en
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Open in Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Show more
1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
Mee warri kitaaba Gatii gumaa of biraa qabdan fuula 24 baafadhaa.Akkas jedha..! Waaqeffannaa ! Waaqni Oromoo lamas miti Waaqe
Mee warri kitaaba Gatii gumaa of biraa qabdan fuula 24 baafadhaa.Akkas jedha..! Waaqeffannaa ! Waaqni Oromoo lamas miti Waaqeffachuun namas miti Irreeffachuun duudhaa amantii Ormi callistee xibaarti ! Afaantu aadda ba'e-qooqatu nu jeeqe Kanaaf namni martuu-Waaqaaf Rabbiin beeke An' kanin hubadhe-an' kanin akeeke Yaa Waaq hundaan olii-ulfaadhu bara kee ! Oromoon dur bari-Odaa jala taa'ee Horatti wal waamee-achitti wal ga'ee Akkas jedha ture... "Yaa Waaq samii utubaa malee ijaajjistee Lafas teessuma malee diriirsitee Yaa Waaq guyyaa guca malee ibsitee Halkan haalluu malee gurraachessitee Yaa Waaq loogii malee nu bulchitee " Jedheetu galateeffata malee Odaatti hin amanne-yookan moora ulee Uumaasaa kadhatee-Gadaa isaatiin bule ! Waaqa Waaqeffataa-abbaa Caffee Tumaa Maqaa balleessuukeef-ni baafta gatii gumaa ! Galmeen gara mana galmeetti 🙏

Akkas miti nuti ! Warra akka Hoolaa faasigaa Guyyaa qalmaa lakkaa'u, Warra gaddaaf boo'ichaan Suuqa marmaree of kaa'u, Nutii.... Warra kaleessan gaabbee Harra isaa mufachiisu, Warra garaaf bitamee Kaayyoo isaa gufachiisu, Nutii.... Warra guddummaa Waaqaaf Arjummaa isaa wallaalu, Warra rakkina baqaaf Abdii ajjeesee awwaalu, Nuti warra akkasii miti Warra murraan latuudha, Warra yaaddoo mo'atee Sodaa ajjeesee gatuudha! Galgalli keenya ta'us Balballi keenya ta'us-ganda gaddaaf boo'ichaa, Nuti warra Rabbi irraa Nuti warra Waaqa irraa-eeggatuudha moo'icha ! Nuti warra qe'eetti Mirga uumamaa dhabeedha, Warra utuu imalluu Imala haqaaf cabeedha ! Ta'us abdii hin kutannu Dunkaana gaddaa bannee, Nuti warra akkasii miti Utuu ciramnuu latne ! ✍Lati Chali Likasa Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Jecha afaanitiin miti kan barru amala namaa utuu akka jecha afaanitii Pheexiroostu amanama Yesuusin sin jaalladha jedhee laga isaa bane osoo indaaqqoon hin iyyin isa al-sadi gane Gaafa gammachuuf kolfaa namni lapheen isa cabaa gaafa rakkoof gidiraa laphee kan biraa qabaa? Daandii qajeelaa miti garaan namaa maramaa jaalalaaf jibbi namaas gaafa rakkoo barama! ✍️ @dera_zreal Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻 Kabajamtoota maatii chaneli Dinnee_Didaa baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa geessaan jechaa barri kun kan jaalalaa,kan tokkummaafi kan walabummaa akka nuuf ta'u hawwina. Maatii keenya waan taataniif galatoomaa. Ammasa chanali keessaan @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa share gochuun hiriyyoota keessan afeera. AYYAANA GAARII🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻

Ni seeqanna malee Kolfa duruu dhiisnee Kolfuu ni barbaanna Nus hin jibbisiisnee Garuu eenyutti kolfina Gadda eenyutti dhiisnee Gaddis nuun hin malu Kokkolfaas si hin qaluu Nama muraasaafi Ka dubbiin kun galuuf Ka horu inuma hora Utuu kuun falfalu Dubartiin oromoo Haa deessu Horiinis haa horu Baayinna keenyarraa diinni karaarra haa goru Ilkaan kankoo dhoksee Yoon seeqadhe malee Mataa koo gad qabee Yoon jiraadhe malee Afaan banee kolfuun Jara kaaniin male Jara nu ajjeese Onnee nu madeesse Jara siyaasa jedhee Kijiba qindeesse Yaa ilmoo hiyyeessaa Baga lubbuun turtee Guyyaa kana geesse ✍️ @dera_zreal Join fi Share godhaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Moggaatti darbatamee Hundumtuu natti muree Har'as boo'uttan jiraa Kaleessas boo'an turee Na dhukkubaafin iyyaa Didee tasuma f
Moggaatti darbatamee Hundumtuu natti muree Har'as boo'uttan jiraa Kaleessas boo'an turee Na dhukkubaafin iyyaa Didee tasuma fayyuu Kunoo imimmaan kiyyaa Roobaa jira har'ayyuu ~ Madaake si madeessaa Fuudhee rukutee dibbee Akka waanin kaleessaa Gaafa ati boossu sirbee Moggaatti na darbattee Qooda amantu shiraa Rakkoo kiyya naaf bartee Maaf naan dubbattu firaa ~ Dhugaadhaaf na adabuu Dubbachun shiraaf dabaa Si malee fira hin qabuu Naaf birmadhu yaa sabaa! Join $ share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Jedha ummatni Maccaa ! "Maal nutoo.... Gaafa Harargeen buqqa'e Gaafa lola Sumaalee, Lubbuun birmachaa turre Yoomiin callisee ilaale, Gaafa 'Master pilaanii' Gaafa kutan Finfinnee, Kichuu keenya gabbarree "Hin ta'u" jennee dinne ! Maal nutoo...... Gaafa Gujiin beela'u Yeroo Walloo dhaanani, Waamicha malee dhufne Birmannaaf nun waamani, Gaafa Harargeen dheebotu Nutisoo asii dheebonnaa, Firaaf aantee utuu qabnuu Dachiirrraa dhumnee bannaa ? Oromummaaf hidda hoo Dhiigaan walitti qabnaa, Akkamiin ulee ormaan Seenaaf mogolee cabna ?" Akkas jedhee isin waama Macci dhiigni keessani, Abiddi Macca gube-bor darbuunsaa hin ooluu Hin laalinaa teessanii ! ✍️Lati Chali Likasa tiin. Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

KABAJAAF! Warri ati argitu kuni ilaallaan simboon tolu loltuu raashiyaa miti warra yukreenin lolu USA'n hin leenjisne doolaara itti baasee galaantichatu guutee qurxxummii bakkee yaase Loltuu sabaaf loluudha warra lubbuu laatani kaayyoo manaa ba'aniif tasa irbuu hin nyaatani Afaan guuteen dubbadha sarareen jala mura waaqayyo isa jalqabe kabaja isaaf xumura! ✍️Lati Chali Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Kan ani damma jedhe damma miti gagaadhaa kan ani dhadhaadha jedhe dhadhaa miti dhagaadhaa kan ani jiidhadha jedhe jiidhaa miti gogaadhaa adda baasee bareera ijji koo naaf ragaadha Waaniin ofii koon arge namni nattimuu hin fedhu dukkannis dukkanumaa dukkanaan ifa hin jedhu Mukni keessi nyaatame furdatus bosoqqeedhaa biyyeen roobaan laaqame irraa gori dhoqqeedhaa! ✍️ @dera_zreal Join and Share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

MEE MAALI MALLISAA? Saafaatu safuu dhabee saalfiimalee natti dabe qorra keessa na gubee nafa qaama koo hube Addeessatu aduu ta'ee sa'aatii malee natti ba'e natti lufee daangaa ce'ee qaarisisee na qaari'e Bakakkaan natti weeddisa ekeraatu natti farrisaa jiraataa du'aa taasisee isa du'aa natti muldhisa Dacheetu narraa fagaata samiitu anatti dhihaata leencatu anaan baqata mixiitu anatti dhaadata Kanaaf sana hin jedhuu naaf hin galu akkisaa hiibboo hiikkoo dhabde mee maali mallisaa? ✍️ @lovely_boyeaz Join and share for more @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

OROMUMMAA! Ani wallaggaa mitii shawaa yookiin baalee oromummaan bar dhiigaa abbaaf haadha koorraan dhaalee Naan hin jedhinaa karrayyuu naan hin jedhinaa walloo yoomiyyuu waliin qabnaa oromummaa dhiigaaf waloo An jimmaas mitii harargee yookin arsii qoosaa kee dhaabi narraa qumaara kees kaasii Ati sikkoo mandoodha? maccaa yookin tuulama naan hin jedhin maaloo yaa shirtuu afaan raammoo Raayyatti hin dhalannee gujiis ta'u boorana ani oromoodha beekii maal taate namana Makaa tokko hin qabnuu homaa lakki of keessaa nuti ilmaan oromootii GANDUMMAA balleessaa! ✍️ @dera_zreal Join for more @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

BIRMADHU! Lafti dur qamadiin irraa mataa raasu kan ofirra darbee biyyaaf garaa kaasu, Baaleen yoo hongaa'u irraa gogee samiin akkam waa'eesaarra siif caaleree hamiin? Gujii loon gabbisee kaaniif laatu bu'aa har'a daa'imnisaa maaliif hooti du'aa? Dawaaf aannan Gaalaa kan qabu Booranni atoo quuftee waccaa, akkamiin joora inni? Utuuma ati laaltuu allaattiin nyaatamaa, sammuunkee boqonnaa siif laattii yaa namaa? Gartokkeen qaamakee caraanee gubataa, waa'ee nam-qeenxeetu garaakee tumataa? Abbaa daa'imnisaa lafee taatee teessu waan hiixatuuf dhabnaan gaafa of balleessu Laphee dhagaa gootee waan biraatti fiigdaa? Isa moggaa keessee gandummaan Wal diigdaa? Akkam bulgaafatta quufakee deeffattee? maaf asii xaaxofta morma dheereffattee? Guyyaa haadholiitti haadhakee arbeessaa aayyoo sana laaltee callisuu in dandeessaa? Bakka daa'imtichaa at utuu of gootee maal keessaa baafatta harma duutuu hootee? Ganda ati leellistu tasa hongeen dhahee utuu abbaakeetu akkas goge ta'ee, "Maal na galche?" jettee gammachuun jiraattaa? Isa dubbatatuuf dubbachuuf halaaktaa? Hangafni koof kankee qe'een warra Gadaa utuu nuti jirruu maaliif tasa bada? Baalee beela baasi waan qabduun hirmaadhu! Gujii goguu oolchi Booranaaf Birmadhu! ✍️Aga Guda Join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Kan Gaaddisa Qabu! Kan jirmi nyaatame yaaban namaan cabu muka hindaa miti kan gaaddisa qabu Kan hiddasaa jalaan rirmi qorqee nyaate hundeef damee isaayyuu hin dhaabatu baatee Risaatu hurgufaa sinbirrootu rarraasaa qilleensatu fuudhee dhukkee faana kaasaa Egaa mukni akkasii mukni hidda dhabe akka nama hin miineef akka tasaa cabee silaas baala hin qabuu gaaddisas hin ta'uu bukataa bilcheessuuf cabsaa haa boba'uu! ✍️ @dera_zreal Join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Bareedduu bahaardar yaa intala xaanaa obboleettii faannoo nagaa keetii faanaa Soddaa ashaagiree gaardii mana farsoo suurama ka'uuf moo beektaa bakka qabsoo? Akkam hoo ni loltaa? loltee immoo ni mootaa? moo dugdaan galtee ciiftee dhuufuu kee 'xaaxaa' goota? Natti himi kaa faanniyyee faannoo sanyii gaalamootaa qunnamtee yoo ni beektaa qeerroo sanyii gootaa ✍caaltu oro Join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Jireenyi wannoodha wannoon jiraatamaa wannoon kennameetu wannoonis argamaa Dur bara keenya bara aabbaaf aayyoo wannoon hin argamuu qoosat akka laayyoo Wal argaan hin jiruum dur bara kan keenyaa kum-kummee sirbbinee gallee qabdoo teenya Amma kuni hin jiru hundumtuu wuddiidha ati qabdoo jennaan furmaatni dubbiidha Kumnimmoo halkan karaarra dhaabbatuu waan ta'e argachuuf qaama gurguratu Kitillimmoo jiruu warri garaa guddaa garaadhaaf kan yaadan wanta argan hundaa Bicuunis ni jiruu namummaa kan dursan isa qaban malee dachaadhaan kan tumsan Kan kennitu wannoodhaa fudhannaan baachudhaa seerri addunyaa kanaa kennaa fudhachuudha!!!! @lovley_boayez Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Elaa👌boru har'a mititii Guyyaa biraa hin eegiin Hunduu harka rabbiitii Guyyaa du’aa hin beekanii Ammuma itti himadhu Akka nama jaalattu Tarii yoo gargar baatan Booda carraa hin argattu Gaafa wal bira jiran Xuxxuqani wal aarsu Gaafa walirraa siiqan Gumgumanii wal faarsu Qoosaaf taphni isaanii Kan siin si boharsuu Gariis yoo qabaatani Amala siin si aarsuu Dogoggora xiqqoof jettee Nama hin balaalefatiin Sin jaaladha jedhini Osoo sitti hin barfatiin Yeroon Farda waan taateef Booda gaabbiin si miidha Tarii yoo gargara baateef Duuti qalloo akka kirriidha ✍ @dera_zreal @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Ati kan dhalatte Gaaf seenaa hojjatte Gaaf biyya kankeetiif Bu'aadha buufatte Umriin nama tokkoo Kanin lakkaa'amuu Seenaan qabatamaa Gaaf hojiin argamuu Siidaan ijaaramee Kan irratti barraahu Hojii kee isa dhugaa Isa dhalaaf cehuu Yoon waan hojjatin Wanta qabatamaa Ati dhalattullee Hin jiraanne namaa Dhalatteetin duutee Osoo hin jiraannee Warra jireenya arge Keessatti hin hirmaannee Qaxalee giiftii koo Jiruu tee eegalte Erga kun hin hafin Baguma dhalatte Ilmoo jajjabduu koo Aaliyaa Awwalii Seenaa gaarii hojii Iddoo geette maraa Milkaahiitii galii!! ✍ Rabi Kedi Abdu Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

photo content

WAA'EE KEEN YAADA! Uumaatu Uumama dabsee Qofaa na haasofsiisa Kanaan komadhuu dhabee Du'a na komachiisa Qofaa ta'een haasa'a Ofittan gugguguma Murteen du'atii kuni Shira qabdi dhuguma Kan milanaammoo adda Raaja taatee mul'atte Ilma Hundeessaa Boonsaa Haacee nurraa fudhatte Duruu durii duuni keenya Hin jiru kan miilanaa Iyyinus falli dhibe Maal jennuree jarana? Maal dubbadhu jaranaa Maali dubbiin akkanaa Imimmaan na hir’atee Dhiiga buuseen harqana Maali dubbiin fuggisoon Dubbiin daandiirran deemne Ija Ummata keenyaa Kichuu of biraa dhabne Maal dubbadhu lammiikoo Maal dubbadhu yaa jamaa Namni dhugaa dubbateef Lammiisaa keessaa cabaa? Namni dhugaa dubbaateef Firasaa keessaa cabaa? Hirriba keessaa ka'een Ofittan lalallabe Kichuukoo ilma Hundeessaa Haaceen of duraa dhabe e Atin duune Haaceekoo Atin duunee yaa jabaa Seenaan ati nuuf keessee Umurii dheeraa qaba a Jarrillee shira xaxxee Kichuutti si sakaalte Jaarraa dheeraa nu gahaa Galaan ati nuuf galaaste Haaceeko duutin ooltu Egaa nagaan boqodhu Lubbuunkee haa jannatu Boolli awaalchakeetii Daadhii eebichaan haa guutu !! Siidaa Hin Diigamne Ijaarrattee Bara Baraan Onnee Saba Kee Keessa Jiraatta. SEENAA RIRMI HIN NYAATU! ✍ @dera_zreal Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Maqaa meeqa baasanii Yaalanis si xiqqeessuu Hin jiru naaf akki kee Homaanu sin qixxeessuu Dhiigaafi dafqa cobsuun Abdii jiruu naaf taataa Daqiiqaadhaf si obsuun Kanumaaf natti ulfaataa Rakkooko dhageeffattaa Natti himtee lafan dhaquu Gorsitee na deeffattaa Gaafan daandiirra maquu Sidha gaafan rakkadhee Kan naaf birmatu dafee Onneerraan si jaalladhee Bagan citee sitti hafee...... ✍AmenaTeferi Join & share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa