1 028
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
1 028
Konkolaataa gurguramu
Bara hojjetame 2000
Gatii miliyoona 1.8
Kan bituu barbaaddan ariifadhaa qarshiin barbaadameetu.
Bilbila 0911701270
1 028
Dhaabbanni Injinariingii "Destiny" Jedhamu, Xiyyaara Haayidiroojiiniin Dalagdu Qalaquu Beeksise.
Dhaabbanni kun yaalii balallii Paarisii gara Niwu YoorkittiĀ gaggeesseen, balallii kanaan dura sa'aatii Saddeet fudhaatu, gara sa'aatii tokkoofi Daqiiqaa walakkaatti gadi buuse, jechuun Yuuroo Niwus gabaase.
Xiyyaarri Kappaaris-Niyuurik kun saffisa sagalee dachaa shaniin yookiin saāaatii tokkotti Kiiloo Meetira Kuma Jahaa ol akka deemu danda'utu himame.
1 028
Waldhabdee Waraana Raashiyaafi Garee Waagner Gidduutti Uumame Hordofuun, Yuukireen GammachuuĀ Qabaachuu Ishee Himte.
Raashiyaa keessatti wal dhabdee uumame hordofuun, hooggantoonni biyyoota Addunyaa adda addaa haala jiru itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu dabalatee, yaada adda addaa kennaa jiru.
Pirezidaantiin Yuukireen Volodimiir Zelenksiin fuula Tiwiitaraa isaanii irratti akka barressanitti, ''gochi Waagner Raashiyaan laafuu ishee agarsiisa'' jechuun barreessan.
Pirezidaant Zelenksiin, "Raashiyaan loltoota isheefi loltoota kiraa sassaabdota ishee dachee keenya yoo tursiiste jeequmsa, gidiraafi rakkina dabalataatu ishee mudata" jechuun dubbatan.
Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.
LOOKOO MEDIA
1 028
Kaanaadaatti balaan Ibiddaa mudate lafa Bosona heektaara miiliyoona 7 ol waliin gahe.
Kaanaadaatti balaan Ibiddaa mudate babal'achuun lafa Bosona heektaara miiliyoona 7.2 waliin gahuu dhaga'ame.
Balicha balaa Ibiddaa hanga ammaatti mudate isa olaanaa ta'uu eeramera.
Yeroo ammaa lafti Bosonaa hektaarri kumni 550 kan gubate yoo ta'u, balaa Ibiddaa biyyattiitti bara Faranjootaa 2017 mudate daraan kan caalu ta'uu RTn gabaaseera.
1 028
Waan Ajaa'ibaa!
Siidaan Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo, Addababaāii Tulluu Ejersa (naannawa Safaraa)tti ijaarame harāa eebbifama.
Baga gammaddan Baga gammaddeš
1 028
#BEEKSISA_DHUUNFAA
ā¦ļø#EARN_MONEY_FROM_ONLINEā¦ļø
ā¦ļøAkkam jirtu! Hardha Wantoota isin fayyada jennee yaadne tokko qabannee isiniif dhufnee jirra Innis maali yoo jettan #APK Maallaqa online irraa ittiin hojjechuu dandeessan kan namni kamuu hojjechuu danda'udha!
Jalqaba apk kana keessa seenudhaan #game taphatamuu fi #video_short akka laaltan isin affeera sana booda #coin isiniif kennaa deema! Coin isiniif kenname kanammoo gara kaardii moobayilaatti fi gara adsense'tiin email keessan irratti galii gootanii baafachuu dandeessu!
Apk kana argachuuf ammuma link gadiitin seenudhaa bakka install jettu tuquun buufadhaa!
ā¦ļøā
šš½ https://eth.3fnews.com/how-to-earn-huge-money-using-hpel-app/
Beeksisa kanaaf itti gaafatamummaan abbaa beeksifatu dha,š
1 028
Chaayinaan Karoora Nageenyaa Afrikaan, Raashiyaafi Yuukireeniif Dhiyeessite Akka Deeggartu Ibsite.
Chaayinaan tattaaffii Afrikaan, Raashiyaafi Yuukireen araarsuuf taasiftu akka deeggartu himte.
Dubbii himtuun Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Maaāoo Giingi, tattaaffii hooggantoonni Afrikaa ergama nageenyaa qabatanii, Raashiyaa fi Yuukireeniin araarsuuf taasisaniif galateeffatan.
Biyyoonni lamaan walitti buāiinsa isaan gidduu jiru karaa Dippiloomaasiitiin akka hiikkataniif, tattaaffii taasifamuu kamiyyuu Chaayinaan kan deeggartuu taāuus ibsan.
Gama biraatiin, Piroofeessarri Yuunivarsiitii Yasochoowu, Viiktoor Gaaāoon, Ameerikaan dhimma biyyoota lamaanii gidduu harkaa seensifachuu hanga hin dhaabnetti, nageenya mirkaneessuun rakkisaa taāuu himan.
LOOKOO MEDIA
1 028
Akkam ooltan!
Jireenya Kee kan geggeeffattu tooftaa mata keeti qofaan osoo hin taane gargaarsa uumaa keessi dabalateetu ...
LOOKOO MEDIA
1 028
Bidiruun tuuristoota sooreyyii qabattee galaana Jala seenuun,doonii Taayitaanikii waggaa 100 dura dhidhimte daawwachiisuuf turte ofiis dhidhimte.
Yaa baranaa jennee nuusš¤«š¤
LOOKOO MEDIA
1 028
Chaayinaan karoora nageenyaa Afrikaan Raashiyaa fi Yuukireeniif dhiyeessite kan deeggartu taāuu ibsite
Afrikaan Raashiyaa fi Yuukireeniin araarsuuf tattaaffii taasiftu Chaayinaan kan deeggartu taāuu ibsite.
Dubbii Himtuu Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Maaāoo Giingi, hoggaantoonni Afrikaa tattaaffii ergama nageenyaa qabatanii Raashiyaa fi Yuukireeniin araarsuuf taasisan galatteeffataniiru.
Qaamooleen lameen walitti buāiinsa jiru karaa dippiloomaasiin akka hiikaniif tattaaffii taasifamuu hundaa Chaayinaan kan deeggartuu taāuus ibsaniiru.
Waliigaltee fi mariin karaa jeequmsa keessaa ittiin bahan akka taāee eeruu isaanii RTān gabaaseera.
Gama biraatiin, Pirofeessarri Yuunivarsiitii Yasochoowu Viiktoor Gaaāoo, Ameerikaan dhimma biyyoota lameenii gidduu harkaa seensifachuu hanga hindhaabnetti nageenya mirkaneessuun rakkisaa taāuu dubbataniiru.
Ameerikaan waraanicha dheeressuun faayidaa siyaasa quubsumaa Raashiyaa irratti qabdu milkeeffachuu akka barbaaddu himaniiru.
Maddi media Ummaata
LOOKOO MEDIA
1 028
QOFUMMAA
******
Qofummaa kara lamaan hiikuu dandeenya. Tokko dhugumaan, namoota irraa qaamaan adda baāanii jireenya qofaa jiraachuu yoo tahu, inni biraan utuma namoota wajjin jiranii hiriyaa dhugaa /aantee dhugaa/ kan miira ofii hiraniif dhabuun miira qofummaan guutamuu dha.
Lachuu qofummaadhuma, miidhaa qofummaan namatti fidu hedduudha. Kanneen armaan gadii miidhaalee qofummaa keessaa muraasa:
ā Umurii namaa ni gabaabsa: Carraan umrii malee duāuu isaanii kannneen hariiroo fayyaaleessa namoota waliin qabaniin yoo madaalamu kan namoota qofummaan jiraatanii daran dabala.
ā Humna dhibee ittistuu qaamaa ni dadhabsa.
ā Fayyaaleessumaa soorataa ni hanqisa. Namoota qofummaa qaban waanuma argatan waan soorataniif carraan nyaata madaalamaa argachuu isaanii ni hirāata.
ā Dhibee mukuu fi muddama nama saaxila. Dandeettii mukuu/dhiphuu dandamachuu namaa illee ni hirāisa.
ā Araada gara garaaf nama saaxila.
ā Hariiroo hawaasumma daran nama harkaa balleessa.
ā Carraa of ajjeesuu namaa ni illee ni dabala.
LOOKOO MEDIA
1 028
Waggaa 74 booda!
Waaqayyo haalotas, bartee fi saayiinsii qorannoon mirkanaa'e ni jijjiira. Fedhus murtoosaa fiixaan baasuuf aduu ni dhaaba.
Biyya #Indii keessatti maanguddoon maqaan isaanii #Erramatti_Mangayamma jedhaman waggaa 74 booda abbaa warraashee waliin bara dheeraaf dhala dhabanii turan daa'ima lakkuu godhatan.
Rikeerdiin kana dura biyyuma sanatti maanguddoo waggaa waggaa 70, kan lakkuu godhataniin qabamee ture #Mangayamma tiin cabeera.
Seenaan kun qoosaaf utuu hintaane humna Waaqayyoo keessatti abdii godhatanii turuu nama barsiisa. Har'as gadameessa dhala dhabeef Waaqayyo jira.
#Hojii Waaqayyoo fi ogummaan ofii yoo walbira qabamu hanga samii fi lafaati!
maddi kaniin dubbise irraa
LOOKOO MEDIA
1 028
#Chinaatti Dho'iinsa mana nyaata tokkotti mudateen lubbuun namoota 30 darbe
Kaaba-lixa Chaayinaatti balaa dhohiinsaa mana nyaataa tokko keessatti mudateen namoonni 31 erga du'an booda namoonni sagal to'ataman.
Balaa magaalaa Yiinchuwaan keessatti mudate kanaaf sababiin gaaziin dhohee dhangala'uudha.
Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing hojii lubbuu baraaruu irratti akka xiyyeefatamuu fi maddi balaa kanaa akka sirriitti qoratamu dhaaman.
Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti taatee kana hordofee namoota seeraan to'ataman sagal keessaa abbaan mana nyaataa balaan kun keessatti mudatee tokko.
Balaan kun bakka ayyaana aadaa Chaayinaa - Dragon Boat Festival - jedhamu kabajuuf walitti qabamanii fi mana nyaataa namoonni hedduun keessaa nyaataa turan Fuyaang jedhamu keessatti mudate
LOOKOO MEDIA Firoomfadhaa š¤š„°
1 028
Shamarreen suuraa irratti mul'ttu kun maqaan ishee Mintaamir Ballaxaa jeedhamti.
Bara 2011 Yunivarsiitii Baahir Daar irraa mummee barnootaa Injinariingii Huccuun /Textile Engineering/ kan eebbifamte shamarreen tun, waggoota lamaaf paarkii indaastirii Hawaasaa keessatti qacaramtee hojjettullee hojiisheetti itti fufuu hin dandeenye.
Yeroo ammaa magaala Finfinnee naannoo Boolee jedhamuun beekamutti kophee qulqulleessuun of jiraachifti.
Naannoo Booleetti daandii konkolaataa cinaa, gaaddisa mukaa jalatti kophee maamiltootashee kan qulqulleessitu shamarree Mintaamir, āgammadee bashannanaan hojjedha. Ganamaan kaāee dhufeen hojjedha. Kun anaaf waajjira guddaadha,ā jechuun himti.
Madda:- BBC Afaan Oromoo
LOOKOO MEDIA Firoomfadhaa š¤
1 028
Magaalaa Finfinneetti barattoota kuma 150 oliif qormaata kutaa 8ffaa fi 6ffaa qophii xumureera.
Buufataalee Qormaataa 185 irratti barattoota kutaa 8ffaa fi 6ffaa kuma 150 fi 199 qormaata sadarkaa magaalaa laachuuf qophiin xumuramuu Daayrektarri Qormaataa fi Madaallii Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Diinaaāool Caalaan ibsaniiru.
Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 671 keessatti qophiin galmee barattootaa, iddoo qormaataa fi warqaan qormaataa xumuramuu kaasaniiru.
Waxabajjii 26 -27, 2015 barattoota kutaa 8ffaa kuma 75 fi 107 taāanii fi Waxabajjii 28 -30, 2015 barattoota kutaa 6ffaa kuma 75 fi 92 taāaniif qormaatichi kan laatamu taāuu eeruu TOI gabaaseera.
LOOKOO MEDIA Firoomfadhaa š¤š
1 028
Elon Maskii Fi Maark Zukarbarg
Dureeyyii addunyaa kanaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'an Elon Maskiifi Maark Zukarbarg waltajjii bunyaa irratti wal loluuf waliigalan.
Abbaa qabeenyaa miidiyaa hawaasummaa Tiwiitara jedhamu kan ta'an Mask, Tiwitara irratti ergaa katabaniin wal loluuf qophii ta'uf waliigaluu ibsan.
Yeroo ammaa abbaa qabeenyaa dhaabbataĀ FacebookĀ fiĀ InstagramĀ of jalatti qabu, Metaa, kan ta'e Zukarbarg ergaa Mask booda ''bakkicha naaf ergi'' jechuun maxxanse.
Eegasii Mask bakkichi ''Vegaas Oktaagon'' ta'uu ibse.
Oktaagon bakka namoonni itti wal falmaniifi dallaan ijaaramedha. Bakkichi bakka dorgommii beekamaadha.
Baatii kana keessa umriin isaanii 52 kan ta'u Mask, filmii jaalataniifi morkataa isaaniirra ta'anii lolan akka qaban kataban.
Dhuma irratti Akka qoosaa tahe maxxansaniiru.... Namootni baay'een Garuu guyyicha eegaa Akka turaan ibsaniiru
LOOKOO MEDIA join godhaaš¤©š
1 028
#Galatoomaa!
Baankiin Oromiyaa milkaa'ina Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaf Birrii Miliyoona Tokko gumaache.
Gumaacha kanas Walitti Qabduun Boordii Faawundeeshinii Hacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Damissoo Waajjira Muummee Baankii keenyaatti argamuun Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Mokonnon harkaa fuudhaniiru.
Gumaachi Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaaf taasifame qaama itti gaafatamummaa hawaasummaa baankii keenyaati.
LOOKOO MEDIA
1 028
Barattoonni Yuunivarsitii Qabri Dahar deeggarsa gaafatan.
Akkuma beekamu yeroo ammaa barnooti idilee bara kanaa goolabamuun barattoonni boqonnaaf gara maatii isaaniitti deebi'uuf jedhu. Kanaan walqabatee haala geejjibaan Yuunivarsitii Qabri Dahar irratti barattoonni deeggarsa gaafatniiru. Yuunivarsitiin Qabri Dahar fageenya dheeraa yoo xiiqqaate magaalaa guddoo Oromiyaa Finfinnee irraa kiilo meetira 1035 kan fagaatudha. Kana irraa ka'uunis barattoonni gatiin geejjiba daandii kan isaan hin madaalle ta'uu himaniiru.
Barattoonni Yuunivarsitichaa rakkoo isaan irratti uumame kanaaf Yuunivarsiticha dabalatee Abbootii qabeenyaa akkasuma waajjirri geejjibaafi namoonni dhimmi kun ilaallatu marti deeggarsa akka taassisaniif gaafataniiru.
LOOKOO media
