ch
Feedback
OMN Telegram News channel

OMN Telegram News channel

前往频道在 Telegram

OMN is an Independent media.

显示更多

📈 Telegram 频道 OMN Telegram News channel 的分析概览

频道 OMN Telegram News channel (@omn28) 是活跃参与者。目前社区聚集了 11 834 名订阅者,在 新闻与媒体 类别中位列第 16 503,并在 埃塞俄比亚 地区排名第 2 832

📊 受众指标与增长动态

невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 11 834 名订阅者。

根据 08 七月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 155,过去 24 小时变化为 2,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 8.01%。内容发布后 24 小时内通常能获得 4.72% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 948 次浏览,首日通常累积 558 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 3

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
OMN is an Independent media.

凭借高频更新(最新数据采集于 09 七月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 新闻与媒体 类别中的关键影响点。

11 834
订阅者
+224 小时
+317
+15530

数据加载中...

标签云
无数据
有任何问题?请刷新页面或联系我们的客服
进出提及
---
---
---
---
---
---
吸引订阅者
七月 '26
七月 '26
+45
在0个频道中
六月 '26
+253
在1个频道中
Get PRO
五月 '26
+199
在0个频道中
Get PRO
四月 '26
+196
在0个频道中
Get PRO
三月 '26
+185
在1个频道中
Get PRO
二月 '26
+49
在0个频道中
Get PRO
一月 '26
+74
在0个频道中
Get PRO
十二月 '25
+74
在0个频道中
Get PRO
十一月 '25
+97
在1个频道中
Get PRO
十月 '25
+62
在2个频道中
Get PRO
九月 '25
+87
在0个频道中
Get PRO
八月 '25
+66
在0个频道中
Get PRO
七月 '25
+210
在0个频道中
Get PRO
六月 '25
+219
在1个频道中
Get PRO
五月 '25
+192
在0个频道中
Get PRO
四月 '25
+275
在1个频道中
Get PRO
三月 '25
+497
在1个频道中
Get PRO
二月 '25
+3 014
在1个频道中
Get PRO
一月 '25
+1 829
在0个频道中
Get PRO
十二月 '24
+510
在2个频道中
Get PRO
十一月 '24
+1 772
在2个频道中
Get PRO
十月 '24
+666
在0个频道中
Get PRO
九月 '24
+4 252
在0个频道中
日期
订阅者增长
提及
频道
09 七月+2
08 七月+5
07 七月+3
06 七月+6
05 七月+11
04 七月+3
03 七月+5
02 七月+9
01 七月+1
频道帖子
2
https://youtu.be/TqKezZD7LhU?si=adCSa4tVZeklRexm
350
3
https://youtu.be/vigLracq7Eg
586
4
+1
没有文字...
625
5
Godinaalee Arsii fi Harargee Lixaa kan walqunnamsiisu daandiin Abboomsaa-Asakoo-Ancaar  erga hojiin isaa dhaabbatee waggoota 9 ta'uu jiraattonni himan. Jiraattonni waan jedhan, daandiin kun kiilomeetira 103 dheerata. Daandiin kun hojjatamuu jalqabee akka ture eeranii, jalqabee otoo hojjatamaa jiruu dhaabbachuu himan. Amma erga dhaabbatee waggootiin 9 lakkaa'amuu dubbataniiru. Hojiin daandii rakkoo hawaas dinagdee hawaasa naannawaa sanaa ni fura jedhamee abdatame kun dhaabbachuu isaatiin hawaasni rakkoo hamaaf saaxilamuu dubbatan. Dhimma kana qaamolee mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranitti iyyatanii qaamni dhagahu dhabamuu ibsaniiru.
515
6
+3
没有文字...
368
7
Istaadiyeemiin Harar waggoota 10 dura ijaarsi isaa jalqabe hojiin isaa dhaabbachuun deebisee jijjigaa akka jiru jiraattonni himan. Jiraattonni dhimma istaadiyeemii kanaa qaama itti himannu dhabne jedhu. Istaadiyeemiin ijaaramuu jalqabee gidduutti hojiin isaa dhaabbate amma deebi'ee jijjigaa akka jiru dubbataniiru. Qabeenyi hanga kanaa itti bahee haala kanaan karaatti hafuun kufaatii guddaa akka ta'e ibsaniiru.
322
8
+1
没有文字...
277
9
Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjiitti oomisha albuudaatiif uummanni gandoota garaagaraa buqqaafamaa akka jiru dhagahame. Jiraattonni OMN'f yaada isaanii kennan Oomisha Albuudaa Tulluu Kappiif jecha qonnaan bultoonni qe'ee isaanii irraa buqqaafamaa jiraachuu himaniiru. Gandoota baadiyyaa Kappii Gurraachoo, Biqiltuu Ankoorii fi Gudayyaa Gujii jedhamanii mootummaan uummata oomisha albuudaaf jecha kaasuuf sochiitti akka jiru ibsaniiru. “Beenyaa ga'aa utuu nuuf hin kaffalin, mana jireenyaa ykn bakka qubannaa ga'aa utuu nuuf hin qopeessin mana keenya, jireenya keenya irraa dirqamaan  nu buqisanii Magaalaa Ganjiitti Mana kiraayiitti nu galchuuf haala  hundumaa ofii isaanii xumuranii nutti himanii nu dirqisiisaa jiru” jedhan. Lafa qonnaa keenya nuti durii kaasnee irra jiraataa turreen kan wal madaalu ykn beenyaa otoo hin kennin dirqamaan marsaa 1ffaa 2ffaa jedhanii nu bittimsanii qe'ee keenya irraa nu buqisaa jiru jechuun jiraattonni himatu. Kaampaaniin kun hoji dhabdoota  naannoo hojii kanaa jiran dargaggoota baratanii hojii dhabanii mana ta'aa jiran hojii kaampaanii kana keessatti qacaree hojjechiisuu akka hin barbaadnes ibsaniiru. “Lafti kan qaama sadiiti: kan dhaloota darbee, kan amma jiruu fi kan dhaloota boruuti” kan jedhan jiraattonni, lafti qonnaan bulaaf bu'uura wabii jireenya isaati malee meeshaa gurgurtaa miti jechuun komatu. Beenyaan maallaqaa hin kennamne otuma kennameeyyuu yeroo gabaabaa booda dhumuun dhaloota itti fufu hiyyummaaf akka saaxilu dubbataniiru. Piroojeektiin Albuuda Warqee Tullu Kappii hojjetamuuf deemu kun qonnaan bulaa qe'ee kanaa kan hirmaachisu ta'uu akka qabus himaniiru.  Kanaafuu beenyaa maallaqaa qofa osoo hin taane hawaasi lafa isaa dhabu "Abbaa Aksiyoona" (Share Holder) ta'ee bu'aa pirojeekttii kana irraa bara baraan argachuu qabaa jedhan. Misoomni hojjetamu kamuu hirmaachisaa fi guddina waloof wabii ta'uu qaba malee lammiilee qe'ee dhalootaaf guddina isaanii irraa haala mariif waliigaltee gahaa tokko malee buqqisuun dhabamsiisuun seera biyyaatiinis ta'e seenaanis fudhatama hin qabu jedhan. Dhaabbileen Faayinaansii Addunya, Baankiin Misoomaa Afrikaa fi qaamoleen Faayinaansii dhiyeessan pirojeektiin kun ulaagaalee mirga namoomaa idil-addunyaa kan guute ta'uu isaa mirkaneessuu akka qaban gaafataniiru jiraattonni. Marii Qaama seera qabeessa waliin qaamni hawaasa naannoo bakka kaafamtoota Misooma Warqee Tullu Kappii bakka buufame, jaarmiyaalen hawaasaa fi ogeeyyiin seeraa bakka jiranitti taasifamuu akka qabus dhaamaniiru. “Kaampaaniin Oomisha Albuudaa Tulluu Kappii jedhamu kun waggoota 15 ol nu rakkisee jira sababiin isaa karoora hojii dhuunfaa keenyaa karoorfannee akka itti jiruu fi jireenya keenya itti geggeeffannu nu danqee jira” kan jedhan jiraattonni, baruma baraan waqtii roobni roobee nuti hojii qonnaa eegaluuf qopoofnu hin buqaatu ykn hin kaafamtu jechuun karoora keenya nu arkatti jeeqee qe'ee keenya irratti jiruu fi jireenya keenya jeeqaa turee yeroo ammaa kanas itti fufee jira jedhan.
309
10
没有文字...
310
11
Hawaasni Oromoo Kaanaadaa Toroontoo fi Kilabni Kubbaa Miilaa Toroontoo Oromiyaa  taphataa dhalataa Oromoo ta'e tapha waancaa addunyaa bara kanaa irratti garee biyyaalessaa Kaanaadaaf hiriiree taphataa tureef simannaa taasisuuf jedhu. Simannaan kun Adoolessa 18 bara 2026 3:00PM'tti akka adeemsifamu koreen qindeessituu beeksiseeti jira. Bakki simannaa 1573 BLOOR ST W, TORONTO, ON M6P 1A6 ta'uu himeeti jira. Taphataa kubbaa miilaa jalqabaa Oromoo tapha waancaa addunyaa irratti hirmaate Alii Ahmadiif simannaa gootaa taasifamu kana irratti hawaasni Oromoo biyya Kaanaadaa akka hirmaatu koreen qindeessituu yaamicha dhiheessee jira. Waxabajjii 10 bara 2000 maatii hidda dhaloota Oromoo irraa Kaanaadatti kan dhalate Alii Ahmad, kilaba kubbaa miilaa Toroontoo Oromiyaa jedhamu keessatti taphataa kan guddate yemmuu ta'u, OSFNA keessatti kilaba isaa bakka bu'uun yeroo dheeraaf taphataa ture. Aliin OSFNA booda kilaba Kaanaadaa Vancouver Whitecaps jedhamu MLS keessa taphachaa ture.  Achi booda Amajjii bara 2026 gara Awurooppaa cehuun garee Shaampiyoonship keessa taphatu Norwich Siitiif mallatteessee taphataa jira. Norwich Siitiitti makamee gahumsa olaanaa agarsiiseen gareen biyyaalessaa Kaanaadaa waancaa addunyaa Kaanaadaa, Ameerikaa fi Meeksiikoon gamtaan qopheessan irratti akka hirmaatuuf yaamicha taasiseefii garee biyyaalessaa Kaanaadaaf hiriiree taphataa ture. Taphoota irratti hirmaate irrattis gahumsa olaanaa agarsiisuun dinqisiifannaa gonfatee jira Alii Ahimad.
461
12
Roonaaldoo fi Waancaa Addunyaa
755
13
https://youtu.be/bDkh89TFQ2w
752
14
+4
没有文字...
765
15
Korri Hundeeffama Waldaa Kuraa Galaan waggaa 8ffaan Ameerikaa Minisootaa keessatti qophaa'aa akka jiru dura taa'aan waliigalaa Waldaa Kuraa Galaan obbo Huseen Qaasim OMNtti himan. Korri hundeeffama Waldichaa Kaaba Ameerikaa magaalaa Minneapolis Minnesotaa keessatti Hagayya 6, 2026 kan adeemsifamu ta'u kan himan obbo Huseen Qaasim, Miseensota Waldichaa dabalatee hawaasni Oromoo kanneen Minneapolisi fi naannoo ishii jiraatan  akka kora kanarraa qooda fudhatanif waamicha taasisani jiru. Kora kana irratti Hooggantoota Waldaa Kuraa-Galaan, Dura Taa'aan Kuraa Galaan WaliiGalaa Obbo Husseen Qaasim, Hooggana Koree Boordii Kuraa Galaan, Obbo Gaaddisaa Badhaasoo, Barreessaa Kuraa-Galaan Gutama Mohamedsulxan, Abbaa Jarmaayya Kuraa-Galaan Abdi Ibrahim, dura taa'aa Afran Qalloo Shame Husseen, dura ta'aa Sikkoo mandoo  Obbo Feeysal Usman, dura taa'aa Faawundeeshinii Idil-addunyaa Humbaannaa Eng. Arif Ali, fi dura taa’aa kuraa galaan damee Minnesota  Hakim Hamza kan kora kana irratti argaman ta'uun obbo Huseen Qaasim yaada OMNf kennanin ibsani jiru. Keessummoonni kabajaa biyyootaa fi magaalota garagaraa irraa kan hirmaatan yeroo tahu,  Hayyuu Seenaa Obbo Naasir Kaliil Australia irraa koricharratti kan argama ta'u himani jiru. Kaayyoon Korichaa: Waldaan Kuraa Galaan Imala Waggoota 8ffaa dabran keessatti hojiilee hojjataman gaggamuufi hojiilee  fuul duraaf karoorfaman hojirra oolchuf, akkasuma Caaseffama Kuraa galaan waggoottan dabranii irratti miseensota waliin marii gaggeessuufi. Kana males Koricha irratti qophiilee Bashannansiisoo kanneen akka Walaloo, fi Seenaan Sirna Gadaa  dhiyaata. Hawaasni dhimma Kora hundeeffama Waldaa Kuraa Galaan irratti pdeeffannoo dabalataa yoo barbaade akkoofsa Bilbilaa kanaan argachuu akka danda'u ibsame jira. . +1 (503) 516-6583 +1 (612) 666-7083 +1 (763) 742-6358
607
16
没有文字...
475
17
Hawaasni Oromoo biyya Jarman Adoolessa 17-19 bara 2026tti feestivaalii ispoortii magaalaa Firaankifartitti qaba. Feestivaalii ispoortii kana Hawaasa Oromoo Hiisintu qopheessaa jira. Dhalattoonni Oromoo guutuu Jarman keessatti argaman akka hirmaatan yaamicha dhiheessaniiru miseensonni koree qindeessituu. Feestivaalii ispoortii kana irratti gareewwan ispoortii hedduun hirmaachuuf galmaa'uu himaniiru. Feestivaaliin ispoortii kun aadaa uummata Oromoo beeksisuuf akkasumas tokkummaa hawaasichaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.
456
18
没有文字...
452
19
Feestivaalii Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa irratti dhalattoonni Oromoo dammaqinaan akka hirmaatan pirezidaantiin  Federeeshinii  Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa OSFNA Abdii Muudee yaamicha dhiheesse. Feestivaaliin ispoortii OSFNA Hagayya 1 hanga 8 bara 2026tti Minisootaatti adeemsifama. Feestivaalii ispoortii kanaf istaadiyeemii guddaan qabamee qophii jabaan taasifamaa jiraachuu Abdii Muudee himee jira. Dhalattoonni Oromoo feestivaalicha irratti akka hirmaatanis yaamicha dhiheesseera.
554
20
没有文字...
570