en
Feedback
AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

Open in Telegram

AMANTII IFII BEEKHUN QAROOMINA بلغو عني ولو كان ءايه Nuti barattoonni jama'aa Barattoota Muslimaa KAV caayaa islaamummaa jalatti wal geenyee milkii guyyaa boruu Aakhiraa fi addunyaaf imalla. Inshallah!!

Show more
999
Subscribers
No data24 hours
-77 days
-2630 days
Posts Archive
Repost from N/a
Nahilifi Caltu.. Kaa ha baraanu din islaama Nun ja'aan Masha allah Masha allah Masha allah Masha allah

AVCMSJ Muslimaa Jama'aa Yeroo jalqaabaaf kan qophaa'u fi hawwii guddaan kan eegamu sagantaan # Cuffaa Baranoota Maadda Haraashii fi Sagantaa Dawitii Barattoota kan bara 2016 Obboleewwan keenya eebbifaman itti gaggeessinu kunoo gahee. Sagantaa kana irratti seenaan jama'aa fi walaloon garaagaraa kan irratti dhihaatuudha .Akkasumas daa'iiwwan gurguddoon magaalaa keenyaa irratti argamuun gorsa kan itti keennan   Guyyaa Sanbata xiqqaa fulduraa kenyaati argamuu kanaa 16/6/2016 qophaa'ee isin eegaa. Sheka kenyaa kabajamaa fi jalaatamaa Sheka Tajuun Ahmed Barattoota Shamarani Maadda Haraashii ykn Maadda Barattoota guyyaa kanaa soomanaf jechaa Cuffaa godhuufi wan deemuuf akka irraatii argaamaatanii dhamsaa keenya wal biraan gahaa oddeeffanoo facaasaa issiin jenna Akkasumas Keessummoonni waamichi isaaniif godhamee fi barattoonni Tokkummaa koolleejjii addaa addaa nii argamuu qophiilee hoo'iinsa Ajaa'iba godheeti isiin egaa jiraa maree yoom kanaa qofa Wan Ajaa'iba Sagantaa kan irraa argaatu kottuu siin jenna Woowoo woowoo woowoo. Ulamoota kenyaa Kana affeeraman . 1-Shek Jamal Abdulaahii Hasan. 2.shek Tajuu Ahmad 3.Shek Mahammed Amiin  duraa ta'aa Majilisaa anaa Hakiim. 4.Shek Mahammed Aroole. Akkasumas Ustaazonni Affeeramani jiruu. Bakka; Masjiida Immamu Ahmed Artenga Sa'aa; 2:00irratti🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🌹🌹🌹🌹🌹🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀 https://t.me/AVCMSJ

*  Oduu gammachiisaa  🎆 🌺🌺🌺💐💐💐🌺🌺 السلام عليكم ورحمة الله وبركات Barattoota Muslimaa kana koolleejjii addaa addaa kheyssaatti Argamttan Hundaaf *Duraan dursee* *Assalaamu Aleykum  warahmatullaahi wabarakaatuh* *Kabajamtootaa fii jalaatamtoota,* AVCMSJ Muslimaa Jama'aa  Akkasuma Hawaasa muslimaa *Kan nannoon magalaa kanatiti * Argamtan Hundaaf, *Sagantaa MAADDAA HAARASHII Soomaabaf jechaa Cufuu wan qabnuuf Waamicha khabajaa Akka Nuuf Owwaattan Kabajaan Isin Gaafanna GOLBAA  EEBBAA gamaachuu obboleeyan keenyaa fi  Nuu  wajjiini qodachuuf  *wamichaa kabajaa kana irratti Nuu Argamttaanii* *Gamachuu isiin egaa jiraa maree yoom kanaa qofa, ❤️AVCMSJ Muslimaa Jama'aa  yeroo jalqaabaaf kan qophaa'u fi hawwii guddaan kan eegamu sagantaan MAADDAA HAARASHII Ykn "MAADDAA BARATTOOTA 🚶‍♂️ 🚶‍♀️ "kan bara 2016 Obboleewwan keenya eebbifaman itti qophaa'e, Guyyaa Sanbata xiqqaa(Saturday)16/6/2016 Ittin isiin gayee. Akkasumas daa'iiwwan gurguddoon magaalaa keenyaa irratti argamuun gorsa kan itti keennan.  Akkaa isiin hin dabaree kottaa kottaa, Woow Woow Woow, Baga Gammaadaan Baga Gammaane, akkuma ijolee dubartootati, maree Barrattoonni dhiraatis uffataa keessaan shashaashaa gottani  Guyyaa kana Bifaa Hawwaata ta'een akka nuuf argamtaan Kabbaajan isiin gafaana,dhalootaf baranoota isiinif seenaadha. Baga Gammaadaan Baga Gammaadaan. Baga Rabbiin iffaaji kessan giddu-galeessatin ittin isiin gayee Baga Gammaadaa Congratulations 🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹☝️🥀👔👔👔👔👔👔👔🌻🌼🌻🌼🌻⭐️🌟🌟

Repost from N/a
Darsii tokkoffaa
Darsii tokkoffaa

record.ogg6.93 KB

🇸🇦🇸🇦🇸🇦🇸🇦🇸🇦🇸🇦🇸🇦🇸🇦🇸🇦🇸🇦          ASSALAAMU ALEYKUM WARAHMATULLAAHI WABARAKAATUHU 🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲    Guyyaa Wixataa galgalaa kibxataa sa'aa 3:00 irraa jalqaabaa Obbolessaa kessaan ustaaz ADAM HARUN 👉Insha'allah har'aa sa'aa 3:00 booda sagantaan Kitaaba Qaidatul nuraaniyyaa afaan oromoo torban torbaniin qara'aamu waan jiruuf irraatti hirmaachuu hin dagatiina please don't miss!!!!! 🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌

🤲🤲 📮Borii jalqabdanii  COC  kan fudhattan  jaallatamtoonni ijoollee AVCMSJ rabbiin isinii wajjin haa ta'u. 📌Milkiin keessan milkii keenya 📌Gammachuun keessan gammachuu keenna 📌Rabbi isin milkeessee isin haa gammachiisu 📍Qormaata gaarii isiniif haa tahu.🤲🤲                                                              نتمنى لكم النجاح

#Afaan_kee.....🤫 ✍ Nama baadiyaa tokkoon yeroo tokko akkana jedhamee gaafatame: Sila ati maaf intala hin fuune (Don’t you get married?) 👉 Badiyichis akkas jedhee gaafateen: Obboleetti bareeda Diinii qabdu qabdaa (Do you have a religious and beautiful sister?) Namichi gaafates lakki ani obboleetti akkasii hin qabuu jedheen .. #Baadiyichis: Ergasii maaf afaan Kee hin cufne ree narraa (Then close your mouth... 😂) jedheen jedhama. ✍ Akka waan namaa waa qopheessitee yoo nama gaafattu.... hin saalfattuu.... hhh https://t.me/AVCMSJ

#Barnoota Bu'uraa kana dubbisaa ★★★★★★★★★★★★★★★★★ ============================ .#Arkaanni islaamaa meeqa? Shani-(5 ) 1-،Rabbi malee gabbaramaan haqaa hin jiruu Ragaa bahuu fii Muhammadiis Ergamaa Rabbii tahuu Ragaa bahuu: 2-، Salaata Salaatuu 3 - Zakkaa kennachuu 4. Baatii Ramadaan Soomanuu 5، Namni karaa hajjii deemuu dandahu Hajjii dhaquu ★★★★★★★★★★★★★★★★★ ============================= #Arkaanni Iimaanaa meeqa? . Jaha (6) 1.، Rabbii guddaa dhugoomsuu 2. ، Malaaykoonni gabroottan isaatii dhugoomsuu 3. ، Kitaabban isaa dhugoomsuu 4. ، Ergamoota isaa dhugoomsuu 5. Eega du'anii kaafamuu dhugoomsuu 6. Toltuufii hamtuuniis Rabbirraa nadhufte jattee dhugoomsuu ★★★★★★★★★★★★★★★★★ ============================= ، #Arkaanni Ihsaanaa meeqa? . tokkoo( 1) ، Akka waan laaltee ijaan agartutti Rabbi gabbaruu: Yo atilleen isa arkuu baatte . Rabbiin si arka ★★★★★★★★★★★★★★★★★ ============================== .#Islaaminnaadha jechuun maali? .Rabbiif butamuu. .Isa tokkichoomsuu .isaaf hoogganamuu .Ajaja isaa godhuu Shirkii fii warra sharkiirraa qulqullaahuu ★★★★★★★★★★★★★★★★★ ============================= #Sharxiin Salaataa meeqa? : Sagali (9) 1. Islaama tahuu 2. ،Aqlii qabaachuu 3. ،Waa Addaan beekuu 4. ،Wuduu'a guuttachuu 5. ،Najisa firraa deemsisuu 6. ، Bakka qaanyii dhooyfachuu 7. Yeroon salaataa seenuu 8. qiblati garagaluu 9. Niyyaa fidachuu. ★★★★★★★★★★★★★★★★★ ============================ #Arkaanni Salaataa meeqa? : Kudha Afuri (14) 1- Yoo dandeese dhaabbattee Salaatuu 2_ Allaahu akkubarii Hidhannaa jachuu 3_ Faatihaa qara'uu 4_ jilba qabachuu 5_ jilbarraa ol-godhachuu 6_ Humna torbanirratti Sujuuduu 7 Suduudarraa ol-godhachuu 8_ Sujuuda Lamaan jidduu taa'uu 9_Tasgabbiin Salaatuu. 10_ Dhawaataan oofuu 11_ Attahiyyatu boodaa qara'uu 12_ isaafillee taa'uu 13_ Nagayaafii Rahmata Nabiyyiirrati buusuu 14_ Salaamtaa Lamaan jechuu. ★★★★★★★★★★★★★★★★★ =============================

WAL DORGOMMII ••••••••••••••••• Qabeenyaan wal irra caaluudhaaf guyyuu dorgommitti jirra. Garuu wal dorgommii aakhiraa irraanfannee jirra. Yeroo ammaa kana yoo namni bilbila haarawa bitatu anis bitachuu qaba jedhaa of cinqina. Akkasuma uffata haarawa namarratti yoo arginus uffatuma san bitachuu kajeella. Yoo tokko mana haarawa ijaaratus, ka isa caaluu qabaachuudhaaf hawwina. Inni tokko beekkamee yeroo addunyaa irratti maqaan isaa leellifamus, nutis akka isaa ta’uudhaaf qilee buuna……. Waldorgommiin addunyaa tun xumura hin qabdu. Garuu… Karaa islaamummaa irratti, karaa kheeyrii irratti, jannata argachuuf jecha nama wal dorgomu arguun rakkisaa dha. Namni hifzii qur’aanaa irratti wal dorgomu xiqqaadha. Namni soomanaan wal dorgomu hin jiru. Namni salaata sunnaan wal dorgomu hin jiru. Saffaa duraa argachuuf kan manaa dursee bahus dhabamee jir, Salaamtaa dursani jechuunis hafee jira. Sadaqachuu irrattis harki nu gabaabbatee jira. Ziyaaraanis haftee jirti. Walumaa galatti Jannata argachuudhaf wal dorgommi jiru keessa hin jirru. Fagooma teenya qabeenyaan wal dargomuu irratti qabamnee jirra. Rabbi nuu haa laaffisu. Yaa Allaah: ► Nama karaa kheeyrii irratti wal dorgomee, jannatul firdowsiin badhaafamu nu taasisi.