ch
Feedback
Qaroo Waamaraa

Qaroo Waamaraa

前往频道在 Telegram

Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!

显示更多

📈 Telegram 频道 Qaroo Waamaraa 的分析概览

频道 Qaroo Waamaraa (@forallthingseye) 爪哇语 语言赛道中的 是活跃参与者。目前社区聚集了 19 346 名订阅者,在 宗教与灵性 类别中位列第 4 064,并在 芬兰 地区排名第 259 位。

📊 受众指标与增长动态

自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 19 346 名订阅者。

根据 28 九月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 146,过去 24 小时变化为 5,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 13.12%。内容发布后 24 小时内通常能获得 6.29% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 2 536 次浏览,首日通常累积 1 216 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 15。

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
“Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!”

凭借高频更新(最新数据采集于 29 九月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 宗教与灵性 类别中的关键影响点。

19 346
订阅者
+524 小时
+497 天
+14630 天
帖子存档
Godinaalee ja’an caaseffama haaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa: 1. Godina Baha Oromiyaa: Godina Harargee Bahaafi Haragee Lixaa
Godinaalee ja’an caaseffama haaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa: 1. Godina Baha Oromiyaa: Godina Harargee Bahaafi Haragee Lixaa 2. Godina Kibba Baha Oromiyaa: Godinoota Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Baalee Bahaa, Magaalaa Asallaafi Magaalaa Dodolaa 3. Godina Kibba Oromiyaa: Godinoota Booranaa, Booranaa Bahaa, Gujii, Gujii Lixaa, Magaalaa Bulee Horaa, Magaalaa Mooyyaleefi Magaalaa Shaakkisoo 4. Godina Kibba Lixa Oromiyaa: Godinoota Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Magaalaa Aggaaroo fi Magaalaa Mattuu 5. Godina Lixa Oromiyaa: Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa, Qellem Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Magaalaa Najjoo 6. Godina Giddu Galeessa Oromiyaa: Godinoota Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa fi magaalota Amboo, Baatuu, Hoolataa, Mojoo, Sandaafaa Bakkee, Shanoofi Walisoo hammatee bifa haaraan gurmaa’aniiru.

Hiriyyaan dhugaa Gaaddisa jiruu keeti Hiriyyaan sobaa Dhukkuba tiruu keeti Itti wallaalte taanaan hojiin kee qofti si ajjeesa
Hiriyyaan dhugaa Gaaddisa jiruu keeti Hiriyyaan sobaa Dhukkuba tiruu keeti Itti wallaalte taanaan hojiin kee qofti si ajjeesa. Warra itti hin beekne; jaalalli ramaca caala gubee isaan qaqqaammata.

Jechikee yeroo maraa Keessakootti coccobee Sagaleekee inni haaraa Keessakootti roobee Yoom dhufti laataa? Yoomi guyyaan isaa?
Jechikee yeroo maraa Keessakootti coccobee Sagaleekee inni haaraa Keessakootti roobee Yoom dhufti laataa? Yoomi guyyaan isaa? Jedhee of gaafadhus Homaa siin hin jedhu Waan ta'e yaadadhus Waan tokko hin fedhu

Uffata kee ilaallaan Kuulamaa natti ta'e Dhoksee si jaalannaan Dhukkuba natti ta'e
Uffata kee ilaallaan Kuulamaa natti ta'e Dhoksee si jaalannaan Dhukkuba natti ta'e

Magaallee leeqaa jirtu Kuullee harka uumaa Hortee Jootee Tulluu Koortuu sanyii namaa Biyyaa-foo biyya biyya Wallaggaa jirtaaf malee Jirraa--foo jirra jirraa Walargaa dhibeef malee Ambootti naaf koottu Biyya gootonni mirree Biyya fakkeenya biyyaa Lafa loogoon hin jirree

Obsi! obsi yaa garaa ko Jarjaraan qalbii hin qabu Hirribaa ka'ee mugaa Obsaan bara eeggatee Aannan goromsaa dhugaa! Fakkeenya bifaaf malee Daaraaf daakuun firaaree? Kannisaan utuun hiddamiin Damma nyaachuun jiraaree? Ammayyuu deemaan jira Hin xumurre karaa koo Raafamtee na hin raasin Obsi obsi yaa garaa koo

"Haa hafu jedhanii Fira ofiitti hafu" jedhan.

Si yaaduun koo waan hin oolleef utuu garaan koo siif na roora'uu boqonnaa tokko malee deebi'ee si biraa deeme.
Si yaaduun koo waan hin oolleef utuu garaan koo siif na roora'uu boqonnaa tokko malee deebi'ee si biraa deeme.

Waa'eekee yoon yaadu Jechootatu tarraa'ee Dubbatamees miti Hin dhumu barraa'ee Jaalallee koo dhugaa Sidha Kan na mararu Waa'eekeen xiqqaate Yaaddoonis na dararu Dafqakee xab gochaa Akka bokkaa tiifuu Yaa Deessu bakkakee Kan du'aniim siifuu Hin danda'uuf malee Saggoottan si baadha Du'akee siif du'een Lubbuukoo siif laadha

Harka duwwaa jirra garuu Waan barbaachisaa hin dhabnu.!

photo content

Qalbiinkoo si biraaf Sagaleekee yaade At hin barreef malee Ture ergan si dhaade Onneekoo walakkaa Argama Kee goote Haasaaf qalbii qabdaaf Jaalalaan na moote Harra si argadhe Seeqakoo kaleessaa Atumti qofaa kee Waa hundaaf na geessa! Warqeekoof

Yeroo tokko tokko jireenya barbaannu barbaaduuf jecha, jireenya nu barbaachisu dhabna. Namni akka ta’u yoo dhabe, akka hin ta
Yeroo tokko tokko jireenya barbaannu barbaaduuf jecha, jireenya nu barbaachisu dhabna. Namni akka ta’u yoo dhabe, akka hin taane ta’a. Guddinni kamiyyuu adeemsa si gaafata. Guddachuuf waan lama si barbaachisa. innis; Obsa fi abdii horachuudha.

Baga Geessan Baga geenye! Kun Mallattoo Masqalaati Ayyaana Gaarii nuuf haa ta'u.
Baga Geessan Baga geenye! Kun Mallattoo Masqalaati Ayyaana Gaarii nuuf haa ta'u.

Masqalliif Galgalli Waakkii hin Qabu. Barri Dhiphana koo raawwateera. Maqaa Yesuusiin! Nama mul'ata keetti si jajjabeessu hiriyyaa gaarii siif haa kennu. Baga Jala Bultii Masqala Mootii Ayyaanaa Nagaan geessani. Barichi Bara Olka'insaa Haaraa Nuuf haa ta'u.

Na yaaduu kee caala Naa yaaduukee wayya Wal jala darbuu caalas Waliin jala darbuu wayya Na beekuu kee mannaa Naa beekuukee wayya Haalakoo

Si waliin gaaf tokko Abjuun seenaa taati Si waliin gaaf tokko Aduunis nuuf baati Nu waliin gaaf tokko Booriif karoorsina Nu w
Si waliin gaaf tokko Abjuun seenaa taati Si waliin gaaf tokko Aduunis nuuf baati Nu waliin gaaf tokko Booriif karoorsina Nu waliin gaaf tokko Wal waliif boonsina Anaaf at gaaf tokko Gaafa eegalle karaa Waanan yaadee yaadde Naaf barta siin baraa Guyyaa dhufu keessa Guyyaan tokko keenya Haalalatti hin hafnu Guyyaa sanan geenya! Lakki abjuu miti Kun karoora kooti Mucaa Hangar gamaa Kan onneekoof mootii! Gaaf tokko

Utuu waan fedhe ta'ee; nama si kabajuu fi nama si jaalatu jaalalaan qabdee hin miidhiin.💔

“Halkan hin bariinnee fi Guyyaan hin darbine hin jiru waan ta’eef, obsa filanne.” Jireenya keessatti rakkoon hundi yeroo isaa qaba. Har’a yoo dukkanaa’e, boruun ifa ta’uu danda’a. Waan si dhiphisu hundaaf furmaata yeroo sana keessatti argachuu baannus, obsaan turuun abdii kutachuu miti. Yeroo kee eeggadhu; wanti har’a ulfaataa fakkaatu boru hiika biraa qabaachuu danda’a.

Repost from Hiree koo
Achi fagoo teessee Waan ati naaf sarartu Taakkuu jaalalaa keessee Gubbaa dachee safartu "Sagaleebkee sana Kan nama mararu Dha
Achi fagoo teessee Waan ati naaf sarartu Taakkuu jaalalaa keessee Gubbaa dachee safartu "Sagaleebkee sana Kan nama mararu Dhageenyaan gammadee Dhabnaan na dararu; Amala kee sana Isa dilbii obsaa Na marartaam atoo Akkamittan dhoksa Ija kee arguufan Guyyaa lakkawwadha Yoo rabbi eeyyame Dhufnaan sin argadha" Jettee qalbiikoo urursaa Maaf nagaakoo uggurta Kan onneekoo kurkursaa Maaf fedhii koo gurgurta
Egereef waa kuufadhu
Suuraa ganna, 5 duraa ✍️Asgoraa👇👇👇👇👇👇 Walaloo fi jechoota jaalalaa,  gorsa hayyootaa fi jechoota xiinsammuu adda addaa argachuuf karaa liinkii asii gadii cuqaasuun #join godhaa nu hordofaa. 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/ForAllthingsEye