ch
Feedback
OMN Telegram News channel

OMN Telegram News channel

前往频道在 Telegram

OMN is an Independent media.

显示更多

📈 Telegram 频道 OMN Telegram News channel 的分析概览

频道 OMN Telegram News channel (@omn28) 是活跃参与者。目前社区聚集了 11 834 名订阅者,在 新闻与媒体 类别中位列第 16 503,并在 埃塞俄比亚 地区排名第 2 832

📊 受众指标与增长动态

невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 11 834 名订阅者。

根据 08 七月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 155,过去 24 小时变化为 2,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 8.01%。内容发布后 24 小时内通常能获得 4.72% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 948 次浏览,首日通常累积 558 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 3

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
OMN is an Independent media.

凭借高频更新(最新数据采集于 09 七月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 新闻与媒体 类别中的关键影响点。

11 834
订阅者
+224 小时
+317
+15530
帖子存档
Humnoonni nageenyaa bulchiinsi magaalaa Amboo bobbaasee fi qaamoleen mootummaa maashinarii bobbaasanii mana namaa otoo diiganii daa'imman mana keessa turan irratti jigsanii lubbuu dabarsan. Inispeektara Olaanaa Abdataa Dassuu mucaan isaanii manni irratti jigfamee lubbuun darbuu biyyatu beekaa jedhan. Humnoonni nageenyaa mootummaa fi qaamoleen mootummaa maashanariin manicha diigaa turan manni daa'imman keessa turan irratti jigee lubbuu dabarsuu akkuma baraniin baqatanii deemuu himan. Yeroo isaan diigaa turan, yeroo balaan sun gahu uummanni naannawaa arguu eeranii, amma immoo bulchiinsi magaalattii haqa daa'imman lubbuu dhabanii dhoksuuf dookimeentarii sobaa hojjatee gadhiisee jedhan. Yoo biyya mootummaan jiru ta'e haqni namoota lubbuu dhabanii mirkanaa'uu qaba jedhan. Bulchiinsi magaalaa Amboo yakkicha keessaa harka qabu keessaa ofbaasuuf tibbana dookimeentarii hojjatee karaa marsaa hawaasaa isaa gadhiise. Manni sun diigamaa turuu hin haalle bulchiinsi magaalaa Amboo. Manichi diigamaa akka ture, gidduutti yeroo gabaabaaf diigumsi dhaabbatee akka ture, sanuma gidduutti girgiddaan cinaan isaa diigame nama irratti kufuu dubbatan warri bulchiinsi magaalattii ragaa baatota jedhee dookimeentarii isaa keessatti dubbise. Ragaa baatota jedhee warri dubbise, warri manicha keessa jiraataa turan ganama keessaa bahan jedhu. Kan manni irratti jigee lubbuu dhaban immoo warruma mana sana keessa jiraataa turan ta'uu ragaan OMN argate mul'isa. Jiraattonni OMN dubbises bulchiinsi magaalaa Amboo yakka dalagame keessaa ofbaasuuf dookimeentarii sobaa hojjatee gadhiise jedhan. Namoonni naannawaa sana turan taatee ture ijaan argan manichi otoo diigamaa jiruu jiraattota manichaa irratti kufuu dubbatan. Erga balaan sun gahee booddee warri balaa geessise ni baqatee jedhan. Himnoonni nageenyaa bulchiinsa magaalattii manichi yeroo diigamu, balaan yeroo gahu arganii bakkasii siqanii turan deebi'anii akka waan hin beekneetti dhufuu himan jiraattonni. Bulchiinsi magaalaa Amboo yakka raawwate jalaa miliquuf yaalee dadhabnaan, haqa dabsuuf dookimeentarii sobaa qindeeffatee dhufee jedhanii qeequ.

Godina Harargee Lixaa aanaa Burqaa Dhimtuutti hongee mudateen midhaan qonnaan bultoonni facaafatanii biqile deebisee manca'uun dhagahame. Ragaaleen dokimantii fi suuraawwan aanichaa OMN qaqqaban, gandoota hedduu keessatti midhaan ooyiruu irrattii facaafamee biqilee gugurdataa ture hongee hamaa mudateen deebisee manca'uu agarsiisaniiti jiru. Uummanni oomishni jalaa manca'e rakkoo hamaaf saaxilamuuf akka deemu ibsamee jira. Rakkoon hongee kun gandoota hedduu akka miidhe dubbatame. Hawaasichaaf deeggersi barbaachisaan gamanumaa taasifamuufii akka qabu himameeti jira.

Istaadiyeemiin magaalaa Harar ijaarsi isaa karaatti hafe birrii biiliyoona 1.5 caalaatu hanga yeroo dhaabbateetti itti bahee jedhan maddeen. Maddeen OMN magaalaa Harar, ijaarsa istaadiyeemichaaf deeggarsa jedhamee hojjattoota mootummaa, daldaltootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa irraa maallaqni guddaan waltti qabamee akka ture ibsan. Istaadiyeemichi lafa heektaara 19 irratti ijaaramuuf akka ture eeranii,  dirree kubbaa miilaa malee iddoowwan daakkii bishaanii, kubbaa kaachoofi guluffii fardaa dabalatee kutaawwan hedduu akka qabu dubbataniiru. Istaadiyeemiin Harar waggoota 10 dura ijaarsi isaa jalqabee hojiin isaa dhaabbachuun deebisee jijjigaa jiru kun, lafti ijaarsa isaaf yaadames cicciramee gurguramaa akka jiru jiraattonni dubbataniiru. Jiraattonni dhimma istaadiyeemii kanaa qaama itti himannu dhabne jedhu. Maallaqni guddaan uummata irraa sassaabamee, qaamni mootummaas bajata itti qabatee birriin biiliyoona 1.5 caalaan erga itti bahee booddee ijaarsi isaa gargar citee dhaabbatee hafuun akkaan isaan gaddisiisuu himaniiru.   Dhaabbata Afratsiyoon jedhamuutu hojjachiisaa ture kan jedhan maddeen, bajata ijaarsa ramadameef dursee akka xumurame otuu beekkamuu meeshaalee ijaarsaa guutuutti baasatee akka deemu taasifamuu dubbataniiru.

photo content
+1

Godinaalee Arsii fi Harargee Lixaa kan walqunnamsiisu daandiin Abboomsaa-Asakoo-Ancaar  erga hojiin isaa dhaabbatee waggoota 9 ta'uu jiraattonni himan. Jiraattonni waan jedhan, daandiin kun kiilomeetira 103 dheerata. Daandiin kun hojjatamuu jalqabee akka ture eeranii, jalqabee otoo hojjatamaa jiruu dhaabbachuu himan. Amma erga dhaabbatee waggootiin 9 lakkaa'amuu dubbataniiru. Hojiin daandii rakkoo hawaas dinagdee hawaasa naannawaa sanaa ni fura jedhamee abdatame kun dhaabbachuu isaatiin hawaasni rakkoo hamaaf saaxilamuu dubbatan. Dhimma kana qaamolee mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranitti iyyatanii qaamni dhagahu dhabamuu ibsaniiru.

photo content
+3

Istaadiyeemiin Harar waggoota 10 dura ijaarsi isaa jalqabe hojiin isaa dhaabbachuun deebisee jijjigaa akka jiru jiraattonni himan. Jiraattonni dhimma istaadiyeemii kanaa qaama itti himannu dhabne jedhu. Istaadiyeemiin ijaaramuu jalqabee gidduutti hojiin isaa dhaabbate amma deebi'ee jijjigaa akka jiru dubbataniiru. Qabeenyi hanga kanaa itti bahee haala kanaan karaatti hafuun kufaatii guddaa akka ta'e ibsaniiru.

photo content
+1

Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjiitti oomisha albuudaatiif uummanni gandoota garaagaraa buqqaafamaa akka jiru dhagahame. Jiraattonni OMN'f yaada isaanii kennan Oomisha Albuudaa Tulluu Kappiif jecha qonnaan bultoonni qe'ee isaanii irraa buqqaafamaa jiraachuu himaniiru. Gandoota baadiyyaa Kappii Gurraachoo, Biqiltuu Ankoorii fi Gudayyaa Gujii jedhamanii mootummaan uummata oomisha albuudaaf jecha kaasuuf sochiitti akka jiru ibsaniiru. “Beenyaa ga'aa utuu nuuf hin kaffalin, mana jireenyaa ykn bakka qubannaa ga'aa utuu nuuf hin qopeessin mana keenya, jireenya keenya irraa dirqamaan  nu buqisanii Magaalaa Ganjiitti Mana kiraayiitti nu galchuuf haala  hundumaa ofii isaanii xumuranii nutti himanii nu dirqisiisaa jiru” jedhan. Lafa qonnaa keenya nuti durii kaasnee irra jiraataa turreen kan wal madaalu ykn beenyaa otoo hin kennin dirqamaan marsaa 1ffaa 2ffaa jedhanii nu bittimsanii qe'ee keenya irraa nu buqisaa jiru jechuun jiraattonni himatu. Kaampaaniin kun hoji dhabdoota  naannoo hojii kanaa jiran dargaggoota baratanii hojii dhabanii mana ta'aa jiran hojii kaampaanii kana keessatti qacaree hojjechiisuu akka hin barbaadnes ibsaniiru. “Lafti kan qaama sadiiti: kan dhaloota darbee, kan amma jiruu fi kan dhaloota boruuti” kan jedhan jiraattonni, lafti qonnaan bulaaf bu'uura wabii jireenya isaati malee meeshaa gurgurtaa miti jechuun komatu. Beenyaan maallaqaa hin kennamne otuma kennameeyyuu yeroo gabaabaa booda dhumuun dhaloota itti fufu hiyyummaaf akka saaxilu dubbataniiru. Piroojeektiin Albuuda Warqee Tullu Kappii hojjetamuuf deemu kun qonnaan bulaa qe'ee kanaa kan hirmaachisu ta'uu akka qabus himaniiru.  Kanaafuu beenyaa maallaqaa qofa osoo hin taane hawaasi lafa isaa dhabu "Abbaa Aksiyoona" (Share Holder) ta'ee bu'aa pirojeekttii kana irraa bara baraan argachuu qabaa jedhan. Misoomni hojjetamu kamuu hirmaachisaa fi guddina waloof wabii ta'uu qaba malee lammiilee qe'ee dhalootaaf guddina isaanii irraa haala mariif waliigaltee gahaa tokko malee buqqisuun dhabamsiisuun seera biyyaatiinis ta'e seenaanis fudhatama hin qabu jedhan. Dhaabbileen Faayinaansii Addunya, Baankiin Misoomaa Afrikaa fi qaamoleen Faayinaansii dhiyeessan pirojeektiin kun ulaagaalee mirga namoomaa idil-addunyaa kan guute ta'uu isaa mirkaneessuu akka qaban gaafataniiru jiraattonni. Marii Qaama seera qabeessa waliin qaamni hawaasa naannoo bakka kaafamtoota Misooma Warqee Tullu Kappii bakka buufame, jaarmiyaalen hawaasaa fi ogeeyyiin seeraa bakka jiranitti taasifamuu akka qabus dhaamaniiru. “Kaampaaniin Oomisha Albuudaa Tulluu Kappii jedhamu kun waggoota 15 ol nu rakkisee jira sababiin isaa karoora hojii dhuunfaa keenyaa karoorfannee akka itti jiruu fi jireenya keenya itti geggeeffannu nu danqee jira” kan jedhan jiraattonni, baruma baraan waqtii roobni roobee nuti hojii qonnaa eegaluuf qopoofnu hin buqaatu ykn hin kaafamtu jechuun karoora keenya nu arkatti jeeqee qe'ee keenya irratti jiruu fi jireenya keenya jeeqaa turee yeroo ammaa kanas itti fufee jira jedhan.

Hawaasni Oromoo Kaanaadaa Toroontoo fi Kilabni Kubbaa Miilaa Toroontoo Oromiyaa  taphataa dhalataa Oromoo ta'e tapha waancaa addunyaa bara kanaa irratti garee biyyaalessaa Kaanaadaaf hiriiree taphataa tureef simannaa taasisuuf jedhu. Simannaan kun Adoolessa 18 bara 2026 3:00PM'tti akka adeemsifamu koreen qindeessituu beeksiseeti jira. Bakki simannaa 1573 BLOOR ST W, TORONTO, ON M6P 1A6 ta'uu himeeti jira. Taphataa kubbaa miilaa jalqabaa Oromoo tapha waancaa addunyaa irratti hirmaate Alii Ahmadiif simannaa gootaa taasifamu kana irratti hawaasni Oromoo biyya Kaanaadaa akka hirmaatu koreen qindeessituu yaamicha dhiheessee jira. Waxabajjii 10 bara 2000 maatii hidda dhaloota Oromoo irraa Kaanaadatti kan dhalate Alii Ahmad, kilaba kubbaa miilaa Toroontoo Oromiyaa jedhamu keessatti taphataa kan guddate yemmuu ta'u, OSFNA keessatti kilaba isaa bakka bu'uun yeroo dheeraaf taphataa ture. Aliin OSFNA booda kilaba Kaanaadaa Vancouver Whitecaps jedhamu MLS keessa taphachaa ture.  Achi booda Amajjii bara 2026 gara Awurooppaa cehuun garee Shaampiyoonship keessa taphatu Norwich Siitiif mallatteessee taphataa jira. Norwich Siitiitti makamee gahumsa olaanaa agarsiiseen gareen biyyaalessaa Kaanaadaa waancaa addunyaa Kaanaadaa, Ameerikaa fi Meeksiikoon gamtaan qopheessan irratti akka hirmaatuuf yaamicha taasiseefii garee biyyaalessaa Kaanaadaaf hiriiree taphataa ture. Taphoota irratti hirmaate irrattis gahumsa olaanaa agarsiisuun dinqisiifannaa gonfatee jira Alii Ahimad.

Roonaaldoo fi Waancaa Addunyaa

photo content
+4

OMN Telegram News channel - Telegram 频道 @omn28 的统计与分析