ch
Feedback
FOCUS KITTOO FURDISA

FOCUS KITTOO FURDISA

前往频道在 Telegram

...................FOCUS KITTO FURDISA............... Welcome to the official Telegram channel of FOCUS Ministry – Jimma University (JIT) Kitto Furdisa Branch. FOCUS KITTO FURDISA 💳 CBE ACCOUNT :1000197541974  

显示更多
1 260
订阅者
无数据24 小时
+97
+4230
帖子存档
🔊Christology Continuous Teaching #Part10 🔻THE INCARNATION OF THE WOR Audion barumsa #Christology #part10 akka kanatti qophaa'ee jira. 📌Barumsi kuni barnoota kana booda barannuuf hundee waan ta'eef  sirriitti akka hordoftan isin yaadachiifna. 🔸Akkasumallee HIRIYYOOTA keessan kamillee hirmaachisuu akka hin daganne. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

Fayyisaan keenya Waaqa jabaa waan ta'eef isa irratti guutummaatti amananna. ❤️ Jaalala Waaqayyo ofii isaa gara keenya dhufe. Kanaaf jaalala isaa guddaa hubanna. 🙇 Gad Of Qabuu Kiristoos akka of gad qabetti nutis of gad qabnee tajaajiluu qabna. 📌 Cuunfaa Foon uffachuun(Incarnation) jechuun: ✝️ Ilmi Waaqayyoo Waaqummaa isaa osoo hin dhiisin nama dhugaa ta'ee dhalachuu isaa jechuudha. Yesuus: 👑 Waaqa guutuu dha. 👤 Nama guutuu dha. ✝️ Nama tokko qofa dha. Foon uffachuun(Incarnation) jaalala Waaqayyoo, gad of qabuu Kiristoos, fi karoora fayyinaa Waaqayyoo ifatti mul'isa. "Sagalichis nama foonii ta'ee, (Yohaannis 1:14) Kanaaf yeroo Yesuus ilaallu, Waaqayyo nama ta'ee nu gidduu jiraate argina. Inni Waaqummaa isaa hin dhiifne; namummaa guutuu fudhatee cubbuu malee jiraate, bakka keenya du'ee ka'e, akka nuti jireenya bara baraa argannuuf.📝 Homework Questions: The Incarnation of the Word (Sagalichi Foon Uffate) HOMEWORK 1)Incarnation jechuun maal jechuudha? 2)Maaliif Incarnation fayyina namaatiif barbaachisaa ta'e? Deebii kee keessatti Yesuus maaliif Waaqa guutuu fi nama guutuu ta'uun isaa barbaachisaa akka ta'e ibsi. 3)"Yesuus Kiristoos nama tokko keessatti amala lama qaba" jechuun maal jechuudha? 4)Deebii kee keessatti dogoggoroota armaan gadii keessaa lama maqaa isaanii kaasuun maaliif sirrii hin taane ibsi: Yesuus nama qofa ture. Waaqayyo Waaqa ta'uu isaa dhiise. Waaqummaa fi namummaan walitti makaman. 🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸 Deebii Hojii manaa, akkasumas yaada barumsa kana irratti qabdan @MILKAN19 irratti nuuf qoodaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

Waaqayyoo eenyu akka ta'e Yesuus keessatti argina. B. Fayyina Keenyaaf Namni cubbuu hojjete ulfina waaqayyoo irraa kufe. Kanaaf bakka namaa dhaabachuun badii namaaf adaba fudhachuu kan danda'u nama ta'uu irra jiraata. Garuu cubbuu addunyaa guutuu baachuu kan danda'u Waaqa qofadha. Kanaaf Fayyisaan: ✔️ Nama ta'uu qaba. ✔️ Waaqa ta'uu qaba. Yesuus qofatu ulaagaalee lamaan guuta. C. Giddugaleessa Ta'uuf 1 Ximotewos 2:5 Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha*. Sababni isaa: Nama waan ta'eef nu bakka bu'a. Waaqa waan ta'eef Abbaa abbaa wajjin waliti nu araarsa. D. Cubbuu fi Du'a Injifachuuf Aadam kufe. Kiristoos garuu ajajamaa ta'ee jiraate. Kanaaf bakka keenya du'ee du'aas ka'e. 5️⃣ Iccitii Guddaa Amantii Phaawulos akkana jedha: Nama Waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha; kanaafis, “Inni foon uffatee mul'ateera, hafuurichi dhugaa galcheeraaf, ergamoota Waaqayyootti argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa keessatti itti amanameera, ulfinaan ol fudhatameera” jedhamee himameera*. 1Ximotewos 3:16 Foon uffachuun(Incarnation) iccitii guddaa amantii Kiristiyaanaa keessaa isa tokko akka ta'e nuti agarsiisa. Garuu "iccitii" (mystērion) jechuun waan guutummaatti hin beekamne ykn waan hiikni isaa hin jirre jechuu miti. Macaafa Qulqulluu keessatti iccitii jechuun dhugaa Waaqayyo dur dhoksee ture, amma garuu karaa Kiristoosiin ifa baase jechuudha. Kanaaf Fudhachiisni: 🧠 Sammuun namaa guutummaatti hubatamuu hin danda'u. 📖 Garuu Waaqayyo Macaafa Qulqulluu keessatti ifatti nu barsiiseera. ✝️ Kanaaf hubannoo keenya guutuu irratti osoo hin taane, mul'ata Waaqayyoo irratti amanna. Foon uffachuun(Incarnation) akkamitti Waaqummaa guutuu fi namummaan guutuun nama tokko keessatti walitti dhufan jechuun sammuu keenyaaf ulfaataa ta'uu danda'a. Haa ta'u malee, Waaqayyo akkas ta'uu isaa ifatti waan dubbateef ni amanna. Kana jechuun: ❌ Sababni keenya (reason) amantii keenya hin mormu; garuu daangaa qaba. ✅ Mul'anni Waaqayyoo immoo daangaa hin qabu; isa irratti amantiin keenya hundaa'a. Kanaaf Kiristiyaanni akkana jedha: Foon uffachuun(Incarnation) waan sammuun namaa guutummaatti hubachuu hin dandeenye ta'us, waan Waaqayyo ofii isaa mul'ise waan ta'eef amantii keenya keessatti iddoo olaanaa qaba. 6️⃣ Gad Of Qabuu Kiristoos Filiphisiiyus boqonnaa 2 keessatti tartiibni isaa ifaadha. 👑 Ulfina waaqummaa qaba ture. ⬇️ 👤 Nama ta'e. ⬇️ 🙇 Garbicha ta'e. ⬇️ ✝️ Fannoo irratti du'e. ⬇️ 👑 Waaqayyo ol isa olqabe. Kun hundi jaalala Waaqayyoo guddaa mul'isa. 7️⃣ Bu'aa Foon uffachuun(Incarnation) 📖 Waaqayyoon Barra Yesuus keessatti amala Abbaa argina. ❤️ Jaalala Waaqayyoo Hubanna Waaqayyo fagoo taa'ee qofa hin ilaalle; ofii isaa gara keenya dhufe. ✝️ Fayyuu keenya agarsiisaa Fannoo fi du'aa ka'uun fayyina keenyaaf karaa bane. 🌍 Uumamni Haaromfame Kiristoos keessatti uumamni haaraan jalqabe. 8️⃣ Raajii Kakuu Moofaa Raawwatame Foon uffachuun(Incarnation) tasuma ykn akka carraa hin dhufne. Waaqayyo dursee abdii kenne. 📖 Uumama 3:15 — Sanyiin dubartitii Seexana injifata. 📖 Isaayaas 7:14 — Immanuu'eel, jechuun "Waaqayyo nu wajjin." 📖 Isaayaas 9:6 — Mucaan dhalata; maqaan isaa Waaqayyo Jabaa jedhama. Raajiiwwan kun hundi Yesuusiin raawwataman. 9️⃣ Madaallii Sirrii Kiristooloojii Waldaan Kiristaanaa durii dhugaa kana ifatti barsiifte. Yesuus: ❌ Walakkaa Waaqa walakkaa nama miti. ❌ Namoota lama miti. ❌ Waaqa fi nama walitti makaman miti. ✔️ Nama/person tokko. ✔️ Amala/nature lama qaba. ✔️ Waaqummaa guutuu. ✔️ Namummaa guutuu. Amalli lamaan: wal hin makaman, wal hin jijjiiran, hin qoqqoodaman, wal irraa gargar hin ba'an. 🔟 Hojiirra Oolmaa 🙏 Waaqeffannaa Yesuus Waaqa waan ta'eef waaqeffamuu qaba. 💪 Amanannaa

.....📖 Christology Continuous Teaching  #Part10: 🔻SAGALICHI FOON UFFATE (THE INCARNATION OF THE WORD) Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture*. Wangeela Yohannis 1:14 📖 Yaada Bu'uuraa Incarnation jechuun Ilmi Waaqayyoo, jechuun Sagalichi (Logos), Waaqummaa isaa osoo hin dhiisin nama dhugaa ta'ee dhalachuu isaa jechuudha. Kunis bu'uura amantii Kiristiyaanaa keessaa isa guddaa dha. Yesuus Kiristoos: Waaqa guutuu dha. 👑 Nama guutuu dha. 👤 Garuu Waaqa tokkoo fi nama tokko qofadha. ✝️ Kana jechuun Waaqummaan isaa gara namummaatti hin jijjiiramne; namummaan isaas Waaqummaattin hin liqimfamne. Amalli lamaan isaanii walitti hin makamne, adda ba'uunis hin jiru. Person tokko qofa jira; innis Yesuus Kiristoos. 1️⃣ Hiika Jecha "Incarnation" Jechi Incarnation jedhu Afaan Laatiin incarnatio jedhamuun beekama. Innis: in = keessa caro/carnis = foon Kanaaf Incarnation jechuun: "Foon uffachuu" ykn "Nama ta'uu" jechuudha. Kunis hiika isaa: 👉 Ilmi Waaqayyoo foon namaa uffate. 👉 Waaqayyo gara seenaa namaatti seene. 👉 Nama dhugaa ta'ee nu gidduu jiraate. Kanaaf Macaafni Qulqulluun: "Sagalichis nama foonii ta'ee, (Yohaannis 1:14) jedha. Kun jechuun Waaqayyo nama fakkaatee mul'ate miti; nama dhugaa ta'e jechuudha. 2️⃣ Hundee Macaafa Qulqulluu A. Yohaannis 1:1 fi 1:14 Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture*. Wangeela Yohannis 1:1 As keessatti wantoota sadii baranna. ✔️ Sagalichi bara baraan ture. ✔️ Sagalichi Abbaa bira ture. ✔️Sagalichi Waaqa dha. Ergasii lakkoofsi 14: Sagalichis nama foonii ta'ee, Kana jechuun: Waaqa ta'uun isaa hin dhaabbanne. Nama ta'uun isaa dhugaa ture. Kanaaf Yesuus: 👑 Waaqa guutuu dha. 👤 Nama guutuu dha. B. Filiphisiiyus 2:6–8 Phaawulos akka jedhu: Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne*. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta'ee argame*. Inni gad of deebisee, hamma du'aatti, hamma fannifamee du'utti iyyuu abboomamaa ta'e*. Kun akka namoonni tokko tokko yaadanitti Waaqummaa isaa dhiise jechuu miti. Hiikni isaa: Mirga ulfinaa isaatiin of hin fayyadamne. gad of qabee nama ta'e. bifa Garbaan jiraate. Du'a fannoo illee fudhate. Kanaaf Incarnation jechuun: ❤️ Jaalala Waaqayyoo. 🙇 Gad of qabuu Kiristoos. ✝️ Karoora fayyinaa waaqayyoodha. C. Galaatiyaa 4:4 Barri murameef sun yeroo guutetti garuu, Waaqayyo ilma isaa erge; innis yeroo ergame dubartii irraa dhalatee, seera jala galfame* Kun kan nu barsiisau: Ilmi duraan ture. Ergame. Dubartii irraa dhalate. Nama dhugaa ta'e. Kanaaf dhaloonni Yesuus jalqaba jireenya isaa miti; namummaa ofiti fudhachuu isaa mul'isaa malee Ilmi bara baraan jira. D. Ibroota 2:14 IIjoollonni kun foonii fi dhiiga akkuma ta'an, inni “Obboloota koo” jedhee isaan waamu kunis akkuma isaanii ta'e; du'a isaatiin Seexana isa humna du'aa qabu balleessuudhaaf nama ta'e*. Kana jechuun: Beela'e,Dheebote,Dadhabe,Boo'e,Dhukkubsachuu danda'e,Du'e. Garuu cubbuu hin hojjanne. Kanaaf Yesuus akkuma keenya nama guutuu ta'e malee cubbamaa hin taane. 3️⃣ Foon uffachuu(Incarnation) jechuum Maal jechuu Miti? Kiristiyaanonni dogoggora hedduu irraa of eegu qaban. ❌ Waaqayyo Waaqa ta'uu dhiise miti. ❌ Yesuus nama qofa miti. ❌ Yesuus Waaqa fakkaatee mul'ate qofa miti. ❌ Person lama miti. ❌ Waaqummaa fi namummaan walitti makamuun uumama sadaffaa ta'e hin uumane. Dhugaan garuu: ✔️ person tokko qofa jira. ✔️ Yesuus Kiristoos. ✔️ Amala/nature lama qaba: Waaqummaa guutuu. Namummaa guutuu. 4️⃣ Maaliif Foon uffachuun(Incarnation) Barbaachisa ta'e? A. Waaqayyoon Mul'isuuf Yesuus: Yesus deebisee, “Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ‘Abbaa nu argisiisi’ jetta ree*? Wangeela Yohannis 14:9

🔴 LIVE NOW | POST GRADUATES SUMMER PROGRAM ❇️ Eeguun xumurameera! Sagantaan keenya Post Graduates Summer Program mata duree
🔴 LIVE NOW | POST GRADUATES SUMMER PROGRAM ❇️ Eeguun xumurameera! Sagantaan keenya Post Graduates Summer Program mata duree "Christ Ambassadors" jedhuun amma LIVE irratti tamsa'aa jira. 📲 Amma TikTok keenya irratti sagantaa kana irraa eebbifamuu dandeessu: @focus_jit ✅Hiriyoota fi maatii keessanifis qooduu akka hin daganne; namni kamiyyuu eebba kana akka hin dhabne haa taasisnu. 📲 LIVE keessaa nu waliin ta'aa: 🔗 LINKI ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — TODAY! 🤝 Nagaa fi ayyaanni Gooftaa hunda keenyaaf haa baayyatu. Akkam jirtu maatii FOCUS-
📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — TODAY! 🤝 Nagaa fi ayyaanni Gooftaa hunda keenyaaf haa baayyatu. Akkam jirtu maatii FOCUS-Kittoo? 🎉 Guyyaan yeroo dheeraan eegamaa ture kunoo Gooftaan nu gargaaree har'a ga'eera! Sagantaan addaa #Post_Graduate_Summer_Program bara kanaa, mata duree "Christ Ambassadors" jedhuun qophaa'e beeksifamaa ture, har'a ni geggeeffama. ✨ Egaa maarree eebba guddaa kana irratti argamuun Waaqayyoon waliin akka waaqeffannu akkasumas obbolummaa karaa hafuuraa arganne akka jabeeffannu jaalala Gooftaan irra deebinee isin yaadachiifna. . Akkasumas warri biyya alaa ykn qaamaan argamuu hin dandeenye, karaa LIVE social media keenyaatiin saganticha hordofuu ni dandeessu. 📆 Har'a – Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, Hospitaalaa Phawuloos Fuulduraa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — TODAY! 🤝 Nagaa fi ayyaanni Gooftaa hunda keenyaaf haa baayyatu. Akkam jirtu maatii FOCUS-Kittoo? 🎉 Guyyaan yeroo dheeraan eegamaa ture kunoo Gooftaan nu gargaaree har'a ga'eera! Sagantaan addaa #Post_Graduate_Summer_Program bara kanaa, mata duree "Christ Ambassadors" jedhuun qophaa'e beeksifamaa ture, har'a ni geggeeffama. ✨ Egaa maarree eebba guddaa kana irratti argamuun Waaqayyoon waliin akka waaqeffannu akkasumas obbolummaa karaa hafuuraa arganne akka jabeeffannu jaalala Gooftaan irra deebinee isin yaadachiifna. . 📡 Akkasumas warri biyya alaa ykn qaamaan argamuu hin dandeenye, karaa LIVE social media keenyaatiin saganticha hordofuu ni dandeessu. Kanaaf Liinkii ittin LIVE darbu saatii muraasa booddee waan isin beeksifnuuf nu hordofaa. 📆 Har'a – Adooleessa 26, 2018 EC8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, Hospitaalaa Phawuloos Fuulduraa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website| YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART10 🔻THE INCARNATION OF THE WORD Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfi
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART10 🔻THE INCARNATION OF THE WORD
Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture. Wangeela Yohannis 1:14
🤝Nagaan fi ayyaanni Waaqayyoo hunda keessaniif haa baayyatu. Akkam nagaa jirtuu, maatii FOCUS? 🔹Barnoonni waliittii fufaan mataduree "CHRISTOLOGY" jedhu ammas yeroo isaa eeggatee itti fufee jira. 🔹Maarree kutaa 10ffaan guyyaa boruu galagala mata duree xiqqaa "#SAGALICHI_FOON_UFFATE" jedhuun itti fufa. 🔸Kanaaf hundumti keenya yeroo keenya mijeffannee irraa haa barannu. 📌Hubachiisa: Barumsi kuni audio fi barreeffaman qophaa'ee jira. ✨Hiriyyoota keenyaafis haa qoodnu. 📆Guyyaa:Dilbata(2-8-2026) ⏰ Sa’aatii: 1:00LT galgala 📍 Channel: @Focus_jit Telegram ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM —1 DAY LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, Ho
📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM —1 DAY LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, Hospitaalaa Phawuloos Fuulduraa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS, FOCUS 💜❤️💜

📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — 2 DAYS LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot,
📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — 2 DAYS LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, Hospitaalaa Phawuloos Fuulduraa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS, FOCUS 💜❤️💜

📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — 3 DAYS LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, Hospitaalaa Phawuloos Fuulduraa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS, FOCUS 💜❤️💜

🔊Christology Continuous Teaching #Part9 🔻THE DIVINITY OF JESUS CHRIST Audion barumsa #Christology #part9 akka kanatti qophaa'ee jira. 📌Barumsi kuni barnoota kana booda barannuuf hundee waan ta'eef sirriitti akka hordoftan isin yaadachiifna. 🔸Akkasumallee HIRIYYOOTA keessan kamillee hirmaachisuu akka hin daganne. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

Kanaaf Manni Maree Niqiyaa Ariyos balaaleffatee, Nicene Creed jedhamu baase. 📜 B. Manni Maree Qonstantinoophil (Council of Constantinople) – AD 381 Bara 381 AD Manni Maree lammaffaan magaalaa Qonstantinoophil keessatti geggeeffame. Kaayyoon isaa: 📖 Barumsa Manni Maree Niqiyaa murteesse cimsuu. ✝️ Waaqummaa Yesuus Kiristoos ammas mirkaneessuu. 🕊 Waaqummaa Hafuura Qulqulluus ifatti labsuu. Waldaan akkana jette: ✅ Yesuus Kiristoos guutummaatti Waaqayyo dha. ✅ Hafuurri Qulqulluunis guutummaatti Waaqayyo dha. ✅ Tokkummaan Sillaasee Qulqulluu (Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu) akka barsiisa Macaafa Qulqulluutti mirkanaa'e.. 9️⃣ 🔗 Waaqummaa fi Namummaa Yesuus Yesuus: 👑 Guutummaatti Waaqayyo dha. 👤 Guutummaatti nama dha. Garuu: ❌ Walakkaa Waaqayyo miti. ❌ Walakkaa nama miti. ❌ Namoota/Person lama miti. ✅ 📖 Yesuus Kiristoos Person tokko keessatti uumamoonni (amalli) lama qaba: Waaqummaa fi Namummaa. Amalli lamaan kun waliti hin makaman (inconfusedly), wal hin jijjiiraman (unchangeably), walirraa hin qoodaman (indivisibly), walirra adda hin baafaman (inseparably). Kunis barumsa Manni Maree Kaalqedoon (Council of Chalcedon, AD 451) keessatti ibsame dha. Kun Hypostatic Union jedhama. 🔟 📌 Hiika Ti'ooloojii ✝️ Waaqayyo mataan isaa nu fayyise. 📖 Waaqayyo Kiristoosiin of mul'ise. 🙏 Yesuus waaqeffatamuu qaba. 🌍 Abdii keenya isa irratti kaa'anna. 👑 Inni Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa dha. 📌 Cuunfaa (Summary) ✝️ Macaafni Qulqulluun ifatti barsiisa: 👑 Yesuus Waaqayyo guutuu dha. 📖 Amaloota Waaqummaa hunda qaba. 🌍 Hojii Waaqayyoo qofa raawwata. 🙏 Waaqeffannaa ni fudhata. ⚖️ Addunyaa hunda irratti ni farada. 💀 Du'aa ni kaasa. ❤️ Cubbuu ni dhiisa. 🌟 Kanaaf Yesuus Kiristoos raajii qofa, barsiisaa qofa, yookaan uumama qofa miti; inni Ilma Waaqayyoo isa bara baraa, Waaqayyo foon uffatee gara addunyaa dhufe, Fayyisaa fi Gooftaa keenya dha. 📝 Homework (Short) Yesuus Waaqayyo ta'uu isaa caqasoota Macaafa Qulqulluu lama (2) fayyadamuun ibsi. Amaloota Waaqummaa Yesuus keessaa sadii (3) barreessi. Manni Maree Niqiyaa (AD 325) Ariyoosiif deebii maal kenne? Maaliif Waaqummaan Yesuus fayyina keenyaaf barbaachisaa ta'e? Gabaabinaan ibsi 🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸 Deebii Hojii manaa, akkasumas yaada barumsa kana irratti qabdan @MILKAN19 irratti nuuf qoodaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” isaaniin jedhe*.
Namni kamiyyuu bakka hundatti argamuu hin danda'u. Kun amaloota Waaqummaa keessaa tokko. 🔒 E. Hin Jijjiiramu (Immutability) 📖 Ibroota 13:8
Yesus Kristos kaleessa isuma ture, har'as bara baraanis isuma sana*!
Waaqayyo hin jijjiiramu. Yesuusis hin jijjiiramu. 4️⃣ ✝️ Hojii Waaqayyoo Yesuus Raawwate 🌍 Uumama uume. 📖 Yohaannis 1:3 🔗 Uumama hunda ni eega. 📖 Qolosaayis 1:17 🙏 Cubbuu ni dhiisa. 📖 Marqoos 2:5 ⚖️ Addunyaa hunda ni irratti murtee ni kenna. 📖 Maatewos 25:31-46 💀 Du'aa ni kaasa. 📖 Yohaannis 11 5️⃣ 👑 Maqaalee Waaqummaa Yesuus Agarsiisan 📖 Ilma Waaqayyoo 👑 Gooftaa (Kyrios) 📖 Dubbii Waaqayyoo (Logos) 🔥 Alfa fi Omeegaa 💡 Ifa 🐑 Tiksee Gaarii 🚪 Balbala 🍞 Buddeena Jireenyaa 6️⃣ 🙏 Waaqeffannaa Yesuus Fudhate 📖 Maatewos 14:33 Bartoonni isa waaqeffatan. 📖 Yohaannis 9:38 Namni ija isaa baname isa waaqeffate. 📖 Ibroota 1:6 Abbaan:
Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara biyya lafaatti yommuu erge immoo, “Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!” jedhe*
Yesuus akka isa hin waaqeffannaa hin dhowwine. Kun Waaqummaa isaa mirkaneessa. 7️⃣ 🤝 Tokkummaa Abbaa fi Ilmaa 📖 Yohaannis 10:30
Abbaanii fi ani tokko” isaaniin jedhe*.
Kun abbaani fi ilmi person tokkodha jechuun miti. Hiikni isaa: ✝️ Waaqummaa tokko/one Divine Essence. 👑 Humna tokko. ❤️ Kaayyoo tokko. 🌍 Nature Waaqayyoo tokko. 📖 Yohaannis 14:9
Yesus deebisee, “Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ‘Abbaa nu argisiisi’ jetta ree*?
8️⃣ 🏛 Hubannoo Waldaa Durii Waaqummaa Yesuus Irratti Erga Yesuus mootummaa samii ol ba'ee booddee, Waldaan Kiristiyaanaa jalqabaa Yesuus guutummaatti Waaqayyo ta'uu isaa cimsitee barsiisaa turte. Garuu yeroo dheeraa booda barsiisotni sobaa tokko tokko waaqummaa Yesuus mormuu jalqaban. Kanaaf waldaan barsiisa Macaafa Qulqulluu eeguuf manneen maree (Councils) waamte. 📜 A. Manni Maree Niqiyaa (Council of Nicaea) – AD 325 Manni Maree Niqiyaa bara 325 AD keessatti mootummaa Roomaa, magaalaa Niqiyaa keessatti geggeeffame. Sababni inni waamame keessaa inni guddaan barsiisaa tokko, Ariyos (Arius) jedhamu ture. ❌ Ariyos Maal Barsiise? Ariyos akkana jedha ture: 👉 Yesuus Waaqayyo miti. 👉 Ilmi Waaqayyoo uumama jalqabaa dha. 👉 Yeroo tokko Ilmi hin jirre ture. 👉 Waaqayyo Ilma uume. Kana jechuun Ariyos Yesuus Waaqa guutuu ta'uu isaa ni morme. ✅ Waldaan Maal Deebiste? Waldaan Macaafa Qulqulluu irratti hundaa'uun akkana jette: ✝️ Ilmi hin uumamne. ♾️ Ilmi bara baraan jira. 👑 Ilmi Abbaa wajjin Waaqummaa tokko qaba. 📖 Ilmi fi Abbaan uumama Waaqummaa tokko (Homoousios) qabu. Homoousios jechuun:
"Uumama (essence/nature) Waaqummaa tokko qabaachuu."
Kana jechuun Abbaan fi Ilmi namoota tokko miti; garuu Waaqummaa isaanii tokko dha. 📖 Yohaannis 10:30
Abbaanii fi ani tokko” isaaniin jedhe*.
📖 Yohaannis 1:1
Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture

.....📖 Christology Continuous Teaching  #Part9: 🔻 WAAQUMMAA YESUUS KIRISTOOS(The Divinity of Christ) 📖 Yaada Bu'uuraa (Core Idea) Amantii Kiristiyaanaa keessatti dhugaan guddaan tokko jiru: 👉 Yesuus Kiristoos nama qofa miti. ❌ 👉 Inni guutummaatti Waaqayyo dha. ✝️👑 Kana jechuun Yesuus uumama keessaa tokko miti; uumamaa hundumaa uume keessaa isa tokko miti. Inni Ilma Waaqayyoo isa bara baraa, Abbaa wajjin uumama Waaqayyoo tokko qabu (One Divine Essence) dha. 📖 Qolosaayis 2:9
Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata*.
Kana jechuun Waaqummaan Waaqayyoo guutuun Yesuus keessa jiraata jechuu dha. ❗️Kanaaf Yesuus: 👑 Mootii qofa miti. 📖 Raajii qofa miti. 👨‍🏫 Barsiisaa qofa miti. 🙏 Ergamaa qofa miti. ✝️ Waaqayyo foon uffatee gara addunyaa kana dhufe dha. 📖 Yohaannis 1:14
Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate.
1️⃣ Maaliif Waaqummaan Yesuus Barbaachisaa Dha? Waaqummaan Yesuus bu'uura amantii Kiristiyaanaa ti. Yesuus Waaqayyo ta'uu isaa yoo mormine: ❌ Fayyinni keenya hin jiru. ❌ Aarsaan isaa gatii hin qabaatu. ❌ Waaqeffannaan keenya dogoggora ta'a. ❌ Macaafni Qulqulluun wal faallessa jechaa jira. Sababoota ijoo: ✝️ A. Waaqayyo qofatu Nama Fayyisuu Danda'a 📖 Isaayaas 43:11
Ana duwwaatu Waaqayyoo dha, ana malee fayyisaan kan biraa hin jiru*.
Kanaaf Yesuus Fayyisaa ta'uun isaa Waaqummaa isaa mirkaneessa. 🙏 B. Waaqayyo qofatu Cubbuu Dhiisuu Danda'a 📖 Marqoos 2:7 Yihudoonni akkana jedhan:
“Attamitti namichi kun akkas dubbata? Kun Waaqayyoon arrabsuu isaa ti! Waaqayyo tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?” jedhan*.
Garuu Yesuus akkana jedhe:
"Cubbuun kee siif dhiifameera."
Kana jechuun Yesuus aangoo Waaqayyummaa qaba. 🙇 C. Waaqeffannaan Waaqayyo Qofaaf Ta'a 📖 Bau'uu 20:3-5 Namni kamiyyuu waaqeffatamuu hin qabu. Garuu Yesuus waaqeffannaa ni fudhate. Kanaaf inni Waaqayyo dha. 📖 D. Waaqayyoo Guutummaatti Kan Mul'isu Waaqayyo Qofa 📖 Yohaannis 14:9
Yesus deebisee, “Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ‘Abbaa nu argisiisi’ jetta ree*?
Yesuus mul'ata guutuu Waaqayyoo dha. 2️⃣ 📖 Ragaa Macaafa Qulqulluu Waaqummaa Yesuus 📖 A. Yohaannis 1:1
Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture*
As keessatti wantoonni sadii ibsaman: ✅Sagalichi bara baraan ture. ✅Sagalichi Abbaa wajjin ture. ✅Sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture. Sagalichi Yesuus dha. 👤 B. Yohaannis 20:28 Toomaas Yesuusiin akkana jedhe:
Toomaasis, “Gooftaa ko, Waaqayyo ko!” jedhee deebiseef*.
Yesuus kana hin mormine. Ergamoonni yeroo namoonni isanin waaqeffatan ni dhowwu. Garuu Yesuus waaqeffannaa kana fudhate. Kana jechuun inni Waaqayyo dha. 📖 C. Tiitoos 2:13
Achumaanis abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas
Phaawuloos ifatti Yesuusiin "Waaqayyoo keenya isa guddicha" jedhee waama. 📖 D. Ibroota 1:8 Abbaan Ilmaan isaan akkana jedha:
Waa'ee ilmaa garuu, “Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti.
Kun ragaa cimaa keessaa isa tokko. Abbaan mataan isaa Ilma "Waaqayyo" jedhee waama. 3️⃣ 👑 Amaloota Waaqummaa Yesuus ♾️ A. Bara Baraa (Eternal) 📖 Yohaannis 8:58
Yesus immoo deebisee, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture” isaaniin jedhe*
"ANI" jechuun maqaa Waaqayyoo Bau'uu 3:14 keessatti Museetti mul'ate dha. Kanaaf Yesuus maqaa YHWH ofiif fayyadame. 🧠 B. Beekumsa Guutuu (Omniscience) 📖 Yohaannis 2:24-25 Yesuus garaa nama hundaa ni beeka. 📖 Yohaannis 16:30 Bartoonni:
Amma ati waan hundumaa, gaaffii namni qabu iyyuu utuu inni si hin gaafatin akka beektu nuyi barreerra; kanaanis Waaqayyo biraa akka ati dhufte in amanna” jedhaniin*.
💪 C. Humna Guutuu (Omnipotence) Yesuus: 🌊 Bubbee callisiise. 🍞 Nyaata baay'ise. 💀 Du'aa kaase. 🌍 Uumama hunda ni to'ata. 🌍 D. Bakka Hundatti Argama (Omnipresence) 📖 Maatewos 28:20

📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM Nagaan Waaqayyoo siniif haa baayyatu. #Story kana olitti share godhame kana repost gochuudhaan waliif qodaa. Sagantaan kuni kan Post Graduate yoo jedhame iyyuu obboloonni Undergraduate Finfinnee fi naannoo isheetti argamtan dhuftanii akka hirmaattan isin Yaadachiifna. 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, #Hospitaalaa_Phawuloos_Fuulduraa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook

Story

📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — 5 DAYS LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot,
📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — 5 DAYS LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, Hospitaalaa Phawuloos Fuulduraa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS, FOCUS 💜❤️💜

📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART9 🔻THE DIVINITY OF JESUS CHRIST Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jir
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART9 🔻THE DIVINITY OF JESUS CHRIST
Guutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata. Qolosaayis 2:9
🤝Nagaan fi ayyaanni Waaqayyoo hunda keessaniif haa baayyatu. Akkam nagaa jirtuu, maatii FOCUS? 🔹Barnoonni waliittii fufaan mataduree "CHRISTOLOGY" jedhu ammas yeroo isaa eeggatee itti fufee jira. 🔹Maarree kutaa 9ffaan guyyaa boruu galagala mata duree xiqqaa "#WAAQUMMAA_YESUUS_KIRISTOOS" jedhuun itti fufa. 🔸Kanaaf hundumti keenya yeroo keenya mijeffannee irraa haa barannu. 📌Hubachiisa: Barumsi kuni audio fi barreeffaman qophaa'ee jira. Irraa haa barannuu hiriyyoota keenyaafis haa qoodnu. 📆Guyyaa:Roobii(29-7-2026) ⏰ Sa’aatii: 1:00 galgala (LT) 📍 Channel: @Focus_jit Telegram ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜

📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — 5 DAYS LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot,
📢 POST GRADUATES SUMMER PROGRAM — 5 DAYS LEFT 📅 Adooleessa 26, 2018 EC ⏰ 8:00 LT (Waaree Booda) 📍 Waldaa Burqaa Rehoobot, Hospitaalaa Phawuloos Fuulduraa ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯 WE ARE FOCUSED 📖 WE PREACH THE GOSPEL 🌍 WE REACH THE NATION ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 📲 Follow Us: Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook 💜❤️💜 YOURS, FOCUS 💜❤️💜