cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Jaal Sanyii

Ajajaa WBO jidduu galeessaa ittii dhihaadha.❤️💚❤️

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
Advertising posts
355
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from Abdii Inspire
Oduu Cuunfaa Injiffannoo WBO zoonii KIBBAA Koonyaa,Gujii Lixaa, Irree fi gaachana ummata oromoo kan ta'ee,WBO,n zoonii koonyaa gujii lixaa tarkaanffii laaleessaa humna waraana motummaa koloneeffata,maqaa sakkatta'a wbo jedhuun ummata nagaa mana irraa buqqisa kan deemuu,Aanaa Qarcaa ,Birbirsa kojowaa fi Aanaa Diimtuu Hanballaa irraa walitti guurramte dhufte irratti tarkaanffi Wbo,n fudhaten bulchiinsa magaala gaalessa dibbisaa nama maqaan isaa hayilee bokko jedhamu dabalate,nama 7 yoommuu ajjeesu,nama 11 immoo madoo dandammii hin qabneen adabeera.Nama sadi immoo jiraa meeshaa waliin booji'era. Gama meeshaatin immoo qawwee Akm 4,fi uffata waraana hedduu ,bilbiloota gara gara fi qarshii 5000 ol gali qabso ummata oromoof olcheera. Ittii ansuun 1/6/2022 ganamaa irraa kasuun Aanaa qarcaa magaala qarcaa barii baraaqaan gotiichi waraana bilisuumaa oromoo olii ittii senuun abidaa ittii qabsiseen waraana biltsiginnaa 8 battalattii yoo ajjesuu ,13 olii madoo dandammii hin qabneen adaabe jira . Gama meeshaan qawwee Akm 3 irraa hiikuun galii qabsoo ummata oromoof olchera. Injifannoo ummata oromoof!!
Show all...
Repost from Abdii Inspire
Caamsaa,30/5/2022 *Odu Injifannoo WBO zoonii kibbaa Godina Gujii Lixaa Irree fi gaachana ummata oromoo kan ta'e Wbo,n zoonii kibbaa,cibraan gumaa baasi Tuulaa surroo,buttaan gadab dibbee dhugoo,Aanaa Galaanaa ganda tooree baadiyyaatti humna waraana faashisti pp,ummata nagaa fixuuf fi mana ummata gubuuf baate irratti tarkaanffi sa'a 11:00 pm,irratti fudhateen nama 6 battalatti ajjesun,nama shan immoo irraa madeessun gara magaala aanichatti ari'e galcheera. Injifannoo ummata oromoof!
Show all...
Repost from Abdii Inspire
Amma dubbiin walcalaluu eegalee jira. Falammiin siyaasaa mooraa qabsoo Oromoo keessatti ka’e, akkuma irra deddeebiin ibsine, walmormii tooftaa qabsoo miti. Jecha biraatiin kan walfalmaa jiru yaada qabsoo karaa nagaa fi yaada karaa qawwee miti. Sirna faashistii dhala namaa lafa irra duguugaa jiru “OBBOLEESSA jal’aa” jechuun, ‘hardware’n kan keenya kan nuhafe ‘software’ haaressuudha jechuun yoo raatofneerra ta’e malee kottaa karaa nagaa qabsoofnaa jechuu miti. Kottaa Biltsiginnaatti harka kennannee sabboonummaa Oromootti bishaan naqanaa jechuudha. Waamichi jiru murna faashitii aangoo irra jiruuf deggersa Oromoo argamsiisuudhaan siyaasa Oromoo laamshessuudha. Amma gaaffiin jiru Jawar Mohammed maal jedhaa jira isa jedhu miti—inni iftoominaan kaayyoo ofii himatee jira. Gaaffiin ammatti waanuma lama: 1. Biltsiginnaa kabeebsanii aangoo irra bulchuun kanuma Jawaar qofamoo ejjennoo KFO ti? Kana irratti hooggantootni KFO hafan maal jedhu? Uummatni keenya deebii barbaada. 2. Gaaffiin inni irra barbaachisaa fi murteessaan isa kana—mooraan qabsoo Oromoo yeroo kanatti akkamitti qulqullina yaadaa fi ejjennoo uumee haxxummaa namoota uummta gowwoomsaa jiranii gaadi’iudhaan qabsoo tarkaanfachiisee galmaan ga’a? Amma dhimmi keenya waa’ee namaa miti—waa’ee carraa qabsoo uummata Oromooti. Amma yeroon kun yeroo itti mooraan qabsoo Oromoo qaamota sabboontummaa Oromoo jala hiriiranii qabsoo itti fufuu barbaadan—jecha biraatiin kan Biltsiginnaatti harka kennachuu hinbarbaadne—marii biyyoolessaa godhachuudhaan qulqullina yaadaa fi ejjennoo uummatanidha.
Show all...
Repost from Etana Habte
Amma dubbiin walcalaluu eegalee jira. Falammiin siyaasaa mooraa qabsoo Oromoo keessatti ka’e, akkuma irra deddeebiin ibsine, walmormii tooftaa qabsoo miti. Jecha biraatiin kan walfalmaa jiru yaada qabsoo karaa nagaa fi yaada karaa qawwee miti. Sirna faashistii dhala namaa lafa irra duguugaa jiru “OBBOLEESSA jal’aa” jechuun, ‘hardware’n kan keenya kan nuhafe ‘software’ haaressuudha jechuun yoo raatofneerra ta’e malee kottaa karaa nagaa qabsoofnaa jechuu miti. Kottaa Biltsiginnaatti harka kennannee sabboonummaa Oromootti bishaan naqanaa jechuudha. Waamichi jiru murna faashitii aangoo irra jiruuf deggersa Oromoo argamsiisuudhaan siyaasa Oromoo laamshessuudha. Amma gaaffiin jiru Jawar Mohammed maal jedhaa jira isa jedhu miti—inni iftoominaan kaayyoo ofii himatee jira. Gaaffiin ammatti waanuma lama: 1. Biltsiginnaa kabeebsanii aangoo irra bulchuun kanuma Jawaar qofamoo ejjennoo KFO ti? Kana irratti hooggantootni KFO hafan maal jedhu? Uummatni keenya deebii barbaada. 2. Gaaffiin inni irra barbaachisaa fi murteessaan isa kana—mooraan qabsoo Oromoo yeroo kanatti akkamitti qulqullina yaadaa fi ejjennoo uumee haxxummaa namoota uummta gowwoomsaa jiranii gaadi’iudhaan qabsoo tarkaanfachiisee galmaan ga’a? Amma dhimmi keenya waa’ee namaa miti—waa’ee carraa qabsoo uummata Oromooti. Amma yeroon kun yeroo itti mooraan qabsoo Oromoo qaamota sabboontummaa Oromoo jala hiriiranii qabsoo itti fufuu barbaadan—jecha biraatiin kan Biltsiginnaatti harka kennachuu hinbarbaadne—marii biyyoolessaa godhachuudhaan qulqullina yaadaa fi ejjennoo uummatanidha.
Show all...
Repost from Abdii Inspire
Jawar Mohammed akka dhuunfatti faayidaa addaa irraa arganneeti miti kan isa jaalannuuf cichoominna inni saba kanaaf qabu irraa kaaneeti! Woytii inni hidhamee Ummanni keenna Jaamaa uleen jalaa badde ta’etti,jarri amma isa komatu kun boolla kam turanii? Waggaa lamaa guutuu tarsiimooma takkattii isin boccanii ittiin sochootan jiraa? Waan ta’aa ture walumaan beeknaa bar! Tarsiimooma dur inni bocee Qeerroo karaa cufsiisee woyyaanee ittiin qaarise sanuu sirnaan karoorsuu dadhabdanii diinni nutti kolfaa hin turree? isinummaan worri Rogeeyyii jedhamtan waliin mari’attanii hoogganuun hanqachuu keessaniin osoo wal morkiif haanxoftani guyyaa meeqa Labsiin gabaa lagachuu fi daandii cufuu fashalaa’ee? Atakaroo fi burjaajjii isin uumaa turtaniin hamiileen Ummata kanaa miidhamee cabaa ture.Rogeeyyiin muraasni kanneen akka Yaya Beshir fa’a halkaniif guyyaa hirriba dhabuun waan isaaniif danda’amu gochaa turaniiru.kanaan achi bakka Jawar hin jirretti haga keechan waan argineef amma gahee oduu dhiisaati kuulii keechan dalagadhaa🙂 Osman Bayu
Show all...
Repost from Abdii Inspire
Sodaan dhugaa Dhugumatti Abaarsa! ===================== Har'as Oromoon dogoggoraa isaa sirreessu irra nama dhugaa dubbatee reebuu filata. Titiisa namarratti bobbaasa. Dhugaa sodaachaatuma qilleeti dhidhimee. Ammas qilleett deemaa, dhaloota qilleetti naquuf didichaa jira. Titisoota baraa irraa jaalala (like) argachuuf jettee dhugaa irratti duulteef dogoggora kashlabboota keetii hin foyyeessitu, yaa gadi galoo. Duris sobduu kan akka Abiy jala huursitee qillee seente. Har'as isuma lubbuu itti hortee deebitee waliin qillee seenuf didichita. Itti fufi. Gaafa lafa dhooftee as deebite warruma dhugaa sitti himaa ture sanitti as dheessita. Gaafa dhandhamatte ammoo ammas deebitee karaadhuma kufaatii keetii isa duriitti deebitee huursita. Titiisummaan amala. Warri waggaa lama guutuu aguuggatee maqaa warra hursuuf kana dhahuu sodaate cidhaafi afoshaa gandaa keessa deemee shubbisaa tureetu har'a ol ka'ee gaafa "gootichi" dogoggoraan keenya qillee seene san maal gootan namaan jedha! Silaafuu namni machii cidhaa fi shubbisa keessa ture ijji jaamtee karamiin waan dhiirti gootu arguf danda'aa? Amma gadi baatee kijiba adda addaa bukeessaa ooltus waanan ani dalage busheessuu hin dandeessu. Dogoggoraa keetis karaatti hin deeffattu. Akkuma huursitee jala kaattu kanatti hursitee qilleetti harcaata. Ati dubbii sobaa marqi, bukeessi tii isaan of gammachiisi. Nuyi hojii uummata keenyaat dalagna. #Hojiin_itti_fufa_titiisnis_inuna_huursa! #Bukoo
Show all...
Repost from Abdii Inspire
Kuni barreeffama Qondaalaa ABO jaal Battee Urgeessaa/ Bona Gadatin barreeffameedha! Waan hubadherraa, Xalayichi kan ibsuu barbaade waa'ee itti fayyadama alaabaati. Waan kayyoo KFO ibsachaa, Alaabaa ABOti iddoo isaa malee dhimma itti hin bahinaa dha. Kanas ta'ee garuu, dogoggorri uumame salphaa miti. 1, Qubee warra hojiirra oolche taanee, qubee balleessun dogoggora guddaa dha, nu hof-kolchaa jedhamuu qaba. 2, Xalayaa keesson jaarmiyaa tokkoof ergame, osoo deebii isaaniillee hineegin fuula dhaabaa irratti dhoobun dogoggora, dhiifama gaafatamuu qaba. Kun hojii daa'immaniiti, fuula sirnaawaa dhaabaa sirna malee itti dhimma warra bahaa jiranitu jira. Qarlameen dura jechaa ture hojitti jirti. Dhaabni kana sirreeffattuu qaba.
Show all...
Repost from KMN
Alaabaan ABO, Mallattoo, Fakkii fi Qabeenya ABO fi Ummata Oromooti! KMN:- Waxabajjii 09/2022 ===================== Alaabaa Oromoo ibisituu dukkanaa, guyyaa si dhaabbannee gabrummaa irraa baana jennee faarfannu; kan moggaa lamaan (irraa fi jalaan) diimtuu, gidduun magariisa, walakkaan isii aduu, handhuurti isii odaa, mataa gubbaan urjiin diimtuun mul’attu; hiikaa fi waan bakka buutu qabdi. Diimaan moggaa lamaanii fakkii dhiiga ummatni Oromoo fi WBOn bara dheeraaf diddaa cunqursaa fi bilisummaa gonfachuuf dhangalaase fi dhangalaasaa jiruu dha; magariisni fakkii badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa kan agarsiisu yoo ta’u, aduun fakkii barii bilisummaati; Odaan fakkii sirna dimookiraasii Gadaa ummata Oromoo kan dhaalmayaan dhufe agarsiisa; urjii diimtuun qara shanii fakkii qabsoo ummatni Oromoo nagaa, dagaagina, bilisummaa, dimookiraasii fi tokkummaaf gaggeessaa jiru bakka bu’a. Itti dhimma bahuu Alaabaa Oromoo ilaalchisee, ABOn Heera isaa Aangoo 4. Qabxii 4.1 keessatti ‘’Asxaa fi alaabaan ABO, mallattoo, fakkii fi qabeenya ABO tii fi ummata Oromoo ti.’’ jedha. Faaruun Alaabaa Oromoos ‘’alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa, guyyaa si dhaabbanne gabrummaa irraa baana’’ jedhu mirkana alaabaan Oromoo kaayyoo fi wareegama ilmaan Oromoo baroota dheeraaf baasan agarsiisuu fi qabeenyummaan isaa kan qabsaawotaa fi uummata Oromoo ta’uu agarsiisu dha. Alaabaan Oromoo kaayyoo saba Oromoo fi akeeka Oromiyaa bakka bu’a. Kabajaa fi ulfinni Alaabaa Oromoos, kaayyoo fi seenaa wareegamtoota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf baasanii waliin wal hid hataa dha. Kunis ilmaan Oromoo qaalii baddaa fi gammoojjii, baadiyyaa fi magaala, dirree lolaa fi hiriira fincila diddaa gabrummaa akkasumas falmaa kolonii keessatti gaggeessan mara kan nu yaadachiisu fi mallattoo tokkummaa saba Oromooti malee, mallattoo atakaaroo keessa nama seensisu miti. Hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo itti dhimma bahuunis; jaalalaa fi ulfina alaabaa Oromoof qabaachuu fi kabajaa wareegamaa ilmaan Oromoo kan kaayyoo biyya ofii ijaaruuf baasan agarsiisu dha. Waltajjii hawaasni qopheessu irratti namooti dhuunfaa ejjennoo dhuunfaa isaanii haasaahanis, ejjennoo isaaniif kan gaafatama guutuu fudhatu qaamuma haasawaa taasise dha malee hawaasa waltajjii sana qopheesse akka hin taane beekamuu qaba. Namni waltajjii sana irratti afeeramus gosa alaabaa kan waltajjiin sun itti faayamu murteessuu hin dandahu. Kanaaf, hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo fi ABO kana of dura qabatee deemuuf, kaayyoo ilmaan Oromoo itti wareegaman itti yaadachuu fi tiksu akka ta’ee fi qaama seenaa fi jireenya uummata Oromoo ta’uu hubachuun feesisa. Yeroo hedduu kan ajandaa garagarummaa uummata Oromoo babal’isan, kan uummata Oromoo wal dura dhaabuuf bocan diinota Oromooti. Oromoo gargar qooduun karoora diinaa waan ta’eef; Oromoon dhimma amantaa, lagaa fi yaadota garagarummaa Oromoo gidduu dhalchan yeroo afarsu keessa hin jiru. Kaayyoo Oromoo wareegama ilmaan isaatti xumura itti tolchuuf, humna jabaatti of jijjiiruuf, irree isaa jabeeffachuun murteessaa waan ta’eef; yeroon kun yeroo Oromoon hundi roga hundaan ilaa fi ilaameen marihatee kaayyoo ilmaan isaa itti wareegamanii bakkaan gahuuf yeroo itti hojjetu dha malee yeroo itti wal dura dhaabbatu akka hin taane ajajaan Ol’aanaa ABO-WBO gadi jabeessee hubachiisa. Injifannoo Ummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Waxabajjii 9, 2022
Show all...
Repost from Abdii Inspire
Just in! #galatoomaa_tour #europe Leencichi Awuroppaa jira. Gameessi Siyaasaa Jawar Awuroppaa Galee jira. Akkuma yeroo dabre beeksisan imalli Galatoomaa Tour hayyoota oromoo dhiheenya hidharraa bahanii turaniin jalqabame itti fufee jira. Haaluma kanaan Hayyuun siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi gaafatamaan dantaa Alaa Paartii #OFC Ob. Jawar Mohammed Awuroppaa seenun isaa beekkamee jira. Yeroo gabaabaf akka achi turanis beekkamaadha. Turtii isaa kanaan hawaasa keenya biyyoota awuroppaa garagaraa jiraatan waliin qaaman wal arguun akka marihatanis hawwii guddaan eeggamaa jira. Kanaafuu lammiileen keenya Europe jirtan carraa kanatti fayyadamuun marii kanarratti akka hirmaattan isin yaadachiifna. Jawar Kora sabaa #KFO/ OFC lammaffaa irratti Itti aanaa dura taa'aafi gaafatamaa dantaa alaa paartichaa tahanii muudamanii turan.
Show all...
Repost from Save Oromia 💪
Waliigalteen W*B*O fi TDF Lamaan keenyayyuu Mootummaa pp lolaa jira Wal Dura hin dhaabbannuudha malee Dantaa Siyaasaa waliin eegsiffannaa miti ,Tokko tokkommoo ummata miskiina kana burjaajeessuuf Wayyaaneen W*B*O gattee mariif teessee jedhee fb irraa hooloo jedha,Dubbachuun dura waan irratti haasa'aa jiran baruun gaariidha.Oromoo Baga gammadde W*raannikee hirkattumaa eenyuuyyuu malee yeroo kamiyyuu caalaa dhaabbii fi dandeettii ol aanaarra jira kanammoo firris diinnis beeka.W*B*On marii Abiy Beekaa fi Ol adeemaa keenya meeqa fixeen durfamu irratti hirmaachuuf yaada hin qabu.Yoo Jaarmiyaan walabaa fi Bilisaa Addunyaa irratti Muuxannoo qabu jiraateef Dantaa Oromoo fi Oromiyaa haga xurii qeensaa hin sharafne fi yoo Oromoon fedha qabaate qofaa hirmaata Kun immoo Impaayeraa kana biratti fudhatama hin qabu.Kanaa achi umurii Mootummaa gabroomfataa dheeressuuf marii Abiy Ahmed Shiraa fi Burjaajiin Adda durumaan qopheessu kamuurratti hin hirmaatu,Qabsoon Oromoo hanga Oromiyaa Walabaatti hin dhaabbatu. Injiffannoon Ummata Oromoof Chaltu T Abetu ❤💚❤
Show all...