en
Feedback
Dinnee_Didaa

Dinnee_Didaa

Open in Telegram

Cunqursaa dadhabnee Baraafi gadaan Onnee haa horannu Marree gooloo sodaa Seenaan nu gaafataa Dhiiroo dinnee didaa! hordoftoota keenyaaf 1 walaloo 2 asoosama Join &share gochuu hin dagatinaa. Galatoomaa! Contact: @dinnedid_bot

Show more
1 178
Subscribers
+124 hours
+17 days
-1430 days
Posts Archive
#WALALOO.!! #DHALOOTA_CARRAATI_NUTI!! Booranaaf bareentuun Tokko foonif tiruu Gootummaa oromoo Dawween hin jijjiiru Galma tolcha malee Seenan galmee ciru Dachee waaqof jaarraa Qe'ee taaddee birruu Maxxeen hin saamamtu Osoo lubbuun jirru Lafeen keenya cabee Yoo bades lafarraa Akkuma Abboota koo Hin gorru dhugaarraa Nuuf wareega laatan Dhaloota abbaa carraa Lafaaf lafeen dhufnaan Maaltu dura gora ........ ✍️Soninaaf Aadam Join & Share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

#OromooHaaBaraarruu #OB @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa
#OromooHaaBaraarruu #OB @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Wallaggaattu iyyee..akkas jedhe ! Lafarraa buqqa'ee Taa'uuf bakka dhabe Reebamee luqqa'ee Hamileen koo cabe Namaa fi lafa dha
Wallaggaattu iyyee..akkas jedhe ! Lafarraa buqqa'ee Taa'uuf bakka dhabe Reebamee luqqa'ee Hamileen koo cabe Namaa fi lafa dhabee Gaafa birmannaa dhabu Humnii keenya caccabee Fiiguuf akka hin qabu Qomoo ormii dhiigse Qomoo isaatti iyyata Wal jalaa owwaatee Qara waliif birmata Diinotaan nyaatamnee Qa'ee irraa godaannee Roorrootti daanga darbe Malee hin sodaannee Nyaaphii nu ijjeesee Ilmaan keenyas fixee Lafa keenya saamee Qubatee keessa lixee Manaaf moonaa gubee Qa'ee keenyaa onsanii Fakkeenya dirree lolaatti Dachee keenya gogsanii Oromoon cuftinuu Bakka jirtan maraa Diinnii boroon galee Nuuf kalchaa adaraa Kibbaa fi lixa biiftuu Hanga kaaba fi bahaa Dhaamsaa keenya kan Oromoo maraan gahaa Oromoon birmannaan Deemsaanuu sadhabsaa Gola oromiyaa hundaa Maaloo nuuf dhaqqabsaa! Kan biyya keessaa fi alaa Kaneeni biyya hambaa Koottaa nuuf birmadhaa Wanjoo ormaa darbaa! Join @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Dinnee Didaa Gidiraatu sitti hammaatee Dacheen dhiigaan guutee Haati daa'ima baattee Daandii gubbaatti duutee Qaamaatu sii mi
Dinnee Didaa Gidiraatu sitti hammaatee Dacheen dhiigaan guutee Haati daa'ima baattee Daandii gubbaatti duutee Qaamaatu sii miidhamee Lubbuutuu si hubamee Qe'eef qabeenyi badee Manni sitti gubamee Imimmaan lammiikoo Callistee hin ilaaliin adaraa uumaa koo ✍️ @dera_zreal Join @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Qe'ee keetii godaantee Balbala namaan tuqne Afaankees abbuuqqatee Dhangaa ormaa hin dhugne Isa ormaaf alagaaf Taate malee gaa
Qe'ee keetii godaantee Balbala namaan tuqne Afaankees abbuuqqatee Dhangaa ormaa hin dhugne Isa ormaaf alagaaf Taate malee gaachana Mee maaliif si tuttuquu Dhufanii qe'eef mana ? Atoo diina hin jettuu Firaaf alagaa qooddee Orma mullista malee Ofii dhaabbatee booddee Atoo saamtee hin nyaattuu Gombisaa namaa keessaa Innati nama goote Maaf du'aan si bobeessaa ? Osoo ormaaf diriiree Harkikee kaasee baatuu Hammeenyaan si ajjeesan Lammiikoo anaa nyaatu😭😭 Qullaakee yoo si dhaabes Kanat kabde wayyaani Garaa jabaadhu hin boo'in Abshir jiraa guyyaani! Lammiikoo 😭 ✍️Belina Wakjira Join & Share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Liinkii affeerraa isa jedhu kanaan seenaa fayyadamaa🙏🙏🙏

🔰 BAGA NAGAAN DHUFTAN 🔰 Itiyoo-Teleekom tamsaasa telegramaa sa'aati guutuu afaan oromoodhan jalqabuu ilaalchisee hordoftoot
🔰 BAGA NAGAAN DHUFTAN 🔰 Itiyoo-Teleekom tamsaasa telegramaa sa'aati guutuu afaan oromoodhan jalqabuu ilaalchisee hordoftoota horachuuf badhaasa qopheessera. Linkii armaan gadii fayyadamuudhan galmaa'uu keessaniif qarshii 1000 ni badhaafamtu. Namoota 30 yemmuu affeertan immoo dabalataan qarshii 3000, tokkoon tokkoon namoota affeertanif qarshii 100 badhaafamtu. Liinkii affeerraa DA. 🔽 https://t.me/Ethiotelecom_Afaan_Oromoo_bot?start=r0050623006 Liinkii affeerraa keessaani argachuudhaaf liinkii affeerraa DAtiin galmaa'aa. JOIN | ETHIOTELECOM - AFAAN OROMOO

WALLAGGAA😭😭😭😭😭😭 Kaleessa guyyaa sana Fira hedduun qaba ture Aanteefi fira haalalaa Iyyafannaan isaanii Gabaa waccurra c
WALLAGGAA😭😭😭😭😭😭 Kaleessa guyyaa sana Fira hedduun qaba ture Aanteefi fira haalalaa Iyyafannaan isaanii Gabaa waccurra caala Har’a garuu akkas miti Guyyichis jijjiiramee Kan kaleessaa naaf firas Faallaa ta'ee argame Otuu ijaan na laaluu Fuulaasaa narraa qabe. . Yaa Waaqayyo saba siin malee fira biraa hin qabne kanaaf ati birmadhu🙏🙏 @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Dr. Kabajaa Art.Alii Birraa "Birraadhaa bari'ee Ililliin urgooytee Dilii maaliin qaba Rabbii kiyya gooytee Jedhee............
Dr. Kabajaa Art.Alii Birraa "Birraadhaa bari'ee Ililliin urgooytee Dilii maaliin qaba Rabbii kiyya gooytee Jedhee................ Muuziqaatti afaan ofii hiikkatee Hojiisaa jalqabaa ummatatti hiixate Namuu gurra qaree Sagaleesaa damma dhaggeeffachuu malee Lammiin biyyaa cufti isa jibbee hin beeku Mandiisa muuziqaan kallattii akeeku Rabbimoo namuma kan seera jallise? haati teenya takkaa maaltu addaan nu baase? jettee sirbaan waan si dhibe hin kaasnee? obbolaa wol- jibbu gaabbiin garaa hin raasnee? mariin furuu beekee rakkoo dhuunfaa fi garee tokkummaa hin leellisnee namni sirraa baree? Karaa iyyaafattee mana abbaa gadaa nageenyaaf sirbitee ispoortii fi aadaa bareedduu oromoo moonaalizaa caaltu dachii haadha margaaf hogguu ragaa baatu eenyutu si ta'ee akka keetti sirba? qaroo qaroominaa tokkicha akka dhibbaa........... NAGAAN BOQADHU ADEEROO KOO😭😭😭😭😭😭 @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

😭😭😭😭😭😭 Rest In Pieces! Nagaan Boqadhu Adeeroo Kiyya!
😭😭😭😭😭😭 Rest In Pieces! Nagaan Boqadhu Adeeroo Kiyya!

Dhiiga qulqullootaa Dhiiga uummata nagaa Dacheerra lolaastan Akka bishaan lagaa… Dhalataa ol adeemaa Kan bor biyya dhaalu Laf
Dhiiga qulqullootaa Dhiiga uummata nagaa Dacheerra lolaastan Akka bishaan lagaa… Dhalataa ol adeemaa Kan bor biyya dhaalu Lafeen faffacaanaan ollaafi firri yaa’ee Dhabe waan awwaalu! Harka isin nyaachise Biyyoo nyaachiftani Gadameessa isin baate Gadda baachiftani! Gatiin dhiiga nagaa Dirree gubbaa iyyu Ni hafa hin se’iinaa Hin hafu yoomiyyuu… Lubbuu cicciramtee Dabaan boolla galtu Lafarrattis, Waaqarrattis Inuma kaffaltu! #Stopbombingcivilians #Cobii #NuunnuuQumbaa #Oromoo #Oromia Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Oromoon dhiiga tokko Yoomuu waliin hin hoodnu Oromummaan dhiigaa Amantaan wal hin qoodnu! *** Shira diinaan wal qoodne Walitti hin yaadnu shira Gaafa rakkoof gaddaa Numatu waliif jira! **** Diina nu gidduu seentu Of keessaa balleessaa Oromummaan jaalala Tokkummaa jabeessaa! . ✍Sami Karrayyuu Join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Ni seeqanna malee Kolfa duruu dhiisnee Kolfuu ni barbaanna Nus hin jibbisiisnee Garuu eenyutti kolfina Gadda eenyutti dhiisnee Gaddis nuun hin malu Kokkolfaas si hin qaluu Nama muraasaafi Kan dubbiin kun galuuf Kan horu inuma hora Utuu kuun falfalu Dubartiin oromoo Haa deessu Horiinis haa horu Baayyina keenyarraa diinni karaarra haa goru Ilkaan kankoo dhoksee Yoon seeqadhe malee Mataa koo gad qabee Yoon jiraadhe malee Afaan banee kolfuun Jara kaaniin male Jara nu ajjeese Onnee nu madeesse Jara siyaasa jedhee Kijiba qindeesse Yaa ilmoo hiyyeessaa Baga lubbuun turtee Guyyaa kana geesse @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Imimmaan dhiiga ta'ee Utuu qaroo nu jaamsuu Afaan keenya qabanii Maalumaf nu ukkaamsuu ~ Kan kallattii hin qabnee Yookiinis b
Imimmaan dhiiga ta'ee Utuu qaroo nu jaamsuu Afaan keenya qabanii Maalumaf nu ukkaamsuu ~ Kan kallattii hin qabnee Yookiinis bakkaaf akkaa Jireenyi faallaa ta'ee Miilli jedhamee harkaa ~ Utuu nutti wal darbuu Rakkinni rakkoo dhalee Utuu qe'ee nu saamuu Diinni boroodhaan galee ~ Qonnee callaa saamamne Utuu bulluu agabuu Akka nuti hin himanneef Maalif afaan nu qabuu....? @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Irbuu Hacee hin nyaatu Dhiitee diddus, kabalee Ni deeffata dhaloonni Farda Siidaa Dabalee.!🤗 @dinnee_didaa @dinnee_didaa @di
Irbuu Hacee hin nyaatu Dhiitee diddus, kabalee Ni deeffata dhaloonni Farda Siidaa Dabalee.!🤗 @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

Ummanni Oromoo marti baga kabaja ayyaana Irreechaa nagaan geessan! Ayyaana Gaarii! . join and share @dinnee_didaa @dinnee_did
+1
Ummanni Oromoo marti baga kabaja ayyaana Irreechaa nagaan geessan! Ayyaana Gaarii! . join and share @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

𝚄𝚖𝚖𝚊𝚝𝚊 𝚠𝚊𝚕𝚕𝚊𝚐𝚊𝚊𝚏 𝚜𝚊𝚐𝚊𝚕𝚎𝚎 𝚑𝚊𝚊 𝚝𝚊𝚊𝚗𝚞! "Qe'een Abishee Garbaa Biyyi bunaaf hancootee, Araddaa Baaroo Tumsaa Wallaggi maal sin gootee?" 😢 @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa

ᴅʜᴜɢᴀᴀᴛᴜ ɴᴀ ᴍᴀʀᴀʀᴀ! Dhaddacha jaalalaafi bakka murtii du'aatti bakka badhaadhinaafi oobdii abdiin gu'aatti Biyya hongeen xaaxessee akka abiddaa gubutti biyya quufni macheessee coomnif bookni hubutti baddaas ta'u gaaratti bakkaaf haala kamittuu safartuun haraka waaqaa kan uumamni ittiin bultu Kan jaldhateef hin cabne kan qaldhateef hin cinne walgayii sobaa gidduu dagatee kan hin lixne murxuxxeen harka waaqaa inni jireenya dhalchu kan dhara oofee ari'ee hadhabaatti ishee galchu Dhugaadha ilmoon Waaqaa isatu jiraafan koora inni moo'ee haa qooddatu guutummaa jiruu koorraa bakka inni jiru hin dhaabbattu ilmaan yartuuf dharaa kanaafan dhugaatti hafe dhugaatu na marara! ✍️ @dera_zreal ᴊɪᴏɴ & ꜱʜᴀʀᴇ @dinnee_didaa @dinnee_didaa @dinnee_didaa