en
Feedback
AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

AVC - MUSLIM STUDENTS JEMA'A Official

Open in Telegram

AMANTII IFII BEEKHUN QAROOMINA بلغو عني ولو كان ءايه Nuti barattoonni jama'aa Barattoota Muslimaa KAV caayaa islaamummaa jalatti wal geenyee milkii guyyaa boruu Aakhiraa fi addunyaaf imalla. Inshallah!!

Show more
999
Subscribers
No data24 hours
-77 days
-2630 days
Posts Archive
ITTII AANAA AMIRAA JAMA'AA BARATTOOTA MUSLIMAA KOLLEEJJII AWAASH VAALII OBBOLESSAA KENYAA ADAM HARUUN MASHAA ALLAH SAGANTAA DHAMSAA OBBOLUMMAA MUHADARA HARAR ARATENYA MASJIIDA GUDDAA MASJIIDA IMAMU AHMED JAMA'AA BARATTOOTA  MUSLIMAA KOLLEEJJII AWAASH VAALII @AVCMSJ SIMANNAA WELCOME TO AWASH VALLEY COLLEGE MUSLIM JEMA'A NEW STUDENTS 2016  E.C

Assalaamu Alaykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu ODUU GAMMACHIISAA Barattoota muslimaa waggaa 1ffaa , 2ffaa ,3ffaa fi GC YKN kan eebbaaf deemtaan Kolleejjii Awaash Vaalii baratan hundaaf: Waggatti altokko kan qophaa'uu fi hawwiin kan egaamu sagantaan simaanna barattoota haarawaa (welcome program)isaa bara baraan godhaa jiru bara kanaas barattoota BOQQONNAA irraa Galanniif jama'aan barattoota muslimaa Kolleejjii Awaash vaalii sagantaa kana bifa addaan qopheessee,qophii hunda xumuree dhufaati keessan qofa egaa jira. Saganticha irratti qophiilee barsiisaa,bashaanansiisafi gorsaa da'iiwaan garagaraa sagantichaa irraa argattu. kanaafuu baratoonni buleeyyiin tokko osoo hin hafiin simaanna barattoota BOQQONNAA irraa Dhufaani barattoota AWAASH VAALII hundaa qabattanii yeroon saganticha irratti haa argaamnuun dhamsaa Obbolummaa Islaamummaati. 🕋🕋🕋🕌🕌🕍🕋🕋🕍🕋🕌🕍🕍 Saganticha kanarratti kan argaman👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 #Harar #Muhadara seena qabeessa Masjiida Imaam Ahmeditti guyyaa SABTII gaggeeffama. KESSUMMONNI KENYAA SHEIK JAMAL ABDULLAH HASSAAN SHEIK MOHAMMED ARROYLE SHEIK TAJJUU MOHAMMED SHEIK MOHAMMED AMIIN USTAZ CAALA ABDI SHEIK KADIR MUSXAFAA HARAAWWEE AKKASUMAS BARSIISAA KENYAA HOGGANNAA WALIIGALAA KOLLEEJJII AWAASH VAALII OBBOO MUSXAFAA MOHAMMED FI HOJJII GEGGESSAA KOLLEEJJII AWAASH VAALII DAMEE HUNDANNEE OBBOO MOHAMMED RASHIID # warreen hojjattoota koree jama'aa kanaa ta'an hundaan Sa'aatti 1:00 Irraatti dhuftuu waan barbachisuu hundaa xumurtaani  Barattoota keenya haa simaannuu issiniin jennaa hundii kessaan  anaa dhufu isiniin jechaa jira. ALLAHU-AKBER,  ALLAHU-AKBER 🍝🍝🍣 🍌 Inshallah AVCMSJ simannaa SABTII ilaalchisee sagantaa ajaa'ibaa fi ajaa'ibsiisaa qopheessuun☕☕☕ Maarree yoom kana qofa🌹🌹🌹🌹🌲🌳🌵🌲🌲🌲🌲🌲 🍉Sagantaan kun of keessatti waan gara garaa hammatee wantoota hawwataa adda addaa hedduu of keessaa qaba. #CERTIFICATE TO AWARD Sagantaa Bekkamtii barattoota jama'aa kenyaaf hojjechaa turaani ammaa ebbiifamaniif ni kenniina 🍜🍛🍥🍮🍯🍵🥛🍽🍺 maali? yoo jettan amma hin himamu kanuma dhufee arga. maashaa allah obboleeysa kiyya isin hin Darbin. 🥯 Kanaaf SABTII guyyaa gammachuufi gammachuuti, bakka shari'aan keenya eeyyamtutti simannaa kabajna. 🍰Kanaafuu gara Jama'aa keenya koottaa sagantaa gaarii bara baraan isiniif dhufu nu waliin kabajaadhaa. 🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃🌃 Irra deddeebi'ee welcome to jeme'a muslim🖐🖐🖐🖐👐🖐🖐 🥯🥯Jama'aan teenya waan hunda xumuree dhufaatii kee qofa kan eeggatu kunoo anaa dhufu jechaa jira🥯🥯🥯 🪴🪴Ajaa'ibaa Maaloo kan hafee ni sheenoytaan dhugaan siinin jedha🪴🪴welcome  kana akka qooddataniif hiriyoota keessan saganticha irratti affeeraa. 🧇🧈🧀🥞🌮🍜🥠🥮🎂🧁🥤🥜🍿🍯🍚🍔🥖🌽🍅🍍🍋🍊🍏🍌🍋🍉🍑🥑🍒🌽 🥕🥯🍗 👉bakki : Harar Aratenya masjiida Guddaa masjiida Imamu Ahmed. 👉Guyyaan sagantichaa  SAFTII 19/8/2016. ganama irraa Sa'atii 2:00 akka sa'aa biyya keessaatti kan jalqabu taha. Saturday April, 27,2024 👉dhiiraa fi dubaara muslimaa hundaa kan hirmaachiisudha 👉Hub.sagantichaa irraa hafuu mitii xiqqoo barfachuunuu booda kan namaa gaabbisiisuu waan ta'eef obboleewwan keessaniis nuu yaadachiisaati yeroon irraatti argamaa!! WELCOME, WELCOME, WELCOME AWASH VALLEY COLLEGE STUDENTS MUSLIM JEMA'A @AVCMSJ

SALAATA •••••••••• Hin hifatinii Obsaan naaf dubbisi si fayyadaa ==> Dirqama RABBII kiyyaa. ==> Dhaamsa nabiyyii kiyyaa S A W. ==> Mullistuu amantii tiyyaa. ==> Mirkaneeysituu eenyummaa kiyyaa. ==> Dasii ija tiyyaa. ==> Gammachuu lubbuu tiyyaa. ==> Dhiiyxuu dilii tiyyaa. ==> Ibsituu qabrii tiyyaa. ==> Raahaa lahdii tiyyaa. ==> Nuura qalbii tiyyaa. ==> Bareechituu fuula kiyyaa. ==> Fayyaa qaama kiyyaa. ==> Toolchituu haalaa fi amala kiyyaa. ==> Tasgabbeeysituu sammuu tiyyaa. ==> Eyduu nagaya kiyyaa. ==> Faaya jiruuf jireenya kiyyaa. ==> Ballistuu rizqii tiyyaa. ==> Qulqulleeysituu Qaama kiyyaa. ==> Hariiroo anaa fi RABBII kiyyaa. ==> Qulfii jannataa. ==> Rakkataaf furmaata. ==> Gammachiiftuu cinqataa. ==> Laaffiftuu waan jabaataa. HIN LAAFFISIN, HIN XIQQEYSIN, HIN LAKKISIN, HIN DHIISIN, HIN TUFFATIN, HIN DAGATIN, HIN HIFATIN, HIN JIBBIN, BOODATTI HIN AANSIN, YAROON SALAATI, JABEEYSI, JABEEYSI !!! Habiibii kiyya !! Obboleeyyan keetiif SHARE Gootu malee bira hin dabrin !!   

IID Mubaarak baga ayyaana iid al fixri kan bara 1445/2016 tiin siga'ee iida kan milkii kan rizqii kan gammachuu kan rakkinni kee itti xumuramu kan gammachuun kee itti jalqabu kan hawwin kee itti milkaahu sihaa godhu@ iid mubaarak warra baranaa kan bara hegeree :nuhagodhu

Sheeyxaanni Akkamitti Qaama Namaa Seena? ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ Fakkeenyi qalbii namaa akka fakkeenya Masaraati. Sheexanni ammoo diinota Masaraa sana marsanii too'achuuf daandii barbaadaa jiraniidha. Masaraan sun eegdota(loltoota) kanneen balabala, fooddaafi hulluuqqoo(tunel) masarichaa qajeellotti beekaniin yoo eeggame malee salphatti too'annoo diinotaa jala galuu danda'a. Qalbii ofii joonjessaa(woswaasa) sheexanaa irraa eeggatuunis kanuma fakkaata. Karaa seexanni ittiin nama seenuun sirritti yoo hin beekin, akka nama hin seenne ofirraa ittisuunis ni rakkisa. Salphatti masaraa qalbii teetii too'atuu danda'a. Balballi, fooddaaniifi hulluuqqoon(tunel) sheexanaas amalootuma(characteristics) namaati. Daandiin nama seenuun kunninis baayyeedha. Isaan keessaa daandiiwwan gur-guddaa isiniif eera.    1.Dallansuu. Dallansuun farra sammuuti. Ilmi namaa gaafa dallanu sammuun isaa ni dadhaba. Miirri isaa too'annoon ala ta'a. Humni sheexanaa carraa kana fayyadamuun weeraraaf socho'a. Gaafa namni dallanu seexanni akka daa'iman kubbaa taphattutti namatti taphata. Kanaaf namni yoo dallanu            ~ Of ajjeesuu yaaduu            ~ bultii diiguu ka'uu            ~ nama ajjeesuu yaaduu            ~ yakkatti nama kakaasuu            ~ Rabbitti dallanuu hawwuu fkk 2. Hinaaffaafi bololaa(greedy) Namni gaafa hiriyyatti, ollatti, firatti fi nama hujii wal-fakkaataa hojjatutti hinaafuu jalqabu hulaan sheexanaaf banaa ta'ee jira. Kun ammoo bolola(futuna) cimatti nama kakaasa. Namni gaafa waanyuufi gar-malee futunu/bololu ijji ni jaamti, gurri ni duuda. Namni akkamitti nacaala? Jedhee waan hin taane nama irratti yaaduu jalqaba. Hulaan sheexanaa itti banamti. 3. Nyaata humnaa olii/quufa. Namni garaan isaa gar-malee yoo guutu fedhii foonii jala deemuu jalqaba. Akkuma Oromoon "Quufaan malee hin utaalan, utaalan malee hin caban" jedhan sana; namni yeeroo hunda garaan isaa guutee deema taanaan sammuun ni cufama, jarjaruufi tasgabbii dhabuutu mudata. Kunis sheexanaaf

📌 Laylatul-Qadrii yoo ta'u beeke maal jedhe du'aayi haa godhu? Haati teenya A'ishaan akkana jedhanii jiran:- Yaa ergamaa Rabbii? Laylatul-Qadriin yoo qunnamne(haalkan sun laylatul-Qadrii ta'u yoo beeke) maal jedhee du'aa'ii haa godhu? Jedhe gaafadheen. Isaanis:-«Allaahumma Innaka Afuwwuun tuhibbul Al-afwa fa'afu annii»(Yaa Rabbii atin namaaf araaramaa dha namaaf araaramus hin jaalatta naaf araarami/dhiisi) jedhi naan jedhan. [Tirmizii, Ibnu Maajaah, Imaamu Ahmadi fi Haakim gabaasaniiran]

🛑 Laylatul qadri warra salaatuufi warra masjiida keessa jiru qofaafii miti Warra xurii laguu irra jiruu fi warra dhiiga dahuumsaa irra jiran, imaltoota... faayidaan halkan kanaa isin hindarbin. Zikrii fi ibaadaawwan garagaraatin jajjabaachuu qabdan. Halkan san keessatti du'aa'ii baayyisuu hindagatinaa laylatal qadri warra salaatuu fi warra masjiida keessa jiran qofaafii miti. Namni baayyeen masjiida yoo hindeemin faayidaa(kheyrii) kana waan argatu itti hinfakkaatu. Kun dogongora! Wanni guddaan nurraa eegamu ibaadaarra jiraachuu keenya.  Nama dandeettii qabuuf garuu suunnaa Nabiiyyii keenya jaalatamaa(saw) hordofuuf masjiida osoo jiraannee nijaalatama. Yoo hindandeenne bakkuma jirrutti kan hojiirra jiru bakka hojiitti kan mana jiruu manuma keessatti ibaadaarratti jajjabaachuu qaba. Rabbi laylatul qadriin nu haa qunnamsiisu!

RAMADAANA 17 FII INJIFANNOO LOLA BADRII ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Gabaabinaan Duulli Badrii guddittiin guyyaa Jum’aa, Ramadaana 17, Bara Hijrii lammaffaa kheeysa godhamate.  Duula Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam godherraa Isiin 5ffaadha. Rabbiin duula Badrii “Yoowm Al-Furqaan” Guyyaa dhugaa fii dharri addaan bahe jechuun Qur’aana kheeysatti dubbate. Sababaan Duulli Badrii argamteef: Abuu Sufiyaan bin Harb Shaam irraa Shammada Qureeyshii guddaa qabatee gama Makkaa akka deemaa jiruutu Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam dhaqqabe. Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Qabeenya Qureeyshii guddaa karaa jiru san dhageenyaan Sahaabootaan: “Shammadduun Qureeyshii (dhufaa jirti), Qabeenya Isaaniitis harkaa qabdi, Gama Isii bahaa Rabbiin Boojuu teeysan godhuutu mala.” Je’een. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akka Isaa wajjiin bahan dirqama hin goone. Sahaaboota irraa nama yeroo sanitti haalli mijjateef qofaatu wajjiin bahe. Isaa wajjiin nama 319-tu bahe. Muslimoonni gama Badrii hoggaa bahan hedduun Isaanii miilaan deemaa turan, Gaala 70 qofaatu wajjiin jira. Namni sadii Gaala tokko wal faraqaa yaabbatan. Farda tokko qofa kan Muslimoonni qaban, sanis Miqdaad bin Amri (Miqdaad bin Al-Aswad) namni gulufuun. Abuu Sufiyaan gama Isaatiin oduu Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam ifirraa qorataati karaa deema. Oduun bahinsa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam Isa geenyaan Damdam bin Amr Al-Ghifaarii gama Makkaati erge. Damdam bin Amri makkaa dhaqee  “Yaa tuuta Qureeyshii! horii kheeysan kan Abuu Sufiyaan wajjiin jiru dhaqqabaa” je’een. Mushrikoota Makkaa hattattamaan nama 1319 qabatanii bahan. Waraanni Qureeyshii Farda 100, Meeshaa waraanaa Sibiila irraa tolfame kan qomatti kaayatan 600, Gaala lakkooysaan akka malee hedduu qabatanii bahan. Bakka Juhfaa ja’amtu hoggaa gahan Abuu Sufiyaan horii Qureeyshiitiin akka miliqe isaan beeysiisuuf nama itti erge. Abuu Jahl: “hin deebinu, Hanga Badri dheeynee guyyaa 3 bullee, achitti Gaala qalannee, farshoo dhuynuutti.” Jechuun deebi’uu irraa nama dhorge. Akhnas bin Shureeyq Gosa Banii Zuhraa irraa nama tahe hunda Abuu Jahl faalleeysee nama 300 fuudhee gama Makkaa deebi’een.  Guyyaan haqaa fii dharri itti adda bahe ni dhufe. Ramadaanaa amata Hijrii 2ffaa, guyyaa 17ffaa Jum’ata. Guyyaa san Rabbiin “Yoowm Al-Furqaan” jechuun moggaase. Qureeyshii irraa namni sadii achi bahee nama sadii nuuf gad baasaa jechuun dhaaddatan. Aadaa lola zamana sanitti waliif bahee namni tokko tokkoon wal laalla. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam nama sadii achi baaseef. Isaanis: 1. Ubeeydaa ilma Al-Haaris bin Abdu Al-Muxxalib Ilma Adeera Rasuulaati sallallaahu aleeyhi wasallam. 2. Hamzaa bin Abdu Al-Muxxalib Adeera Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam. 3. Aliyyi bin Abii Xaalib ilma Adeera Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam. • Ubeeydaan Utbaa bin Rabi’aa wajjiin. • Hamzaan Sheeybaa bin Rabi’aa wajjiin • Aliyyi Al-Waliid bin Utbaa wajjiin wal dura dhaabbatan. Hamzaa fii Aliyyi warra bahaniif ajjeesuuf xiqqollee hin turre. Garuu Ubeeydaa fii Utbaan dhahinsa hamaa wal dhahanii lamaanuu kufan. Hamzaa fii Aliyyi Utbaa ajjeesanii Ubeeydaa miilli murame fuudhanii gama Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam deebi’aniin. Qureeyshiin Jeynoota isii sadii bakkatti dhabuun aaristee fiigaa lolatti if darbite. Rabbiin Muslimootaaf tumsee lolli Injifannoo Muslimootaatiin dhumate. Muslimootarraa lola Badrii irratti nama 14 kan wareegame. 6 Muhaajiroota irraahi, 8 Ansaara irraahi Rabbi irraa haa jaalatu. Kaafiroota irraa ammoo nama 70 kan ajjefame, 70 kan booji’ame, warri booji’ame guddinaan hoggantoota. Injifannoo boodaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Badri guyyaa 3 ture. San booda Sahaaboota Isaa wajjiin gama Madiinaa deebi’e. Haala saniin duulli Badrii guddittiin raawwatte. Barruu kana Ustaaz Jaafar Bayaantu waggoottan dura katabe. Guyyaa keessa guyyaan jira, guyyaan yoomuu hin daganne. #Alhamdulillah baga mo'anne.

ረመዳን ቀን 1️⃣ 7⃣ ረሱል (ﷺ) እንዲህ ብለዋል፦ ﴿من فطَّر صائمًا كان له مثلُ أجرِه، غيرَ أنه لا ينقصَ من أجرِ الصائمِ شيئًا﴾ “አንድን ፆመኛ ያስፈጠረ ሰው ካስፈጠረው ፆመኛ ምንም ሳይቀንስበት ያስፈጠረውን ፆመኛ ያህል አጅር (ምንዳ) ያገኛል።” Ergamaan(ﷺ) akkana jedhan:- "Namni nama soome faxarsiise, isaaf faakkataadhuma ajrii nama inni faxarsiisee sanatu isaaf jira. Namicha soomanee irraa osoo homaa hin hirdhisin." 📚 ሶሂህ አልጃሚ፡ 6415

Naamusa soomaa (wantoota sooma keessa jaalataman) ** 1/ Sahuura /Obboroo/ Nyaachuu: Suhuurri jaallatamaa ta’uu beektoleen walii galaniiru. Nama dhiise irras diliin hin jiru. عن أنس رضي الله عنه: أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: " تسحروا فإن في السحور  بركة ".رواه البخاري، ومسلم. Anas irraa akka odeeffametti rasuulli (SAW) akkana jedhan “sahuura nyaadhaa, suhuura keessa barakaatu jiraa”. Bukhaari fi Muslimtu gabaasan. Yeroon isaa walakkaa halkaniitii eegalee hanga fajriin bahutti.  Booda aansuutu jaalllatamaa dha فعن زيد بن ثابت رضي الله عنه قال: تسحرنا مع رسول الله صلى الله عليه وسلم، ثم قمنا إلى الصلاة، قلت: كم كان قدر ما بينهما:؟ قال: خمسين آية.رواه البخاري، ومسلم. Zayd bin Saabit irraa akka odeeffametti Rasuula wajjin suhuura nyaannee eeganaa gama salaata (subhiittti) kaane. Jidduun suhuuraa fi salaata fajri sa'aa hammam tae? jennaan hanga aayata shantamaati jedhe. Bukhaari Fi Muslimtu gabaasan. 2/Fixriif /furaaf arifachuu: Namni biiftuun seenuu mirkaneeffate fixriitti arifachuu qaba. فعن سهل بن سعد: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " لا يزال الناس بخير، ما عجلوا الفطر ".رواه البخاري ومسلم Sahl bin sa’ad irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Namoonni hanga faxrii arifataniin khayriirra jiraachuu hin dhiisan”. Bukhaarifi Muslimtu gabaasan. Faxiriin tamrii asheeta; yoo inni dhabame gogaa isaa ykn bishaan irratti faxiramuutu jaallatama. Ruxabnii fi tamriin mangoo ta’uutu filatamaa dha. 3/Du’aa’ii yeroo faxrii fi sooma keessa godhamu: روى ابن ماجه عن عبد الله بن عمرو بن العاص أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن للصائم عند فطره دعوة ما ترد ". وكان عبد الله إذا أفطريقول: " اللهم إني أسألك - برحمتك التي وسعت كل شئ - أن تغفر لي ". Akka Abdallah Ibnu Amri Irraa Ibni Maajah odeessetti rasuulli (SAW) akkana jedhan: Namticha soomuuf fixirii isaa biratti du'aa'ii hin didamnetu jira. Kana jechuun kadhaan isaa awwaatamaadha jechuudha. Abdallahn kun yeroo faxire akkana jedha ture: "Allahumma innii as'aluka birahmatika allatii wasiat kulla shay’in antagfira lii." hiikni isaa yaa rabbi rahmata kee isa waan cufa wal ga'eenan naa dhiisuu sikadhadha. وثبت أنه صلى الله عليه وسلم كان يقول: " ذهب الظمأ، وابتلت العروق، وثبت الاجر إن شاء الله تعالى". Akka Rasuula (SAW) irraa mirkanaa’etti akkana jedhan: “zahaba azzama’u wabtallat al-uruuqu wasabata al-ajru inshaa’a Allaahu” hiikni isaa “dheebuun deeme, ujummoon morma keenyaa jiidhe, yoo rabbiin fedhe mindaanis mirkanaae” jechuu dha. 4/Wantoota sooma faallessanu kan akka sobaa, dubbii ajaa /hin taane/, arrabsoo, hamii fi kkf irraa of eeguudha. Yoo kanneen irraa of eegne soomni bu'aa namaaf qabaata. Isa sodaachuun inni Rabbiin jedhes ni argama. " يا أيها الذين آمنوا كتب عليكم الصيام كما كتب على الذين من قبلكم لعلكم تتقون" “yaa warri Rabbitti amantan akka isa sodaattaniif jecha akkuma warra duraanii irratti soomni dirqama godhame isinirrattis dirqama godhameera ”. soomni nyaataa fi dhugaatii qofa irraa of qabuu miti. Wantoota Rabbiin dhorge kan biraa irraayis of qabuu barbaada.  وروى الجماعة - إلا مسلما - عن أبي هريرة، أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: "من لم يدع  قول الزور والعمل به فليس لله حاجة في أن يدع طعامه وشرابه" Abii Hureyraa irraa akka odeeffametti Rassulli (SAW) akkana jedhan: “Namni dubbii sobaa fi ittiin dalaguu hin dhiisin nyaataa fi dhugaatii isaa dhisuu keessaa rabbiin dhimma hin qabu”. Bukhaariitu gabaase. وعنه أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " رب صائم ليس له من صيامه إلا الجوع، ورب قائم ليس له من قيامه إلا السهر ".رواه النسائي، وابن ماجه والحاكم، وقال: صحيح على شرط البخاري. Riwaayaa nasa’ii keessatti immoo “Heddu namni soomu kan sooma isaa irraa beela male womaa hin qabne, heddu namni salaatu kan salaata isaa irraa gurjaa/hirriba dhabuu/ malee homaa hin arganne

Facebook page jama'aa BARATTOOTA MUSLIMAA KOLLEEJJII AWAASH VAALII join godhaa ittii dabalamaa

💥Waadaa guutuu💥 💫Ergaa Torbee🕌☝️☝️☝️☝️☝️☝️🌹🌹🌹 🌿Waadaa seenan guutuun dirqama islaamummaan nurra kaa'e yeroo ta'u waadaa rabbiif seennee fi kan uumamaas of keessatti qabata. Rabbiin ﷻ  akkas jedha: وَأَوْفُوا بِعَهْدِ اللَّهِ إِذَا عَاهَدتُّمْ وَلَا تَنقُضُوا الْأَيْمَانَ بَعْدَ تَوْكِيدِهَا وَقَدْ جَعَلْتُمُ اللَّهَ عَلَيْكُمْ كَفِيلًا ۚ إِنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ مَا تَفْعَلُونَ 🌿(("Yeroo waadaa seentan waadaa Rabbii guutaaKakuus dhugumatti Rabbiin kan ragaa of irratti gootan taatanii eega ishee jabeessitanii booda hin diiginaaDhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan ni beekaa.")) (Al nahl 91) وَأَوْفُوا بِالْعَهْدِ ۖ إِنَّ الْعَهْدَ كَانَ مَسْئُولًا 🌿(("...Waadaas guutaa Dhugumatti, waadaan gaafatamaa ta’ee jira.")) (israa'i 34) فقد قال رسول الله- صلى الله عليه وسلم-: (أَرْبَعٌ مَن كُنَّ فيه كانَ مُنَافِقًا خَالِصًا، ومَن كَانَتْ فيه خَصْلَةٌ منهنَّ كَانَتْ فيه خَصْلَةٌ مِنَ النِّفَاقِ حتَّى يَدَعَهَا: إذَا اؤْتُمِنَ خَانَ، وإذَا حَدَّثَ كَذَبَ، وإذَا عَاهَدَ غَدَرَ، وإذَا خَاصَمَ فَجَرَ) متفق عليه Ergamaanis ﷺ akkas jedhan: (("Namni waa afur isa keessatti argame munaafiqa qulqulluu ta'a(munaafiqummaa hojii) ; namni wantoota kana keessaa gosti tokko keessatti argame immoo gosa munaafiqummaa keessaa tokko keessatti argameera amma waan sana dhiisutti. Yeroo amaname ni gana; yeroo haasa'e ni soba; yeroo waadaa seene ni diiga; yeroo falme  ni jallata.")) bukhaarii fi muslimtu gabaase