en
Feedback
Hamba Media

Hamba Media

Open in Telegram

Oduu Ammee

Show more
1 028
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
#Chinaatti Dho'iinsa mana nyaata tokkotti mudateen lubbuun namoota 30 darbe Kaaba-lixa Chaayinaatti balaa dhohiinsaa mana nya
#Chinaatti Dho'iinsa mana nyaata tokkotti mudateen lubbuun namoota 30 darbe Kaaba-lixa Chaayinaatti balaa dhohiinsaa mana nyaataa tokko keessatti mudateen namoonni 31 erga du'an booda namoonni sagal to'ataman. Balaa magaalaa Yiinchuwaan keessatti mudate kanaaf sababiin gaaziin dhohee dhangala'uudha. Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing hojii lubbuu baraaruu irratti akka xiyyeefatamuu fi maddi balaa kanaa akka sirriitti qoratamu dhaaman. Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti taatee kana hordofee namoota seeraan to'ataman sagal keessaa abbaan mana nyaataa balaan kun keessatti mudatee tokko. Balaan kun bakka ayyaana aadaa Chaayinaa - Dragon Boat Festival - jedhamu kabajuuf walitti qabamanii fi mana nyaataa namoonni hedduun keessaa nyaataa turan Fuyaang jedhamu keessatti mudate LOOKOO MEDIA Firoomfadhaa šŸ¤šŸ„°

Shamarreen suuraa irratti mul'ttu kun maqaan ishee Mintaamir Ballaxaa jeedhamti. Bara 2011 Yunivarsiitii Baahir Daar irraa mu
+1
Shamarreen suuraa irratti mul'ttu kun maqaan ishee Mintaamir Ballaxaa jeedhamti. Bara 2011 Yunivarsiitii Baahir Daar irraa mummee barnootaa Injinariingii Huccuun /Textile Engineering/ kan eebbifamte shamarreen tun, waggoota lamaaf paarkii indaastirii Hawaasaa keessatti qacaramtee hojjettullee hojiisheetti itti fufuu hin dandeenye. Yeroo ammaa magaala Finfinnee naannoo Boolee jedhamuun beekamutti kophee qulqulleessuun of jiraachifti. Naannoo Booleetti daandii konkolaataa cinaa, gaaddisa mukaa jalatti kophee maamiltootashee kan qulqulleessitu shamarree Mintaamir, ā€œgammadee bashannanaan hojjedha. Ganamaan ka’ee dhufeen hojjedha. Kun anaaf waajjira guddaadha,ā€ jechuun himti. Madda:- BBC Afaan Oromoo LOOKOO MEDIA Firoomfadhaa šŸ¤

Magaalaa Finfinneetti barattoota kuma 150 oliif qormaata kutaa 8ffaa fi 6ffaa qophii xumureera. Buufataalee Qormaataa 185 irr
Magaalaa Finfinneetti barattoota kuma 150 oliif qormaata kutaa 8ffaa fi 6ffaa qophii xumureera. Buufataalee Qormaataa 185 irratti barattoota kutaa 8ffaa fi 6ffaa kuma 150 fi 199 qormaata sadarkaa magaalaa laachuuf qophiin xumuramuu Daayrektarri Qormaataa fi Madaallii Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Diinaa’ool Caalaan ibsaniiru. Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 671 keessatti qophiin galmee barattootaa, iddoo qormaataa fi warqaan qormaataa xumuramuu kaasaniiru. Waxabajjii 26 -27, 2015 barattoota kutaa 8ffaa kuma 75 fi 107 ta’anii fi Waxabajjii 28 -30, 2015 barattoota kutaa 6ffaa kuma 75 fi 92 ta’aniif qormaatichi kan laatamu ta’uu eeruu TOI gabaaseera. LOOKOO MEDIA Firoomfadhaa šŸ¤šŸ™

Elon Maskii Fi Maark Zukarbarg Dureeyyii addunyaa kanaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'an Elon Maskiifi Maark Zukarbarg walta
Elon Maskii Fi Maark Zukarbarg Dureeyyii addunyaa kanaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'an Elon Maskiifi Maark Zukarbarg waltajjii bunyaa irratti wal loluuf waliigalan. Abbaa qabeenyaa miidiyaa hawaasummaa Tiwiitara jedhamu kan ta'an Mask, Tiwitara irratti ergaa katabaniin wal loluuf qophii ta'uf waliigaluu ibsan. Yeroo ammaa abbaa qabeenyaa dhaabbataĀ FacebookĀ fiĀ InstagramĀ of jalatti qabu, Metaa, kan ta'e Zukarbarg ergaa Mask booda ''bakkicha naaf ergi'' jechuun maxxanse. Eegasii Mask bakkichi ''Vegaas Oktaagon'' ta'uu ibse. Oktaagon bakka namoonni itti wal falmaniifi dallaan ijaaramedha. Bakkichi bakka dorgommii beekamaadha. Baatii kana keessa umriin isaanii 52 kan ta'u Mask, filmii jaalataniifi morkataa isaaniirra ta'anii lolan akka qaban kataban. Dhuma irratti Akka qoosaa tahe maxxansaniiru.... Namootni baay'een Garuu guyyicha eegaa Akka turaan ibsaniiru LOOKOO MEDIA join godhaašŸ¤©šŸ™

#Galatoomaa! Baankiin Oromiyaa milkaa'ina Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaf Birrii Miliyoona Tokko gumaache. Gumaacha kana
#Galatoomaa! Baankiin Oromiyaa milkaa'ina Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaf Birrii Miliyoona Tokko gumaache. Gumaacha kanas Walitti Qabduun Boordii Faawundeeshinii Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damissoo Waajjira Muummee Baankii keenyaatti argamuun Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Mokonnon harkaa fuudhaniiru. Gumaachi Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaaf taasifame qaama itti gaafatamummaa hawaasummaa baankii keenyaati. LOOKOO MEDIA

Barattoonni Yuunivarsitii Qabri Dahar deeggarsa gaafatan. Akkuma beekamu yeroo ammaa barnooti idilee bara kanaa goolabamuun b
Barattoonni Yuunivarsitii Qabri Dahar deeggarsa gaafatan. Akkuma beekamu yeroo ammaa barnooti idilee  bara kanaa goolabamuun barattoonni boqonnaaf  gara maatii isaaniitti deebi'uuf jedhu. Kanaan walqabatee haala geejjibaan Yuunivarsitii Qabri Dahar irratti barattoonni deeggarsa gaafatniiru. Yuunivarsitiin Qabri Dahar fageenya dheeraa  yoo xiiqqaate magaalaa guddoo Oromiyaa  Finfinnee irraa  kiilo meetira 1035 kan fagaatudha. Kana irraa ka'uunis barattoonni gatiin geejjiba daandii  kan isaan hin madaalle ta'uu himaniiru.  Barattoonni Yuunivarsitichaa  rakkoo isaan irratti uumame kanaaf Yuunivarsiticha dabalatee Abbootii qabeenyaa akkasuma waajjirri geejjibaafi namoonni dhimmi kun ilaallatu marti deeggarsa akka taassisaniif gaafataniiru. LOOKOO media

Biliyeenara Biyya #SouthSudan maqaan isaa #Lual_Malong jedhama🄰 Mootummaan isaa madda qabeenyaakee qoranna jedhee cinqee jen
Biliyeenara Biyya #SouthSudan maqaan isaa #Lual_Malong jedhama🄰 Mootummaan isaa madda qabeenyaakee qoranna jedhee cinqee jennan qabeenya isaa hundaa guurratee #Kanaadaatti gale. Maaliif akkana goote jedhe gaafatamnan ā€˜ā€™Mootummaan yeroon ani hiyyeessa ture madda hiyyummaakoo maaliif hin qorannee’’ jedhešŸ˜€šŸ˜€šŸ˜€ Mootummaanis namnis yeroo ati duroomtu waa’ee jiraachuukee cinqama malee yeroo ati hiyyeessaa eenyuyyuu maqaakee hin beeku. Abbaan barbaade madda gammachuukee fi durummaakee haa cinqamu itti muddii hojjedhuu jijjiirami. #lookoo Mediaa firoomfadhaašŸ¤©šŸ™

šŸ‘‰ Manneen Murtii Federaalaa sadarkaa sadeenuu jiran (First Instance Court, High Court and Supreme Court) gita waamama hojii
šŸ‘‰ Manneen Murtii Federaalaa sadarkaa sadeenuu jiran (First Instance Court, High Court and Supreme Court) gita waamama hojii Gargaaraa Abbaa Seeraa irratti ogeeyyii seeraa qacaruuf beeksisa baasanii jiru. Itti dhiyaadhaa!! LOOKOO MEDIA Firoomfadhaa šŸ¤

Beeksisa Qacarrii fi jijjiirraa Magaalaa Shaggar, warri isin ilaallatu itti dhiyaadha! @Lookoo media
+5
Beeksisa Qacarrii fi jijjiirraa Magaalaa Shaggar, warri isin ilaallatu itti dhiyaadha! @Lookoo media

kana beektu laata? Karaa bitaarra biyyoonni konkolaachisan hedduun biyyootaa warren kolonii Briiteen jala turaniidha. Kaan am
kana beektu laata? Karaa bitaarra biyyoonni konkolaachisan hedduun biyyootaa warren kolonii Briiteen jala turaniidha. Kaan ammoo dhiyeenya teessuma lafaa isaan biyyoota koloneefatamanifi Briteenitti qabanirraa kan ka'e sirna kanatti madaqan. Jalqaba jaarraa 20ffaa keessa biyyoonni kolonii jala turan erga birmaduu bahanii booda, karaa mirgaa oofuu eegalan. Kaan keessatti garuu akkuma duraatti itti fufe. Biyyooota odola Ameerikaa Afaan Ingilizii dubbatan akka Jaamaayikaa, Bahaamaas, Barbados, Triindaadiif Toobagoo fa'a keessatti karaa bitaaan oofuun yoo itti fufu, Ameeikaa Kibbaa keessatti Mirgaan oofuun amaleefatamaa deeme. Aardilee biro keessatti fakkeenyaaf Eezhiyaatti biyyoota akka Indiyaa, Jaapan, Taayiland, ykn HongKoong keessatti, Oshiiniyaatti Awstiraaliyaafi Neewizilanditti, Aafrikaa keessaa Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Moozaambiikitti, Awroopaa keessaa Ayeerlaand, Saaypreesi fi Maaltaan biyyoota karaa bitaa ofuu itti fufan keessaati ramadamu .... Nagaan Oolaa LOOKOO MEDIA jabeessaa!

Oggantootni Afrikaa Gara yukiranitti Imalan Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan imala ergama nagaa gara Yuukire
Oggantootni Afrikaa Gara yukiranitti Imalan Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan imala ergama nagaa gara Yuukireen Raashiyaa dureewwan Afrikaa taasisan hogganuun 'seena-qabeessa' jedhamuun leellifamaniiru. Hoggantoonni Afrikaa ''ergama nagaa qabachuun Afrikaan ala imalli taasisan kuni kan jalqabaati,'' jedhameera. Haa tahu malee, qaamoti wal waraanan haasaa nagaaf otoo walii hin galiin, imallisaanii garaagarummaa akkamii fiduu mala, moo Raamaafoosaan rakkoo Afrikaa Kibbaatti isaan qabee jiruuf xiyyeeffannoo addunyaa argachuuf kana raawwachaa jiru? Imala ergama nagaa kanaan bakka buutonni biyyoota Afrikaa torba Pireezidantii Yukireen Viloodamiir Zeleenskii fi Pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin dhuma torbee darbee irratti argatanii dubbisaniiru.

Ityoophiyaatti dhibee gaggabdoo qorichaan hin yaallamne yaala baqaqsanii yaaluu eegaluuf waliigalame Ityoophiyaatti dhibee ga
Ityoophiyaatti dhibee gaggabdoo qorichaan hin yaallamne yaala baqaqsanii yaaluu eegaluuf waliigalame Ityoophiyaatti dhibee gaggabdoo qorichaan hin yaallamne yaala baqaqsanii yaaluu eegaluuf waliigalamuu Ministeerri Fayyaa beeksise. Yaalicha leenjii waliin eegaluuf dhaabbanni Biyya Isiraa’elitti argamu ā€˜INFI ā€˜ jedhamu Hospitaala waliigalaa Ityoo – Istaanbuul, Ministeera Fayyaa fi Hospitaala Xiqur Anbassaa waliin waliigalteerra ga’uu ibsameera. Yaalichi eegalamuun Ityoophiyaatti yaala damee ā€˜Niwuroomooduuleeshinii’ tarkaanfii tokko gara fuulduratti kan ceesisu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru. Bakka Bu’aan Dhaabbata ā€˜Infi’ Dooktar Mikaa’eel Leeviin gama isaaniin hanga ammaatti hojiilee bu’aa qabeessa ta’an hedduu hojjechuu dubbataniiru. Yaalichi wayita Ityoophiyatti eegalame namoota umriin isaanii waggaa 5 – 60 ta’aniif tajaajila yaalaa kan laatamu ta’uu himaniiru. LOOKOO MEDIA

Dhiiga hiriyoota koo ofitti dibeen haleellaa hidhattootaa jalaa lubbuu koo baraare - Barataa Yugaandaa Sa'aatii tokko dura Ba
Dhiiga hiriyoota koo ofitti dibeen haleellaa hidhattootaa jalaa lubbuu koo baraare - Barataa Yugaandaa Sa'aatii tokko dura Barataa Juuliyes Isingoomaa wayita gareen hidhattoota IS mana barumsaa inni keessatti baratu haleelan iddoo barattoonni keessa bulan (doormii) keessa ture. Hiriyoonni isaa wayita haleellaan irratti raawwatu kan waliin ture barataan kun akkamiin akka lubbuusaa baafate amma wayita yaadatu dhugaa itti hin fakkaatu. ''Kanneen haleellaa geessisan du'eera jedhanii akka na bira darbaniif jedheen dhiiga hiriyoota kiyyaa afaan, gurraa fi mataa kiyyatti dibeen ciise,'' jedhe. Haleellaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaalaa xiqqoo Miponduwee keessatti argamutti raawwate kanaan namoota 40 ajjeefaman keessaa 37 barattoota. maddi...BBC

Harargetti waraabessi lubbuu namaa tokko dabarsuun, namoota 4 madeesse *** Godina Hararge Bahaa Aanaa Gursumitti guyyoota mur
Harargetti waraabessi lubbuu namaa tokko dabarsuun, namoota 4 madeesse *** Godina Hararge Bahaa Aanaa Gursumitti guyyoota muraasa darban keessatti waraabessi daa'ima tokko nyaatee namoota afur biroo madeesse. Namoota miidhaman keessaa tokko Waxabajjii 18, 2023 halkaan naannoo sa'aatii afuriitti waraabeessi miidhaa irraan gahee hospitaala Gursumitti yaalamaa jiru. Aadde Faaxumaa Yuusuuf maanguddoo umriin ganna 60 keessa jiran yoo ta'an, waraabessi fuula ciniiinee hospitaala Gursumitti wal'aanamaa jiru.

Qoosaa🤣😁 Mucaatu jedhan; Guyyaa cidha Isa intala fuudhee dinqa/Gola seenee... Maqaa Gooftaan jedhee itti dhiibe jedhan....
Qoosaa🤣😁 Mucaatu jedhan; Guyyaa cidha Isa intala fuudhee dinqa/Gola seenee... Maqaa Gooftaan jedhee itti dhiibe jedhan.... sana booda intallii durba waan hin turreef ... waantichi dhugee dhaggeeffatte... sana booda mucaan intaloo eessa Jira inni ati waada naaf galte jedheen ... intalliis šŸ‘‡šŸ‘‡ Maqaa Gooftaa dura waanti dhabbattu hin jiru,kanaaf badeĀ  jetteen jedhama... nagaan BulaašŸ™

Roobert Mugaabeen dubbii dinqisiisaa waa'ee sirna Bulchiinsa Afrikaa irratti dubbatee ture. āž› Barattoonni ciccimoon Sadarkaa
Roobert Mugaabeen dubbii dinqisiisaa waa'ee sirna Bulchiinsa Afrikaa irratti dubbatee ture. āž› Barattoonni ciccimoon Sadarkaa 1ffaa irratti argaman qabxii olaanaa warri qaban ogeessa fayyaafi injiinara ta'u. "Barattoonni giddu-galeessi sadarkaa 2ffaa irratti argaman immoo, seera baratanii warra sadarkaa tokkoffaa bulchu! Sadarkaa 3ffaa irratti kan argaman kanneen kutaa 8 baratanii, poolisii dorgomuun warra sadarkaa 1ffaafi 2ffaarra jiran kan bulchaniidha. Yoo barbaadan ni reebu; Qaama hir'isu. Yoo barbaadan ni ajj**su! Sadarkaa dhumaarra kanneen jiran, kanneen homaa hinbaratin immoo qaalluufi xonqaayii ta'uun namoota hundumaaf fala (falfalaa) himu" jedhee ture! Maddi: Miidiyaa Hawaasaa

Boombiin dho'uun daa’imman maatii tokkoo 3 dabalatee lubbuu namoota 4 galaafate Magaalaa Shaashamanneetti Boombiin balfa kees
Boombiin dho'uun daa’imman maatii tokkoo 3 dabalatee lubbuu namoota 4 galaafate Magaalaa Shaashamanneetti Boombiin balfa keessaatti gatame dho'uun daa’imman maatii tokkoo 3 dabalatee lubbuu namoota 4 galaafachuun ibsame. Daa’immaan lubbuun isaanii darbe kunis hojii meeshaalee faayidaan ala ta’an walitti qabuurratti kan bobba’an ta'uun eerameera. Wayita meeshaalee gataman walitti qabanitti balfa keessaatti boombiin gatame dho’uun balichii qaqqabuun ibsameera. Balaa kanaan daa’imman lama irra miidhaa salphaa fi cimaan qaqqabuu Waajjira Poolisii Magaalichaatti Qorataan Yakkaa Kutaa Magaalaa Haruufaa Inispeektar Kamaal Jeeylaan himuu OBN gabaaseera. Daa’imman lubbuun isaanii darbe sadi miseensota maatii tokko ta’uun eerameera. #Oduu #Oromiyaa #Ethiopia

Waraanni Yukireenii fi Raaashiyaa marii nagaan dhaabbachuu qaba- Siriil Raamaafoosaa Waraanni Yukireenii fi Raashiyaa gidduu
Waraanni Yukireenii fi Raaashiyaa marii nagaan dhaabbachuu qaba- Siriil Raamaafoosaa Waraanni Yukireenii fi Raashiyaa gidduu dirqama dhaabbachuu qaba jechuun Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaafosaan gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiinitti himan. Pireezidanti Siriil Raamaafoosaan jila isaanii biyyoota biroo jaha waliin Magaalaa St. Pitarsibagi Masaraa Moorummaa Konistaantinoviskiitti pireezidant Putiin waliin wayita mari’atanitti Waraanni kun dirqama dhaabbachuu qaba; daandii dippilomaasii fi mariin furamuu qaba jedhaniiru. Yuukireen torban darbe humnota Raashiyaa ofirraa qolachuuf deebisanii haleeluu eegaltullee, Raamaafoosaan waliigaltee kan barbaaduu fu tarkaanfiilee nageenyaa mirkaneessuu walitti fufiinsa qabu irratti jillii jaarsummaa Afrikaa qabxiilee 10 baase dhiyeessaniiru. LOOKOO MEDIA kan keessanišŸ™šŸ„°

Muummeen Ministiraa Hindi Narandiraa Moodiin Gamtaan Afrikaa Miseensaa biyyoota Gareewwan 20'n (G20) jedhamanii akka ta'uuf x
Muummeen Ministiraa Hindi Narandiraa Moodiin Gamtaan Afrikaa Miseensaa biyyoota Gareewwan 20'n (G20) jedhamanii akka ta'uuf xalayaa dureewwaniif barreessaniin gaafatan. Yaa’iin biyyoota Gareewwan 20’n Delhiitti gaggeefamuuf baatiiwwan sadii gadi hafee jirutti, Muummeen Ministiraa Hindi Narandiraa Moodiin Gamtaan Afrikaas garechaatti makamuun Gareewwan 21’n akka ta’uu yaada dhiyeessaaniiru. Narandiraa Moodiin xalayaa dureewwan biyyootaa Gareewwan 20'n jedhamaniif barreessan kanaan Yaa’ii Delhiitti gaggeeffamuuf jirurratti Gamtaa Afrikaaf miseensummaa guutuun akka kennamu gaafataniiru. Yaa’iin Gareewwan 20'n Fulbaana dhufu gara jalqabaa akka gaggeeffamu eerameera.

Qoosaa🤣😁 Sirni Awaalcha Indaanqoo Moojootti Lubbuun darbee Har'a sa'a 9:00tti Bahir Daritti geggeeffama jedhan.