en
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Open in Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Show more
1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
“Islaamni kiristaanarraa addaan ba'aa jettanii? “Adda ba’aa jettanii Lakki nu adda hin baanu Kaleessa tokko turre As geenyee lama hin taanu Islaama - kiristaana jettanii Nu hin qoodiinaa gonkumaa Dhiigniifi lafeen keenya Kaayyoon keenyas tokkuma! Sababa kamiiniyyuu Nu gidduu hin dhaabdan dallaa Oromoo taanee baane Oromoo taanee galla! Galuun suniyyuu hafee Yoo taates cita mormaa Walirraa adda hin baanu Fudhannee ajaja ormaa Jabbii miilli hidhame Margaan hin badadiinaa Amantaa lakkooftanii Kutaan nu hin ramadiinaa Feetan qawwee keessaniin Nu harcaasaa akka baalaa Qoodamnee jiraachuurra Tokkoomnee du’uut’ caala” Jedhanii irbuu seenan. Waliin duuna malee adda hin baanu jedhan! Akkuma jedhanitti waliin ajjeefamanii waliin awwaalaman! Irbuun kun yoomillee hin jijjiiramu! ✍leta @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Shittoo ofitti biifuun of urgeessanii, rifeensa mataa hanga qeensa miillatti faayamuun, miidhaginaaf gammachuu isaanii addeessaa gara gamoo yaamamaniitti abaaboo qabachuun deeman.Akkuma mooraa bira ga'aniin, Tolaan dursee ol seene; bitaaf mirga lafaaf samii osoo jajal'atee ilaaluu akkum carraa ijjisaa inni diiguuf karoora baafate, gurrisaa oduu dharaa sassaabuuf itti guddate, afaan isaa inni waan arge jarjaree bukoo dharaa bukeessu sanaan mataa qabachuun, "Abdii gara gamoo ol ilaali! Innin jedhe yoom ooleree? Wayyoo nan bade!" Jechuun akka jilbeeffachuu taasise. yeroo kana Saamuneef Beekaan waliin gamoorra jiru; hanga isaan dhufanitti jedhanii suuraa ka'aa jiru. Wal hammatanii dhaabbachaa jiru. Abdiinis dursa itti fakkeesse waan ta'eef kan duraa caala dhukkubbiin mataa, hoollannaan qaamaa, miirri sodaaf gaddaa keessa isaatti dhaga'amuun imimmaan lakkuu ofirra yaasuun, jechaaf sagalee tokko osoo hin dhageessisiin ofirra garagale. Tolaanis duubarra deebi'e. Osoo waliin hoodanii, yaadaan jaawwaraa mana Abdiitti deebi'an. Abdiin akkum mana ga'een afuura dheeraa boqonnaaf addaan citiinsa hin qabne baafachuun, barcuma miilla sadiirra taa'uun abjuu guyyaa keessaa eegale. Tolaan ammoo, waan barbaaduuf fedhu karuma yaadasaa waan ta'eef milkaayinni gufuu jaalala gidduu isaanitti uumuu karaa qabateefii jira. Gadda sobaaf miira dhokataan Abdii sossobaa isas soba. Abdiif Saamuneen waansaa bitaa itti galeera; turtiin isaanii kun gaaffii ta'eeraaf. Bilbilli yoo bilbilamu kan lamaan isaaniyyuu cufaadha. Turtii sa'aatii murtaa'ee booddee, Abdiin bilbila isaa baasee harka miira haariif gaddaan Saamuneef bilbile; erga kaasteen booddee, "Ati hattuudha, hiriyaa koo osoo hin taane hiree koo hidhuuf jirta; kana booda na hin argitu, isuma waliin batee waliin gali!" jechuun deebiishee osoo hin fudhatiin bilbila cufate. Saamuneenis ofumarra gad-teesse; akkaa haruus akka kolfuus taate. Beekaan ammoo akka waan gaddi (namni du'ee) itti himameetti fudhate. "Saamunee...! Maaltu ta'ee? Maaltu isaan muudate?" Jechuun boqonnaa of dhoowwe. Isheenis,... kutaa 5ffaan...itti fufa! Join fi share @Dinnee_didaa @Dambalii_Jaalalaa

(GUFUU) ASOOSAMA HAARAA KUTAA-4FFAA...👇 ...Erga bilbila kaaseen booddee, "Maaltu ta'aa jiraa? Diraamaa moo Fiilmii hojjechaa jirtuu? Waansaa quba naqabsiisaa! Anoo naaf galaa hin jiru" jechuun ammas waansaa osoo walitti hin himiin afaan wal gogsaa, qaamaan hoollachaa, afaaniin osoo walitti dhaadatanii oduudhumatti goolaban. Saamuneen gidduun yaada ishee akka naanneffachuu gootee, kudhan osoo wat-waattuu, osuma garaashee nyaatuu, akkaaf akeekaa dhabdee kan dhumaa kana osuma jettuu, hiriyaa ishee Abdiif bilbila ishee sagal osuma gaggaragalchituu lakkoofsa isaa baafattee akka bilbiluu taasifte. Bilbilli isaas inuma waame; innis akkuma argeen "Ija kootimoo? Dhuguma naaf bilbiltee?" Osoo jedhuu miira naasuun kaase. Osoo muumma'amuu, arrabaan waattatuu hrkaan hoollachaatuma bilbila gurra isaatti qabachuun, "Ati anaaf, ani siif, waliin waliif osoo jennee hin quufiin maal fiddee jaalala keenya diiguuf kaatee?" Jechuun nagaa dursee ishee gaafate. Isheenis waan jettuuf gootu dhabdee jechi gaafa harkaa badu, "Ija gamnaatu dura boo'a; maaliif bilbila hin kaastu turee? Eenyu waliin turtee?" Jechuun gaafatte. Innis "Dhugaa isa lafaaf samii uumee ani kophaa koon ture; inumaa sittan haare, ati eessa turteet galtee?" Isheen jedhe. Isheenis dhimma guyyaa dhaloota isaaf dhoksaan affeeruu barbaadaniif itti himuu hin barbaanne. Dhimmichi dhimma 'surprise' waan ta'eef waan biraa itti himuuf dirqamte. "Mana hiriyaa koo dubartii takkaatti goree osuma haasofnuu sa'aatiin deeme; kanumaaf ture malee dhimma biraa miti" Jechuun irraa jijjiirte. Innis osuma garaa nyaatuu, mataan isa bowwaafatuu, jechaaf mala gaafa dhabu sagalee isaa miira lolaarraa gara tasgabbiitti gad-buusuun, "Tolekaa! Cubbuun isuma dabeen haa ba'u!" Jechuun irra tareef. Isheenis gammaddee, nagaa dhaamteef. Bilbila walii erga cufatanii booddee, Saffisaan gara mana Beekaa deemte. Erga Beekaan argattee booddee, "Beekaa...! Akkam nagum keetii? Ani Abdii araarfadheera; dhimma biraa keessaa baanee guyyaa dhalootasaa(HBD) ga'ee waan jiruuf kabajnee 'surprise' isa taasifna" Jetteen. Innis bakka taa'uu ol jedhee akka gammachuu ta'uun harka waliin reebee fooricuun gammachuusaa ibseef. Afaan ho'ee, jechoota waliin muddee innis, "Saamunee haa ta'u; ni kabajnaaf tolee!" jechuun waadaa galeef.Isheenis waan bitanii kabaja 'HBD' Abdiif taasisan itti himtee gara manashee imalte. Biiftuun akkuma amalashee guyyuun dhiitee bariitu sun dukkana ishee marfattee abjuufi mul’ata isaanii waliin dha'uun turtii sa'aatii 12:00 booddee carallaashee saaquun dachee ifaan balaqqeessite. Bari'eera; guyyaanis guyyaa dhaloota Abdiiti; Abdiin guyyaa dhalootasaa beekullee dursa wal dhabdee hiriyootaa isaa waan jiruuf kabajuu hin barbaanne ture. Hawwiin garuu, obboroo bariin kaatee, kabaja jaalallee isheef jecha kuftee ka'uun waantota guyyaa dhaloota isaaf akka kennaafi nyaata adda addaa qopheessuuf sagantaa baafattee eegalte.Keekii, muuzii, daabboof dhugaatii akkasuma uffataaf kennaawwan isaaf laachuu barbaadde walitti fiduun hoteela gamoo G+2 kireeffachuun, hiriyaa isaanii kan ta'e Beekaaf bilbiltee yaamte. Beekanis turtii wayiin booddee dhufe; nagaa walgaafachuun gammachuu hiriyaa isaaniif jecha Hawwii waliin gamoo sanarratti 'diikoorii' fi golga adda addaa abaaboo waliin kutaa qopheessuun erga goolabanii booddee Abdiif bilbilan.Erga kaaseen booddee, akka Abdiif Tolaan waliin dhufanii HBD isaaf 'surprise' ta'an itti himan. Innis tolee! Jechuun waadaa galeef. Abdiinis ofii isaatiif uffata suufii irraa jala shaa! Jechuun miidhagee, fuula ifaan gara mana Tolaa deemuun isas bareessee fuudhee manaa ba'e. Tolaan garuu, keessa isaatti miira kanaan dura walitti buusuuf waadaa ofiif gale waan qabuuf, jarreen kana addaan baasuuf yaaluudha. Innis garaa duuba osuma keessa isaatti of nyaatuu, "Kabajni keenya guyyaa har’aa 'gufuu' tokko malee goolabama!" Jechuun Abdiitti qoose.

Yaa isa hundaa gochuuf waaqa humna qabduu isa nuti dadhabne ati hin dadhabduu dhibee keenyaafis furmaata hin dhabduu sitti hi
Yaa isa hundaa gochuuf waaqa humna qabduu isa nuti dadhabne ati hin dadhabduu dhibee keenyaafis furmaata hin dhabduu sitti himnaaree waan gochuu qabdu🙏

ASOOSAMA GABAABAA (GUFUU) KUTAA-3FFAA Saamuneen garuu, karaarra jirti. Tolaan akkum mana ga'een bilbila isaa baasee Abdiif bilbile. "Ati Abdii osoo hin taane, maqaa kee jijjiirradhu! Isheen siif osoo hin taane, hiriyaa keenya isa bulguu nujala garagalee nu nyaatu sanaaf Abdii taatetti." Ittiin jedhe. Abdiinis "Maal taatee? Nagaa mitimoo? Ana hiriyaa kee Abdiitti haasa'aa jirtaam, maaltu si muudatee?" Jechuun sagalee ol kaasuun itti deebise. Tolaan deebisee, "Saamuneef bilbilteettaa? Eessa jirti hoo? Beekaan waliin sa'a kana bakkeerraa maal fuuti?" Jechuun itti hime. Abdiin naasuudhaan, bilbila lafatti darbuun ol jedhee mataa qabachuun "Nan bade, anumaan fakkaatee na nyaataa? Isheefis ta'ee isaaf nan godha! Afachu!" Jechuun dafqa qaaruu lamaaniin ofirra cobsaa gad-taa'e. Saamuneen xiqqoo turuun Abdiidhaaf bilbilte; innis kaasuu dide. Irra deddeebiin gaafa bilbiltu booddeerra sirumasaa cufate. Gaaffiin keessa ishee deddeebi'uu eegale. "Abdiin hiriyaa biraa hin dhabu; ammayyuu jaalallee biraa waliin jira, waa malee bilbila kaasuu hin dhiisu!" Jechuun mataa of rurrukuchaa imimmaan ofirra yaasuu eegalte. Tolaan dubbii borceera; "Osoo hin hubatiin qubaa hin gubatiin!" Akkuma jedhamu jaalala isaanii gidduu seenuun oduu laaqeera. Hirriba malee, lamaan isaaniiyyuu osoo bitaaf mirgatti gaggaragalanii, bulan. Abdiin akkuma hirribaa ka'een, osuma garaa nyaatuu, mataan bowwaafatuu, qaamaan hoollachaa bilbila isaa fuudhee bilbiluuf lakkoofsa ishee baafate. Lamaa sadi irra deddeebi'uun inuma yaala; bilbila hin kaastu. Isheenis taraa ishee itti qoosuu eegalte. Malaaf fala gaafa dhabu Beekaaf bilbile. "Ani ofii kootii buleera jechuu baadhuus lubbuun jira; ati akka namaa yaaduu baattuus akka namaatti miilla lamaan deemta" jechuun jecha hammeenya qabu osoo nagaa hin gaafatiin, Beekaa gurra duuche. Beekaan ni na'e. Dafqa qaaruu lamaaniin coccobsuu eegale; ''mamamaal' jechaa jirtaa?" Jechuun sagalee ciccitaan Abdiitti deebisa. Abdiinis "Maal jechuu akkan barbaade yeroo dhiyootti ni barta; hiriyyummaan erga hanga kana taatee, maaliree lubbuun koos yoo baate?" Jechuun itti dhaadate. Beekaan bilbila isaa gurrarratti cufuun, Tolaaf bilbile. Erga kaaseen booddee,... Kutaa-4ffaan...itti fufa! Join fi Share gochuu hin dagatinaa. @dinnee_didaa @Dambalii_Jaalalaa

ASOOSAMA GABAABAA (GUFUU) KUTAA-2FFAA Abdiin dursee teessoo laateef; isheenis "A koo ati hunda kooti; siin ala qaamni koo gati dhabeessa" Osuma jettuunii, gad-taa'an. Osuma wal sassatanii, ijaaf yaadaan wal hatanii yaada waliif maddisiisuu eegalan.Abdiin "S koo osoon si hin arganne ta'eetii, ani duwwaadha; ergan si argadhee ammoo gammachuun koo guutuudha" Jedheen. Isheenis "Yaanniif qalbiin koo siin hoogganama; ati anaaf baattoo onneef lubbuu kooti, siin ala hin jiraadhu" jettee onneesaa tarsaasuun kan duraa caalaa laphee hatte. Osuma seeqanii ija lafa jalaan wal ilaalanii, aduun waan golgolaa'eef gara manaatti akka deebi'aniif walii galan. Ol jedhanii harka wal fuudhuun(waldhungachuun) wal gaggeessan. Erga wal gaggeessanii booddee, Abdiin of duuba mimil'achuun ishee yaamaa harka isaa raasaa "nagaatti(by)×2" jedheen. Isheenis suutuma ilkaan adii fuula waraqaa fakkaatu itti addeessitee harka raasaa "Nagaatti A koo!" Jettee walirraa fagaatan. Gara manashee osum galuuf adeemaa jirtuu hiriyaan Abdii inni tokko Beekaan itti dhufuun akkas jedhee nagaa gaafate, "Saamunee...! nagum keetii? Akkanaan bareeddee qalbii namaa hatuuf moo Abdii kee biraa galtaa?" Jedhee kofalchiise. Isheenis "Nuti addunyaa haaraa keessa oolle; guyyaan akka har’aa nuuf hin dabalamu" Jechuun itti seeqxe.Osumma yaada wal jijjiiranii sa'aatiin jalaa fagaattee, aduun ittuu lixuuf balbala qabatte.Saamuneen sardamtee "Nan gala; ammanayyuu naaf bilbillaan naan lola" Osum jettuu miilla fuute. Beekanis "Saamunee...! Maaf guyyaa tokko qabannee guyyaa dhaloota Abdii waliin hin kabajnuu?" Jedhee gaafate. Isheenis, itti garagaltee "Natti tola; guyyaasaa Tolaa waliin murteessaa natti himaa!" Jechuun bira tartee miilla ho'ifachaa gara manaatti imalte. Akka carraa Tolaan osoo karaarra dhaabbatuu ishee arguun yaada xaxuuf fala dha'uu eegale. "Abdiittan himaaf; sa'aatii sokkite, aduu lixxeen Beekaa waliin lafa dhokataatti arge jedheen itti hima!" Jedhee ofumatti gungumaa hubannaa malee laphee of reebaa gara manaatti gale. Sa'aatiin sokkeera; biiftuun lixuuf carallaa ishee qofaatu lafatti balaqqeessa'aa jira. Dukkanaa'uu keessa dabartee lafti mul'achaa hin jiru. Abdiinis erga manasaa galee tureera. Saamuneen garuu,... Kutaa-3ffaan...itti fufa @Dambalii_Jaalalaa @dinnee_didaa hiriyyoota keessan affeeraa

ASOOSAMA GABAABAA (GUFUU) KUTAA-1FFAA Hiriyoota baay'ee wal jaalataniif waliin turantu jiru; Abdii, Tolaa, Beekaaf Saamunee jedhamu. Walitti dhufeenyi isaanii ho'aaf jaalala addaa waliif qabu turan. Abdiif Saamuneen hiriyaa(jaalallee) waliiti. Tolaan hiriyaa Abdii hiriyoota isaa caala itti dhiyaatudha. Beekaan ammoo, hiriyoota hundatti qixa dhiyaata. ➢Barii obboroo qarri biiftuu akkum baateen, Abdiin bakka bultii isaatii ol jedhee jaalallee isaa Saamuneef bilbile. "Akkam nagaa bultee? Fayyum keetii? S koo anoo baay'uman siyaadeem. Inumaa abjuun nabira bulte; maaloo yeroo boqonnaa keenyatti, yoom wal agarree haasofnu? Anoo jaalala keerraan kan ka'e hedduusaa miidhamaan jira." Ittiin jedhe. Isheenis afuura dheeraa baafachaa, ''uuuuuf A koo! Amman siyaade osoo beektetta ta'ee atoo ni maraatta turte; garuu, wal arguun keenya kun nurra haa bubbulu!" Jetteenii nagaa dhaamteef. Abdiinis, "Maaliif? Akkamitti? Wal arguu qabna!" Jechuun yaada ishee jijjiirsisee gara yaada tokkotti akka wal arganiif wal beellaman. Guyyaansaa Roobii sa'aatii 8:00 ta'eera; Abdiif Saamuneen akkum wal arganiin ijaan wal sossodaachaa fuula keessa wal dhungachaa, harkaan wal qaqqabachuun afaan wal xuuxuu eegalan. Osoo teessoo hin filatiin, bakkum dhaabbiif wal arganitti miira jaalala addaaf gammachuu wal arguu isaanii goolabuun, miillaan sosochii eegalan. Ittuma fufuun bakka deemanii bashannanuu barbaadan walitti himuun, harka isaanii walqabachuun quba harkaa walkeessa naqatanii namoota karaaf ijaan itti mul’atan inaafsisaa lafa karoorfatan ga'an. Bakka deemaa jiran erga ga'anii... Kutaa-2ffaan...itti fufa... ➢Kutaa itti aanu obsaan eegaa! @Dambalii_Jaalalaa @dinnee_didaa hiriyyoota keessan affeeraa❤️😘

Hamma Gaalaa √ Utuu sammuun namaa waan hunda dagatee danda'eeti dhiisee Wanta dabarsiineef jaalalan siif qabun dagadha callisee 🔶 Jaalalli utuu ta'ee akka huccuu haaraa Bor moofa'ee badu Jaalalaakee baadhee tasaiyyuu hin dhiphadhu dukkanaaf ifa aduu.🔶 √ Dubbiikee bilchaataan qabattee onneekoo erga dhuunfatteetii Onneekee naaf laattee erga anaan jette an qabeenya keeti Dhugaanan si jaalla an siin ala hin qabu nama onnee dhugaa Anaan jettee kaatee maaf nattii harcaate Akka baala mukaa √ Ani reefuun arge edaa jaalallikee lakkii asoosamaa Hiyyeessa akkakoof gadduu ta'aa malee maaf itti qoosama Yeroof nagodhattee siif ta'ee argameera madda bashannanaa Garuu bu'aa hin qabu dubbiin faallaa ta'ee bor kan kees si ganaa √ Maal akkam bareedu Jechoonni kee sun kan naaf ta'aan kiyyoo Utuun uffee jedhuu Kan afaan na ka'aan damma makaan biyyoo Ani homaa hin ta'u madaa'es nan fayya naaf jira waaqayyoo Garuu kankee hin beeku Eee gatii dabakeetii dhuma keetiif wayyoo √ Karaan sobaan darban gala nama dhiba jedhanii mammaakuu Har'umaaf maleessa boriif gatii hin qabu Waa hundaa walmakuu Jechaan na sobde malee ijikee hin dandeenye injifachuu haalaa Nama amanuu irra mixii coomsu wayya gochuuf hamma gaalaa! ✍ @R2NOBAS join & share @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa @KUUSHJIRRAA @dinnee_didaa

Baale beela'uu hin qabu! Burqaa beekaaf hayyuu goota keessaa waraabu baalee koo biyya gootaa baalee madda walaabuu biyya qaroo oromootaa jeneraal waaqoo guutuu baale biyya 'turiistii' kan qalbii nama fuutu Biyya qilleensa gaariin gaarreen'sheerraa bubbisu baaleekoo haadha diinshoo kan addunyaan dubbisu utuu oomishtu garbuu utuu qottu qamadii seenaan beeloftee hin beektu hardha si beelessan kaa bara Abiyyii Ahmadii! ✍Lati Chali JOIN & SHARE @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Furmaata!!! Yeroo yaanni kee didee keessa kee guutu maaf hin bulggaafattu hamma kuustee duutu Hin dhoksin baafadhu qulqulleessi of keessaa yookaan gubiitii baasi yookaan qabbaneessaa Siin jedhus keessi kee obsaan yeroo eegii dabarees kees eeggadhu fuulduratti of akeekii Bara namni micciiree dubbiidhaaf rakkatu bara barri tolchemmoo afaan ofiis saaqqatu Jedheen of jajjabeesse bara sana didee obsee barris garaa jabaatee meeqat imimmaan cobse Rabbiin gaarii gochuuf rakkoo namatti daneessa barris namaan micciiramee nu taasiseem dabeessa Yaa rabbi situu beeka dhugaa namaas situ eegaa badii ilma namaa jijjiiri furmaatadha ati sin beeka!!! ✍ @dera_zreal share for join @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Mootummaan Ni Rafa! Barattuu kutaa shanaffaati. Barumsa Lammummaa fi Amala Gaarii guyyaa dareetti barattetu isheef hin galle. Kanaaf abbaan ishee akka isheef ibsu barbaaddee isa gaafatte. "Abbaa! Har'a barnoota Lammuummaa fi Amala Gaarii keessatti wanti ani baradhe haalaan naaf hin galle! Utuu naaf ibsitee?" jette "Waa'ee maaliiti?" jedhee gaafannaan, "Jechoota akka qaama ol aanaa, qaama gad aanaa, mootummaa, uummata, dhaloota haaraa fi kkf" jette. Abbaan ishee hamma isaaf danda'ame erga ibseefii booda fakkeenya kenneef. "Amma fakkeenyaaf, haala qabatamaa mana keenya keessa jiruun siif haa ibsu. Mana keenya keessatti ani abbaan kee qaama ol aanaadha, harmeen kee mootummaadha, obboleessi kee (mucaa waggaa tokkoo fi walakkaati) dhaloota haaraadha, hojjettuun keenya immoo qaama gad aanaadha. Amma siif galee?" jennaan, "Eyyee, sirriitti naaf galee jira" jette. Sa'atiin hirribaa geenyaan hundi isaanii rafan. Halkan walakkaa kaatee mana fincaanii deemuuf yoo kaatu, waan amanuu hin dandeenye tokko argite. Abbaan ishee hojjettuu mana isaanii gudeeduuf wallaansoo qaba ture. Ni rifatte. Harmee ishee yoo ilaaltu raftee jirti. Obboleessi ishee—daa'imni xiqqaan sun—boo'aa jira. Suuta jettee kutaa isheetti deebi'uun waan ta'aa jiru sana yaadannoo ishee irratti barreeffatte. Yaadannoon isheen barreeffattes akkana jedha "Qaamni ol aanaan qama gad aanaa yommuu cunqursu (rakkisu) mootummaan ni rafa; uummanni dhaabatee ilaala; dhaloonni haaraan immoo boo'aa jira!" waa irraa haa barannu! join for more @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Aboo rakkanneerra!! Otoo beekuu boolla qotee Dhaloota dhidhima buusa Nama ta‟ee dhalatee Akka bineensaa yuusa Sobee ciisee nama ciibsee Manaaba badii manaaba Ammas otuma beekuu Dhaloota waraansisuuf Qoraattii mataa yaaba Namni ijjannoo dhabee Guyyuun raafamaa oola Sammuu kankee hacuucee Yaada isaan si goola Hirriiba du‟aa raftee Addunyaan ka‟uu didde Aboo rakkanneerra Ofdhabuun badii fidde Addunyaan maraattee Nutis keessa maraanne Cirracha callaa fakkaatu Callaa jennee haranne Addunyaan kolfaa oolti Gammadaa of fakkeessitee Eela ofii arguu diddee Addunyaanuu wal akkeessite Heerri kan isaa itti fakkaatee Wallaalummaan kan riqicha si taasifatu Cubbuu isaa sitti fe‟ee Warra dhugaa si baasifatu Kanuma keenya saamanii Kiyya jechaa dhaadatu Habashaan waan keenya malee sabummaa keenya hin jaalattu Addunyaa si loluun dura Onnee dabaan dabeessu Aboo rakkanneerrakaa Addunyaanuu dhugaa hin dhageessu Galma ofii diiguuf Uummata yaamee wal baasu daboo Warra sammuu ofii gurgurate waliin Nuun rakkanneerra aboo! walaloo kanneenifi kan biroo arggachuuf ammuma join fi share godhaa.👇👇👇👇👇👇 join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Si Jibbe Mee dhiisi namana xinnoo tasgabaa'ii Sin feedhuun beektumoo? mataa kooraa bu'ii Akkasumaan cal jettee hin dhaanin mee dibbee Si faana haasa'uu miti argaa keetan jibbee ✍Haadha wal.... @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Qurxxummichi horee handaaratti ba'ee galatni kan uumaa joobira nuuf ta'e! kunoo fiigaa jira kochoo'saa hafarsee bu'ee qabachu
Qurxxummichi horee handaaratti ba'ee galatni kan uumaa joobira nuuf ta'e! kunoo fiigaa jira kochoo'saa hafarsee bu'ee qabachuutiif finfinneeti marsee! galatni galaanaa haa ta'u galaana! @dinnee_didaa

Duula gara finfinnee! duula alagaaf firaa hunduma dandamannee biyyoo arraabnee kaane akka bofaa muuxannee kan diigamuu hin dandeenye hardha humna taaneerra oromiyaa dhuunfachuuf toora gallee yaaneerra yoomiyyuu jabaan waaqa kan dhugaan harkaa hin dabne deemsa eegallee jirra duula gara finfinnee JABAAN WAAQA! @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Lammiilee keenya biyya sauditti rakkachaa jiraniif!! Biyya keessan keessa jiraachuun jabaannaan qomoon waraabessaa qarxamsee nu nyaannaan Keenya dukkanaa'aa aduun ormaaf baatee nagaan manaa ba'aa galuun gaafa hammaate Cimee siniif gamnaan dhiigaan of jiiftanii godaantan dirqamaan waan hunda dhiiftanii Iddoo deemtanittis hamileen sin cabee rakkoon lakkuu taatee hireen keessan dabee Imimmaantu didee fuularra na yaa'ee anaan yaa lammii koo onneen nu madaa'ee!! ✍ @dera_zreal Lammiilee keenya biyya ormaatti rakkachaa jiraniif sagalee haa taanuuf🙏🙏 @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Sirna abbaa irree qeeqee goota gabrummaa didu kan dhiigaan biyya eegee saba isaaf nagaa fidu Waan dhufee darbuuf jettee kaayyoo kee hin dagattuu dhugaa himtee cuqqaaltaa gadhee afaanshee bantu Hin beektu garaaf jettee galaa dhalootaa nyaattee jireenya dhuunfaa dhiistee lammii keef of laatte Goota afrikaan leellisu kan gaafa rakkoof cidhaa goota taaddee birruutti aanee kan dhalate siidha!!! ✍ @dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

DHAAMSA DHUMAA! Moggaatti darbatamee hundumtuu natti muree hardhas boo'uttan jiraa kaleessas boo'aan turee akkas miti garuu waadaan keenya inni kalee yeroo inni tokko gaddu tokko maaf rafe galee Akka waanin kaleessa biyya koof hin du'inii akka waan burqaan kiyya alagaan hin gu'inii akka waan reeffa ilmaarra dirqamaan hin taa'inii akka waan imimmaan koo maddii irra na hin yaa'inii Callistanii maaf teessu gaafa diinni na nyaatu shira diinaa bartanii na gargaaruuf yoom kaatu? Oromoo jechuun si'ii Oromoo jechuun anaa adaraa naaf birmadhu dhaamsi dhumaakoo kanaa!!!! ✍A.taferi @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Daandii koo cufuuf qoree guurtan si argee natu cubbuu godhe moo maatirraa natti darbee? Abshiir qomoo koo😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭 Boranaa BLACK Day @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa