en
Feedback
Abdurahman Mujahid Fillah

Abdurahman Mujahid Fillah

Open in Telegram

️Rabbiin Keenya Akkana Jedha "Waan Beekumsi Irratti Siif Hin Jirre Hin Hordofin " suuratul Israa'i 17:36 Beekumsa Argatuudhaaf Garee Kanaan Nu Hordofaa. Gaafii Kamiinuu Kan Qabdan Akkasumas Yaada Keessan Bootii Kanaan Nuuf Ergaa :- @RahmanSlave

Show more
2 982
Subscribers
+224 hours
+37 days
-1630 days
Posts Archive
Barattootni kutaa 12 fudhattanii yookiin remedial irraa gara Carraa university Join Gochuuf Carraa Argattan Jirtanii? Waan Gammachuu Addaa Tokko Isin Biraan Gahuufii. Asiin Na Dubbisaa @mujahidfillah2 👈

#Ergaa_Of_Eeggannoo Ergaalee Kijibaa akkanaa kanniin namaaf hin ergin. Hadiisa Yookiin Qur'aana Fayyadamuu Malu Garuu Yaadni
#Ergaa_Of_Eeggannoo Ergaalee Kijibaa akkanaa kanniin namaaf hin ergin. Hadiisa Yookiin Qur'aana Fayyadamuu Malu Garuu Yaadni Isaan Xumura Irratti Ittiin Nama Sodaachisan, Kan Guyyaa Hanganaatti Wanta Akkanaa Argatta Yookiin Wanta Akkasiittu Si Mudata Jedhan Hundi Kijiba Guddaadha. Kijiba Ammoo Hawaasa Keessa Facaasuun Rabbiin Biratti Adaba Guddaa Irraan Isin Gaha.

Salatal Janazah Design.pdf2.74 KB

Dorgommiin sa'aatii 1 booda ni xumurama. Osoo hin xumuramin dura mee viidiyoo kana seenaatiin Copylink isaa 40k Haa Galchinuu. Hanga Dandeettan Tuttuqaa mee. https://vt.tiktok.com/ZSXERyjXj/

Alhamdulillah. 100k Kuma Dhibba Tokko Guutee Jira. Ummata Nama Jaalatu Qabaachuun Waan Guddaadha. Kabajamaa Naaf Jiraadhaa.
Alhamdulillah. 100k Kuma Dhibba Tokko Guutee Jira. Ummata Nama Jaalatu Qabaachuun Waan Guddaadha. Kabajamaa Naaf Jiraadhaa.

Jama'aa Keenya Dorgommii Badhaasa Umraa Itti Argadhu Kana Dorgomee Like 100k guutuuf muraasatu hafa. Mee seenaatiin like,repo
+1
Jama'aa Keenya Dorgommii Badhaasa Umraa Itti Argadhu Kana Dorgomee Like 100k guutuuf muraasatu hafa. Mee seenaatiin like,repost gochuun hiriyyoota keessanis naaf goosisaa. Inshaa allah Ni Milkaa'aa.

Wanta harka namaa irra jiru hin hawwin. Wanta rabbiin siif kenne jaaladhu. https://youtu.be/wkrKKk0GcmQ

YouTube kana #Subscribe Gochuun Wal Haa Jajjabeessinuu. Namni Hunduu Seentanii #Subscribe Kan Jedhu Tuqaa. Baarakallaahu Fiikum. https://youtube.com/@toallah-z4o?si=ngwaccx2fxKkdoFP

Milkaa'uu Ni barbaadduu? Innis karaa Tokko qofatu jira. Tawbaa qofa. Innis gara rabbiitti deebi'uu jechuudha. Cubbuu irra jir
Milkaa'uu Ni barbaadduu? Innis karaa Tokko qofatu jira. Tawbaa qofa. Innis gara rabbiitti deebi'uu jechuudha. Cubbuu irra jirtu irraa dhaabadhu. Waan dalagdeef gaabbi. Itti deebi'uu dhabuu rabbiif waadaa seeni.

Zanbiin(Cubbuun) Woggaa(Amata) Tokko Akka Siif Dhiifamu Barbaaddaa? Sunan Ibn Maajah Kitaaba 7 Hadiisa 1810 Abbaa Qataadaa Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Allah ﷺ Akkana Jedhan "Soomni Guyyaa Aashuuraa'i Rabbiin Zanbii(Dilii) Woggaa Dabree Isaan Dhiisuu Rabbiin Irrattin Herreegadha" عن ﺃَﺑِﻲ ﻗَﺘَﺎﺩَﺓَ، ﻗَﺎﻝَ ﻗَﺎﻝَ ﺭَﺳُﻮﻝُ ﺍﻟﻠَّﻪِ ـ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ـ “ ﺻِﻴَﺎﻡُ ﻳَﻮْﻡِ ﻋَﺎﺷُﻮﺭَﺍﺀَ ﺇِﻧِّﻲ ﺃَﺣْﺘَﺴِﺐُ ﻋَﻠَﻰ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﺃَﻥْ ﻳُﻜَﻔِّﺮَ ﺍﻟﺴَّﻨَﺔَ ﺍﻟَّﺘِﻲ ﻗَﺒْﻠَﻪ" Jiini Muharram Guyyaa Boruu Kamisa Kana Soomuun Ajrii Guddaa Waan Qabuuf Soomuu Akka Hin Daganne.(Jun 25) Hiriyyoota Keessaniifis Share Godhaa. Rabbiin Kheyrii Guddoo Tana Nuuf Haa Laaffisu. Aamiiiiin! ✍ Abdurahman Mujahid Fillah https://t.me/AbduIslamApologist

Abdii fi Jabina Koo Yeroo Hundaa. Jecha Rabbii Kana Yoon Yaadadhu Jajjabinatu natti dhagahama. Rabbiin Nabi Muusaa fi Haaruun
Abdii fi Jabina Koo Yeroo Hundaa. Jecha Rabbii Kana Yoon Yaadadhu Jajjabinatu natti dhagahama. Rabbiin Nabi Muusaa fi Haaruuniin Akkana Jedhee Jajjabina Kenneef. قَالَ لَا تَخَافَا إِنَّنِي مَعَكُمَا أَسْمَعُ وَأَرَىٰ "(Rabbiin) ni jedhe: "Hin sodaatinaa. Dhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga'a; nan argas." Allah reassured ˹them˺, “Have no fear! I am with you, hearing and seeing. Suuraa Xaahaa 46

Zikrii salphaa kana hin dagatin! Hamtuu garagaraa irraa tikfamuudhaaf zikriin kun baay'ee si barbaachisa. Galgala galgala yer
Zikrii salphaa kana hin dagatin! Hamtuu garagaraa irraa tikfamuudhaaf zikriin kun baay'ee si barbaachisa. Galgala galgala yeroo 3 Jedhi. Ijoollee Keetis Barsiisi.

Guyyaa keessan zikrii Ganamaa Jechuudhaan Eegalaa. Barakaa fi Milkiidhaan Guyyaa Keessan Dabarsaa. Application Zikrii Ni Barbaadduu?

Eid Mubarak! Baga geenne baga geettan. Ayyaana gammachuu isiniif haa ta'u gammadaa fatah jedhaa.

Sooma Arafaa fi Ajrii Inni Qabu Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. Dalagaalee Kheyrii Ajrii Gurguddaa Qaban Keessaa Tokko Sooma Soomuudha. Akkuma Soomni Dirqama Ta'e Kan Ramadaanaa Ajrii Guddaa Qabu Soomonni Sunnaa Ta'anis Kan Ajrii Gurguddaa Qaban Ni jiru. Soomota Ajrii Gurguddaa Qaban Keessaa Inni Tokko Sooma Arafaati. Soomni Arafaa Nama Dalagaa Hajjii Keessa Hin Jirreef Jaalatamaadha. Sunnaa Sirritti  Jabeeffamuudha. Ajrii Guddaas Qaba. Garuu Soomni Arafaa Dirqamaa Miti. Abii Qataadaa Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Waa'ee Ajrii Sooma Guyyaa Arafaa Irraa Gaafatamnaan Akkana Jedhan " Zanbii(Cubbuu) Woggaa(bara) Dabree fi Bara Dhufuu Namarraa Balleessiti(Haqxi)" Jedhan. عن أبي قتادة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم سئل عن صوم يوم عرفة فقال : ( يكفر السنة الماضية والباقية ) رواه مسلم (1162) وفي رواية له : ( أحتسب على الله أن يكفر السنة التي قبله والسنة التي بعده). Dubartoota Heydii(Dhiiga Xurii Laguu) Qabdaniif Immoo Uzriin(Rakkoon) Sooma Usin Dhoorku Isinitti Jiraatus Garuu Niyyaa Qulqulluu Isin Qabdaniin Rabbiin Ajrii Sooma Guyyaa Arafaa San Isiniif Qabuu Danda'a. Soomni Arafaa Ajrii Guddaa Hangana Gahu Qaba. Kanaaf Hundumtii Keessanuu Soomaa. Namoota Biroos Akka Beekanii Hubatanii Sooman Ergaa Kana Isaaniif Dabarsaa. Rabbiin Kheyrii Hunduma Nuuf Haa Laaffisu. Aamiiiin! ✍️ Abdurahman Mujahid Fillah https://t.me/AbduIslamApologist

Guyyoota Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. Rabbiin Keenya Waan Uume Kana Keessatti Guyyoota Ofii Isaatii Fedhe Kan Biroo Irra Caalchisa. Guyyoota Sadarkaa Guddaa Qaban Kan Rabbiin Keenya Guyyoota Biroo Irra Caalchise Keessaa Inni Tokko Guyyoota Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Keessatti Argamaniidha. Guyyootni Kunniin Ajrii Gurguddootu Isa Keessatti Argama. Gosoota Ibaadaa Isa Keessa Dalaguun Barbaachisaadha. Abdallah Ibn Abbaas Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan " Guyyoota Kurnan Tanniin Caalaa Guyyootni Dalagaan Isaan Keessaa Dalagamtu Rabbiin Biratti Sirritti Kan Jaalatamu Hin Jirtu" Jedhan. Sahaabonni Akkana Jedhanii Gaafatan "Karaa Rabbii Keessatti Jihaada Gochuunis Hin Caalu Moo?" Eeyyan Hin Caalu, Garuu Nama Qabeenya Isaa fi Lubbuu Isaatiin Bahee Lachaniinuu Hin Deebi'in Malee" Jedhan.ﷺ فعن ابن عباس رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: “ما من أيام العمل الصالح فيهن أحب إلى الله منه في هذه الأيام العشر. قالوا ولا الجهاد في سبيل الله؟!! قال: ولا الجهاد في سبيل الله، إلا رجل خرج بنفسه وماله ولم يرجع من ذلك بشيء” أخرجه البخاري 2/457. Hadiisa Biroo Keessatti Nabiyyiin ﷺ Keenya Akkana Jedhan " Guyyoota Kurnan Tanniin Caalaa Guyyootni Dalagaan Rabbiin Biratti Sirritti Jaalatamtu, Ajriin Isaas Kan Guddatu Hin Jiru" Jedhan. Guyyootni Kurnan Tun Guyyoota Hundaa Ni Caalti. Ulamaa'iin Akka Ibsanitti Kurnan Dhumaa Tan Ramadaanaas Ni Caalti Jedhan. Kanaafuu Yaa Obbooloota Koo! Hanga Dandeenyeen Dalagaa Khryrii Irratti Haa Jabaannu. Yoo Dandeenye Haa Soomnuu, Sadaqaa Haa Kennannuu, Zikrii Baay'isuu fi Kheyrii Hundumaa Haa Baay'ifnuu. Rabbiin Nuuf Haa Laaffisu. Aaamii! ✍️ Abdurahman Mujah Fillah https://t.me/AbduIslamApologist

Nabi Muhammad ﷺ Waa'ee Kanaan Wal-Qabsiisanii Maal Jedhan? Dhugumatti Qiyaamaan Dhiyaattee jirti. Mallattoon isii baay'inaan
Nabi Muhammad ﷺ Waa'ee Kanaan Wal-Qabsiisanii Maal Jedhan? Dhugumatti Qiyaamaan Dhiyaattee jirti. Mallattoon isii baay'inaan mul'ataa jiran. عن أبي هريرة رضي الله عنه قال قال رسول الله صلى الله عليه وسلم "سيَأتي علَى النَّاسِ سنواتٌ خدَّاعاتُ يصدَّقُ فيها الكاذِبُ ويُكَذَّبُ فيها الصَّادِقُ ويُؤتَمنُ فيها الخائنُ ويُخوَّنُ فيها الأمينُ وينطِقُ فيها الرُّوَيْبضةُ قيلَ وما الرُّوَيْبضةُ قالَ الرَّجلُ التَّافِهُ في أمرِ العامَّةِ" صحيح ابن ماجه 3277 Abii hureyraa irraa odeeffamee ergamaan rabbii ﷺ akkana jedhan "Barootni gantuu ta'an ilma namaa irra ni dhufan. Kijibaan kan dhugoomfamu, Dhugaa dubbataan kan kijibsiifamu, Gantuun kan amanamtu, Amanamaan kan ganamu, Ruweybidaan kan dubbattu" jedhan. Ruweybidaan maali? jedhamanii gaafataman. Isaanis " Namni yartuun dhimma ummataa keessatti dubbataa ta'uudha" Jedhan. Dubbiin isaanii dhugaadha. Adduunyaan balaa hedduudhaan guutamte. Rabbiin nu haa tiksu.

Zikrii fi du'aa'ii barbaachisaa kanniin buufadhaa irraa fayyadamaa Worri dura buufattanis "update" gochuun akkaataa haarawaan fayyadamaa. https://play.google.com/store/apps/details?id=com.mujahidtech.zikr

photo content

Liinkii kana gad Tuqaatiin Urjiilee shanan armaan gaditti argitan hundaa tuquudhaan yaada app kana irratti qabdan barreessaa.