2 122
Ergaa isheen bilbila koo irratti naaf ergite si'a sagalin irra deddeebi'ee ilaale. Har'an nama Afaan oromoo dubbisuu hin dandeenye ta'e. Hiriyaa ana bira jirutti kennuuf yaadeen lakki iccitii koo hin baasu jedhee dhiise. Ergan gaaffii jaalala isheedhaaf dhiyeessee
Goromsi warra keenyaa ariitee turte amma dibicha dhaltee; Dibichi sun qonnaa ga'eera. Eessaa akka isheen baate hin beeku akka tasaa bilbiltee waanin sitti himun qaba, Amma nan eegin gaafa naaf mijaten kara ergaa gabaabaa sitti hima naan jettee bilbila cufatte. Erga isheen akkas naan jettee eegalee sagaleen bilbila kootii yemmuu iyyu onneen koo na tatarsa'a. Akka kanaan utuun jiruun turtii guyyaa sadii booda ergaa gabaabaa bilbila koo irratti naaf ergite.
Kan ishee akkan adda baafadhuuf jedheen sagalee waamicha bilbila ishee adda godheen jira. Akkuma bilbilli koo gadooddeen kan ishee ta'uu bare. Bilbila koo baneen
ilaale. Ija koon shakke, akka waan ciimmaan ijatti na jiruun sagal ijakoo susukkuume. Wanti jijjiirame hin jiru barreeffamni ishee isuma jalqabaati. Anatu sukkuummaadhaan ija koo silayyuu hin mullanne balleesse malee. Barreeffama isheen naaf ergite hubachuuf si'a sagalin irra deddeebi'ee dubbise. Ta'us wanti isheen jechuu yaadde hin jijjiiramne. Isuma afaan ishee keessaa ba'edha. Akkan ta'e ta'ee si'a salgaffaaf yemmuun dubbisu akkas jedha "Yeroo Baay'ee Bu'aa Ba'ii Jireenyaa Keessatti Waantoota Akka Eegnetti Arguu Dhiisuu Dandeenya, Kanaaf Immoo Dhiphachuu Hin Qabnu. Har'a Waa Tokko Sitti Himuu Barbaadeeni Innis Kana Booddee Akka Na Eegdu Hin Barbaadu! Yaada Naaf Qabdu Jijjiiri! Jaalala Obbolummaa Ani Si Jaaladhu Na jaaladhu Naaf Bilbili Siifan Bilbila. Waanta Hundaaf Galatoomi. Akkatti Na Yaaddetti Argamuu Waanta Hin Dandeenyeef Garuu Dhiifama. YOO MIYYUU FILANNOO HIN BADIN". kan jedhu ture. Akkuman jiruttan gaaffii of gaafadhe. An edaa Filannoo badeen jiraa? kan jedhu. Ha ta'u malee an deebii akkasii isheerraa hin eegne. Maalif akkas naan jette jedhee ishee gaafachuun dirqama natti ta'e. Lakkoofsi bilbila ishee jalqabarratti waan argamuuf battala baaseen isheetti bilbile. "Dhiifama hafteen herrega keessanii ga'aa miti"! Naan jette niitiin isheen halkaniif guyyaa hin boqonne sun. aariin koo ittuu itti caale. kofoo koo keessaa qarshii fudheen tajaajila qilleensaa bitachuuf yemmuun jedhu dhugumattuu hafteen herrega kootii ga'aa miti. Maal naaf wayyamee yaa firaa.?
23 نوفمبر, 22:35
