuulleetti wal agarraa Gibee achi ceenaanii. ~ An Limmuu Saqqaadhaa Limmuu Kossaa gadii Keetis yoo nattimtee Mee maal qaba badii? ~ Nattimi teessoo kee Nattimimee maaloo Yoon immoo si aarsee Hin kuufatin haaloo! ~ Yoo nama baruudhaaf Hin qabaanne fedhii Garaan sirraa muraa Sin barbaadu jedhii. ~ Yoo feete qabaadhuu Qarshii Kuma Dhibbaa Yoo feetemmoo dhabii An siin qabu jibbaa! ~ Yoon waa sirraa jibbee Sin jibbu sin gorsaa Namummaa kee malee An sin laalu borsaa!

photo content