en
Feedback
Dhaamsa Gaarii

Dhaamsa Gaarii

Open in Telegram

Qajeelffama, Gorsa Fi Beekumsa

Show more
The country is not specifiedThe category is not specified
1 804
Subscribers
+124 hours
+137 days
+23930 days
Posts Archive
Repost from N/a
"Obsi (Sabriin) furtuu balbala milkii hundaati. Yoo wanti hundi sitti dukkanaa'e, obsi; akka fajjii ganamaa dukkana keessaa ba'utti, Rahmanni Rabbii akkuma sana rakkina kee keessaa si baasa." https://t.me/SuufiyaanJeeylaanOfficial

📖 SEENAA: "ABJUUN JAMAALAA FI OBSA - YUUSUF IBN YAA'QUB" Kutaa 1ffaa: Abbaa Isaatiif Jaalala Guddaa fi Wal-dhabdee Obboleewwanii Jaarraawwan kumaatamaan dura, lafa Qudus (Filisxeem) jedhamtu irratti, Nabiyyiin kabajamaan Yaa'qub (Alayhis Salaam) jedhaman ni jiraatu turan. Yaa'qub ijoollee kudha lama (12) qabu turan, isaan keessaa lamaan isaanii, Yuusuf fi obboleessi isaa inni xiqqaan Binyaamiin, haadha tokko irraa dhalatan. Yuusuf ijoollee hunda caalaa abbaa isaa biratti jaalala guddaa fi bakka addaa qaba. Nama miidhagina qaamaa fi qalbii qabu, akkasumas sammuu fi ilaalcha addaa qabu ture. Guyyaa tokko Yuusuf xiqqoo ta'ee haadha isaa waliin yeroo ciisu, abjuu dinqisiisaa tokko arge. Abjuu sana abbaa isaa Ya'qub-iitti yeroo odeessu: "Yaa abbaa koo, ani urjiilee kudha tokko (11), Aduu fi Ji'a argeen. Hundi isaanii natti sujuudaa (ulfeessaa) turan." Abbaan isaa Yaa'qub, abjuun sun haala Yuusuf gara fuulduraatti sadarkaa guddaa qabaatu fi obboleewwan isaa, abbaa fi haati isaa isa kabajan ta'uu isaa hubatan. Garuu, Ya'qub Yuusufiin akkana jedhaniin: "Yaa ilma koo, abjuu kee kana obboleewwan keetti hin odeessin! Dhugumatti isaan siif hawwiin (hinaaffaan) guddaan qabu, siif xaxoo xaxuuf deemu. Seeyxaanni immoo namaaf diina ifaadha." Obboleewwan Yuusuf (kanneen haadha biraa irraa dhalatan) abbaan isaanii Yuusufiin baay'ee jaallachuu isaa fi isaan immoo dhiifamanii dhabamuu isaanii itti dhaga'ame. Garaan isaanii hinaaffaan (Hasad) guutame. Walitti qabamanii Yuusufiin of keessaa baasuuf karoorfatan. Tokkoon tokkoon isaanii yaada hamaa dhiyeessan: "Haadha manaa biraa akka isaan hin qabanne" ykn "Isa ajjeesnee boollatti haa naqnu" jedhan. Obboleessa tokko qofa kan Yahuudaa jedhamu, garaa laafees: "Hin ajjeesinaa! Boolla gadi fageenya qabu keessatti isa buusaa. Namoota imalan (kanneen karaa deeman) keessaa tokko isa fuudhee biraa deemuu danda'a." jedhe. Karoorri isaanii inni dhumaa Yuusufiin boolla gadi fageenya qabu keessatti naquu ta'e. Abbaa isaanii irraa hayyama gaafachuuf, Ya'qub-iitti deemanii akkana jedhan: "Yaa abbaa keenya, Yuusuf maaliif nurraa adda baaste? Inni obboleessa keenya. Bor waliin deemuun taphachuu fi taphachiisuu barbaadna. Nuti isaa eegna." Yaa'qub dhaggeeffatanii akkana jedhan: "Ani yeroo isin isa dhiistanii deemtan ni sodaadha. Yoo Waraabessi isa nyaate natti dhaga'ama." Obboleewwan isaa immoo: "Nu hundi ijoollee cimaa fi jabaa yeroo taanu Waraabessi isa nyaachuu hin danda'u. Yoo akkas ta'e, nuti namoota badoodha" jedhanii waadaa seenaniif. Dhumarratti, abbaan isaanii obsa dhabanii Yuusufiin isaan waliin erguuf hayyamaniif. Itti fufaa..... https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

Nama Haarawa Hin galmaawin qofaaf video kana Hordofuun Galmee keessan Xumuruu dandeessuu.

Bareedinni namaa uffata inni uffatuun osoo hin taane, amala gaarii (Akhlaaq) fi qalbii qulqulluu inni qabuuni. Cubbuu keetti gaabbitee gara Rabbitti deebi'uun (Towbaa) qulqullina sammuuti; namaaf garaa laafuun immoo mallattoo amantii dhugaati."
https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

"Diinumman waraana qabachuun walitti dhukaasu qofa miti, Diinumman guddaan ofi kee toohachuu dadhabuu fi namaaf tola yaaduu dadhabuudha" https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ Rasuulli ﷺ ni Jedhan: وَاللَّهُ فِي عَوْنِ الْعَبْدِ مَا كَانَ الْعَبْدُ فِي عَوْنِ أَخِيهِ "Gabrichi obboleessa isaa gargaaruu keessatti yeroo jiru, Rabbiinis isa gargaaraa jira." Hundi keessanu Channeloota keenya hordofuuf button armaan gadii tuqaa.

"Ofii kee beekuu hojii kee godhadhu; sababni isaas, of beekuun barumsa addunyaa kana keessatti hundarra ulfaataa dha." https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

"Rakkoon ni jiraata. Namoonni si shakkan ni jiraatu. Dogoggorri ni uumama. Garuu yoo jabaattee hojjatte, daangaan siif hin jiru." https://t.me/Dhaamsa_Gaarii

Nama yeroo boqonnaa malee si wajjiin hin haasofnetu jira,nama yeroo si wajjiin haasawu boqonnaa argatutu jira. Dhugaa🥀🥀🥀

Hadiisa Sem 1ffaa Last.pdf10.31 MB

📢 Yaadachiisa Cimaa!! 🎓 Barattoota Keenyaa Hundaaaf! 🏆 Barattoonni barnoota Hadiisaa keessatti hirmaattanii fi hordofaa tu
📢 Yaadachiisa Cimaa!! 🎓 Barattoota Keenyaa Hundaaaf! 🏆 Barattoonni barnoota Hadiisaa keessatti hirmaattanii fi hordofaa turtan, qormaata Hadiisaa xumuraa irratti dorgomuun badhaasa guddaa mo’adhaa!! Badhaasni: 🥇 1ffaa — 5,000 Birr 🥈 2ffaa — 3,000 Birr 🥉 3ffaa — 2,000 Birr 📅 Guyyaan Qormaataa xumuraa: 13/08/2026 ⏰ Yeroo: Halkan sa'aatii 1:00 irraa eegalee! 🔖 Qormaanni barnoota kutaa 1ffaa-14ffaa keessatti barattan hammata. Qormaanni Kitaaba irraa waan qopheefamuuf kitaaba sirriitti dubbisaa!! 🚫 Hubachiisa: Qormaata qoramuuf website irratti galmaa'uun dirqama. Kanaaf Barattoonni amma dura website irratti hin galmaa'in carraa kana hin dabarsinaa; har'uma galmaa'aa! 🔗 [Liinki Galmee] https://orm.africaacademy.com/my/courses.php 📲 Viidiyoo akkaataa galmee ilaaluuf as tuqaa 👇🏽 https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa/96 👉 Har’a irraa qormaata xumuraatiif qophii keessan cimsaa! 📚 Baradhaa • Qophaa’aa • Dorgomaa • Mo’adhaa! 🏆 #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa. #Qormaata_xumuraa

Obsan dubbisaa!
Obsan dubbisaa!

Gaafa tokko Gurbaan Baalee Roobee Jiraatu tokko mucayyoo adaama jirttuu takka fuudhuuf ergatee jennan warrii mucatti nuti mucattii keenya of biraa fageessuu hin barbaannuu jedhanii intala isaani dhorkatan, jidduma kana Gurbaan bira ingliz irraa mucayyoo tana fuudhudhaf ergannan, gurba Baalee Roobee kan fageenyaf dhoorgatan, gurba ingliz jiruuf ni Kennan🤷😁😁😁 Adaa Baalee Roobee caala ingliz Adaamatti dhihaatti? Ani ammuma dhagahe akkaa Baalee Roobee caala Adaaman inglizitti dhihaattuu! Hay Oromoo!🥺🙅

Halkan hin bariinee fii guyyaan hin dabarre hin jiru!.🖤🥀

Hiriyyoonni Kaleessa si beekan hadha eenyuu Akka ati taatee gonkuma hin beekan, Hiriyyoonni Hadha si beekan kaleessa eenyuu Akka ati taatee gonkuma hin beekan. Kanaafuu eenyuyyuu si hin beekuu wahee kee kan beekuu sihii fi Rabbiin qofaa na amanii🤷 🥀🥀🥀

Kutaa 2ffaa 📖 SEENAA BARSIISAA: "Karaa Baduu irraa gara Nuura Tawbaatti" Dhiphina garmalee irraan kan ka'e, "Mataa koo ajjeeseeniin boqodha" jettee murteessuuf geessu turte. —————————— Deebisaa fi Nuura Tawbaa (Toba) Galgala tokko, dukkana halkanitti, Mariyam baay'ee osso dhiphattuu fi boossu, sagalee Azaana (Masaajida gandaa) irraa: "Allaahu Akbar, Allaahu Akbar... Hayya 'alal-Falaah (Gara Milkaa'inaatti koottaa)" dhaga'ame. Sagaleen sun akka xiyyaatti qalbii ishee waraane. Booyicha guddaan garaf gootee, gaa'ila sana dhiiqattee Wuduu gochuuf gara manee dhiqannaatti deemte. Mata-duuttuu fi fuula bishaaniin dhiqattee, waggoota baay'ee booda, yeroo jalqabaatiif sajjadaa afattee Salaata Tahajjudii (Halkan) dhaabbatte. Yeroo Sujuuda gessu, Mariyam guutumaan guutuutti caccabdee boosse. Lafa irratti fuula ishee kaawwattee, imimmaan isheen sajjadaa jiisaa akkana jettee boosse: "Yaa Rabbi! Ani karaa baddeera, jireenya koo summeesseera, xuraa'ummaa keessa lixee jira. Garuu Ati Araaramaa fi Rahmataa kan qabdudha. Yoo Ati na dhiifte, ani baddeera. Yaa Allaah, cubbuu koo hunda naaf araarami, gara keetti na deebisi!" Mariyam halkan sana guutuu booyicha fi Tawbaa dhaan dabarsite. Yeroo jalqabaatiif, qalbii ishee keessatti tasgabbii fi nagaa kanaan dura matumaa argattee hin beekne argatte. —————————— Furmaata fi Baha Allaahn (S.W) nama gara Isatti deebi'e matumaa galagalee hin dhiisu. 1. Mariyam saalfattee gara maatii isheetitti deebite. Hundumaa booyicha waliin haadha fi abbaa isheetti himatte. Maatiin ishee, gadda guddaa booda, amantii fi obsaan ishee hammatan. 2. Fahad-is soda dhiiseetii, seeraan akka inni sodaachisuu hin dandeenye gochuuf maatiin ishee gargaaran. Sodaichi sunis ni bade. 3. Mariyam hiriyyoota badaa sana hunda Block gootee, jireenya haaraa eagalta. 4. Hijaaaba ishee bifa ulfina qabuun deebistee uffatte. Hiriyyoota gaggaarii masaajidaa fi amantii qaban qofa gadda fi gammachuu isheetiif filatte. Mariyam barumsa ishee xumurte, maatii isheef gorsituu fi shamarree amantii jabaa qabdu taatee guddatte. Namoonni ishee agartan hundi, bareedina Hijaaaba ishee fi tasgabbii fuula ishee irra jiruun dinqisiifatu ture. —————————— 🕌 BARSIISA ISLAAMAA (Barsiisa Seenaa Kanaa) Seenaan Mariyam shamarran Musliimaa hundaaf barsiisa cimaa kenneera: 1. Balaa Hiriyyaa Badaa (Suhbah): Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana jedhan: "Namni tokko amantii fi amala hiriyyaa isaa irratti sakatta'ama. Kanaafuu, hundi keessan eenyuun akka hiriyyoomfattan ilaalladhaa." (Abu Daawud) • Barsiisa: Hiriyyaan badaa haguuggaa "ammayyaatiin" dhihaatus, dhumarratti nama kuffisa. 1. Dunyaan fi Gammachuu Sobaa: Kaffaltii seeraan ala ta'e, uffata saalfachiisaa fi bashannana dhoowwamaa keessa gammachuun dhugaa hin jiru. Gammachuun dhugaa qulqullummaa fi karaa Rabbii keessa qofa argama. 2. Rahmata Rabbii fi Tawbaa (Garaa Guutuu): Cubbuun kee pheenamatti guddataa yoo ta'eellee, Rahmanni Rabbii sana caala. Rabbiin (S.W) Qur'aana keessatti akkana jedha: ﴿قُلْ يَا عِبَادِيَ الَّذِينَ أَسْرَفُوا عَلَىٰ أَنفُسِهِمْ لَا تَقْنَطُوا مِن رَّحْمَةِ اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ يَغْفِرُ الذُّنُوبَ جَمِيعًا ۚ إِنَّهُ هُوَ الْغَفُورُ الرَّحِيمُ﴾ **"Jedhi: 'Yaa gabroota koo kanneen nafsee isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Allaah irraa hin kutatinaa. Dhugumatti Allaahn cubbuu hunda ni araarama. Dhugumatti Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.'" (Suuraa Az-Zumar: 53) 1. Ulfina Dubartii Islaama Keessatti: Hijaaabni fi kabajni dubartii ittisaa fi ulfina malee boodatti haftummaa miti. Shamarreen ulfina ishee eeggatte, adduunyaa fi aakiraatti kabajamtuudha. Xumurameera!

Dhimmi kee Rabbi biratti eegalamee isuma biratti dhuma, Saniifuu Uumama isaa dura hin dhaabbatin!.🖤🥀

📖 SEENAA BARSIISAA: "Karaa Baduu irraa gara Nuura Tawbaatti" Ganda tokko keessatti shamarree Mariyam jedhamtu tokkotu jirti ture. Mariyam shamarree miidhagduu, sabboontuu fi maatii amantii jabaa qaban irraa dhalattagda. Jalqaba irratti Mariyam nama salaatu, hijaaaba uffattu fi maatii isheetiif ajajamtu turte. Garuu, yeroo barumsa sadarkaa ol’aanaa (Yuunivarsiitii) seentu, jireenyi ishee jijjiiramuu jalqabe. —————————— Jalqaba Dhabamaa fi Karaa Baduu Mariyam Yuunivarsiitii keessatti hiriyyoota haaraa kanneen "Amayyaa (Modern)" ofiin jedhan waliin wal-barte. Hiriyyoonni kunniin salaata hin salaatan, hijaaaba saalfatu, fi jireenya dunyaa (bashannana, sirba, fi kofla sobaa) qofa hordofu ture. Mariyam jalqaba irratti saalfattuu fi sodattuu turte. Garuu hiriyyoonni ishee irra deddeebi'anii: "Mariyam, ati ammas boodatti haftuudha! Addunyaan ammayyoomteetti. Hijaaaba kana uffattee bareedina kee dhoksuun maaliif? Jireenya kee bashannani!" jedhanii kofalchiisuu fi qaaniessuu jalqaban. Suuta suutaan, Mariyam sunniin hunda fudhachuu eagalta: 1. Jalqaba: Hijaaaba ishee baastee uffata dhihaatii fi seeraan ala ta'e uffachuu jalqabde. 2. Lammaffaa: Salaata dagattee, yeroo ishee guutuu miidiyaa hawaasaa (Social Media), TikTok, fi sirba irratti gubuu eagalte. 3. Sadaffaa: Maatii isheetiin sobuu jalqabde. "Barumsa addaatiif galgala hafaa" jechaa, gurraalota (gurraalota/dhiirota) waliin sa'aatii jallinaa naanna'uu fi bakka bashannana dhoowwamaa (klabii) deemuu jalqabde. Mariyam ofiin "Ani bilisaan ba'ee jira, jireenya gammachiisaa jiraadha" jettee yaaddi ture. Garuu dhiyeenyatti, galgala hunda yeroo siree ishee irratti ciiftu, qalbii keessatti dhiphina, duuduma fi sodaa guddaatu ishee waraana ture. Gammachuun ishee gammachuu sobaa kan sa'aatii muraasaa qofa ture. —————————— Seeneen Kufaatii fi Ganan Guyyaa tokko, dargagessa gurraala ta'e kan Fahad jedhamu, kan "Sitti nan heeruma" jedhee ishee gowwoomsu waliin galgala bakka dhoowwamaa tokkotti deeman. Fahad fi hiriyyoonni Mariyam yeroo isheen garmalee bashannantu suuraa fi viidiyoo ishee eegumsa malee jiru waraaban. Torban tokko booda, Mariyam fi Fahad walitti bu'an. Yeroo kana Fahad amala isaa isa dhokataa agarsiise. "Yoo waan ani siin jedhe raawwachuu baatte, suuraalee fi viidiyoo kee kan galgala sanaa sooshal miidiyaa irratti maxxansee maatii keetti agarsiisa!" jedhee ishee sodaachisuu (Blackmail gochuu) jalqabe. Mariyam rifattee gara hiriyyoota ishee kanneen kanaan dura "hiriyyaa dhugaa" ofiin jedhanitti baqatte. Garuu isaan keessaa namni tokkollee ishee gargaaruu hin barbarre. Bakka isaa: "Rakkina keeti, mataa keetiin itti seente!" jedhanii kolfatanii ishee irraa garagalan. Mariyam adduunyaa irratti ofii ishee qofaa ta'uu ishee hubatte. Namoonni akka "hiriyyaatti" ishee marsanii turan hundi, bareedina fi faayidaa ishee irraa argatan qofaaf akka ishee jaallatan galmaafte. Namummaan ishee cabde, kabajni ishee sargame, maatii ishee duratti qaana'uuf jirti.

Beeksisa Addaa Garee Dhaamsa Gaariitti nama Add Gochuu qofaan Badhaafama keenya kan guyyaa hadhaa tahaa. Firootaa fi hiriyyootaa keessan gare kanatti Add godhaa. Add Gochuun Erga geessitanii booda keessan Lakkofsa bilbila keessan naaf erguudhan kardi Birrii 5 Birrii 10 Birrii 15 Birrii 25 Birrii 50 Birrii 100 badhaafama tahaa Ammuma Add godhaa Carraa gaarii https://t.me/DhaamsaGaariiChat

🌟BARATTOOTA KEENYA KABAJAMOO🌟 Baga gammaddan! Baga gammachuu fi milkaa’inaan Barnoota Hadiisaa xumurtan! 🎓📚 Barnoonni Had
🌟BARATTOOTA KEENYA KABAJAMOO🌟 Baga gammaddan! Baga gammachuu fi milkaa’inaan Barnoota Hadiisaa xumurtan! 🎓📚 Barnoonni Hadiisaa guyyoota kudha afuriif (14) kennamaa ture har'a kutaa 14ffaa irratti xumuramee jira. Barnoota Hadiisaa kana keessatti barattoonni yeroo fi xiyyeeffannoo keessan kennitanii hanga guyyaa xumuraatti obsaan barnoota hordofaa turtan hundi  baga gammaddan isiniin janna. 🤲 Rabbiin ol ta’e waan barattaniin akka isin fayyadu, beekumsa keessan akka isiniif dabalu, hojii keessan keessatti akka Ikhlaasaa fi barakaa isiniif taasisu isa kadhanna. 🔖 Qormaata xumuraa barnoota Hadiisaa 🗓 Guyyaa Kamisaa, 13/08/2026 (7/12/2018) kan kennamu ta'a. ⚠️ Qormaata dura: 📝 Hanga guyyaa qormaataa waan barattan hunda irra deebi’aa dubbisaa, qormaataaf sirriitti qophaa’aa!! 📖 Barattoonni haarawa galmooftanis haga dandeessaniin waan isin darbee qo'achaa qormaataaf qophaa'aa!! 📌 Odeeffannoo qormaataa waliin wal qabatu dhihootti isiniif maxxansina. #Akaadaamii_Afriikaa #Marsaa_Jalqabaa.