cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

MISBA Law Office

SEERA BEEKUUN ABSHAALUMMAADHA

إظهار المزيد
فنلندا3 348لم يتم تحديد اللغةالقانون7 741
مشاركات الإعلانات
335
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
+57 أيام
+3830 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Repost from Temesgen A.Lawyer
Qaamni Bulchiinsaa Waliigaltee Ijaarsaa Garee Biroo Waliin Raawwate Haquudhaan Kaffaltiin Dursaa Fudhatamee Ture Akka Deebi'uuf Himannaa Isaa Mana Murtiitti Dhiyeeffachuu Ni Danda'aa? Gareen Biroo Qaamni Bulchiinsaa Kun Akkaataa Waliigalteetti Dirqisiifamee Akka Raawwatu Naaf Murtaa'u Jechuu Ni Danda'aa?  ======///======///=====///============ Waliigalteen ijaarsaa falmichaaf ka’umsa ta’e waliigaltee bulchiinsaa yoo ta’e, qaamni bulchiinsichaa waliigalticha diiguuf mirga kan qabu yemmuu ta’u, gareen qaama bulchiinsichaa waliin waliigaltee raawwate sababa diigamuu waliigaltichaatiin miidhaan kan isarra gahe yoo ta’e mirga beenyaa gaafachuu kan qabu ta’uu qabiyyeen bu’uuraa tumaalee SHH keewwattoota 3180fi 3181 ni hubachiisu. Gareen qaama bulchiinsaa waliin waliigaltee raawwaterra miidhaan gahe yoo jiraate beenyaa gaafachuu malee mootummaan akka waliigalticha fooyyessu dirqisiisuu ykn maallaqa kaffaltii dursaa fudhatame mirga deebisuu dhiisuu hin qabaatu. Waan ta’eefis, gareen waliigaltee sababa waldhabdeen uumameef waliigalteen ijaarsaa akka itti hin fufne haala ifa ta’een yeroo beekamutti, sababni seera qabeessi itti fufsiisus bakka hin jirretti himannaa qaamni bulchiinsaa waliigalteen haqamee kaffaltiin duraa fudhatame naaf haa deebi’u jechuun dhiyeessu kufaa taasisuun dogoggora bu’uura seeraa SHH kwt 1815, 3180 fi 3181 hubannoo keessa hin galchinedha.          (Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Ga.Lakk.129534, Jildii 22ffaa) ለክርክሩ መነሻ የሆነዉ ግንባታ ውል የአስተዳደር ዉል ከሆነ የአስተዳደር አካሉ ውለታ የማፍረስ መብት ያለዉ ሲሆን ከአስተዳደሩ ጋር የተዋዋለዉ ወገን ውሉ በመፍረሱ ምከንያት ጉዳት የደረሰበት ቢሆን ካሳ የመጠየቅ መብት እንዳለዉ የፍ/ሕ/ቁ 3180 እና 3181 ድንጋጌዎች መሠረታዊ ይዘት ያስገነዝቡናል። ከአስተዳደር ጋር የተዋዋለዉ ወገን የደረሰባቸው ጉዳት ካለ ካሳ ከሚጠይቅ በቀር መንግስት ውል እንዲያሻሽል የማስገደድ ወይም በቅድመ ከፍያ የተወሰደውን ገንዘብ ያለመመለስ መብት የላቸውም። በመሆኑም ተዋዋዩ ወገን ከአስተዳደሩ ጋር ያደረገው የግንባታ ውል በተፈጠረው አለመግባባት የማይቀጥል ስለመሆኑ ግልጽ በሆነበት ሁኔታ ፍርድ ቤቶች የአስተዳደሩ ክስ የቅድሚያ ክፍያ ይመለስልኝ የሚል ሆኖ ሳሌ እና ውሉም የሚቀጥልበት የህግ ምክንያት በሌለበት ሁኔታ ውሉ እንዲሰረዝ በቅድመ ከፍያ የተወሰደውን ገንዘብ እንዲመልሱ ይወሰን ዘንድ የቀረበን ክስ ውድቅ ማድረግ የፍ/ሕ/ቁ.1815 ፤ 3180 እና 3181 ያላገናዘበ መሠረታዊ የህግ ስህተት ነዉ።       (ሰ/መ/ቁ 129534, ቅጽ-22, (ከመላከ ጥላዉን መጽሀፍ የተወሰደ))       Desalegn B.
إظهار الكل...
Dambii Lak.148/2004 Dambii Bulchiinsa fi Ittifayyadama Ambulaansii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe @musalawyer
إظهار الكل...
Dambii Ambulaansii Oromiyaa lakk.148.2012.pdf7.37 KB
Repost from Temesgen A.Lawyer
Himannaa Miseensonni Uqqubii Maallaqa Uqqubii Kaffalamuufii Qabuufi Cheekii Kennameef Bu'uureffachuun Dhiyeessan Ilaaluuf Manni Murtii Aangoo Qabu Isa Kam Akka Ta'e Akkamitti Adda Baha? ======///====///======///======== Dhimma kana keessatti, cheekiin kan dhiyaate ragaa dasiibaa ta’ee uqqubiin kaffalamuu dhabuu isaa mirkaneessuuf malee bu’uuraan haalli hojiirra oolmaa tumaalee seera daldalaa dhimma cheekii ilaallatanii, akka qorataman haala dandeessisuun kan dhiyaate waan hin taaneef, qabiyyeen waliigalaa falmichaas gaaffii maallaqni uqqubii akka naaf kaffalamu jedhu kan bu’uureffate waan ta’eef, dhaddachi Ijibbaataa naannichaas haala seerummaa bitaafi mirgaa, fi kallattii falmichaa hubannoo keessa hin galchineen dhimmichi dhimma labsii lakk.25/88n ilaalamudha (dhimmichi dhimma federaalaati) jechuudhaan iyyannoo ijibbaataa dhiyaateef osoo hin ilaalin galmicha cufuun isaa adeemsa sirrii miti jechuun murteesseera. (Labsii Lakk.25/1988, Dhaddacha Ijib.MMWF Lakk.Ga.104511, Jildii 17ffaa) በዚህ ጉዳይ ቼክ የዕቁብ ገንዘቡ ላለመከፈሉ ማረጋገጫ ሆኖ በተራ ሰነድ ማስረጃነት የቀረበ እንጂ በዋናነት ቼኩ ራሱ በንግድ ሕጉ የተመለከቱትን አግባብነት ያላቸውን ድንጋጌዎችን አተገባበር ለመመርመር የሚያስችል ክርክር በሚያስነሳ መልኩ የቀረበ ስላልሆነ፤ የክርክሩ አጠቃላይ ይዘትም የዕቁብ ገንዘብ ይከፈለኝ ጥያቄን መሰረት ያደረገ ስለሆነ፤ የክልሉ ሰበር ሰሚ ችሎት የግራቀኙን የተጠየቀዉን ዳኝነት እና የክርክሩን አቅጣጫ ባላገናዘበ መልኩ ጉዳዩ በአዋጁ ቁ.25/88 ስር የሚታይ ነዉ (ጉዳዩ የፌደራል ነው) ሲል የሰበር አቤቱታውን ሳይመለከተው መዝገቡን መዝጋቱ ስነ ስርዓታዊ አይደለም በማለት ወስነዋል። (አዋጅ ቁጥር 25/1988, የሰበር መዝገብ ቁጥር 104511, ቅጽ 17) Desalegn B.
إظهار الكل...
Repost from Temesgen A.Lawyer
DhIMMWF Lakk.Galmee 235053 ta’e irratti gaafa 29/7/2015 murtii kenneen:Manneen Murtii himata qabiiyyee lafa keenya irratti waraqaan ragaa(kaartaa) seeraan ala kenname jiru akka nuuf haqamu fi qabiiyyeen lafichaas kan keenya ta’uun isaa akka nuuf mirkannaahu jechuun dhiyaatu ilaalani murtii kennuuf aangoo kan qaban ta'u. DhIMMWF Lakk.Galmee 38452,220042 fi 220582 irratti Murtii kenneen:-Manneen Murtii himata kaartaan lafa magaalaa irratti kennamee jiru akka naaf haqamu jechuun qofa dhiyaatu irratti dursa ilaalani murtii kennuuf aangoo kan hin qabne ta'u. Sababa:-Dhimootni kana fakkaatan Bu’uura Labsii Adeemsa Bulchiinsa Lakk.1183/2012 keewwata 44 fi 49 tiin mana murtitti otoo hin dhiyaatiin dursa adeemsa bulchiinsaan fala argachu akka qaban tumamee jira.
إظهار الكل...
220042 fi 235053.pdf1.69 MB
Repost from Temesgen A.Lawyer
DhIMMWF Lakk.Galmee 235053 ta’e irratti gaafa 29/7/2015 murtii kenneen:Manneen Murtii himata qabiiyyee lafa keenya irratti waraqaan ragaa(kaartaa) seeraan ala kenname jiru akka nuuf haqamu fi qabiiyyeen lafichaas kan keenya ta’uun isaa akka nuuf mirkannaahu jechuun dhiyaatu ilaalani murtii kennuuf aangoo kan qaban ta'u. DhIMMWF Lakk.Galmee 38452,220042 fi 220582 irratti Murtii kenneen:-Manneen Murtii himata kaartaan lafa magaalaa irratti kennamee jiru akka naaf haqamu jechuun qofa dhiyaatu irratti dursa ilaalani murtii kennuuf aangoo kan hin qabne ta'u. Sababa:-Dhimootni kana fakkaatan Bu’uura Labsii Adeemsa Bulchiinsa Lakk.1183/2012 keewwata 44 fi 49 tiin mana murtitti otoo hin dhiyaatiin dursa  fala bulchiinsaan  xumura argachu akka qaban tumamee jira. የፌደራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በመ/ቁጥሮች 38452፣ 220042 እና 220582 ካርታ ይምከንልኝ ጥያቄ መጀመሪያ በአስተዳደር አካል በአዋጅ ቁጥር 1183/2012 አንቀጽ 44 እና 49  መሠረት መታየት ያለበት እንጂ ለፍርድ ቤት ቀጥታ የሚቀርብ አይደለም። በመጨረሻው የአስተዳደር ውሳኔ ቅር የተሰኘ ማንኛውም ሰው  የተሰጠው ውሳኔ እንዲከለስለት ቅሬታውን ለከፍተኛ ፍ/ቤት ማቅረብ እንደሚችል ባልታተመ የሰበር ውሳኔ ተሰጥቷል። የፌደራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎትበሰ.መ.ቁ 235053 መጋቢት 29 2015ዓ.ም ካርታ ይሰረዝልኝ እንዲሁም ንብረት የጋራ መሆኑ በፍርድ እንዲረጋገጥልኝ በሚል የቀረበ የዳኝነት ጥያቄ ከአስተዳደር ስነ-ስርዓት አዋጅ ቁጥር 1183/2012 አንቀጽ 44 እና 49 ከደነገጉት እንዲሁም የፌዴራል ጠቅላይ ፍ/ቤት ሰበር ሰሚ ችሎት በመ.ቁ 220042 እና በመ.ቁ 220582 ከሰጠው የህግ ትርጉም አንጻር ሲታይ ከካርታ ይሰረዝልኝ በተጨማሪ የንብረት ባለቤትነት በፍ/ቤት ውሳኔ እንዲረጋገጥ ዳኝነት የተጠየቀበት በመሆኑ ጉዳዩን የማየት የዳኝነት ስልጣን ያለው [የፌዴራል ከፍተኛ ፍርድ ቤት የአስተዳደር ችሎት ሳይሆን] የፌዴራል መጀመሪያ ደረጃ ፍ/ቤት ነው። Credit ti Dereje Tariku law office
إظهار الكل...
⚖️⚖️ #SEERAA_FI_DHUGAA_HADHOOYTUU❗️❗️ Jechoota namoonni irra deddebi'anii jedhanii fi gaafa ati hubannoo kennitu hamilee ittiin si cabsuuf yaalan. 1- Biyya seerri hin jirretti seera barsiistaa? 2- Seerri waraqaa irra malee lafarra hin jiru. 4- Seerri kan dureessaati hiyyeessaa qofa irratti dalaga. 5- Ogeeyyiin hundi hattuudha haqaan hin hojjatan. 6- Callisantanii dhamaatu malee homa hin jijjiirtan. Jechoota kanneen fi kkf yeroon dhagahu heddu keessi na tuqama hundu sababa jedhuuf qaba jedheen callisuu filadha. #Hubadhaa 👉 1- Seerri ni jira sababa garaagaraan raawwii irratti hanqinni mudachuu danda'a asii mitii biyya guddatan jedhamiyyuu hanqinni ni jira. Hanqinni jiraateef barsiisuufi hubannoo kennuu hin dhaabuu hin qabnu rakkinni arraa hanguma hawaasni mirgaa fi dirqama barachaa deemuun furamuu danda'a. Kaleessi hardhaa miti hardhi boru miti. Wanti hin jijjiiramne hin jiru garuu kutannoo, obsa, tasgabbii , ofitti amanamummaa , qulqullummaa , imaanaa ummataa fi eenyuuf akka hojjattu beekuu qabda. Namni dirree lolaa seene qophaayeeti lolatti seenta ati dhabamtuus kan biraatti kallattii argisiistee dabarta. Dadhabbiin hardha boqonnaa dhaloota boruuti. Dhugaaf gaafa qabsooftu murna haqaa bitachuu fi gurguruu bareen ni jibbamta, ni dhiibamta shiraa heddu sirratti xaxama san hin sodaachuu hin qabdu. Sodaatamaa ta'i malee hin sodaatin lubbuun dhugaaf fi haqaaf jiraatte boqonnaa barabaraa qabdi. 👉 2- Seerri nama hundaa oli hundaafuu walqixa garuu namoota seera raawwachisan biratti hanqinni fi faayiddaa dhunfaaf qajeeltoo fi hojii irra olma cabsuun hin jiru jechuu hin dandeenyu garuu adeemsa qabsoo cimtuu haqa irratti godhamuu fi kanneen akkas godhan calalaa deemtuun qulqullaa'uu danda'a. 👉 3- Qabsoo fi tattaaffii olaantummaa seeraa fi haqa dabe sirreessuuf gootu ammatti firii isaa arguu dhabuu dandeessa ta'a garuu adeemsa keessa jijjiirama fiduun hin hafu kanaaf haqaa fi dhugaa irraa abdi kutachuun hin barbaachisu. 👉 4 - Ogeeyyiin hundi qulqullu jechuu hin dandeenyu isa qulqullummaa ilma namaa abichumaa fi Rabbiitu beeka. Ogeeyyiin hundi hattu jechuuf immoo sababa ogeessa tokkicha argiteetiin hundi akkasuma jechuu fi odeeffannoo fi gocha alseerummaa heddu argiteef ogeeyyiin hundi akkasi jettee goolabuu hin dandeessu. Kanneen dhugaan onnee irraa haqaaf dabarsanii of kennuun rakkoo hammaataa keessa ta'anii qabsaawan heddu jira waan ta'eef. Akkasuma kanneen garaa fi faayiddaa dhunfaa dursuun kiisii dureessaa fi sabbata aayyoo hiikaniis hin jiran jechuu hin dandeenyu. Seera keessatti nama lama gammachiisuun hin danda'amu, kan itti murtaa'e ni gadda, kan murtaa'eef ni gammada. Walumaagalatti haala kam keessattillee cimtee hojjatee hojjannaan jechoota abdii nama kutachiisaniif osoo gurra hin kennin yeroo rakkattuus obsitee boqonnaa sammuu fi tasgabbii fi ofitti amanamummaan jiraachuuf dhugaa fi haqaaf hojjachuun gaariidha. Iddoo namoota haqa dhabanii of buusnee of ilaaluun gaariidha. Namoonni jechootaan akkaan olitti ibseen san fayyadamtan irraa of qusachuun gaariidha. Haqaan haqaaf haa hojjannu.❗️ ✍️ #BINIMOS_SHEMALIS
إظهار الكل...
Itti gaafatama balleessaa irraa madduun Akka waliigalaatti gochooti balleessaadha jedhaman shh kwt 2028 haga 2037 tti kan teechifaman yoo ta'u, addatti ammoo haaloti gocha tokko balleessaa jechisiisan kwt 2038-2065 tti tarreeffamanii jiru. Keewwattota kanammoo adda kan isaan godhu mirgoota heera mootummaan kennaman tiksuuf ykn yoo caban bu'aa siiviliin beenya'uuf keewwattoota tumamaniidha. Inni dhumaa keewwattoota kana adda isaan taasisu seera kutaa duraa keessatti akkuma ilaalaa turre beenyaa gaafachuuf miidhaan jiraachuun dirqama inni ture asitti dirqama miti. Mirgi heeraafi keewwattoota kana keessatti eeraman akkuma sarbamaniin miidhaan waliigalaa (General damage) tilmaamamuun beenyaan gaafatama. NB: kwt 2038-2065 tti kan jiru kwt 2104 faana yoo dubbisne salphaatti nuuf gala. Kwt 2038: Physical assault. 1. Principle. A person commits an offence where he intentionally makes contact with the person of another against the latter's will. (2) An offence shall be committed regardless of whether the bodily harm done to the other person is caused by personal contact or by the use of an object, animate or inanimate. (3) Unless otherwise provided, the mere threat of physical assault on ~n. other shall not constitute an offence." Keewwati kun BATTERY jedhama. Waan biraa miti, eyyama abbaa malee nama tuquudha. Heera FDRE kewt.14 " Right to life, the security of person and liberty. Every person has the inviolable and inalienable right to life, the security of person and liberty." Tuttuqqiin (contact) jedhamu hagi isaa tilmaama keessa utuu hin galin itti yaadamee fi eyyama abbaa malee taanaan bu'uura kwt kanaan hin gaafachiisa. Bu'uura muraa 2 tiin ammoo tuttuqqiin sun kallattiin (qaamaan ykn personal contact ) ykn alkallattiin ( wantoota lubbu maleeyyii fi lubbu qabeeyyii fayyadamuun) Bu'uura muraa 3 tiin sodaachisi qaamaa /yoo tumame malee/(seera yakkaa kwt 580) bu'uura kwt kanaan balleessaa akka hin jedhamne kaa'ee jira. Unfortunately, kwt 2038-65 gidduu jiran kun ammas wanta adda isaan godhan qabu, innis itti gaafatama- ittisa (liability -defence) hariiroo jedhamu qabatanii tumamanii jiru. Fkn kwt 2038 fi 2039,,,,2040 -43tti ,,,2044-2049 tti bifuma walfakkaatuun diriirfamee jira. Kwti 2039 defence ykn ittisa kwt 2038 tiiti. Kwt 2039 keessaa kan adda ta'uufi kan jijjiirame 2039(c) dha. Kwt kun heera FDRE kwt 36 fi seera yakkaa 576 n haqameera. Kanaan achi muraa a, b, d fi e n keewwaticharraa ifaa fakkaatu. Sanas ta'u sana, kwt 2039 (a,b,d, fi e) ilaalcha keessa galchuun namni eyyama abbaa malee kallattiinis ta'e alkallattiin nama tuqe, miidhaan yoo hin jiraannellee itti hin gaafatama jechuudha. Art. 2040. Interference with the liberty of another. 1. Principle. A person commits an offence where, without due legal authority, he interferes with the liberty of another person, even for a short time, and prevents him from moving about as he is entitled to do. (2) In such a case, an offence shall be deemed to have been committed notwithstanding that no injury is done to the plaintiff's person. (3) It shall be sufficient for the plaintiff to have been compelled to behave in a certain manner by the threat of a danger of which he could not be unaware." FDRE Article 17 Right to Liberty 1. No one shall be deprived of his or her liberty except on such grounds and in accordance with such procedure as are established by law. 2. No person may be subjected to arbitrary arrest, and no person may be detained without a charge or conviction against him" Kwt 2041 haga 2043 tti ittisa ykn yeroo bu'uura kwt 2040 n itti gaafatamni hin jiraanne justification mul'isa. Mirga seeraan ala bilisummaa mulquu. Keewwattooti dhimma kanaaf tumaman (2040 haga 2043) ofumaan kan of ibsan yeroo ta'an tarii addaaf hiika barbaachisa kan jedhamu 2040(3) ha ilaallu. Bu'uura kwt kanaan physical contact ykn tuttuqaan qaamaa dirqama miti. Miidhamaa filannoo biraa dhabsiisuun filannoon biraa yoo jiraates filannoon jiru balaafamaa yoo ta'e bu'uura keewwata kanaan gaafachiisa.
إظهار الكل...
OBSA QABAACHUU #4 ❏ OBSI: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ⁃ Taajjabbii irraa nama hambisa. ⁃ Hamtuu irraa nama eega. ⁃ Of-eeggannoo namaaf labsa. ⁃ Amala qabeessa nama taasisa. ⁃ Gara laafummaa nama barsiisa. ⁃ Sammuu namaa bal'isa. ⁃ Madaaluuf nama gargaara. ⁃ Olaantummaa nama gonfachiisa! «KANAAFUU OBSA QABAADHU!» "Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a."    — Beenjaamiin Firaankiliin
إظهار الكل...
GAGGEESSUMMAA

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!

https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref

✍️ @Gaggeessummaa_bot

Repost from Temesgen A.Lawyer
Dhimmoota Falmisiisoo adda addaa
إظهار الكل...
Dhimmoota falmisiisoo adda addaa (1) (1).pptx4.75 KB
Repost from Temesgen A.Lawyer
Murtiilee Dhaddacha Ijibbaata dhimma maatii irratti kenname pdf
إظهار الكل...
Hiikkoo Murtiilee DhIMMWF Maatii.pdf2.16 MB