Dinnee_Didaa
Open in Telegram
Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot
Show more1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
1 178
Haajaan erga hin baanee
Dhamaanee yaallus qaata
Kaanee takka 'saguurree'
Qamaanee laalluu laata?
Oliif gad mankaraaree
Hagan qaamakoo dhoru
Ka'ee ifaajii dhiisee
Farda jaalalaa koruu?
Erga akka baargamoo
Galmi natti dheeratee
Osoo-n taa'in waan-dhamoo
Milkiin didee seeratee
Ergan bu'aa hin argannee
Asiif achi dhama'ee
Yaadaan addunyaa dursuu
Ciisee hirkadhee qama'ee?
Ameerikaaf Jarmanii
Gamoo dhedheeraa bituu?
Xiyyaara dhuunfaa kootiin
Addunyaa mara lixuu?
Isan dursee hubadhee
Hojiirra oolche qaata
"Dhama'i" naan jettumoo
Qama'i jettu laata?
Garuu......
Dhaloonni bara kanaa
Anumarraa jalqabee
Qoricha namaaf kennaa
Ofiif fayyuu dadhabe
"Qaami" namaan hin jedhu
Ofiisaaf xuuxaa qaamaa
Araadni akka simiidhu
Dhiibbaasaa duukaa dhaama!
Eeyyee....
Biqiltuun har'a dhaabde
Bishaan malen margituu
Milkii dhamaatiin malee
Qamaatiin hin argitu...
Kaayyoof mul'ata keenya
Kan nuti galmaan geenyu
Gaafa hedduu hojjjannee
Xiqqoo boqonnaa teenyu
Dargaggumaan taa'uun kun
Boru galma dhabuudha
Furmaatnisaa tokkichi
Yeroo yeroon qabuudha
Milkiin harka rabbiiti
Kadhataama dhamaana
Kan hin beekne, hin barsiifnu
Kaan karooraan qamaana!
✍Riyaad Raayyaa
join & share
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
SIIF JEDHEEN MALEE!
Siif jedheeni malee
kanan bifaa bade
jiraachuun danda'aam
ta'ee akkan barbaade
Jaalala keef jedheen
gad jedhee jiraadha
silaa akka namaa
an yoona nan maraadha
Jaalalaan na qabdee
akkan sirraa hin siiqne
na jilbiifachiifteerta
akka an hin miliqne
Kanaafan gad jedhee
siif bitamee bula
gubaan jaalala kees
ni caala mukukkula
Anis fedha kootii
si wajjiin jiraachuun
oduu namaa dhiisee
kaayyoo koo filachuun
Kanaafan si jaalladheem
kaayyoo koo natti toltaa
onnee koo wajjiin ooltee
qalbii koo wajjiin bultaa
Namni namaaf bitame
gaaf tokko gurguramaa
namni muldhata qabu garuu
kaayyoo isaaf bitama!!!!!!
✍mure best
join & share for more
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
"OBSADHA"
Jaalalarratti obsa
Isa hunda danda'u
Kan rakkoo hunda dabarsee
Galmichaan nama ga'u
Hammeenyaan kan hojjetan
Dhumnisaas hammeenyuma
Karaa dhugaan dhugaaf yo bulan
Gaarii ta'ee argama
Kadhata haqa qabuuf
Uumaatti yoo iyyite
Gaafuma si uumetu
Rakkoo keef deebii laate
Murtoo hamaa murteessuun
Hamaatti nama gata
Yaada waaqaa daangessuun
Hamootaaf deebii laata
Obsanii baachuun furmaata
Baachuun garuu hin ulfaata
Rakkinni hin dhabamu
Biyya lafaatu isumadha
Salphaatti hin darbamu
Obsuun garuu furmaatadha
Imimmaan hin haqamneef
Boo'uun of tortorsuudhaaf
Jireenya geengoo kanaaf
Du'a murteeffachuudhaaf
Kaayyoo of keessaa qaban
Haalotaan dagachuudhaaf
Qormaatni hin dhibamu
Obsuudhaan kan darbamu
✍ @dera_zreal
join & share for more
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Qaawwa kiyyaaf golgaa
Madaa kiyyaaf dawaa
Taatee erga argamtee
Naaf suma naaf wayya
Sin ganu yoomiyyuu
Hundarra naaf tolte
Waan namni naan hoolle
At-garuu naaf oolte
Ergati nat-aantee
Ollaafi firarra
Sin qixxeessu eenyumaan
Naaf caalta hundarra
Wb0 ❤️
@Abbeedha ✍️.......
@dinnee didaa
@dinnee didaa
@dinnee didaa
Join group
1 178
#IMIMMAAN_JAALALAA_😩
Imimmaan jaalala dhugaaa
Akkuma bokkaa siif cobsee
Jaalala dhugaa si jaalladhee
Jireenya kootti jibba labsee!
Halkaanif guyyaa hin qabuu
Kanan gubaa jaalala kee obsuu
Iddoon imimmaanii na gu'ee
Beekii siif akkan dhiiga cobsuu
Waan hundumaa na jibbisiisee
Waa'ee keen buusee baasaa
Imimmaan jaalala dhugaa
Akka bokkaan siif lolaasaa
Gaafan waa'ee kee yaaduu
Jechan ittin ibsuun dhabaa
Waanuma gati jabeessaa
Ani suma qofaan qabaa
Meerkuurii fi Warqee caalaa
Dachaa dhibba naa caaltaa
Kana keessaa garuu atii
Jaalala dhugaa wallaaltaa
Akka nama sammuun darbeen
Waa'ee kee taa'ee mammaakaa
Garaachi koo dalagaa isaa dhiisee
Waa'ee jaalala keetii daakaa
Jaalala keetiin caccabeen
Onneen koo sumaaf dhiigaa
Jaalala kee irraa fayyuufan
Dachaaf gaara irra fiigaa
Onneen koo si eega jirtii!
✍ @dera_zreal
join and share
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
ADAWAAN KEENYA!
OROMOOF ADAWAAN KEENYA SIIDHA!
GOOTA ONNEE SIBIILAA SI JAALLANNA❤❤❤
Baga Adawaa Geessan.
join & share
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Waadaa❗
Waa'ee borii kootiifan
Dhukkubsadhee aada
Imaana saba kootii
Lakkii hinnyaadhu waadaa!
~
Fuldurakoo akekkadheen
Galma kootiif kaadha
Irbu sanaaf garba ta'een
Uddeelladhee baadha!
~
Gatantaree kufee
Hin sharafu Irbuu
Dharaa kooti jedhee
Haqa lakki hinjibbu!
~
Afaan kootii baase
Sobaan hinfakkeessu
Yoon waada sharafe
Waaq na haa balleessu!
✍Sami Karrayyuu
join & share for more
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Dhugaatti nama taanee
Qabaannaan sammuu yaadu
Gidiraan lammii keenyaa
Guggubee maaf nun waadu?
Dhukkubaaf yaala dhabee
Onneen namaa yoo dhoo'u
Biyya ormaatti duunee
Firaaf aanteen yoo boo'u!
Mirga namummaa dhabnee
Jiraachuullee lubbuuni
Hidhaatti kan dhumannuuf
Maaltu jira cubbuuni?
Nutoo sharafa alaan
Biyya utubnee kabnee
Har'a gaafa rakkannu
Maaliif dhageettii dhabne?
Iyya ummataa jalaa
Duduuchattanii gurra
Golfaamoo xannee eeguuf
Egaa teessuree nurra?
Sammuu sirriidhaan yaadaa
Xiqqoo horadhaa qaanii
Kan jiran nuuf qaqqabaa
Erga dhabneetii kaani!
Lubbuun namaa qaaliidha
Tasa hin qabu beenyaa
Hidhaarraa nuuf hiikaatii
Fidaa obbolaa keenya
Lammiilee keenya hidhaatti dararamaa jiraniif sagalee haa taanu!
✍️... Riyaad Raayyaa
Join & share
👇👇👇👇👇👇
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Dhiiga Lammii Kootii!
Dhiiga lammii kootii
jigee dhangala'uu
nagaa maalin qabaa
ani nagaan ta'uu
Na nyaata na gubaa
obsa naaf hin laatuu
gaafa diinni gamaa
saba kiyya nyaatu
Godaannisni kiyya
dideera naa fayyuu
imimmaan dhalootaa
hin qoorre hardhayyuu
Kanaafin maraadhee
qullaa kiyya fiigaa
waanjoo garboomfataan
dhalootarraa diigaa
Amantaafi kutaan
yaadaan gargar cabee
gaaddisa mukaatu
jaarsa araaraa dhabee
Ilmaan abbaa tokkoo
kutaadhaan wal jibbee
osoo tokko boo'uu
inni biraan sirbee
Kanaadha rakkoon koo
kan garaa na jiru
maaltu si maraachee?
naan hin jedhin yaa tiruu!
✍ Amena Teferi
JOIN & SHARE
👇👇👇👇👇👇
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Uummata Fira Dhabe 🤔
Gidduu kana Wanti Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaatti ta'aa Jiru nama suukanneessa.
Humni Hidhate Faannoo jedhamu Ummata Oromoo ajjeesee manasaa gubee buqqisaa Jira.
Hunduu irraa dheessee Ummati harka qullaa Dhumaa Jira.
Inni du'e awwaalcha dhabee, kan baqate birmannaa dhabeera.
Jiraattoonni Aanaa Limmuu har'a FiB tti wàan nama boossisu himachaa oolan..
Wabiin Ummatichaa dhibeera.
Mee wàan dandeenyuun ha birmannuuf.
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
An 'brand' filadheen
'Puma' yookan 'Nike',
miidiyaatti maxxanseen
Lakkaawwadha like!
Suufii warra Faransay
Gateettii koorra tuulee,
Ani magaalaa taa'een
'Shambo'f 'jeeliin' of kuule'!
Atimmoo anaaf jettee
Fedha kee'llee of dhowwaa,
Qabsoof daggala seentee
Adeemte miilla duwwaa !
Mee maal jedhee dubbadhu
Waan ati Oromoof taate,
Utuu jiraachuu qabduu
Nuun jiraachisuuf baate !
join & share
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa1 178
Lafeefi dhiiga sabaaf
Garaan taanan dhiyoo
Dubbiin maal fayyadaa
Kan Tv fi raadiyoo
Dhugaa haqaaqamte
Dhukkubbii uummataa
Fuulli fi haalli keessan
Waan baay'ee dubbataa
✍Waloo_Leta
join
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Yaa yaada garaa ofii!
Wallaalee ta'us beekaa
Yoon fakkaadhellee gowwaa
Kankoo natu falmata
Ilaalaa hin bu'u bowwaa
Biyyi lafaa hin guutu
Wal keessa borca malee
Akka yaadetti jiraachuu
Eenyut danda'e yaalee
Isa qabeenya qabu
Dhukkubatu rakkisa
Utuu kan nyaatu qabuu
Wanta gogaa nyaachisa
Isa fayyaa qabummoo
Hin jiru wanti nyaatan
Utuuma hojjetanii
Xiqqaadha kan argatan
Kan jaallateef fedhasaa
Kan kadhateef deebiisaa
Kan argateef firiisaa
Kan fudhateef bu'aasaa
Ta'ee wal hin qixxaatu
Jireenya akkas jabaatu
Qobaatti nama gatu
Rakkootti nama darbatu
Gaaffiidha Hawwii arguun
Fedhanii bakka gahuun
Kan uumaan kenne fudhachuu
Kan didames falmachuu
Amma yeroon gahutti
Rakkina kennamus fudhachaa
Hamma yoonaa geenyeerra
Jirra hunda baachaa
Jirra bullee barii arguuf
Fuulduratti tarkaanfachuuf
Ha didu iyyuu malee
Fedhii ofii guuttachuuf
Bu'aan jaalala dhugaa
Firiinsaa seenaa kooti
Jaalladheen dhamaaf ta'een
Oromoof dhaamsa kooti !
✍ @dera_zreal
JOIN & SHARE FOR MORE
@dinne_didaa
@dinne_didaa
@dinne_didaa
1 178
Baga Geessan Qillee!
Kabajamtootaa fi Hordoftoota chanalii
@dinnee_didaa
baga ayyaana qilleen isin gahe jechaa
maatii keenya waan taataniif galatoomaa.
Ammas guddina keenyaaf chanaalii keenya hiriyyoota keessaniif qooduun nu cinaa dhaabadhaa jenna.
Yaada akkasumas qeeqa yoo qabaattan karaa @dinnedid_bot nuuf erguu dandeessu galatoomaa.
AYYAANA GAARII!
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Yoom Laata!
Shiraaf daba sodaadhee
hamileen maaf na cabaa
dhugaa kan kee dubbadheen
addunyaatti dubbadhaa
Gaattiraa muka bajjii
eenyutu dhaabee muraa
si argadhee lammii koo
deemsa yooman xumuraa
Lukkuun kan ittiin qalan
albee baasuudhaaf qottii
akka bishaan biyya koo
onneen koo si dheebottii
Hammam yoo qallateyyuu
dhugaan hin ta'u dhara
asin jira naan jedhii
natti hin jabaatin garaa
Gadheetu roorrifama
dhiirri dhugaaf jiraata
kaayyoo baateef xumurtee
wal-argaan yoomi laata?
✍Amena.
JOIN & SHARE
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Garaan Keenya Hin Fayyu!
Dhiiga dhiigaaf dhiigu
dabaan dhangalaastu
lafee lammiif utubaa
dhooftanii caccabsitu
Mana gumaataa teessu
nutti uffistanii gadda
du'a keenyatti ililchee
garaan isin gammada
Aangoo bor darbuun
lubbuu nu dabarsitu
jireenya nutti faarsaa
gadda nu teessistu
Guyyaa dhufee darbaa
dabaan nutti dabdu
shira sobaa shirtanii
rasaasaan nu gubdu
Hin dagannu tasuma
kan taane yoomiyyuu
yooma akkam ta'ellee
garaan keenya hin fayyu!
✍Danuu D Alex
join and share for more
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
#Dhaamsa_wareegamtootaa !
Ta'ee ergan dhaladhee
Anis nama kaayyoo
Gadheen na nyaattekaa
Nagaan turi aayyoo
Deebi'e hin dhufuu
Karaa butadheeraa
Wal-argaan hin jiru
Garaa kutadheeraa
Qoraan baraa godhani
Lafee nu bobeessuu
Kan keenya baranaa
Silaa maal odeessuu?
Hireen Koo na gantee
Sirraa na ariitee
Maal guyyaan akkasii?
Maaliin naa bariitee?
~
Ilaamee yaa harmee
Utubduu jiruukoo
Harmee harma dachaa
Gar-tokkee tiruukoo
Faannikoo jallootaan
Daandii irraa maqee
Kichuutti kutameen
Iddoo malee dhaqee
Obsi yaa deessuu koo
Deessuu qixxee kumaa
Hin dhiisu dhalootni
Anaaf baasa gumaa
~
Hin rafiinaa ka'aa
Diina qabaa kokkee
Anaaf hin boo'iinaa
Ani qaatan sokkee !
lubbuun keessan haa jannatu😢😢
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Dhugaatu bade
Haqatu dabe
Fayyaatu cabe
Akkayyu dhabe!
Qoleen yaasuu
Akka gaaraa
Lolee baasuu
Abbaa garaa!
Nadhukkuba
Keessi kankoo
Nagugguba
Madaan foonkoo!
Akka bubbeen
Teessoo dhaba
Akka buqqee
Keessoo mataa!
Siisseen maraadha
Akka bofaa
Lo'een kaadha
Akka qocaa
Mootii hamaa
Keessi shiraa
Lootiin namaas
Leenci jira!✊
Bosoqqee taate
Bakka wallaaltaa?
Dhoqqee taatee
Hunda faalta!
Keenyee hinfuunu
Abaarsaa qabnaa?
Teenyee hindhuunu
Waliin falmanna!
Waliin taana
Mee maal dhabna
Waliin kaana
Haqas qabna!
Tokkummaa qabna
Balleessaa shira
Luqnummaa hinqabnu
Wal jabeessaa firaa!
Lama nyaataan
Guula malee kufaa
Saba nyaataatti
Daandii cufaa!
Diigaa hindhumnu
Akka biineensaa
Fiigaa hindeemnu
Akka qilleensaa!
✍Sami Karrayyuu
JOIN FOR MORE
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
1 178
Dallaa shiboo keessa teessa
Halkan guyyaa gadi hin ciisu
Yaada keetu naan taphata
Otoon ciisee lafa hin ga'iin
Abjuu keessa na qabata
Sodaachisoo sagalee sibiilaa
Wawwaraansa akka biilaa
Mankaraarsa eegduu sobaa
Naaf gamteetti jiruun kophaa
Mee dhaamsakoo na dhageessaa?
Si ga'eeraa ergaan kiyya?
Hin boqonne gadi hin ciifne
Dhugaa keetiif taa'en iyya�
Nan komatin yaa jaalallee
Naaf mijatee sin lagannee
Amartiikee qomaan qaba
Irbuu kalee hin daganne
Lafti dhi‟ee yoo bari‟u
Fuula kiyya duraa hin baddu
Haalli kamuu hin jijjiiru
Hirbuu ana faana qabdu
Biqiltuu sana kunuunsufin
Jooraa oola laga keessa
Gadi hin teenyee nan komatin
Ati dallaa shiboo keessa teessa�!!
sinan yaade❤💚❤
✍ @dera_zreal
JOIN FOR MORE
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
