es
Feedback

¡No caigas en manos de tramposos! Telemetrio encuentra y marca estos canales 👉 Si quieres ver la etiqueta, suscríbete

BOLE COMPLEX

BOLE COMPLEX

Ir al canal en Telegram

Technology Channel

Mostrar más

📈 Análisis del canal de Telegram BOLE COMPLEX

El canal BOLE COMPLEX (@bole_complex) en el segmento lingüístico de Inglés es un actor destacado. Actualmente la comunidad reúne a 10 074 suscriptores, ocupando la posición 11 144 en la categoría Tecnologías y Aplicaciones y el puesto 2 608 en la región Italia.

📊 Métricas de audiencia y dinámica

Desde su creación el невідомо, el proyecto ha mostrado un crecimiento acelerado, reuniendo a 10 074 suscriptores.

Según los últimos datos del 21 octubre, 2025, el canal mantiene una actividad estable. En los últimos 30 días la variación de miembros fue de -193, y en las últimas 24 horas de 0, conservando un alto alcance.

  • Estado de verificación: No verificado
  • Tasa de interacción (ER): El promedio de interacción de la audiencia es 0%. Durante las primeras 24 horas tras publicar, el contenido suele obtener N/A% de reacciones respecto al total de suscriptores.
  • Alcance de las publicaciones: Cada publicación recibe en promedio 0 visualizaciones. En el primer día suele acumular 0 visualizaciones.
  • Reacciones e interacción: La audiencia responde de forma activa: el promedio de reacciones por publicación es 0.

📝 Descripción y política de contenido

El autor describe el recurso como un espacio para expresar opiniones subjetivas:
“Technology Channel”

Gracias a la alta frecuencia de actualizaciones (últimos datos recibidos el 22 octubre, 2025), el canal mantiene la vigencia y un amplio alcance. La analítica demuestra que la audiencia interactúa activamente con el contenido, lo que lo convierte en un punto de referencia dentro de la categoría Tecnologías y Aplicaciones.

10 074
Suscriptores
Sin datos24 horas
-307 días
-19330 días
Archivo de publicaciones
"Ollaan akkam bultee beeka, akkatti bule abbaatu beeka" jedha Oromoon koo

Fuula duratti deemna Ulee dhugaa qabannee Wal hin gannu- irbuudha Irbuu dhiigaa kakannee Qottoo alagaan hin cittu Hiddi Oromummaa keenya Jabaadhaa wal jabeessaa Bakka yaadne ni geenya Halkan Gaarii #Share @Waloo_Leta

Onkoloolessi kun baay'ee qorraa jira. Anis qorra kanaaf jecha waan ho'aa wayii dhuguufan mana bunaa tokko seene. Akkuman ajajadhee dhuguu jalqabeen namni haala gaariin uffatee miidhagee deemu tokko boorsaa qabatee dhufee fuula dura koo teessoo jirurra taa'e. Wanti inni ajajate dhufeefii osoo hin turiin dubartiin biraan tokko dhuftee dura isaa dhaabbatte. Isheenis, "Abbaan warraa koo narraa du'eera. Qabeenyaan ittiin ijoollee guddisu hin qabu, na gargari" jetteen. Namichiis iji koo osoo arguu birrii kuma 50 hidhaa hidhaa isaan lakkayee kenneef. Anis, maal kun namni gaariin akkasii jedheen ajaa'ibsiifadhe. Xiqqoo turees namni biraan dhufe. Inni kun immoo dargaggeessa. Akkuma alaa ol-seeneen namicha teessoo dura koo jirurra taa'ee kana bira dhaqee hirqinfatee boo'uun "Abbaa fi haadha hin qabu. Jiraachuu hin dandeenye. Kanaaf waan ittiin bizinesii ofii koo jalqabee jiraadhu birrii kuma 40 naaf kenni" jedheen. Namichiis osoo waa tokkoo itti hin dubbatiin miira gaddaatiin mataa asiifi achi raasuun boorsaa keessaa 'cheekii' ol fudhee mallatteessee kenneef. Yoona kana ani nan na'e. Har'a kadhata koo dhaga'eetu Waaqayyoo anas nama kanas manaa baasee? jedheen of keessatti gumgume. Immimmaan akka naaf bu'uuf olfudheen shayee ho'aa dura koo nan unadhe osoo hin taane habbuuqqadhee liqimse. Gubaa mar'imaniin ijikoo yoo imimmaan buusuu jalqabdu utaaleen teessoo koorra ka'e. Fuula nama kanaa dhabadheen, "Gooftaa koo ani hojii hin qabu. Ijoollee baay'een guddisaa jira. Hojii ofiikoo uummachuuf birriis, fira na gargaarus hin qabu. Maaloo birrii kuma 100 naaf kenni" yemmuun jedhu jedhu duuba kootii, kikiki... kakaka...qisqisqis...jedhanii yoo namoonni kolfanin dhaga'e. Mil'adhee yoon ilaalu kaameraatu jira. Namichis, "Dhiifama obboleessoo fiilmii waraabaa jirra" naan jedhe. Ayi anaa... Nagaan bulaa mee! ~ (Olaansaa Waaqumaatu barreesse) @Waloo_Leta

Inni Tokko Gamoo Sobaa Keessa Rafa Inni Dhugaaf Jedhe Qullaatti Hafa Inni Tokko Coomafi Dhadhaan Of Bulbula Inni Tokko Qorsoo Dhabee Agabuu Bula Garri Tokko Kutaafi Firaan Wal guddisa Gara Tokko Rakoofi Yaaddotu Wal Quncisa Inni Tokko Hucuu Sagal Qaba Manaa Inni Tokko Daaree Moofaa Of Kafanaa Ay Itoophiyaa Kanaa! . #Share @Waloo_Leta

Karaa qajeelaa deemuuf Qophee dalgaa kaawwattaa? Gadda obboleessa keetiin Gammachuu lakkaawwattaa? Dhadhaan dhabe jettaaree?
Karaa qajeelaa deemuuf Qophee dalgaa kaawwattaa? Gadda obboleessa keetiin Gammachuu lakkaawwattaa? Dhadhaan dhabe jettaaree? Teessee utuu raaftuu dhama Gaarii dacheerra guute Ati maaf yaadde hamaa? Bifti wal fakkaatuyyuu Daakuufi daaraan firaaree? Riqicha bososaarraan Laga ce'uun jiraaree? Dhugaan bultee ho'iti Akka abidda dibaa Karaan sobaan darbanis Galatti nama dhiba! #Share @Waloo_Leta

Naaf guddadhu Horaa koo
Naaf guddadhu Horaa koo

Leta Kenei Aga . Wacatu guute ganda keessa Haloo..haloo na dhageessaa? Sagaleen kee ni fagaata Ati eessuma jirta laataa? - - Gaafa sobni tulluu yaabu Of bokoksee huuruu dhaabu Jiruun ajaa'ee akka raqaa Gaafa dabu murtoon haqaa Yoo namni kee hidhaa taa'u Tafkiifi geergoon irra yaa'u Ooluufi buluun bitaacha'ee Cabbiin adiin cilaatta'ee Imimmaanshee gaaniin qeensaa Gaafa boossu haati iyyeessaa... - - Kan callistee waadaa nyaattu Eessa jirtaree hin owwaattuu? Haloon jedheem..haloo "dhugaa" Dubbadhu deebii keen eegaa! #Share @Waloo_Leta

Leta Kenei Aga Mana farsootti seentee Nyaachuuf hin yaadiin 'keekii' Waanuma facaafte sana Akka haammattu beeki... Gaafa itti
Leta Kenei Aga Mana farsootti seentee Nyaachuuf hin yaadiin 'keekii' Waanuma facaafte sana Akka haammattu beeki... Gaafa ittiin nama hidhuuf Teessee micciirtu gaadii Tarii waan sun fannoo kee Akka siif ta'us yaadi! ~ Jaalala dhugaa awwaaltee Utuu jibbaaf ragadduu Utuu garbuutti maktee Ingirdaada nagadduu... Utuu gaarummaa dhiistee Hamminaaf lafa haatuu Abadan, nama hin taatu! #Share @Waloo_Leta

Ani maaluman koora Rakkoon na gootee raatuu Haa kooru kormi handaaqqoo Kan foon mataatti baatu Kan kutee nama hin laanne Kan ofiisaas hin nyaanne! - Ani maaluman koora Hiyyeessi carraan hokkoo Haa kooru 'bashbash' jedhee Kaabineen tokko tokko... Kan dabtara aangoorratti Lakkoofsumaaf guutamu Kan aanaarraa ari'amee Godinatti muudamu! - @waloo_Leta

Guyyaa xiiqii sana Waltajjiitti baatee Sagalee kiilolee Gootummaadhaan maktee Utaaltee….garmaamtee “Jirtuu” jette! Ijoolleen Booranaa jirtuu? Ijoolleen Gujii jirtuu? Ijoolleen Baalee jirtuu? Ijoolleen Arsii jirtuu? Ijoolleen Walloo jirtuu? Ijoolleen Jimmaa jirtuu? Ijoolleen Iluu jirtuu? Ijoolleen Wallaggaa jirtuu? Ijoolleen Tuulamaa jirtuu? Ijoolleen Maccaa jirtuu? Ijoolleen Oromoo jirtuu? Jennaan, “Eyyee jirra” jenne “Eessa jirtu” jenneen Bakkasaas sitti himne Achi Boolee gubbaa Handhuura Finfinnee! Amma dabareen keenya Nutu si gaafata Haacee gaafa xiiqii Atoo eessa jirta? ~ Meerre sagaleen kee Inni nadhii dammaa? Meerreree walleen kee Mallattoon tokkummaa? Meerre ilmi Hundeessaa Siidaan Oromummaa? Meerreeti dubbiin kee Dubbiin seenaafi haqaa? Inni ittiin nutti himtu Hiika dammaafi raqaa? Baroodduu akka leencaa Dirriftuu akka bokkaa Eessa jirta Haacee Haacee gaafa morkaa?! ~ Goonni seenaa hojjete Akka hin duune beekna Jirtaa kee dhagahuuf Ammayyuu si eegna! @waloo_Leta

photo content

Youtube Irraattis walaloo Mimmiidhaguu nu biraa ni argattu https://www.youtube.com/channel/UCQuyOqnWwJ1NASS7LkBy5iQ

Lapheen Inni Durii Inni Hin Qabne Xurii... Dhiigarraa Hojjatame Dhiiga Kennaa Waaqaa Nama Kan Ta'e Hundaaf Balbala Isaa Saaqa! -- Lapheen inni ammaa Gagaan irri dammaa... Birrii irraa hojjetame Birrii abbaa dhibbaa kanaaf sooreessa jaallatee Hiyyeessammoo Jibba! -- @Waloo_Leta #share #share

Yeroon hamaas gaariis qabdi Maal abbaasheef kutna abdii Tokkoon bade tokkoon tola Kan bor fayyutu har'a hokkola Rakkinni kun tulluu miti Ni godaanti - ni darbiti! @Waloo_Leta #share #share

Tabbi hin cabu seetee Tabbarra hin ijaariin tabbi in' cabaa Barri hin darbu seetee Dalga na hin ilaaliin barri in' darbaa! @Waloo_Leta #share godhaa hunduu

Dhugaan.... ~ Utuu gadi qabanii ol ka'a Ni guddata - tulluu ta'a Gabaabsuuf yaallaan dheerata Gogsuuf jennaan jiidhee lata Yo
Dhugaan.... ~ Utuu gadi qabanii ol ka'a Ni guddata - tulluu ta'a Gabaabsuuf yaallaan dheerata Gogsuuf jennaan jiidhee lata Yoo quucarsan ni dagaaga Dhoqqee dibnaanuu miidhaga Awwaalle jennaan mul'ata Afaan qabnaan - funyaaniin dubbata! Dhugaan ilmoo Waaqa guddaati Waaqni mootii nama hundaati! #share @Waloo_Leta

Afuuffaan madaa hin qoorsu _ _ Dubbannaan dubbadhu Uuuu...uuu jedhii iyyi Dhugaa ati qabdu Haa dhaga'u biyyi Callisnaan callisi Hidhii kees sassaabi Mataa gad qabattee Kan gumgumtu dhaabi! _ _ Tatarsa'aa yaadaa ... Shantamatti hiramtee "Jedhuu - dhiisuu" jechaa Shakkiidhaan diramtee Fedhii namaa guutuuf Of hin raasiin ceekuu Afuuffaan yoomiyyuu Madaa qoorsee hin beeku @Waloo_Leta Mee share itti roobsaa

Galma ga'uu yoo feete Sodaa kee ofirraa diigi Karuma amma qabatteen Akka baaburaa fiigi Baaburri karaa gadhiisee Akkuma kufee cabu Bultee harka laatta taanaan Deemsi kee gatii hin qabu Callaa borii haammachuuf Akka margu qarmiin kee Ofittummaa dhiisiitii Qabadhu harka lammii kee Baaburri wal qabatee Inni boodaafi duraa Ba'aa waggaa digdamaa Gaaftokkotti xumura. Wal harkisee deemeetuu Rakkoo geejibaa hiika Sibiilli lubbuu hin qabneyyu Bu'aa tokkummaa beeka! @Waloo_Leta meerreree share gochuun

Harmee koo Si haa barbaadan dhufanii Gaafan dubbiif shakkame Gartokkee keeti ani Dhiiga keerraan argame! Hiika onnee namummaa Harmee kiyya yaa deessee Maqaa koo dha'iin namni Maqaa kee achi fageessee! Safara lapheefi ribuu Gaarummaa kee sanaafi Si cinaatti waamamuun Ulfinadha anaafi! - - Otuu dafqi kee cobuu Jirbii rakkinaa footee Ana bixxillee xiqqoo Guddistee nama goote Dhala koo - cuucee koo jettee Afaan nadhii dubbatta Furrii fi xurii koo wajjin Arraabdee na dhungatta! Sin jaalladha yoon jedhe Kan kee hin baasu gatii Naaf jiraadhu harmee koo Eenyummaa koodha ati! @Waloo_Leta meerreree share share gochuun

sticker.webp0.23 KB