ar
Feedback
Abdurahman Mujahid Fillah

Abdurahman Mujahid Fillah

الذهاب إلى القناة على Telegram

️Rabbiin Keenya Akkana Jedha "Waan Beekumsi Irratti Siif Hin Jirre Hin Hordofin " suuratul Israa'i 17:36 Beekumsa Argatuudhaaf Garee Kanaan Nu Hordofaa. Gaafii Kamiinuu Kan Qabdan Akkasumas Yaada Keessan Bootii Kanaan Nuuf Ergaa :- @RahmanSlave

إظهار المزيد
2 991
المشتركون
+224 ساعات
+57 أيام
+230 أيام
أرشيف المشاركات
Milkaa'uu Ni barbaadduu? Innis karaa Tokko qofatu jira. Tawbaa qofa. Innis gara rabbiitti deebi'uu jechuudha. Cubbuu irra jir
Milkaa'uu Ni barbaadduu? Innis karaa Tokko qofatu jira. Tawbaa qofa. Innis gara rabbiitti deebi'uu jechuudha. Cubbuu irra jirtu irraa dhaabadhu. Waan dalagdeef gaabbi. Itti deebi'uu dhabuu rabbiif waadaa seeni.

Zanbiin(Cubbuun) Woggaa(Amata) Tokko Akka Siif Dhiifamu Barbaaddaa? Sunan Ibn Maajah Kitaaba 7 Hadiisa 1810 Abbaa Qataadaa Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Allah ﷺ Akkana Jedhan "Soomni Guyyaa Aashuuraa'i Rabbiin Zanbii(Dilii) Woggaa Dabree Isaan Dhiisuu Rabbiin Irrattin Herreegadha" عن ﺃَﺑِﻲ ﻗَﺘَﺎﺩَﺓَ، ﻗَﺎﻝَ ﻗَﺎﻝَ ﺭَﺳُﻮﻝُ ﺍﻟﻠَّﻪِ ـ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ـ “ ﺻِﻴَﺎﻡُ ﻳَﻮْﻡِ ﻋَﺎﺷُﻮﺭَﺍﺀَ ﺇِﻧِّﻲ ﺃَﺣْﺘَﺴِﺐُ ﻋَﻠَﻰ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﺃَﻥْ ﻳُﻜَﻔِّﺮَ ﺍﻟﺴَّﻨَﺔَ ﺍﻟَّﺘِﻲ ﻗَﺒْﻠَﻪ" Jiini Muharram Guyyaa Boruu Kamisa Kana Soomuun Ajrii Guddaa Waan Qabuuf Soomuu Akka Hin Daganne.(Jun 25) Hiriyyoota Keessaniifis Share Godhaa. Rabbiin Kheyrii Guddoo Tana Nuuf Haa Laaffisu. Aamiiiiin! ✍ Abdurahman Mujahid Fillah https://t.me/AbduIslamApologist

Abdii fi Jabina Koo Yeroo Hundaa. Jecha Rabbii Kana Yoon Yaadadhu Jajjabinatu natti dhagahama. Rabbiin Nabi Muusaa fi Haaruun
Abdii fi Jabina Koo Yeroo Hundaa. Jecha Rabbii Kana Yoon Yaadadhu Jajjabinatu natti dhagahama. Rabbiin Nabi Muusaa fi Haaruuniin Akkana Jedhee Jajjabina Kenneef. قَالَ لَا تَخَافَا إِنَّنِي مَعَكُمَا أَسْمَعُ وَأَرَىٰ "(Rabbiin) ni jedhe: "Hin sodaatinaa. Dhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga'a; nan argas." Allah reassured ˹them˺, “Have no fear! I am with you, hearing and seeing. Suuraa Xaahaa 46

Zikrii salphaa kana hin dagatin! Hamtuu garagaraa irraa tikfamuudhaaf zikriin kun baay'ee si barbaachisa. Galgala galgala yer
Zikrii salphaa kana hin dagatin! Hamtuu garagaraa irraa tikfamuudhaaf zikriin kun baay'ee si barbaachisa. Galgala galgala yeroo 3 Jedhi. Ijoollee Keetis Barsiisi.

Guyyaa keessan zikrii Ganamaa Jechuudhaan Eegalaa. Barakaa fi Milkiidhaan Guyyaa Keessan Dabarsaa. Application Zikrii Ni Barbaadduu?

Eid Mubarak! Baga geenne baga geettan. Ayyaana gammachuu isiniif haa ta'u gammadaa fatah jedhaa.

Sooma Arafaa fi Ajrii Inni Qabu Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. Dalagaalee Kheyrii Ajrii Gurguddaa Qaban Keessaa Tokko Sooma Soomuudha. Akkuma Soomni Dirqama Ta'e Kan Ramadaanaa Ajrii Guddaa Qabu Soomonni Sunnaa Ta'anis Kan Ajrii Gurguddaa Qaban Ni jiru. Soomota Ajrii Gurguddaa Qaban Keessaa Inni Tokko Sooma Arafaati. Soomni Arafaa Nama Dalagaa Hajjii Keessa Hin Jirreef Jaalatamaadha. Sunnaa Sirritti  Jabeeffamuudha. Ajrii Guddaas Qaba. Garuu Soomni Arafaa Dirqamaa Miti. Abii Qataadaa Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Waa'ee Ajrii Sooma Guyyaa Arafaa Irraa Gaafatamnaan Akkana Jedhan " Zanbii(Cubbuu) Woggaa(bara) Dabree fi Bara Dhufuu Namarraa Balleessiti(Haqxi)" Jedhan. عن أبي قتادة رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم سئل عن صوم يوم عرفة فقال : ( يكفر السنة الماضية والباقية ) رواه مسلم (1162) وفي رواية له : ( أحتسب على الله أن يكفر السنة التي قبله والسنة التي بعده). Dubartoota Heydii(Dhiiga Xurii Laguu) Qabdaniif Immoo Uzriin(Rakkoon) Sooma Usin Dhoorku Isinitti Jiraatus Garuu Niyyaa Qulqulluu Isin Qabdaniin Rabbiin Ajrii Sooma Guyyaa Arafaa San Isiniif Qabuu Danda'a. Soomni Arafaa Ajrii Guddaa Hangana Gahu Qaba. Kanaaf Hundumtii Keessanuu Soomaa. Namoota Biroos Akka Beekanii Hubatanii Sooman Ergaa Kana Isaaniif Dabarsaa. Rabbiin Kheyrii Hunduma Nuuf Haa Laaffisu. Aamiiiin! ✍️ Abdurahman Mujahid Fillah https://t.me/AbduIslamApologist

Guyyoota Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. Rabbiin Keenya Waan Uume Kana Keessatti Guyyoota Ofii Isaatii Fedhe Kan Biroo Irra Caalchisa. Guyyoota Sadarkaa Guddaa Qaban Kan Rabbiin Keenya Guyyoota Biroo Irra Caalchise Keessaa Inni Tokko Guyyoota Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Keessatti Argamaniidha. Guyyootni Kunniin Ajrii Gurguddootu Isa Keessatti Argama. Gosoota Ibaadaa Isa Keessa Dalaguun Barbaachisaadha. Abdallah Ibn Abbaas Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan " Guyyoota Kurnan Tanniin Caalaa Guyyootni Dalagaan Isaan Keessaa Dalagamtu Rabbiin Biratti Sirritti Kan Jaalatamu Hin Jirtu" Jedhan. Sahaabonni Akkana Jedhanii Gaafatan "Karaa Rabbii Keessatti Jihaada Gochuunis Hin Caalu Moo?" Eeyyan Hin Caalu, Garuu Nama Qabeenya Isaa fi Lubbuu Isaatiin Bahee Lachaniinuu Hin Deebi'in Malee" Jedhan.ﷺ فعن ابن عباس رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: “ما من أيام العمل الصالح فيهن أحب إلى الله منه في هذه الأيام العشر. قالوا ولا الجهاد في سبيل الله؟!! قال: ولا الجهاد في سبيل الله، إلا رجل خرج بنفسه وماله ولم يرجع من ذلك بشيء” أخرجه البخاري 2/457. Hadiisa Biroo Keessatti Nabiyyiin ﷺ Keenya Akkana Jedhan " Guyyoota Kurnan Tanniin Caalaa Guyyootni Dalagaan Rabbiin Biratti Sirritti Jaalatamtu, Ajriin Isaas Kan Guddatu Hin Jiru" Jedhan. Guyyootni Kurnan Tun Guyyoota Hundaa Ni Caalti. Ulamaa'iin Akka Ibsanitti Kurnan Dhumaa Tan Ramadaanaas Ni Caalti Jedhan. Kanaafuu Yaa Obbooloota Koo! Hanga Dandeenyeen Dalagaa Khryrii Irratti Haa Jabaannu. Yoo Dandeenye Haa Soomnuu, Sadaqaa Haa Kennannuu, Zikrii Baay'isuu fi Kheyrii Hundumaa Haa Baay'ifnuu. Rabbiin Nuuf Haa Laaffisu. Aaamii! ✍️ Abdurahman Mujah Fillah https://t.me/AbduIslamApologist

Nabi Muhammad ﷺ Waa'ee Kanaan Wal-Qabsiisanii Maal Jedhan? Dhugumatti Qiyaamaan Dhiyaattee jirti. Mallattoon isii baay'inaan
Nabi Muhammad ﷺ Waa'ee Kanaan Wal-Qabsiisanii Maal Jedhan? Dhugumatti Qiyaamaan Dhiyaattee jirti. Mallattoon isii baay'inaan mul'ataa jiran. عن أبي هريرة رضي الله عنه قال قال رسول الله صلى الله عليه وسلم "سيَأتي علَى النَّاسِ سنواتٌ خدَّاعاتُ يصدَّقُ فيها الكاذِبُ ويُكَذَّبُ فيها الصَّادِقُ ويُؤتَمنُ فيها الخائنُ ويُخوَّنُ فيها الأمينُ وينطِقُ فيها الرُّوَيْبضةُ قيلَ وما الرُّوَيْبضةُ قالَ الرَّجلُ التَّافِهُ في أمرِ العامَّةِ" صحيح ابن ماجه 3277 Abii hureyraa irraa odeeffamee ergamaan rabbii ﷺ akkana jedhan "Barootni gantuu ta'an ilma namaa irra ni dhufan. Kijibaan kan dhugoomfamu, Dhugaa dubbataan kan kijibsiifamu, Gantuun kan amanamtu, Amanamaan kan ganamu, Ruweybidaan kan dubbattu" jedhan. Ruweybidaan maali? jedhamanii gaafataman. Isaanis " Namni yartuun dhimma ummataa keessatti dubbataa ta'uudha" Jedhan. Dubbiin isaanii dhugaadha. Adduunyaan balaa hedduudhaan guutamte. Rabbiin nu haa tiksu.

Zikrii fi du'aa'ii barbaachisaa kanniin buufadhaa irraa fayyadamaa Worri dura buufattanis "update" gochuun akkaataa haarawaan fayyadamaa. https://play.google.com/store/apps/details?id=com.mujahidtech.zikr

photo content

Liinkii kana gad Tuqaatiin Urjiilee shanan armaan gaditti argitan hundaa tuquudhaan yaada app kana irratti qabdan barreessaa.

Application Zikrii Karaa salphaa irraa ittiin barattan asiin seenaa buufadhaa. Worri qabdan update godhaa. https://play.google.com/store/apps/details?id=com.mujahidtech.zikr

Application zikrii fi du'aa'ii akkaataa bareeda ta'een qophaa'e kana buufadhaa itti fayyadamaa. https://play.google.com/store/apps/details?id=com.mujahidtech.zikr

Alhamdulillah. Iidni #Jimaata Ta'eera.

Zakaatul Fixr Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. Zakaatul Fixr زكاة الفطر Jechuun Zakaa(Sadaqaa) Sababa Furiinsa Ji'a Ramadaanaatiif, Dogongoroota Nama Soome Irraa Argaman Akka Qulqulleessituuf, Hiyyeessa Gammachiisuuf Jedhamee Kennamuudha. Zakaatul Fixr Sadaqatul Fixr Jedhamtees Ni Waamamti. Zakaan Fixrii Galgala Xumura Ramadaanaa Irraa Kaasee Hanga Salaata Iidaatti Dirqamummaan Namarra Jirti. Akka Ifa Ta'uuf Mee Tokko Tokkoon Haa Ilaalluu. 1. Daa'imni Tokko Osoo Galgala Xumura Ramadaanaa Erga Aduun Dhiitee Dhalatee Zakaan Fixrii Dirqama Irratti Hin Taatu. Osoo Immoo Hin Galgalaa'in Guyyaa Osoo Dhalatee Dirqamaan Irraa Baasuu Qaban. 2. Namni Tokko Osoo Ramadaana Guyyaa Aduun Osoo Hin Dhihin Du'ee Dirqamni Irra Hin Jiru. 3. Zakaan Fixrii Dirqama. Nabiyyiin Keenya ﷺ Dhiira, dubartii, xiqqaa, guddaa, gabraa fi bilisa irratti Dirqama ta'uu Isii ibsanii jiran. 4. Ulfa Garaa jiru irraa baasuun dirqamaa miti. Garuu Yoo Zakaa Fixrii Irraa Baasan Ni Jaallatama. 5. Zakaa Fixrii Yeroon Inni Bahu Dirqamaan Galgala Iidaa Irraa Hanga Salaata Iidaati. Guyyaa Tokkoo fi Lamas Dursanii Baasuun Ni Ta'a. Garuu Caalaan Ganama Iidaa San Baasuudha. 6. Zakaan Fixrii Nyaata Naannotti Argamu Irraa Baha. Kanniin Akka Garbuu, Qamadii , Boqqolloo, Xaafii, Timiraa fi Kkfdha. Ulamaa'iin Akka Ibsanitti Namni Tokko Nyaata Nannoo Kiiloo Sadi'ii (3kg) Baasuu Qaba jedhan. 7. Zakaan Fixrii Salaata Dura Baafamuu Qabdi. Salaata Booda Yoo Baasan Sadaqaa Taati Malee Zakaa Fixrii Jedhamtee Hin Ilaalamtu. Zakaan Fixrii Kan Kennuuf Qulqullina, Kan Kennamuuf Immoo Gammachuudha. Ibsa Dabalataa Bal'inaan ni Ilaalla. Gaafii Keessan Comment irratti ergaa. ✍ Abdurahman Mujahid Fillah https://t.me/AbduIslamApologist

Halkan 27ffaa kanaan namni keyrii woyii dalagachuu barbaddan keessaan na dubbisa. Rabbiin nu haa milkeessu. @mujahidfillah2

Halkan Guyyaa 27ffaa Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. Leylatul-Qadr Ramadaana Keessaa Kurnan Boodaa Keessatti Argamti. Kurnan Boodaa Keessaallee Halkan Qaraa(Witrii) Ta'an Keessatti Argamti. Kanaafuu Nabiyyiin Keenya ﷺ Akkana Jedhan :- Aa'ishaa Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan " Leylatal-Qadriin Kurnan Xumuraa Keessaa Guyyoota Qaraa Ta'an Keessatti Barbaadadhaa" Jedhan. عن عائِشةَ رَضِيَ اللهُ عنها أنَّ رسولَ اللهِ صلَّى اللهُ عليه وسلَّم قال: ((تَحَرَّوْا ليلةَ القَدْرِ في الوِترِ مِنَ العَشرِ الأواخِرِ مِن رَمَضانَ)) Guyyoota Qaraa Keessaallee Hedduun Ulamaa'ii Salafa Irraa Kaasee Halkan 27 Ta'utu Yaadama Jedhan. Guyyaan 27 ffaan Tun Ija Addaatiin Ilaalamti. Ubayy Ibn Ka'ab(R.A) Waan Leylatu-Qadr Akkana Jedha " Wollahi Ani Isii Nin Beekaan, Beekumsi Kiyya Irra Caalaan Guyyaa Nabiyyiin Keenya Dhaabbitti Jabessanii Nu Ajajan Saniidha, Isiinis Halkan Digdamii Torbaffaati (27) ti" Jedhe. قال أُبيُّ بنُ كَعبٍ رضِيَ اللهُ عنهُ في  لَيلةِ  القَدْرِ:((واللهِ، إنِّي لأَعلمُها، وأكثرُ عِلمي هي اللَّيلةُ التي أَمرَنا رسولُ اللهِ صلَّى الله عليه وسلَّمَ بقِيامِها، هي ليلةُ سَبعٍ وعِشرينَ))  رواه مسلم (762) Kanaafuu Obboleeyyan Koo Leylatul-Qadr Halkan 27 Kana Waan Ta'uun Yaadamuuf Ibaadaa Irratti Jabaannee Kheyriidhaan Guyyoota Hafan Wajjiin Haa Dabarsinuu. Kheyrii Nu Jela Dabran Haa Carraaqannuu. Du'aa'ii fi Ibaadaa Garagaraa Irratti Haa Jabaannu. Rabbiin Kheyrii Hunda Nuuf Haa Laaffisu. Leylatul-Qadriin Nuuf Haa Hiru. Milkii Duniyaa fi Aakiraa Nuhaa Milkeessu. Aamiiin! ✍ Abdurahman Mujahid Fillah https://t.me/AbduIslamApologist

Sooma maaltu balleessa? Dalagaalee sooma balleessan kamiin fa'aadha? Akkam yoo ta'an balleessu? Barnoota soomaa kutaa 5ffaa koottaa dhaggeeffadhaa https://youtu.be/m1nbLbF1XNI