ch
Feedback

不要被骗子欺骗!Telemetrio 会找到并标记这些频道 👉 如果想查看标记,请订阅

BOLE COMPLEX

BOLE COMPLEX

前往频道在 Telegram

Technology Channel

显示更多

📈 Telegram 频道 BOLE COMPLEX 的分析概览

频道 BOLE COMPLEX (@bole_complex) 英语 语言赛道中的 是活跃参与者。目前社区聚集了 10 074 名订阅者,在 技术与应用 类别中位列第 11 144,并在 意大利 地区排名第 2 608 位。

📊 受众指标与增长动态

自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 10 074 名订阅者。

根据 21 十月, 2025 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 -193,过去 24 小时变化为 0,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 0%。内容发布后 24 小时内通常能获得 N/A% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 0 次浏览,首日通常累积 0 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 0。

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
“Technology Channel”

凭借高频更新(最新数据采集于 22 十月, 2025),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 技术与应用 类别中的关键影响点。

10 074
订阅者
无数据24 小时
-307 天
-19330 天
帖子存档
Mul'atniifi kaayyoon kee Gaafa ta'u gabaabaa Utuma ati achi hin ga'iin Jinniin mataa si yaaba. Gaafa qalbiin si danqu Abjuudh
Mul'atniifi kaayyoon kee Gaafa ta'u gabaabaa Utuma ati achi hin ga'iin Jinniin mataa si yaaba. Gaafa qalbiin si danqu Abjuudhaan cooma waadda Takka mar'achuu hawwita Takka barooduu yaadda. Gaafa gabaa ormaa deemtu Baattee qalqalloofi 'kittaa' Diyaamandiidha seetee Buqqee tortoraa bitta! ~ Bara toles - bara ones Kana beeki yaa tiruu Lammii keef of kennuurra Kabajni caalu hin jiru! @Waloo_Leta #share godhaa malee Artiin keessan yaa guddatu

Barri gaariis, hamaas qabdi Maal abbaasheef kutu abdii... Tokkoon bade - tokkoon tola Kan bor fayyutu har'a hokkola Rakkinni immoo tulluu miti Ni godaanti - ni darbiti Kaayyoon takkaan galma hin ga'u Bubbulanii nama ta'u! @Waloo_Leta Share gochuu aadaa yaa godhannu

Qotiyyoonni kun namichaan akkas jechaa jiruu laata? ~ Hin qoosiin yaa namichoo Hin qoosiin mee yaa qottuu Akka qajeellu feenaan Ofii qajeelii kottu Nama akka maqaa ta'i Sitti himnaa nu dhaga'i... Xaafii, garbuufi mishingaan Dilbii goone mana kee Bajjiifi humburoo qonnee Siif nyaachifne dhala kee Maaf fooriccee lallabdee Maqaa hin jirreen nu waamta? Duuba keenya naannoftee Maaf qacceedhaan nu dhaanta? ~ Arfaasaa 'gindii' soofta Bona 'digarii' soofta Harqoota nurra keessee Asiifi achi nu hoofta... Tooftaan kee hin jijjiiramu Barri darbus bararraa Nuuf game - nutti ulfaate Hin dandeenyu kanarra! Wanti barbaade haa dhufu Duunee badna maleessaa Qacceedhaan waxalamaa Hin qonnu akka kaleessaa! @Waloo_Leta Jarana Oromummaa keessaan cinaa dhaabbadhaa #share gochuun

photo content

Yoo miilaa malee Cinaachi hin fiigu Yoo hiddaa malee Xannachi hin dhiigu Alagaa beekna Kan gaafa kolfaa Ayi lammii ofii Kan g
Yoo miilaa malee Cinaachi hin fiigu Yoo hiddaa malee Xannachi hin dhiigu Alagaa beekna Kan gaafa kolfaa Ayi lammii ofii Kan gaafa golfaa! . . Itti hin darbatiin Qottee hallayyaa Qajeelaa ta'us; kabeelaa ta'us Lammii kee wayya! #share gochuun wal biraan naaf ga'aa @Waloo_Leta

"Harargummaan lafa - Oromummaan nafa" jedhan warri Harargee! Animmoo kana dura walaloo koo keessatti akkas jedheen ture: ~ Wal horree baay'anneetuu Gargar facaane malee Kaan aanaa taanee - Kaanis godina taane malee Hiddaanis ta'e jilbaan Gargar miti gonkumaa Eessayyuu yoo jiraate Oromoon koo tokkuma! ~ "Isaan kun warra Gujii Isaan sun warra Iluu" Jettee ishee nu ciccirtu Jinniin mataatti haa galu "Isaan kun warra Booranaa Isaan sun warra Jimmaa" Jettee isheen nu qoqqooddu Haa taatu nyaata rirmaa! "Isaan sun warra Arsii Isaan kuni Baaleedha" Jettee isheen nu qoqqooddu Hiika hin qabdu gaaleedha "Isaan kun warra Shawaa Isaan sun kan Wallaggaa" Jettee ishee nu facaastuuf Waaqnuu hin sifeessiin dhangaa "Isaan kun warra Walloo Isaan kun warra Harargee" Jettee kan nu facaastu haadhoo re'ee haa fakkaattu Eegeefi gaafni itti margee! ~ Warra gamanaa miti Warra gamasiis miti Hortee hidda abbaa tokkoo Oromoodha nu marti! Eenyummaa dhugaan bula Ijaarsa sobaa diiga Oromoo kan tokko godhu Siyaasa miti - dhiiga! @Waloo_Leta Share waliif godhaa

Gorsa Kooti Dabaan haguugamtullee Aduun dhugaa ni baati Rakkoofi gidiraan har'aa Bor bultee seenaa taati... Barris, namnis ni
Gorsa Kooti Dabaan haguugamtullee Aduun dhugaa ni baati Rakkoofi gidiraan har'aa Bor bultee seenaa taati... Barris, namnis ni darbaa Hin shakkiin yaa qaxalee Kan iddootti hafu hin jiru Waaqa tokkicha malee! @Waloo_Leta Share gochuun wal biraan naaf ga'aa

Ani Obboleessi Kee Ani obboleessi kee Lataa ilmi Qana'ii Gadi qabeen sitti hima Gadi qabii dhaga'i... "Hin ta'u" jedhii didi Afaan qabi gomattuu Tokkummaa kee kaleessaa Hin sharafiin homattuu! Kaleessa: Waan akka dhagaa jabaatu Sukkuumtee daakuu hin goonee? Harka kee qullaa baatee Taankiifi rasaasa hin moonee? Tulluu sobaan dhaabbate Buqqiftee hin gangalchinee Warra iddoottin si galcha jedhe Ati iddootti hin galchinee? Har'a: Walirra faffagaachuuf Maaf uuruu dheerafatta? Dhiiga kee gedderta moo Hidda kee kuttee gatta? Utuma ooltee hin buliin Galmee seenaa awwaaltee? Tokkummaan kee diigamnaan Akka cabdu wallaaltee? Lakkii adda hin faca'iin Akka ilmoolee bofaa Waaqaa gaditti kan si kabachiisu Tokko ta'uu kee qofa! @Waloo_Leta Share Waliif Godhaa.