ar
Feedback
MISBA Law Office

MISBA Law Office

الذهاب إلى القناة على Telegram

SEERA BEEKUUN ABSHAALUMMAADHA

إظهار المزيد
335
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام
أرشيف المشاركات
Repost from Temesgen A.Lawyer
Qaamni Bulchiinsaa Waliigaltee Ijaarsaa Garee Biroo Waliin Raawwate Haquudhaan Kaffaltiin Dursaa Fudhatamee Ture Akka Deebi'uuf Himannaa Isaa Mana Murtiitti Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa? Gareen Biroo Qaamni Bulchiinsaa Kun Akkaataa Waliigalteetti Dirqisiifamee Akka Raawwatu Naaf Murtaa'u Jechuu Ni Danda'aa?  ======///======///=====///============ Waliigalteen ijaarsaa falmichaaf ka’umsa ta’e waliigaltee bulchiinsaa yoo ta’e, qaamni bulchiinsichaa waliigalticha diiguuf mirga kan qabu yemmuu ta’u, gareen qaama bulchiinsichaa waliin waliigaltee raawwate sababa diigamuu waliigaltichaatiin miidhaan kan isarra gahe yoo ta’e mirga beenyaa gaafachuu kan qabu ta’uu qabiyyeen bu’uuraa tumaalee SHH keewwattoota 3180fi 3181 ni hubachiisu. Gareen qaama bulchiinsaa waliin waliigaltee raawwaterra miidhaan gahe yoo jiraate beenyaa gaafachuu malee mootummaan akka waliigalticha fooyyessu dirqisiisuu ykn maallaqa kaffaltii dursaa fudhatame mirga deebisuu dhiisuu hin qabaatu. Waan ta’eefis, gareen waliigaltee sababa waldhabdeen uumameef waliigalteen ijaarsaa akka itti hin fufne haala ifa ta’een yeroo beekamutti, sababni seera qabeessi itti fufsiisus bakka hin jirretti himannaa qaamni bulchiinsaa waliigalteen haqamee kaffaltiin duraa fudhatame naaf haa deebi’u jechuun dhiyeessu kufaa taasisuun dogoggora bu’uura seeraa SHH kwt 1815, 3180 fi 3181 hubannoo keessa hin galchinedha.          (Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Ga.Lakk.129534, Jildii 22ffaa) ለክርክሩ መነሻ የሆነዉ ግንባታ ውል የአስተዳደር ዉል ከሆነ የአስተዳደር አካሉ ውለታ የማፍረስ መብት ያለዉ ሲሆን ከአስተዳደሩ ጋር የተዋዋለዉ ወገን ውሉ በመፍረሱ ምከንያት ጉዳት የደረሰበት ቢሆን ካሳ የመጠየቅ መብት እንዳለዉ የፍ/ሕ/ቁ 3180 እና 3181 ድንጋጌዎች መሠረታዊ ይዘት ያስገነዝቡናል። ከአስተዳደር ጋር የተዋዋለዉ ወገን የደረሰባቸው ጉዳት ካለ ካሳ ከሚጠይቅ በቀር መንግስት ውል እንዲያሻሽል የማስገደድ ወይም በቅድመ ከፍያ የተወሰደውን ገንዘብ ያለመመለስ መብት የላቸውም። በመሆኑም ተዋዋዩ ወገን ከአስተዳደሩ ጋር ያደረገው የግንባታ ውል በተፈጠረው አለመግባባት የማይቀጥል ስለመሆኑ ግልጽ በሆነበት ሁኔታ ፍርድ ቤቶች የአስተዳደሩ ክስ የቅድሚያ ክፍያ ይመለስልኝ የሚል ሆኖ ሳሌ እና ውሉም የሚቀጥልበት የህግ ምክንያት በሌለበት ሁኔታ ውሉ እንዲሰረዝ በቅድመ ከፍያ የተወሰደውን ገንዘብ እንዲመልሱ ይወሰን ዘንድ የቀረበን ክስ ውድቅ ማድረግ የፍ/ሕ/ቁ.1815 ፤ 3180 እና 3181 ያላገናዘበ መሠረታዊ የህግ ስህተት ነዉ።       (ሰ/መ/ቁ 129534, ቅጽ-22, (ከመላከ ጥላዉን መጽሀፍ የተወሰደ))       Desalegn B.

Dambii Lak.148/2004 Dambii Bulchiinsa fi Ittifayyadama Ambulaansii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe @musalawyer

Repost from Temesgen A.Lawyer
Himannaa Miseensonni Uqqubii Maallaqa Uqqubii Kaffalamuufii Qabuufi Cheekii Kennameef Bu'uureffachuun Dhiyeessan Ilaaluuf Manni Murtii Aangoo Qabu Isa Kam Akka Ta'e Akkamitti Adda Baha? ======///====///======///======== Dhimma kana keessatti, cheekiin kan dhiyaate ragaa dasiibaa ta’ee uqqubiin kaffalamuu dhabuu isaa mirkaneessuuf malee bu’uuraan haalli hojiirra oolmaa tumaalee seera daldalaa dhimma cheekii ilaallatanii, akka qorataman haala dandeessisuun kan dhiyaate waan hin taaneef, qabiyyeen waliigalaa falmichaas gaaffii maallaqni uqqubii akka naaf kaffalamu jedhu kan bu’uureffate waan ta’eef, dhaddachi Ijibbaataa naannichaas haala seerummaa bitaafi mirgaa, fi kallattii falmichaa hubannoo keessa hin galchineen dhimmichi dhimma labsii lakk.25/88n ilaalamudha (dhimmichi dhimma federaalaati) jechuudhaan iyyannoo ijibbaataa dhiyaateef osoo hin ilaalin galmicha cufuun isaa adeemsa sirrii miti jechuun murteesseera. (Labsii Lakk.25/1988, Dhaddacha Ijib.MMWF Lakk.Ga.104511, Jildii 17ffaa) በዚህ ጉዳይ ቼክ የዕቁብ ገንዘቡ ላለመከፈሉ ማረጋገጫ ሆኖ በተራ ሰነድ ማስረጃነት የቀረበ እንጂ በዋናነት ቼኩ ራሱ በንግድ ሕጉ የተመለከቱትን አግባብነት ያላቸውን ድንጋጌዎችን አተገባበር ለመመርመር የሚያስችል ክርክር በሚያስነሳ መልኩ የቀረበ ስላልሆነ፤ የክርክሩ አጠቃላይ ይዘትም የዕቁብ ገንዘብ ይከፈለኝ ጥያቄን መሰረት ያደረገ ስለሆነ፤ የክልሉ ሰበር ሰሚ ችሎት የግራቀኙን የተጠየቀዉን ዳኝነት እና የክርክሩን አቅጣጫ ባላገናዘበ መልኩ ጉዳዩ በአዋጁ ቁ.25/88 ስር የሚታይ ነዉ (ጉዳዩ የፌደራል ነው) ሲል የሰበር አቤቱታውን ሳይመለከተው መዝገቡን መዝጋቱ ስነ ስርዓታዊ አይደለም በማለት ወስነዋል። (አዋጅ ቁጥር 25/1988, የሰበር መዝገብ ቁጥር 104511, ቅጽ 17) Desalegn B.

Repost from Temesgen A.Lawyer
DhIMMWF Lakk.Galmee 235053 ta’e irratti gaafa 29/7/2015 murtii kenneen:Manneen Murtii himata qabiiyyee lafa keenya irratti waraqaan ragaa(kaartaa) seeraan ala kenname jiru akka nuuf haqamu fi qabiiyyeen lafichaas kan keenya ta’uun isaa akka nuuf mirkannaahu jechuun dhiyaatu ilaalani murtii kennuuf aangoo kan qaban ta'u. DhIMMWF Lakk.Galmee 38452,220042 fi 220582 irratti Murtii kenneen:-Manneen Murtii himata kaartaan lafa magaalaa irratti kennamee jiru akka naaf haqamu jechuun qofa dhiyaatu irratti dursa ilaalani murtii kennuuf aangoo kan hin qabne ta'u. Sababa:-Dhimootni kana fakkaatan Bu’uura Labsii Adeemsa Bulchiinsa Lakk.1183/2012 keewwata 44 fi 49 tiin mana murtitti otoo hin dhiyaatiin dursa adeemsa bulchiinsaan fala argachu akka qaban tumamee jira.

Repost from Temesgen A.Lawyer
DhIMMWF Lakk.Galmee 235053 ta’e irratti gaafa 29/7/2015 murtii kenneen:Manneen Murtii himata qabiiyyee lafa keenya irratti waraqaan ragaa(kaartaa) seeraan ala kenname jiru akka nuuf haqamu fi qabiiyyeen lafichaas kan keenya ta’uun isaa akka nuuf mirkannaahu jechuun dhiyaatu ilaalani murtii kennuuf aangoo kan qaban ta'u. DhIMMWF Lakk.Galmee 38452,220042 fi 220582 irratti Murtii kenneen:-Manneen Murtii himata kaartaan lafa magaalaa irratti kennamee jiru akka naaf haqamu jechuun qofa dhiyaatu irratti dursa ilaalani murtii kennuuf aangoo kan hin qabne ta'u. Sababa:-Dhimootni kana fakkaatan Bu’uura Labsii Adeemsa Bulchiinsa Lakk.1183/2012 keewwata 44 fi 49 tiin mana murtitti otoo hin dhiyaatiin dursa  fala bulchiinsaan  xumura argachu akka qaban tumamee jira. የፌደራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በመ/ቁጥሮች 38452፣ 220042 እና 220582 ካርታ ይምከንልኝ ጥያቄ መጀመሪያ በአስተዳደር አካል በአዋጅ ቁጥር 1183/2012 አንቀጽ 44 እና 49  መሠረት መታየት ያለበት እንጂ ለፍርድ ቤት ቀጥታ የሚቀርብ አይደለም። በመጨረሻው የአስተዳደር ውሳኔ ቅር የተሰኘ ማንኛውም ሰው  የተሰጠው ውሳኔ እንዲከለስለት ቅሬታውን ለከፍተኛ ፍ/ቤት ማቅረብ እንደሚችል ባልታተመ የሰበር ውሳኔ ተሰጥቷል። የፌደራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎትበሰ.መ.ቁ 235053 መጋቢት 29 2015ዓ.ም ካርታ ይሰረዝልኝ እንዲሁም ንብረት የጋራ መሆኑ በፍርድ እንዲረጋገጥልኝ በሚል የቀረበ የዳኝነት ጥያቄ ከአስተዳደር ስነ-ስርዓት አዋጅ ቁጥር 1183/2012 አንቀጽ 44 እና 49 ከደነገጉት እንዲሁም የፌዴራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በመ.ቁ 220042 እና በመ.ቁ 220582 ከሰጠው የህግ ትርጉም አንጻር ሲታይ ከካርታ ይሰረዝልኝ በተጨማሪ የንብረት ባለቤትነት በፍ/ቤት ውሳኔ እንዲረጋገጥ ዳኝነት የተጠየቀበት በመሆኑ ጉዳዩን የማየት የዳኝነት ስልጣን ያለው [የፌዴራል ከፍተኛ ፍርድ ቤት የአስተዳደር ችሎት ሳይሆን] የፌዴራል መጀመሪያ ደረጃ ፍ/ቤት ነው። Credit ti Dereje Tariku law office

⚖️⚖️ #SEERAA_FI_DHUGAA_HADHOOYTUU❗️❗️ Jechoota namoonni irra deddebi'anii jedhanii fi gaafa ati hubannoo kennitu hamilee ittiin si cabsuuf yaalan. 1- Biyya seerri hin jirretti seera barsiistaa? 2- Seerri waraqaa irra malee lafarra hin jiru. 4- Seerri kan dureessaati hiyyeessaa qofa irratti dalaga. 5- Ogeeyyiin hundi hattuudha haqaan hin hojjatan. 6- Callisantanii dhamaatu malee homa hin jijjiirtan. Jechoota kanneen fi kkf yeroon dhagahu heddu keessi na tuqama hundu sababa jedhuuf qaba jedheen callisuu filadha. #Hubadhaa 👉 1- Seerri ni jira sababa garaagaraan raawwii irratti hanqinni mudachuu danda'a asii mitii biyya guddatan jedhamiyyuu hanqinni ni jira. Hanqinni jiraateef barsiisuufi hubannoo kennuu hin dhaabuu hin qabnu rakkinni arraa hanguma hawaasni mirgaa fi dirqama barachaa deemuun furamuu danda'a. Kaleessi hardhaa miti hardhi boru miti. Wanti hin jijjiiramne hin jiru garuu kutannoo, obsa, tasgabbii , ofitti amanamummaa , qulqullummaa , imaanaa ummataa fi eenyuuf akka hojjattu beekuu qabda. Namni dirree lolaa seene qophaayeeti lolatti seenta ati dhabamtuus kan biraatti kallattii argisiistee dabarta. Dadhabbiin hardha boqonnaa dhaloota boruuti. Dhugaaf gaafa qabsooftu murna haqaa bitachuu fi gurguruu bareen ni jibbamta, ni dhiibamta shiraa heddu sirratti xaxama san hin sodaachuu hin qabdu. Sodaatamaa ta'i malee hin sodaatin lubbuun dhugaaf fi haqaaf jiraatte boqonnaa barabaraa qabdi. 👉 2- Seerri nama hundaa oli hundaafuu walqixa garuu namoota seera raawwachisan biratti hanqinni fi faayiddaa dhunfaaf qajeeltoo fi hojii irra olma cabsuun hin jiru jechuu hin dandeenyu garuu adeemsa qabsoo cimtuu haqa irratti godhamuu fi kanneen akkas godhan calalaa deemtuun qulqullaa'uu danda'a. 👉 3- Qabsoo fi tattaaffii olaantummaa seeraa fi haqa dabe sirreessuuf gootu ammatti firii isaa arguu dhabuu dandeessa ta'a garuu adeemsa keessa jijjiirama fiduun hin hafu kanaaf haqaa fi dhugaa irraa abdi kutachuun hin barbaachisu. 👉 4 - Ogeeyyiin hundi qulqullu jechuu hin dandeenyu isa qulqullummaa ilma namaa abichumaa fi Rabbiitu beeka. Ogeeyyiin hundi hattu jechuuf immoo sababa ogeessa tokkicha argiteetiin hundi akkasuma jechuu fi odeeffannoo fi gocha alseerummaa heddu argiteef ogeeyyiin hundi akkasi jettee goolabuu hin dandeessu. Kanneen dhugaan onnee irraa haqaaf dabarsanii of kennuun rakkoo hammaataa keessa ta'anii qabsaawan heddu jira waan ta'eef. Akkasuma kanneen garaa fi faayiddaa dhunfaa dursuun kiisii dureessaa fi sabbata aayyoo hiikaniis hin jiran jechuu hin dandeenyu. Seera keessatti nama lama gammachiisuun hin danda'amu, kan itti murtaa'e ni gadda, kan murtaa'eef ni gammada. Walumaagalatti haala kam keessattillee cimtee hojjatee hojjannaan jechoota abdii nama kutachiisaniif osoo gurra hin kennin yeroo rakkattuus obsitee boqonnaa sammuu fi tasgabbii fi ofitti amanamummaan jiraachuuf dhugaa fi haqaaf hojjachuun gaariidha. Iddoo namoota haqa dhabanii of buusnee of ilaaluun gaariidha. Namoonni jechootaan akkaan olitti ibseen san fayyadamtan irraa of qusachuun gaariidha. Haqaan haqaaf haa hojjannu.❗️ ✍️ #BINIMOS_SHEMALIS

Itti gaafatama balleessaa irraa madduun Akka waliigalaatti gochooti balleessaadha jedhaman shh kwt 2028 haga 2037 tti kan teechifaman yoo ta'u, addatti ammoo haaloti gocha tokko balleessaa jechisiisan kwt 2038-2065 tti tarreeffamanii jiru. Keewwattota kanammoo adda kan isaan godhu mirgoota heera mootummaan kennaman tiksuuf ykn yoo caban bu'aa siiviliin beenya'uuf keewwattoota tumamaniidha. Inni dhumaa keewwattoota kana adda isaan taasisu seera kutaa duraa keessatti akkuma ilaalaa turre beenyaa gaafachuuf miidhaan jiraachuun dirqama inni ture asitti dirqama miti. Mirgi heeraafi keewwattoota kana keessatti eeraman akkuma sarbamaniin miidhaan waliigalaa (General damage) tilmaamamuun beenyaan gaafatama. NB: kwt 2038-2065 tti kan jiru kwt 2104 faana yoo dubbisne salphaatti nuuf gala. Kwt 2038: Physical assault. 1. Principle. A person commits an offence where he intentionally makes contact with the person of another against the latter's will. (2) An offence shall be committed regardless of whether the bodily harm done to the other person is caused by personal contact or by the use of an object, animate or inanimate. (3) Unless otherwise provided, the mere threat of physical assault on ~n. other shall not constitute an offence." Keewwati kun BATTERY jedhama. Waan biraa miti, eyyama abbaa malee nama tuquudha. Heera FDRE kewt.14 " Right to life, the security of person and liberty. Every person has the inviolable and inalienable right to life, the security of person and liberty." Tuttuqqiin (contact) jedhamu hagi isaa tilmaama keessa utuu hin galin itti yaadamee fi eyyama abbaa malee taanaan bu'uura kwt kanaan hin gaafachiisa. Bu'uura muraa 2 tiin ammoo tuttuqqiin sun kallattiin (qaamaan ykn personal contact ) ykn alkallattiin ( wantoota lubbu maleeyyii fi lubbu qabeeyyii fayyadamuun) Bu'uura muraa 3 tiin sodaachisi qaamaa /yoo tumame malee/(seera yakkaa kwt 580) bu'uura kwt kanaan balleessaa akka hin jedhamne kaa'ee jira. Unfortunately, kwt 2038-65 gidduu jiran kun ammas wanta adda isaan godhan qabu, innis itti gaafatama- ittisa (liability -defence) hariiroo jedhamu qabatanii tumamanii jiru. Fkn kwt 2038 fi 2039,,,,2040 -43tti ,,,2044-2049 tti bifuma walfakkaatuun diriirfamee jira. Kwti 2039 defence ykn ittisa kwt 2038 tiiti. Kwt 2039 keessaa kan adda ta'uufi kan jijjiirame 2039(c) dha. Kwt kun heera FDRE kwt 36 fi seera yakkaa 576 n haqameera. Kanaan achi muraa a, b, d fi e n keewwaticharraa ifaa fakkaatu. Sanas ta'u sana, kwt 2039 (a,b,d, fi e) ilaalcha keessa galchuun namni eyyama abbaa malee kallattiinis ta'e alkallattiin nama tuqe, miidhaan yoo hin jiraannellee itti hin gaafatama jechuudha. Art. 2040. Interference with the liberty of another. 1. Principle. A person commits an offence where, without due legal authority, he interferes with the liberty of another person, even for a short time, and prevents him from moving about as he is entitled to do. (2) In such a case, an offence shall be deemed to have been committed notwithstanding that no injury is done to the plaintiff's person. (3) It shall be sufficient for the plaintiff to have been compelled to behave in a certain manner by the threat of a danger of which he could not be unaware." FDRE Article 17 Right to Liberty 1. No one shall be deprived of his or her liberty except on such grounds and in accordance with such procedure as are established by law. 2. No person may be subjected to arbitrary arrest, and no person may be detained without a charge or conviction against him" Kwt 2041 haga 2043 tti ittisa ykn yeroo bu'uura kwt 2040 n itti gaafatamni hin jiraanne justification mul'isa. Mirga seeraan ala bilisummaa mulquu. Keewwattooti dhimma kanaaf tumaman (2040 haga 2043) ofumaan kan of ibsan yeroo ta'an tarii addaaf hiika barbaachisa kan jedhamu 2040(3) ha ilaallu. Bu'uura kwt kanaan physical contact ykn tuttuqaan qaamaa dirqama miti. Miidhamaa filannoo biraa dhabsiisuun filannoon biraa yoo jiraates filannoon jiru balaafamaa yoo ta'e bu'uura keewwata kanaan gaafachiisa.

OBSA QABAACHUU #4 ❏ OBSI: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ⁃ Taajjabbii irraa nama hambisa. ⁃ Hamtuu irraa nama eega. ⁃ Of-eeggannoo namaaf labsa. ⁃ Amala qabeessa nama taasisa. ⁃ Gara laafummaa nama barsiisa. ⁃ Sammuu namaa bal'isa. ⁃ Madaaluuf nama gargaara. ⁃ Olaantummaa nama gonfachiisa! «KANAAFUU OBSA QABAADHU!» "Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a."    — Beenjaamiin Firaankiliin

Repost from Temesgen A.Lawyer
Dhimmoota Falmisiisoo adda addaa

Repost from Temesgen A.Lawyer
Murtiilee Dhaddacha Ijibbaata dhimma maatii irratti kenname pdf

+1
PROCLAMATION NO. 592/2008. A PROCLAMATION TO PROVIDE FOR BANKING BUSINESS

Murtii DhIMMWF Lakk.Galmee 220008 ta’e irratti gaafa 26/11/2014 kennamee (Murtii Hin Maxxanfamne). Adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jalli murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandenye ta’u isaa. አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡ የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)

photo content

#Dhimmoota_Yakkaa_Jaarsummaadhaan_Yookiin_Araaraan_Xumuramuu_Danda'an: ✔️Maqaa gaarii nama biroo irratti miidhaa dhaqqabsiisuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 717(1); ✔️Yakka ibsootaa fi beeksisoota amala gaariif faallaa ta'an seera yakkaa keewwata 643 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka sagaagalummaa,Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 652(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Himannaa yakka arrabsoo fi salphisuu,seera yakkaa keewwata 615 irra darbuun raawwatamu; ✔️Yakka arrabsoo fi sobaan maqaa balleessuu fi salphisuu hojjataa mootummaa yookiin jaarmiyaa mootummaa irratti raawwatamu,keewwata 618; ✔️Yakka kabaja namoota badanii yookiin du'anii tuquu raawwatamu,Seera yakkaa keewwata 619; ✔️Yakka maqa balleessuu fi hamii sobaa,keewwata 613; ✔️Yakka mirga dhuunfaa walii barreessuu ykn qunnamtii sarbuu,Seera yakkaa keewwata 606(1); ✔️Yakka sanadoota balleessuu raawwatamu,seera yakkaa keewwata 380(1); ✔️Iccitii Sababa ogummaa yookiin hojiin beekame ibsuu,yakka seera yakkaa keewwata 399 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka doorsisa himachuu yookiin salphisuu,seera yakkaa keewwata 581 bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka harka darbuu,keewwata 560; ✔️Yakka nama sodaachisuun raawwatamu,seera yakkaa keewwata 580; ✔️Yakka meeshaa osoo hin fayyadamin miidhaa qaamaa salphaa itti yaadamee seera yakkaa keewwata 556(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Haala hin malleen kasaaruu ilaalchisee abbaa idaa galmee daldalaa irratti hin galmoofne irratti himannaa dhihaatu,seera yakkaa keewwata 726(3); ✔️Himannaa dorgommii daldalaa hin malle,seera yakkaa keewwata 719; ✔️Yakka waliin dhahuun idaa kanfaluu dadhabuu,seera yakkaa keewwata 725; ✔️Amantaa ummataatti fayyadamuun Jinniin siif harkisa yookiin falfala sirraa kuffisa,hiree kee sitti hima,Urjii siif lakkaa'a,hiree kee fuulduraa siif ibsa,ekeraa siif dubbisa fi kkf jechuun gowwoomsuu yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 700; ✔️Ibsaawwan sobaa miidhaa geessisan raawwachuu,keewwata 718; ✔️Faayidaa argatta jechuun sossobuun nama biroo kakaasuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 704(1); ✔️Namoota dandeettii hin qabne hojii qabeenya isaanii miidhu akka raawwatan kakaasuun yakki raawwatamu,seera yakkaa keewwata 705; ✔️Gocha rakkoo ol'aanaa yookiin hirkattummaa dubartiin tokko qabdu sababa godhachuun yakki raawwatamu,seera yakkaa keewwata 625; ✔️Qabeenya nama biroo irratti miidhaa salphaa geessisuu,yakka seera yakkaa keewwata 689 bira darbuun raawwatamu; ✔️Fuudhaa fi heeruma dabaan yookiin gowwoomsuun raawwatamu,yakka seera yakkaa keewwata 646(2) bira darbuun raawwatamu; ✔️Yakka qabeenya namaa irratti jeequmsa raawwachuu,seera yakkaa keewwata 686(1).👉Jeequmsi yeroo raawwatamu humnii fi doorsisni yoo jiraate immoo yakka haala kanaan raawwatameef araarri hin danda'amu,seera yakkaa keewwata 686(2); ✔️Hojii karra tokkoon qabeenya nama biroo irratti miidhaa geessisuu,yakka seera yakkaa keewwata 685(1) bira darbuun raawwatamu; ✔️Qabeenya badee argame kan ofii taasisuun yakka raawwatamu,seera yakkaa keewwata 680(1); ✔️Qabeenya nama biroo argatanii dhoksuu,seera yakkaa keewwata 679; ✔️Seeraan ala qabeenya nama birootti tajaajilamuu,yakka seera yakkaa keewwata 678 bira darbuun raawwatamu; ✔️Meeshaalee qabeenya waliinii ta'an hatuu,yakka seera yakkaa keewwata 667 bira darbuun raawwatamu; ✔️Miseensa maatii jidduutti yakki raawwatamu himannaa dhihaatu,seera yakkaa keewwata 664(1); ✔️Dirqama qallaba kennuu raawwachuu dhabuu,yakka keewwata 658 bira darbuun raawwatamu; ✔️Nama biroo fedhii isaatiin ala Alkoolii ykn Baalawwan Sammuu adoochan ykn qoricha kennuu ykn mala biroo kamiyyuu fajajeessuun dandeettii yaaduu ykn murteessuu nama sanaa dhorkuu,yakka seera yakkaa keewwata 583 bira darbuun kan raawwatamanii fi kkf fa'aadha. ✍️Dhimmootni kunneen iyyannoo dhuunfaan kan dhihaatan(crime punishable up on formal complaint) waan ta'aniif,dhimmoota sadarkaa kamittuu murtiin dura araaraan xumuramuu kan danda'aniidha. https://t.me/OdaaOromooti

#OolmaaDhaddachaa! Himatamaan Yakka gowwomsuu fi amantaa hir'isuu rawwatee adabbii hidhaan adabamee himatamaan maqaan isaa Zeenaa Abbabaa jedhamu himannaa sadiin adabbiin itti kenname jira. kunis, 1ffaa seeraa Yakkaa bara 1996 bahee kwt. 692(1) bira darbudhaan badhaadhina isaaf hin malle ofiif argachuuf ta'e jedhee itti yaaduun eenyummaa isaa dhoksuun abbaa amantaa fakkaachuun siifan kadhadha sin eebbisa ani Molokseedha, jedhe of ibsuun Bulchinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee Ganda Laga Jilaa Iddoo addaa Gooxii 3 jedhamuuti miidhamaa dhuunfaa Sisaayi Bahaaruu jedhamuu gowwomsee Mana Amantaa Abuna Zeenaa Maarqoosiin ijaarsisa maallaqaan nuu deeggari jechuun qarshii kuma kudha saddeet/18,000/ yoo irraa fudhatu. Akkasumas baatii 5ffaa bara 2014 Mana miidhamaa dhuunfa Insp Malkee Mangistee jedhamuu deemuun labtoppi kee irratti tolcha/xinqoolan hojjatamee jira irraan siif kaasa jechuun laptoppii gowwomsee fudhatee yoo miliquu dabaltaan himatamaan kuni seeraa olii kwt. 675(1) bira darbuun gaafa guyyaa 06/09/2013 mana midhamtuu dhuunfaa Haayimaanoot Xilaahuun imaanaadhan cufee deemuuf ergaa irra fudhee booda laabtooppii gosa Toshiba fi warqii mormaa giraama sagal mana jireenyaa miidhamtuun dhuunfa itti kennittee deemte keessa fudhachuun yakka imaanaa hir’isuu raawwateen himatameera. Manni Murtii Aanaa Barrakis himannaa dhiyaate bu’uuraa godhachuun ragaa A/Alangaa dhagahee jira. ragooleen Abbaa alangaa dhiyaatanis himannaa dhiyaate sadeenuu himatamaa irratti akkaatuma himannaa dhiyaateen mirkaneessani jiruu waan ta’eef himatamaan akka ofiiraa ittisuu jedhamee jira ta’us himatamaan ragaa ittisaa hinqabu waan jedheef himatamaa seeraa yakka keewwata 692(1) fi 675(1) jalaati murtii balleessummaa kennun yaada adabbi bitaaf mirga erga dhageefatee booda adabbii yakkootaa sadeen akkataa seeraa yakka keewwata 184(1)(B) himatamaan adabbi hidhaa waggaa 3 (sadi) fi ji’a 8(saddeetin) akka adabamu muurteess jira. Manni Murtii Aanaa Barrakis hawaasani namoota Aamantaa dawwoo godhatani hojii gowwomsuu raawwatan irraa akka of eegan jechun ergaa dabarsee jira. https://t.me/OdaaOromooti

photo content

Repost from Temesgen A.Lawyer
Cheekii Yeroon Itti Dhiyaachuu Qabu Irra Darbe ykn Dhorkame Bu'aa Ragummaa Akkamii Qabaachuu Danda'a? =======================
Cheekii Yeroon Itti Dhiyaachuu Qabu Irra Darbe ykn Dhorkame Bu'aa Ragummaa Akkamii Qabaachuu Danda'a? ======================== Namni yeroo seeraan taa'e keessatti maallaqa Cheekii irratti barreeffameef hin gaafanne, ykn osoo cheekichi harka isaa jiruu jalaa dhorkame, Cheekichuma akka ragaa sanadaa dasiibaa kamiittuu fayyadamuudhaan himannaa badhaadhina hin mallee hundeessuu kan danda'u ta'uu dhaddachi Ijibbaataa murteesseera. (Seera Daldalaa kwt 799, Dhadd.Ijib.MMWF Lakk.Ga.40173 (Jildii 12)) በቼክ ላይ የተፃፈለትን ገንዘብ በሕጉ በተቀመጠው ጊዜ ክፍያ ያልጠየቀበት ሰው ወይም በይዞታው እያለ የታገደበት እንደሆነ ይህንኑ ቼክ እንደ ተራ ሰነድ በማስረጃነት በማቅረብ ያላግባብ የመበልፀግ ክስ ሊመሰርት የሚችል ስለመሆኑ፣ (የንግድ ሕግ ቁ. 799, መ.ቁ 40173 ቅ፤ 12) © Desalegn B. Fuula telegram gad join godha seeroota adda addaa dubbisuu dandeessu. 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/temeslaw

photo content

Share Uunkaa_Gabaasaa_Raawwii_Hojii_Hariiroo_Hawaasaa_Godinaalee_Torbe Cinaaksan.doc

Repost from Temesgen A.Lawyer
Elias K. Law Room: Ilmi Maqaan Abbaa Isaa akka jijjiirramuuf kallattiidhaan gaafachuu ni danda’aa? Xiinxala Raawwatiinsa SHH Kwt 42 fi 43 irratti taasifame. Bu’uura Heera Mootummaa Federaalaa Kwt 36(1)(b) tiin daa’imni kamuu maqaa fi lammummaa qabaachuuf mirga qaba jechuun kaa’eera. Gama kanaan seerri maqaa namni tokko qabaachuu kan danda’u haala kamiin akka ta’e kaa’u immoo S/H/H kwt 32-46 akkasumas kwt 3358- 3360 tti jiran jalatti kaa’ameera. Bu’uuruma kanaan namni tokkoo maqaa firaa(family name),maqaa dhuunfaa tokko ykn isaa ol (first name) fi maqaa abbaa(patronymic ) qabaachuu akka qabu qajeeltoon isaa S/H/H kwt 32 jalatti kaa’ameera.  1ffaa Maqaan firaa (Family names) miseensa waliinii sarara maatii dhiiraatiin jiran kan agarsiisuu dha. Kanaafuu namni SHH erga tumamee as dhalate maqaa firaa kan fira abbaa isaa qabatee dhalata. Haa ta’u malee abbaan isaa maqaa firaa hin qabu yoo ta'e maqaa abbaa isaa (patronymic) akka maqaa firaatti(as family name) qabaata. Haa ta’u malee sadarkaa raawwii maqaa firaa(family name) biyya keenya keessatti yeroo ilaallu haala qabatama jiruutiin raawwii irra kan jiruu miti.  2ffaa Maqaa dhuunfaa ilaalchisee bu’uura SHH Kwt 34 fi 35 tiin maqaan nama dhuunfaa abbaadhaan kan moggaafamu yoo ta’u bakka abbaan hin jirretti immoo maatii abbaatiin kan moggaafamu ta’a. 3ffaa Bu’uura SHH kwt 36 tiin Maqaa abbaa ilaalchisee maqaan dhuunfaa abbaa maqaa abbaa(patronymic) akka ta’e kaa’ameera. Bu’uruma kanaan akkaataa Seera hariiroo hawaasaa biyya keenyaatiin moggaafama maqaalee isaan kam jijjiiruun danda’ama? kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Bu’uura SHH kwt 42 tiin maqaan firaa(family name) sababa gahaadhaan hanga mirga garee 3ffaa hin tuqnetti mana murtiitiin jijjiiramuu akka danda’u kaa’ameera. Gama biraatiin bu’uura SHH kwt 43 tiin namni tokko maqaa dhuunfaa isaa(first name) iyyata dhiyeessuun mana murtiitiin jijjiiruu akka danda’u kaa’ameera. Asitti maqaa dhuunfaa jijjiiruuf akka maqaa firaa jijjiiruutti sababni gahaan jiraachuun ykn ulaagaleen biroo dirqamaa miti. Gama kanaan mee murtiilee dhaddacha Ijjibaataa haa ilaallu. Jiildii 15ffaa lakk.Galmee 95995 ta’e irratti murtii kennameen namni tokko maqaa abbaa isaatiin fi maqaa abbaa isa guddiseetiin waamamaa jiraachuun isaa ragaan yoo mirkanaa’e ta’e maqaa isa tokkoon akka waamamuu danda’u gaafachuun sababa himannoo hin qabu kan jechisiisuu miti. dhimma kana irratti maqaan abbaa kiyyaa naaf haa jijjiiramu kan jedhu osoo hin ta’in maqaa abbaatinis maqaa abbaa na guddiseenis lamaaninuu waamamaan jira waan ta’eef maqaa isa tokkoon ykn maqaa abbaa kiyyaatiin akkan yaamamu naaf haa taasifamu kan jedhuudha. Jiildii 19ffaa Lakk.Galmee 116977 ta’e irratti immoo namni tokko maqaan dhuunfaa isaas maqaan abbaan isaas gara maqaa biroo fi maqaan abbaa isaas akka jijjiramu gaafachuu akka hin dandeenye murtii kennee jira. Murtii kana irraa kan hubatamu guutumatti maqaan dhuunfaas maqaan abbaatis kan jijjiiramu waan ta’eef seerota waa’ee maqaa jijjiirraatiin walqabatanii jiran waliin kan hin deemne ta’uu isaati.  Jildii 21ffaa lakk. Galmee 120355 irratti namni tokko yeroo adda addaatti maqaa abbaa adda addaatiin waamamuu isaa ragaa gahaatiin yoo mirkanaa’e gara maqaa isa tokkootti mirga nama 3ffaa miidhuu fi miidhuu dhabuu qulqulleessuun naannessuun akka danda’amu murtii kennee jira. Akka waliigalaatti murtiilee kanneen irraa kan hubatamu maqaa abbaa ilaalchisee namni tokko maqaa abbaa adda addaatiin ykn maqaan isa tokkoo guddisaa isaa tokko immoo maqaa abbaa isaatiin waamamaa yoo jiraate maqaa isa sirrii kan abbaa kiyyaatiin haa waamamu jechuun gaaffiin dhiyeessu sababa himannoo kan qabuu fi manni murtii mirga garee 3ffaa kan hin tuqne ta’uu isaa qulqulleessuun murtii kennuu akka qabu kaa’a. Haa ta’u malee maqaa abbaa jiru bakka abbaan hin gaafanetti maqaan isaa inni sirriin ebalu ture jechuun ilmi akka jijjiiramu gaafachuu kan danda’u miti. namni dhuunfaan tokko maqaa isaa jijjiiruu kan danda’u yoo ta’u, maqaa abbaa isaa garuu jijjiiruuf SHH kwt 32-46 kan hayyamu miti.