BOLE COMPLEX
前往频道在 Telegram
📈 Telegram 频道 BOLE COMPLEX 的分析概览
频道 BOLE COMPLEX (@bole_complex) 英语 语言赛道中的 是活跃参与者。目前社区聚集了 10 074 名订阅者,在 技术与应用 类别中位列第 11 144,并在 意大利 地区排名第 2 608 位。
📊 受众指标与增长动态
自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 10 074 名订阅者。
根据 21 十月, 2025 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 -193,过去 24 小时变化为 0,整体触达仍然可观。
- 认证状态: 未认证
- 互动率 (ER): 平均受众互动率为 0%。内容发布后 24 小时内通常能获得 N/A% 的反应,占订阅者总量。
- 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 0 次浏览,首日通常累积 0 次浏览。
- 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 0。
📝 描述与内容策略
作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
“Technology Channel”
凭借高频更新(最新数据采集于 22 十月, 2025),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 技术与应用 类别中的关键影响点。
10 074
订阅者
无数据24 小时
-307 天
-19330 天
帖子存档
10 074
Fuula duratti deemna
Ulee dhugaa qabannee
Wal hin gannu- irbuudha
Irbuu dhiigaa kakannee
Qottoo alagaan hin cittu
Hiddi Oromummaa keenya
Jabaadhaa wal jabeessaa
Bakka yaadne ni geenya
Halkan Gaarii
#Share
@Waloo_Leta
10 074
Onkoloolessi kun baay'ee qorraa jira. Anis qorra kanaaf jecha waan ho'aa wayii dhuguufan mana bunaa tokko seene.
Akkuman ajajadhee dhuguu jalqabeen namni haala gaariin uffatee miidhagee deemu tokko boorsaa qabatee dhufee fuula dura koo teessoo jirurra taa'e.
Wanti inni ajajate dhufeefii osoo hin turiin dubartiin biraan tokko dhuftee dura isaa dhaabbatte. Isheenis, "Abbaan warraa koo narraa du'eera. Qabeenyaan ittiin ijoollee guddisu hin qabu, na gargari" jetteen.
Namichiis iji koo osoo arguu birrii kuma 50 hidhaa hidhaa isaan lakkayee kenneef. Anis, maal kun namni gaariin akkasii jedheen ajaa'ibsiifadhe.
Xiqqoo turees namni biraan dhufe. Inni kun immoo dargaggeessa. Akkuma alaa ol-seeneen namicha teessoo dura koo jirurra taa'ee kana bira dhaqee hirqinfatee boo'uun "Abbaa fi haadha hin qabu. Jiraachuu hin dandeenye. Kanaaf waan ittiin bizinesii ofii koo jalqabee jiraadhu birrii kuma 40 naaf kenni" jedheen.
Namichiis osoo waa tokkoo itti hin dubbatiin miira gaddaatiin mataa asiifi achi raasuun boorsaa keessaa 'cheekii' ol fudhee mallatteessee kenneef.
Yoona kana ani nan na'e. Har'a kadhata koo dhaga'eetu Waaqayyoo anas nama kanas manaa baasee? jedheen of keessatti gumgume. Immimmaan akka naaf bu'uuf olfudheen shayee ho'aa dura koo nan unadhe osoo hin taane habbuuqqadhee liqimse.
Gubaa mar'imaniin ijikoo yoo imimmaan buusuu jalqabdu utaaleen teessoo koorra ka'e. Fuula nama kanaa dhabadheen, "Gooftaa koo ani hojii hin qabu. Ijoollee baay'een guddisaa jira. Hojii ofiikoo uummachuuf birriis, fira na gargaarus hin qabu. Maaloo birrii kuma 100 naaf kenni" yemmuun jedhu jedhu duuba kootii, kikiki... kakaka...qisqisqis...jedhanii yoo namoonni kolfanin dhaga'e. Mil'adhee yoon ilaalu kaameraatu jira.
Namichis, "Dhiifama obboleessoo fiilmii waraabaa jirra" naan jedhe.
Ayi anaa...
Nagaan bulaa mee!
~
(Olaansaa Waaqumaatu barreesse)
@Waloo_Leta
10 074
Inni Tokko
Gamoo Sobaa Keessa Rafa
Inni Dhugaaf Jedhe
Qullaatti Hafa
Inni Tokko Coomafi
Dhadhaan Of Bulbula
Inni Tokko Qorsoo Dhabee
Agabuu Bula
Garri Tokko Kutaafi Firaan Wal guddisa
Gara Tokko Rakoofi Yaaddotu Wal Quncisa
Inni Tokko Hucuu Sagal Qaba Manaa
Inni Tokko Daaree Moofaa Of Kafanaa
Ay Itoophiyaa Kanaa!
.
#Share
@Waloo_Leta
10 074
Karaa qajeelaa deemuuf
Qophee dalgaa kaawwattaa?
Gadda obboleessa keetiin
Gammachuu lakkaawwattaa?
Dhadhaan dhabe jettaaree?
Teessee utuu raaftuu dhama
Gaarii dacheerra guute
Ati maaf yaadde hamaa?
Bifti wal fakkaatuyyuu
Daakuufi daaraan firaaree?
Riqicha bososaarraan
Laga ce'uun jiraaree?
Dhugaan bultee ho'iti
Akka abidda dibaa
Karaan sobaan darbanis
Galatti nama dhiba!
#Share
@Waloo_Leta
10 074
Leta Kenei Aga
.
Wacatu guute ganda keessa
Haloo..haloo na dhageessaa?
Sagaleen kee ni fagaata
Ati eessuma jirta laataa?
- -
Gaafa sobni tulluu yaabu
Of bokoksee huuruu dhaabu
Jiruun ajaa'ee akka raqaa
Gaafa dabu murtoon haqaa
Yoo namni kee hidhaa taa'u
Tafkiifi geergoon irra yaa'u
Ooluufi buluun bitaacha'ee
Cabbiin adiin cilaatta'ee
Imimmaanshee gaaniin qeensaa
Gaafa boossu haati iyyeessaa...
- -
Kan callistee waadaa nyaattu
Eessa jirtaree hin owwaattuu?
Haloon jedheem..haloo "dhugaa"
Dubbadhu deebii keen eegaa!
#Share
@Waloo_Leta
10 074
Leta Kenei Aga
Mana farsootti seentee
Nyaachuuf hin yaadiin 'keekii'
Waanuma facaafte sana
Akka haammattu beeki...
Gaafa ittiin nama hidhuuf
Teessee micciirtu gaadii
Tarii waan sun fannoo kee
Akka siif ta'us yaadi!
~
Jaalala dhugaa awwaaltee
Utuu jibbaaf ragadduu
Utuu garbuutti maktee
Ingirdaada nagadduu...
Utuu gaarummaa dhiistee
Hamminaaf lafa haatuu
Abadan, nama hin taatu!
#Share
@Waloo_Leta
10 074
Ani maaluman koora
Rakkoon na gootee raatuu
Haa kooru kormi handaaqqoo
Kan foon mataatti baatu
Kan kutee nama hin laanne
Kan ofiisaas hin nyaanne!
-
Ani maaluman koora
Hiyyeessi carraan hokkoo
Haa kooru 'bashbash' jedhee
Kaabineen tokko tokko...
Kan dabtara aangoorratti
Lakkoofsumaaf guutamu
Kan aanaarraa ari'amee
Godinatti muudamu!
-
@waloo_Leta
10 074
Guyyaa xiiqii sana
Waltajjiitti baatee
Sagalee kiilolee
Gootummaadhaan maktee
Utaaltee….garmaamtee “Jirtuu” jette!
Ijoolleen Booranaa jirtuu?
Ijoolleen Gujii jirtuu?
Ijoolleen Baalee jirtuu?
Ijoolleen Arsii jirtuu?
Ijoolleen Walloo jirtuu?
Ijoolleen Jimmaa jirtuu?
Ijoolleen Iluu jirtuu?
Ijoolleen Wallaggaa jirtuu?
Ijoolleen Tuulamaa jirtuu?
Ijoolleen Maccaa jirtuu?
Ijoolleen Oromoo jirtuu? Jennaan,
“Eyyee jirra” jenne
“Eessa jirtu” jenneen
Bakkasaas sitti himne
Achi Boolee gubbaa
Handhuura Finfinnee!
Amma dabareen keenya
Nutu si gaafata
Haacee gaafa xiiqii
Atoo eessa jirta?
~
Meerre sagaleen kee
Inni nadhii dammaa?
Meerreree walleen kee
Mallattoon tokkummaa?
Meerre ilmi Hundeessaa
Siidaan Oromummaa?
Meerreeti dubbiin kee
Dubbiin seenaafi haqaa?
Inni ittiin nutti himtu
Hiika dammaafi raqaa?
Baroodduu akka leencaa
Dirriftuu akka bokkaa
Eessa jirta Haacee
Haacee gaafa morkaa?!
~
Goonni seenaa hojjete
Akka hin duune beekna
Jirtaa kee dhagahuuf
Ammayyuu si eegna!
@waloo_Leta
10 074
Youtube Irraattis walaloo Mimmiidhaguu nu biraa ni argattu
https://www.youtube.com/channel/UCQuyOqnWwJ1NASS7LkBy5iQ
10 074
Lapheen Inni Durii
Inni Hin Qabne Xurii...
Dhiigarraa Hojjatame
Dhiiga Kennaa Waaqaa
Nama Kan Ta'e Hundaaf
Balbala Isaa Saaqa!
--
Lapheen inni ammaa
Gagaan irri dammaa...
Birrii irraa hojjetame
Birrii abbaa dhibbaa
kanaaf sooreessa jaallatee
Hiyyeessammoo Jibba!
--
@Waloo_Leta
#share #share
10 074
Yeroon hamaas gaariis qabdi
Maal abbaasheef kutna abdii
Tokkoon bade tokkoon tola
Kan bor fayyutu har'a hokkola
Rakkinni kun tulluu miti
Ni godaanti - ni darbiti!
@Waloo_Leta
#share #share
10 074
Tabbi hin cabu seetee
Tabbarra hin ijaariin tabbi in' cabaa
Barri hin darbu seetee
Dalga na hin ilaaliin barri in' darbaa!
@Waloo_Leta
#share godhaa hunduu
10 074
Dhugaan....
~
Utuu gadi qabanii ol ka'a
Ni guddata - tulluu ta'a
Gabaabsuuf yaallaan dheerata
Gogsuuf jennaan jiidhee lata
Yoo quucarsan ni dagaaga
Dhoqqee dibnaanuu miidhaga
Awwaalle jennaan mul'ata
Afaan qabnaan - funyaaniin dubbata!
Dhugaan ilmoo Waaqa guddaati
Waaqni mootii nama hundaati!
#share
@Waloo_Leta
10 074
Afuuffaan madaa hin qoorsu
_ _
Dubbannaan dubbadhu
Uuuu...uuu jedhii iyyi
Dhugaa ati qabdu
Haa dhaga'u biyyi
Callisnaan callisi
Hidhii kees sassaabi
Mataa gad qabattee
Kan gumgumtu dhaabi!
_ _
Tatarsa'aa yaadaa ...
Shantamatti hiramtee
"Jedhuu - dhiisuu" jechaa
Shakkiidhaan diramtee
Fedhii namaa guutuuf
Of hin raasiin ceekuu
Afuuffaan yoomiyyuu
Madaa qoorsee hin beeku
@Waloo_Leta
Mee share itti roobsaa
10 074
Galma ga'uu yoo feete
Sodaa kee ofirraa diigi
Karuma amma qabatteen
Akka baaburaa fiigi
Baaburri karaa gadhiisee
Akkuma kufee cabu
Bultee harka laatta taanaan
Deemsi kee gatii hin qabu
Callaa borii haammachuuf
Akka margu qarmiin kee
Ofittummaa dhiisiitii
Qabadhu harka lammii kee
Baaburri wal qabatee
Inni boodaafi duraa
Ba'aa waggaa digdamaa
Gaaftokkotti xumura.
Wal harkisee deemeetuu
Rakkoo geejibaa hiika
Sibiilli lubbuu hin qabneyyu
Bu'aa tokkummaa beeka!
@Waloo_Leta
meerreree share gochuun
10 074
Harmee koo
Si haa barbaadan dhufanii
Gaafan dubbiif shakkame
Gartokkee keeti ani
Dhiiga keerraan argame!
Hiika onnee namummaa
Harmee kiyya yaa deessee
Maqaa koo dha'iin namni
Maqaa kee achi fageessee!
Safara lapheefi ribuu
Gaarummaa kee sanaafi
Si cinaatti waamamuun
Ulfinadha anaafi!
- -
Otuu dafqi kee cobuu
Jirbii rakkinaa footee
Ana bixxillee xiqqoo
Guddistee nama goote
Dhala koo - cuucee koo jettee
Afaan nadhii dubbatta
Furrii fi xurii koo wajjin
Arraabdee na dhungatta!
Sin jaalladha yoon jedhe
Kan kee hin baasu gatii
Naaf jiraadhu harmee koo
Eenyummaa koodha ati!
@Waloo_Leta
meerreree share share gochuun
