ch
Feedback
Mubarak Awel

Mubarak Awel

前往频道在 Telegram

"From the river to the sea,Palestine will be free'' 🇵🇸✌️

显示更多
1 681
订阅者
-124 小时
+57
-1230
帖子存档
Rio Ferdinaad :- Lamine Yamal yaadde-ssituudha ! -Yeroo isiin kubbaa to'attu miira woyiitu namatti dhagahama, anuu akkasii taphatoonni sarara ittisaa maal ta'u laata ?. Tarii taphataa sarara ittisaa waanan tureef ta'een beeku. Dhugumatti naaf gala waa'ee isaa dubbachuuf yeroon akka hin geenye, -Sha*kkii tokko male wanti nuti irratti walii galuu dandeenyu (Lamine Yamal) Super Feature Star 🌟 addunyaa kubbaa miilaa egeree ta'uu isiiti. Kanaafuu Spain 🇪🇸 Lamine Yamal waliin Champioyoonaa addunyaa ta'uu dandeessi !! ------- Taateewwan waancaa addunyaa 2026 ffaa dirree kubbaa miilaa fi dirree kubbaa miilaatin ala ta'an, saffisa yerootiin argachuuf Chaanaalii Telegramii kiyyaa #Join gochuun yeroo hundumaa hordofaa. 👉 t.me/mubarak_awel FIFA World Cup #FIFAWorldCup #spain #france #portugal #england #argentina #footballfans

Lamine Yamal 💥 Feature Star 🌟 Umirii isaa 18 titti waancaa addunyaa irratti yeroo jalqabaatiif hirmaataa kan jiru Urjiin ad
+2
Lamine Yamal 💥 Feature Star 🌟 Umirii isaa 18 titti waancaa addunyaa irratti yeroo jalqabaatiif hirmaataa kan jiru Urjiin addunyaa kubbaa miilaa yeroo ammaa Lamine Yamal ofii isaatiifis garee isaa Spain 🇪🇸 fis goolii isaa jalqabaa Saudi Arabia irratti galcheera. Akkasuma Lamine Yamal goolii isaa jalqabaa erga galchee Rabbiif Suu-jida bu'uun gammachuu isaa ibsateera. Deeggartoonni garee biyyooleessa ispeen Stadium guutuu irraa maqaa isaa waamuun faarsaa jiru. FIFA World Cup #FIFAWorldCup #spain #france #portugal #england #argentina #footballfans

Lionel Meesiin :- 💥Badii kallatiidhaan kaardii diimaa kennisisu hojjate, garuu meesii waan ta'ef VAR iyyuu check osoo hin godhamin hafe. Taphataa Riyaal Maadrid duraanii "Marcelo Vieira Da Silva" Meesiin halkan edaa tapha hatrikii hojjate irratti taphataa Algeria 🇩🇿 irratti duubarraan badii kaardii diimaa kallattii isa agarsisu hojjate. - Dursaa garee biyyaalessa Algeria Riyaad Mahrez dabalatee taphattoonni fi Leenjisaan Algeria abbaa murteen taphicha dhaabee adabbii akka kennu gaafatanis hin milkoofnu. -Kanuma hordofee taphattoonni kubbaa miilaa addunyaa bebbeekamoon duraanii "Meesiidhaaf" akkam kaardiin diimaan hin kennamne jechuun FIFA irratti qeeqa kaasaniiru. -Meesiin ilm*a FIFA ti ⚽️, kanaafuu isaaf kaardiin Kelloos, kaardiin diimaanis hin kennamu jechuun qeeqa jabaa FIFA irratti kaasaaru. -Haalli sun sirriitti kaardii diimaa kennisisa ture, garuu maal godha balleessaa sana kan raawwate "Ilm*a FIFA ( Meesii) dha. Kanaafuu adabbiin tokkoollee hin kennamuufi, VARis check hin godhamu.Jechuun taphataan sarara ittisaa Riyaal Maadrid duraanii (Marcelo Vieira Da Silva) yaada isaa miidiyaa "SportTV" jedhamu irratti kenneera. """""""""" Taateewwan waancaa addunyaa 2026 ffaa dirree kubbaa miilaa fi dirree kubbaa miilaatin ala ta'an, saffisa yerootiin argachuuf Chaanaalii Telegramii kiyyaa #Join gochuun yeroo hundumaa hordofaa. 👉 t.me/mubarak_awel 💥

"Laga irraa hanga galaanaatti, Falasxiin bilisummaa ni argatti." 🇵🇸✌️ 👇👇👇 https://www.facebook.com/mubaarak.awel
"Laga irraa hanga galaanaatti, Falasxiin bilisummaa ni argatti." 🇵🇸✌️ 👇👇👇 https://www.facebook.com/mubaarak.awel

Elon Musk (CEO, Tesla) qabeenya dooraala Trillion ol horachuun seenaa kana dura takkaa hojjatamee hin beekne hojjachuu isaatu
Elon Musk (CEO, Tesla) qabeenya dooraala Trillion ol horachuun seenaa kana dura takkaa hojjatamee hin beekne hojjachuu isaatu gabaafamaa jira. Wanti nama ajaaibu qabeenya Elan Musk horate osoon ta'in Amantii inni hordofuudha. Namni osoo Muslima ta'ee qabeenya isaarraa Parsantaa %2.5 qofa Zakaaf baasee. -Hiyyeessota addunyaa kanarra juran hundaa tokko tokkoon beela baasuu danda'a, Addunyaan kanumakaa osoo namni tokko aalama guutuu parsaantaa %2.5 qofaan beela baasuu danda'u hiyyeessota biliyoonootaan lakkaa'aman waan daabboo tokko ittiin bitatan dhabanii ag*abuu bulu. Qabeenya Muslimaa keessa haqa rakkataa fi harka qalleeyyiitu jira. وَفِي أَمْوَالِهِمْ حَقٌّ لِّلسَّائِلِ وَالْمَحْرُومِ 👉 t.me/mubarak_awel

Taatee seena-qabeessa wol-dorgommii waancaa addunyaa 2026' ffaa, fi sabboonummaa garee biyyaalessa Senegal 🇸🇳 kan addunyaa
+4
Taatee seena-qabeessa wol-dorgommii waancaa addunyaa 2026' ffaa, fi sabboonummaa garee biyyaalessa Senegal 🇸🇳 kan addunyaa ajaaibsise.

Dhorka humnoota nageenyaa fi deebii leenjisaa garee biyyaalessa Senegal 🇸🇳 , taatee seena-qabeessa wol-dorgommii waancaa addunyaa 2026 ffaa dirreedhaan alaa. Kunooti 👇 - Guyyaa gaafa jimaataa qilleensa baayyee ham*aa ta'etu Ameerikaa kutaa bulchiinsa #New_jersey keessatti qilleensa'aa ture jedhan. - Sababa kanaa humni nageenyaa nageenya hirmaattoota waancaa addunyaatiif jecha namni kamuu bakka turtii isaarraa,ykn hoteela keessaa gara alaatti akka hin baane dhorka kaa'e. -Haaluma kana keessatti yeroon salaata jum'aa gaha, Leenjisaa Seenagaal , miseensota boordii akkasuma taphattoota garee biyyaalessa Senegal 🇸🇳 dabalatee hunduu dhorka humnoonni nageenyaa kaa'an ca*bsanii Hoteelaan ala bahanii masjida deemanii Salaata juma'aa salaatan. -Taatee kana ilaalchisee Gaazexeessaan leenjisaa garee biyyaalessa Senegal (Pape Bouna Thiaw) akkas jedhee gaafate. Gaazexeessaa :- maaliif dhorka humna nageenyaa sodaachuu dhiftanii hoteelaan ala baatanii jum'aa salaattu ? - Pape Bouna Thiaw :- Salaatan ala wanti dirqama ta'eefi barbaachiisaa ta'e jira jettee yaaddaa ? Dhugumatti gaaffiin kun si ilaallata jedhee hin amanu, -Ati hafa*rsaa qilleensaa sodaatta, nuti ammoo mootii qilleensa sana uumee, akka humnaan qilleensa'u taasise gooftaa kootiif kee sodaanna. Kan nuti asitti argamne kubbaa bashannanaa taphachuufi, garuu kubbaa taphachuuf jennee sababa uumamneef hin dagannu. -Osoo guyyaan har'aa kun xumura waancaa addunyaa ta'ee, osoo nutimmoo morkataa xumuraa wancaa kanaa taanee , taphicha dhabuun kasaaraaf nusaaxiluu danda'us Salaata salaatuun dirqaama nutti ta'a ture, Mubarak Awel 👈 "Mee yoo dubbii leenjisaa garee biyyaalessa Senegal kun isinitti tole barruu kana Like Follow Share gochuun namoota baayyee biraan gahaa. Taateewwan waancaa addunyaa 2026 ffaa dirree kubbaa miilaa fi dirree kubbaa miilaatin ala ta'an, saffisa yerootiin argachuuf Chaanaalii Telegramii kiyyaa #Join gochuun yeroo hundumaa hordofaa. 👉 t.me/mubarak_awel FIFA World Cup #FIFAWorldCup #spain #france #portugal #england #argentina #footballfans Mubarak H Abujihad 💥⚽️🏆🤚

"Nuti garee kamiifuu sodaa hin qabnu , nuti Biraazilota Afrikaa jedhamnee waamamna'' dursaa garee biyyaalessa Morookoo Ashraf
"Nuti garee kamiifuu sodaa hin qabnu , nuti Biraazilota Afrikaa jedhamnee waamamna'' dursaa garee biyyaalessa Morookoo Ashraf Haakimiitu jedhe. "Nuti hin tilmaamamnu, tilmaama oli, Gareen biyyaalessaa Biraazil baayyee cimaa akka ta'e namni hundi ni beeka, garuu Morookoon gareewwan ciccimoo waliin falmachuuf taphattoota dandeettii cimaa qaban qabdi" Gareen biyyaalessa morookoo Rammaddii C jalatti halkan walakkaa har'aa akka lakkoofsa Ethiopia tti sa'aatii 7:00 tti. Tapha Waancaa Addunyaa 2026 kan jalqabaa Biraazil waliin ni morkatti. Mubarak Awel 👈 Ramaddii C kana jalatti Braazil,Morocco ,Haiti fi Scotland waliin ramadamanii jiru. Taateewwan waancaa addunyaa 2026 ffaa dirree kubbaa miilaa fi dirree kubbaa miilaatin ala ta'an, saffisa yerootiin argachuuf Chaanaalii Telegramii kiyyaa #Join gochuun yeroo hundumaa hordofaa. 👉 t.me/mubarak_awel FIFA World Cup #FIFAWorldCup #spain #france #portugal #england #argentina #footballfans Mubarak H Abujihad

Taateewwan waancaa addunyaa 2026 ffaa dirree kubbaa miilaa fi dirree kubbaa miilaatin ala ta'an, saffisa yerootiin argachuuf Chaanaalii Telegramii kiyyaa #Join gochuun yeroo hundumaa hordofaa. 👉 t.me/mubarak_awel

Waggaa sadii fi walakkaa akka har'aa Qatar Dohaatti sirni baniinsa waancaa addunyaa 2022'ffaa kan yeroo kamuu caalaa gita kan
Waggaa sadii fi walakkaa akka har'aa Qatar Dohaatti sirni baniinsa waancaa addunyaa 2022'ffaa kan yeroo kamuu caalaa gita kan hin qabneedh, gammachiisaa fi bashannansiisaa ture, yaadannoo seenaa addunyaa kubbaa miilaati,jechuun addunyaa ragaa bahaa jiru. Sirnicha irratti agarsisni Aktara filmii beekamaan Amerikaa Morgan Freeman agarsiisee fi qaraa*tiin Quraanaa (Ghanim Al-Muftah) qara'e Seenaa sirna baniinsa waancaa addunyaa kan yeroo hundumaa keessaa yaadannoo kulla yoomii ta'ee galmaa’eera. يَـٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَـٰكُم مِّن ذَكَرٍ وَأُنثَىٰ وَجَعَلْنَـٰكُمْ شُعُوبًا وَقَبَآئِلَ لِتَعَارَفُوٓا۟ ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِندَ ٱللَّهِ أَتْقَىٰكُمْ ۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumneeti, akka wal beektaniif jecha sabootaafi gosoota isin taasifne. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani. Rabbiin beekaa keessa hubataadha. Surah 49, Ayah 13 #FIFAWorldCup #spain #france #portugal #england #argentina #footballfans

Karra eegaan garee biyyaalessa South Africa 🇿🇦 Ronwen Williams ergaa onnee nama ca*bsu Afrikaanotaaf dabarseera. - Yeroo wa
Karra eegaan garee biyyaalessa South Africa 🇿🇦 Ronwen Williams ergaa onnee nama ca*bsu Afrikaanotaaf dabarseera. - Yeroo waktii waancaa addunyaa hundumaa biyyoonni Afrikaa kanneen kan yeroo deeggaran ni argina. Hata'u male yeroo nuti dorgommii qabnu namni nuuf jecha dirree seenee nu jajjabeessu hin jiru. -Nuti biyyoota afrikaa kaanirraa waan adda baafamnuuf ilaalamnuuf naaf hin galu. -Kannee har'a dirree seenan muraasni Mexico 🇲🇽 deeggaraa fi jajjabeessaa turan, yeroo teamiin keenya kubbaa to'ate nutti iy*yaa turan. -Dhugaan an bo'ichaaf dhihaadheen ture, baayyee miira keessa seeneen ture, nama aa*rsa , bakka kana gahuuf gatii guddaa kaffalla, salphaatti Wol-dorgommii kana keessaa bahuu hin barbaannu, jabaannee deebina, Afrikaanonni wal-jajjabeessuu qabna. Taateewwan waancaa addunyaa 2026 ffaa dirree kubbaa miilaa fi dirree kubbaa miilaatin ala ta'an, saffisa yerootiin argachuuf Chaanaalii Telegramii kiyyaa #Join gochuun yeroo hundumaa hordofaa. 👉 t.me/mubarak_awel

Guyyaa Juma'aa Gaarii !!

Sirni Baniinsaa Wol-dorgommii Waancaa Addunyaa Qatar 🇶🇦 2022 ffaa. Seenaa kubbaa miilaa keessatti yeroo kaamuu hawwataa fi
Sirni Baniinsaa Wol-dorgommii Waancaa Addunyaa Qatar 🇶🇦 2022 ffaa. Seenaa kubbaa miilaa keessatti yeroo kaamuu hawwataa fi yaadatamaa ta'ee jiraata. Akkasuma ilmi namaa wol-qixa ta'uu, garaa garummaan biifaa fi gosaa akka wal beeknuf male akka itti wal tuffannuuf akka hin taane addunyaa barsiisee darbeera. Aktarri filmii beekamaan Amerikaa Morgan Freeman fi Ghanim Al-Muftah waliin ta'anii agarsisni isaan agarsiisan seenaa hundumaa keessaa yaadannoo kulla yoomii ta'ee galmaa’eera. يَـٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَـٰكُم مِّن ذَكَرٍ وَأُنثَىٰ وَجَعَلْنَـٰكُمْ شُعُوبًا وَقَبَآئِلَ لِتَعَارَفُوٓا۟ ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِندَ ٱللَّهِ أَتْقَىٰكُمْ ۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumneeti, akka wal beektaniif jecha sabootaafi gosoota isin taasifne. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani. Rabbiin beekaa keessa hubataadha. Surah 49, Ayah 13 FIFA World Cup #FIFAWorldCup #spain #france #portugal #england #argentina #football

Agarsiisni sirna baniinsa waancaa addunyaa 2026 ffaa meeksikootti gaggeeffamaa jira.
+7
Agarsiisni sirna baniinsa waancaa addunyaa 2026 ffaa meeksikootti gaggeeffamaa jira.

"Yaadannoo sirna baniinsa waancaa addunyaa Qatar 🇶🇦 💥🏆⚽️ " Sirna Baniinsa waancaa addunyaa 2022 Qatar 🇶🇦 Dohaatti qopha
+2
"Yaadannoo sirna baniinsa waancaa addunyaa Qatar 🇶🇦 💥🏆⚽️ " Sirna Baniinsa waancaa addunyaa 2022 Qatar 🇶🇦 Dohaatti qophaa'e kan gitu hin jiraatu jedhamaara. Sirni baniinsaa waancaa addunyaa Qatar 2022 seeenaa aadaa,kabajaa fi wol-qixxummaa amantaan islaamaa ilmaa namaatiif qabu kan agarsiiseedha. Qatar biyya parsantaa 100 amantaa islaamaa hordoftu ta'uu isiitiin waancaa 2022 sana qopheessuu akka hin qabne mormiin cimaan taasifameera. Hata'u male QATAR 🇶🇦 baniinsa waancaa addunyaa 2022 sana irratti sagantaa ajaaibaa qopheessuun kanneen isii mormaa turan afaan qabachiifte. Waancaa addunyaa 2022 haala ho'aan jalqabee injifannoo Arjantiinaafi Meesiitiin raawwatame seenaa FIFA keessatti kan yeroo hundumaaa yaadatamaa jiraatu ta'ee darbeera. Har'a ammoo :- Sirnoonni baniinsaa Waancaa Addunyaa 2026 magaalota adda addaa saditti ni raawwatama. Waancaan Addunyaa 23ffaan yeroo jalqabaatiif seenaa keessatti, magaalota saditti banamuuf deema.

Taateewwan dirree kubbaa miilaa keessatti ta'an keessaa kanneen yeroo kamuu dagatamuu hin dandeenyetu ta'e. Taphataan kun Christian Eriksen jedhama, urjii Tottenham ture, gara Manchester United deemee taphateera. Urjii garee biyyaalessa Denmark 🇩🇰. Kaleessa galagala tapha michumaa FIFA World Cup Denmark fi Ukraine 🇺🇦 jiddutti taasifamaa jiruun dursaa taphattoota garee biyyaalessa Denmark ta'ee dirree seene. Booda dhibee tasaatiin dirree keessatti ku*fee ambulance 🚑 fuudhamee gara hospitaalaa deem. kun qoosaa miti. Taatee dhugumaati, taphattoonni tokko tokko dhibee isaaniirra kubbaa miilaa dhaabuu yaadda'u, (Cristian Ericsson) reefuu umurii isaa 34, Robert Lewandowski, umuriin isaa 40 , Lionel Meesiin Umuriin isaa 38, Cristiano Ronaldo umuriin isaa 41 ,tti gahumsa olaanaan taphataa jiru.. Garuu Cristian Ericsson osoo kubbaa miilaa jaallatu dirqama dhaabuu qaba. Mubarak H Abujihad 👈💥⚽️🏆✨️ #FIFAWorldCup #spain #france #portugal #england #argentina #footballfans #LikeFollowShare

Woldorgommiin waancaa addunyaa jalqabuuf torbee tokko qofatu hafe 🏆 💥 ⚽️ 🌎
Woldorgommiin waancaa addunyaa jalqabuuf torbee tokko qofatu hafe 🏆 💥 ⚽️ 🌎

"Waancaan addunyaa jalqabuuf torbee tokko qofatu hafe" 🏆 💥 ⚽️ 🌎 Seenaa Waancaa Addunyaa FIFA (FIFA World Cup) gabaabinaan kunooti. Wal-dorgommiin waancaa addunyaa yeroo jalqabaatiif bara 1930 jalqabe. Innis qopheessummaa ardii laatin Amerikaa biyya uruguay 🇺🇾 'n waggaa 96 dura tokko jedhee jalqabe; Yeroo sana biyyoota 13 qofa waldorgommii kana irratti hirmaatan. Waancaa jalqabaa sanas biyyuma Uruguay'tu injifatte. Bara 1930 – Waancaan Addunyaa jalqabaa Uruguay'tti qophaa'e. 1934 – Italy 🇮🇹 irratti geggeeffame; Italy dhumti moo'atte. 1942 fi 1946 – Sababa waa*raana addunyaa (World*War) osoo hin geggeeffamiin hafe. 1958 – Peeléen umurii isaa waggaa 17 Brazil 🇧🇷 waliin waancaa addunyaa mo'ate. 1970 – Brazil ammas waancaa addunyaa moo'atte. 1986 – Diego Maradona Argentinaaf waancaa mo'ate. 1998 –irraa jalqabee Lakkoofsi biyyoota wal-dorgommii waancaa addunyaa irratti hirmaachuu qabanuu biyyoota 24 irraa gara 32tti ol-guddate. 2022 –yeroo jalqabaatiif baha giddu-galeessaa Qatar 🇶🇦 Dohaatti qophaa'uun haala ajaaibaatiin geggeeffame; biyyi Argentina 🇦🇷 waancaa sadaffaa mo'atte, Kubbaan miilaa Lionel Mesiif galata guddaa galchite. Tarree Biyyoota Waancaa Addunyaa kana irra Caalaatti mo'atanii:- Braazil –yeroo 5 Germany –yeroo 4 Italy –yeroo 4 Argentina –yeroo 3 France – yeroo 2 Uruguay – yeroo 2 Waancaan Addunyaa bara 2026 United States, Canada fi Mexico tu waliin qopheessan. Biyyoonni waancaa addunyaa knackered irratti Hirmaatan 32 irraa gara 48 tiitti ol guddataniiru. "Wol-dorgommiin waancaa addunyaa jalqabuuf torbee tokko qofatu hafe"🏆 💥 ⚽️ 🌎 👉 t.me/mubarak_awel

Filannoo Ethiopia 🇪🇹 ilaalchisee yaada Ilhaan Omer dabarsite:- Mootummaan Itoophiyaa filannoo bilisaa fi haqa qabeessa taʼe
+3
Filannoo Ethiopia 🇪🇹 ilaalchisee yaada Ilhaan Omer dabarsite:- Mootummaan Itoophiyaa filannoo bilisaa fi haqa qabeessa taʼe, fedhii uummataa dhugumaan calaqqisiisu mirkaneessuu qaba. Uummanni Itoophiyaa mootummaa fi bulchiinsa isaanii gara fuulduraatti filachuuf mirga isaanitti faayaamuu qabu. Waggoota dheeraaf jeequ*msaa fi gidi*raa keessa erga turaniiru, Ammaan booda, nagaa, haqaa fi sagalee isaanii bilisa taʼeen kabaja argachuu qabu. Telegram:- 👉 t.me/mubarak_awel