ar
Feedback
The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus - EECMY

The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus - EECMY

الذهاب إلى القناة على Telegram

The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY) is a national Lutheran church with more than 10 million members.

إظهار المزيد
3 506
المشتركون
+324 ساعات
+87 أيام
+6330 أيام
أرشيف المشاركات
#የኢትዮጵያ_ወንጌላዊት_ቤተ_ክርስቲያን_መካነ_ኢየሱስ_ለ54_አገልጋዮች_የቅስና_ሀላፊነት_ሰጠች። * * * * * * * የቤተ ክርስቲያኒቱን የቃል እና ቅዱሳት ሚስጥራት አገልግሎት እንዲያግዝ በማዕከላዊ ኢትዮጵያዊ ሲኖዶስ፣ በአዲስ አበባ ሲኖዶስ እና በፊንፊኔ ሀዋስ ሲኖዶስ ስም ለመደራጀት ጥያቄ ባቀረቡ ሰበኮች ለሚያገለግሉ አገልጋዮች የቅስና ሹመቱ ተሰጥቷል። ሲመተ ቅስናውም በቤተ ክርስቲያኒቱ ቀደምት በሆነው የአዲስ አበባ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ማኀበረ ምዕመናን የተከናወነ ሲሆን የቅስና ሀላፊነቱ የመምሪያ ዳይሬክተሮች፣ የሲኖዶስ መሪዎች፣ የሰበካ ተጠሪዎች እና የእጩ ቀሳውስቱ ቤተሰቦች በተገኙበት ተካሂዷል። የቅስና ሀላፊነት የመስጠት ሥነ ሥርዓቱን ባካሄዱበት ወቅት ባስተላለፉት መልዕክ እጩ ቀሳውስቱ ወደየ ማኀበራነ ምዕመናቸው ሲመለሱ የቤተ ክርስቲያን ከፍተኛ ባለ ሥልጣን የሆነውን የእግዚአብሔር ቃል በንጽህና እና በስልጣን የሚሰበክበትን ምስባክ የመጠበቅ እና የማስጠበቅ ሀላፊነት እንዳለባቸው የቤተ ክርስቲያኒቱ ፕሬዚዳንት ቄስ ዶ/ር ዮናስ ይገዙ አሳስበዋል። የእግዚአብሔር ቃል በሙሉ ስልጣን መሰበኩ ለቅዱሳት ሚስጥራቱ አገልግሎት ማለትም ለክርስቶስ ሥጋ እና ደም የሚሰጋጀን መግቢያ በር ስለሆነ ቀሳውስቱ በምስባኩ ላይ በእነርሱም ሆነ በሌሎች ስለ ሚቀርቡት ስብከተ ወንጌሎች ጥንቃቄ እንዲደርጉ እና በዚህም ረገድ ለመንጋው ልዩ ጥበቃ እንዲደረግ አክለውም አሳስበዋል። በቤተ ክርስቲያኒቱ የወንጌል ተልዕኮ አና ቲኦሎጂ መምሪያ ልዩ ትኩረት ተሰጥቶት ባለፉት 8 የአገልግሎት ዓመታት በቤተ ክርስቲያኒቱ የቃል አና ቅዱሳት ሚስጥራት አገልግሎቶች በኩል የሚታየው ክፍተት ለመሙላት እና በፍጥነት እያደገ ለሚገኘውን የምዕመና ቁጥር ተከትሎ የሚቀርበውን የእረኝነት አገልግሎት ፍላጎቶች ምላሽ ለመስጠት በልዩ ትኩረት የበቁ አገልጋዮችን የማቀሰስ እና ወደ አገልግሎት የማሰማራቱ ስራ ውጤታማ በሆነ መልክ ተሰርቷል። በተገኙት ውጤቶችም እግዚአብሔርን እያመሰገንን ሥራው ግን ተጠናክሮ መቀጠል እንዳለበት ቤተ ክርስቲያንኒቱ ያላት የቄሶች ለምዕመናን ሥብጥር ስታትስቲካዊ መረጃዎች አሁንም ይጠቁማሉ። ለመስኩ አገልግሎት ሰራተኞች የሰጠን የአምላካች የእግዚአብሔር ስም የተመሰገነ ይሁን። ታኀሳስ 8 ቀን 2018 ዓ.ም አዲስ አበባ

#Ibsa_Gaddaa #የኅዘን_መግለጫ Tajaajila Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itiyoophiyaa keessatti seenaa guddaa abboota qaban keessaa tokko kan ta’an, abbaan keenya jaalatamoon obbo Dastaa Buubaa, dhibee isaan muudate irraa yaalamaa turanii guyyoota muraasa dura gara gooftaatti waamamuu isaanii gadda guddaadhaan dhageenyee jirra. Amantoonnii fi tajaajiltoonni Waldaa Makana Yesuus guutummaatti gadda isaanii dhageessisaa jiru. Jaallatamoo Obbo Dastaa Buubaa, Waldaa Kirisitiyaanaa Warra Wangeelaa Makaane Yesuus Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa hoggansaa garagaraatiin tajaajiluu isaanii caalaatti, Wangeelaaf jecha gatii guddaa kan kaffalan, of kennuudhaan, gammachuu fi jaalalaan jireenya fakkeenya-qabeessa kan jiraatan, hojii gaarii isaaniitiin namoonni baayyeen kan isaan kabajan turan. Kana qofa utuu jireenyi Obbo Dastaa ofuma isaatiin mana barumsaati jechuun in danda’ama. Akka abbaattis akka hoogganaattis namoota danuu hojii Waaqayyo keessatti guddisaniiru. Keessumattuu, Sinoodoosii Giddugaleessaa bifa haaraadhaan ijaaruu fi qindeessuu akkasumas qixa inni ittiin saffisaan guddatu karoorsuun keessatti gaheen isaan taphatanii fi gatiin isaa kaffalan yeroo hundumaa yaadatamaa kan jiraatudha. Eenyummaa isaanii isa amantii fi jireenya gooftaa irratti ijaaramee namoota gara Kiristoositti hawwataa ture, isa yoomiyyuu hin dagatamneef Gooftaa in galateeffanna. Fooniin yoo nu irraa adda bahan iyyuu , hojii gaarii fi fakkeenyumman inni isaan Waldaa fi dhaloota kanaaf kaa’anii darban yeroo hundumaa seenaa ta’ee yaadatama. Maqaa gaarii qabaatanii darbanii jiru. Gooftaan Yesuus Kiristoos, ati hojjetaa amanamaa fi qajeelaa nana, gara mootummaa abbaa keetiitti gali jedhee isaan akka simate dhugaatti beekna. Waaqayyo isa nama jaallatamaa Kanaan Waldaa isaa eebbiseef galanin haa ta’u. Gaggeessitoonni fi amantootni Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itiyoophiyaa, maatii fi michoota abbaa keenya Obbo Dastaa Buubaa hundumaa Waaqayyo akka jajjabeessu kadhannaa keenya. ……..”Warri gooftaatti qabamanii utuu jiranii du’an, ammaa jalqabanii warra gammadaniidha…….”Eeyyee, dadhabbii isaanitti aara haa galfatan, ijji hojii isaanii immoo isaan duukaa in bu’a. (Mul’ata Yohannis 14:13) #የኅዘን_መግለጫ በኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ሕይወትና አገልግሎት ሰፊ ታሪክ ካላቸው አገልጋዮች መካከል አንዱ የሆኑት እጅግ የተወደዱ አባት አቶ ደስታ ቡባ ባደረባቸው ሕመም ሲረዱ ቆይተው ከጥቂት ቀናት በፊት ወደ ጌታ የመሰባሰባቸውን ዜና በታላቅ ኀዘን ሰምተናል። አቶ ደስታ ቡባ በዚህች ቤተ ክርስቲያን በተለያዩ የአመራር ሃላፊነቶች ከማገልገላቸውም በላይ ለወንጌል ሲሉ ብዙ ዋጋ የከፈሉ፤ በብዙ መሰጠት፤ በደሰታና በፍቅር ምሳሌነት ያለውን ሕይወት የኖ፤ ለብዙዎች ዘንድ በመልካም ምግባራቸው የሚጠቀሱና የሚመሰገኑ አባት ነበሩ። በተለይም ማዕከላዊ ሲኖደስን በአዲስ መልክ በማደራጀትና በመምራት ረገድ የነበራቸው ድርሻና ለዚህም የከፈሉት ዋጋ ሁሉ ጊዜ በአድናቆት እየታወሰ የሚኖር ነው። በጌታ ስለነበራቸው እምነትና ሕይወት ምን ጊዜም ሊዘነጋ ስለማይችለው ልዩ ማንነታቸውና ምሉዕነታቸው ጌታን እናመሰግናለን። እርሳቸው በአካል ቢለዩንም ለቤተ ክርስቲያንና ለአሁኑ ትውልድ ትተው ያለፉት መልካም ተግባራቸውና ምሳሌነታቸው ሁልጊዜ እየታሰበና እየተዘከረ ይኖራል። በመልካም ስም ተሰናብተዋል፤ የትጉና ታማኝ ባሪያ ሽልማት ከጌታ ዘንድ እንደሚሆንላቸውም እምነታችን ጽኑ ነው፨ የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን አመራርና ምዕመናን በሙሉ ለአባታችን ለአቶ ደስታ ቡባ ቤተሰብና ቤተዘመድ እንዲሁም ለወዳጆቻቸው ሁሉ እግዚአብሔር መጽናናቱን እንዲያበዛ ጸሎታችን መሆኑን እንደገልጻለን። ከንግዲህ ወዲህ በጌታ የሚሞቱ ሙታን ብጹአን ናቸው---------ከድካማቸው ያርፉ ዘንድ፤ ስራቸውም ይከተላቸዋል (ራዕ 14፡13)

የግሎባል ኮንፌሽናል እና ሚሽናል ሉተራን ፎረም ተካሄደ * * * * * * የግሎባል ኮንፌሽናል እና ሚሽናል ሉተራን ፎረም በናይሮቢ ኬኒያ ተካሄዷል። ፎረሙ በቤተክርስቲያን አገልግሎት የደቀ መዝሙር እና ሚስዮን አገልግሎትን ዋና ማዕከል ማድረግ በሚል ዓላማ በ2015 እኤአ በአሜሪካ ዳላስ ቴክሳስ የተቋቋመ ሲሆን ከተለያዩ ሀገራት በሚስዮን እና ኮንፌሽናል ሉተራዊ ማንነትን በመጠበቅ ዙርያ አንድ አይነት አስተሳሰብ ያላቸውን ሉተራውያንን ያሰባሰበ ነው። የዘንድሮው ፎረም ''ለበለጠ የሚስዮን ስራ መተባበር'' በሚል ርዕስ የተካሄደ ሲሆን በርዕሰ ጉዳዩ ዙርያ የተለያዩ ጽሁፎች ቀርበዋል ምክክሮችም ተካሂዷል። የኢ/ወ/ቤ/ክ/መካነ ኢየሱስም በአራት መልዕክተኞች የተሳተፈች ሲሆን የቤተ ክርስቲያኒቱ ፕረዚዳንት ቄስ ዶ/ር ዮናስ ይገዙ እና የቤተ ክርስቲያኒቱ ጠቅላይ ጸሐፊ ቄስ ዶ/ር ተሾመ አመኑ ስለ ቤተ ክርስቲያኒቱ ሁለንተናዊ አገልግሎት ልምድ አካፍለዋል። እንዲሁም በእግዚአብሔር ቃል እና በተለያዩ መንፈሳዊ አገልግሎቶች አገልግለዋል:: የመካነ ኢየሱስ ሴሚናሪዮም ፕሬዝዳንት የሆኑት ቄስ ዶ/ር ምስጋና ማቴዎስ ስለ ሴሚናሪው አገልግሎት ጽሁፍ ያቀረቡ ሲሆን የቤተ ክርስቲያኒቱ የልጆች እና ወጣቶች አገልግሎት መምሪያ ዳይሬክተር የሆኑት ቄስ ወንድማገኝ ኡዴሣ 'የ21ኛ ክ/ዘመን ወጣቶችን በወንጌል መድረስ' በሚል ርዕሰ ጽሁፍ አቅርበዋል። ፎረሙ እስካሁን ያለውን የጉዞ ሂደት በመገምገም በቀጣይ ትኩረት የሚሹ ጉዳዮች ላይ መክሮ አቅጣጫ በማስቀመጥ ተጠናቋል። === Foramiin Konfeshinii fi Miisiyoonii Luutaraanii Idil Addunyaa Adeemsifame * * * * * * Foramiin Konfeshinii fi Miisiyoonii Luutaraanii Idil Addunyaa Naayiroobii Keeniyaatti adeemsifameera. Foramichi Hojii Duuka Buutummaa fi Miisiyoonii Waldaa Kiristaanaa keessatti adda duree gochuu irratti xiyyeeffachuudhaan bara 2015 ALI biyya Ameerikaa, Daalaas Teeksaasitti kan hundeeffame yoo ta'u, biyyoota garagaraa irraa hojii miisiyoonii fi enyummaa Luutaraanii konfeshinii eeguudhaan ilaalcha tokko warra qaban kan walitta fideedha. Foramiin baranaa 'Hojii Wangeelaatiif Caalaatti Wal Tumsuu' mat-duree jedhuun kan adeemsifame yoo ta'u, mata duree kana giddu galeessa godhachuudhaan barreeffamootni garagaraa dhiyaataniiru, mariinis geggeeffameera. Waldaan Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus qooda fudhattoota afuriin kan hirmaatte yoo ta'u, Pirezidaantiin Waldattii Lubni Dr. Yoonaas Yiggazuu fi Muummicha Barreessaa Waldattii Lubni Dr. Teshoomee Amanuu waa'ee tajaajila hundagaleessa waldattii muuxannoo qoodaniiru, akkasumas barumsa Sagalee Waaqayyoo fi tajaajila hafuuraa garagaraatiinis tajaajilaniiru. Pirezidaantii Seeminarii Makaana Yesuus kan ta'an Lubni Dr. Misgaanaa Maatewoos waa'ee tajaajila hundagaleessa seeminarichaa irratti barreeffama kan dhi'eessan yoo ta'an, Daarektara Qajeelcha Tajaajila Ijoollee fi Dargaggoo Waldatti kan ta'an Lubni Wondimmaagany Uddeessaa 'Dargaggoota Jaarraa 21ffaa Wangeelaan Dhaqqabuu' mat-duree jedhuun barreeffama diyeessaniiru. Foramichi turtii hamma ammaa madaaluudhaan, fuulduratti qabxiilee xiyyeeffannoo barbaadan garagaraa irratti mari'atee kallattii kaa'uudhaan xumurameera.

#Ibsa_Gaddaa Waldaan Kiristiyaanaa Warra Wangeela Mekane Yesus Itiyoophiyaa (WKWWMYI), Aadde Qanaatuu Karoorsaa duáan adduynaa kana irraa boqochuu isaaniitiif gadda itti dhagaáme in ibsiti. Warra manaaa Luba Dafaa jammoo kan turan Aadde Qanaatuu Karoorsaa Seenaa hojii Wangeelaa Waldaa kanaa keessatti, iddoo guddaa kan qaban turan. Akkuma beekamu Lubni Dafaa Jammoo naannoo Wallaggaa, bakka amma Ayra jedhamee waamamutti keessatti nama dursee Wangeela dhagaée duwwaa utuu hin ta’in seenaa Warra Wangeelaa  ”Lutheran”  keessatti itti gaafatama Lubummaa fudhachuudhaan  nama jalqabaa  turan. Seenaa Hundeeffamuu Waldaa Kiristiyaanaa keenyaa keessattis gaée guddaa kan qaban turan. Aaddee Qanaatuunis akka warra manaa Luba Dafaa qofa utuu hin taín akka goota Wangeelaattis in yaadatamu. Keessumaa immoo dubartootaa fi shamarran ol-addeemoo dubbii Waaqayyoo hubachiisuu fi oguma jireenyaatiin leenjisuu irratti tajaajilli isaan kennaa turan yaadatamaa jiraata. Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Mekane Yesuus Itiyoophiyaa, maatii fi firoota, Aadde  Qanatuutiif  akkasumas immoo amantoota naannoo Ayraa jiraataniif Waaqayyo jajjabina akka baayyisu  hawwiti, kadhataanis in yaadatti. Warri gooftaatti qabamanii utuu jiranii duán, ammaa jalqabanii warra gammadanii dha,-----eeyyee dadhabbii isaaniitti aara haa galfatan, iji hojii isaanii immoo isaan duukaa in buá (MY 14:13) #የኀዘን_መግለጫ የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ምዕመናንና መሪዎች የናታችን የወይዘሮ ቀናቱ ከሮርሳን ከዚህ ዓለም በሞት መለየት በጥልቅ ኀዘን ሰምተናል፡፡ የቀድሞው የቤተ ክርስቲያኒቱ አንጋፋ ቄስና መሪ፤ የቄስ ደፋ ጀሞ ባለቤት የነበሩት  ወ/ሮ ቀናቱ ከሮርሳ በቤተ ክርስቲያናችን የአገልግሎት ታሪክ ውስጥ ከፍተኛ ሥፍራ የነበራቸው እናት ነበሩ፡፡ በታሪክ እንደሚታወቀው ቄስ ደፋ ጀሞ በሉተራን ወንጌላውያን ታሪከ ውስጥ የቅስናን ሃላፊነት በመቀበልና ቤተ ክርስቲያንን በመምራት ረገድ የመጀመሪያ ሰው ነበሩ፡፡ በኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ አመሰራረት ሂደት ውስጥም የጎላ ተሳትፎ እንደነበራቸው ታሪክ ይመሰክራል፡፡ ወ/ሮ ቀናቱ የቄስ ደፋ ባለቤት ከመሆናቸው ባሻገር በቤተ ክርስቲያኒቱ የወንጌል አገልግሎት ውስጥ ከሚጠቀሱት የወንጌል ጀግኖች መካከል የሚጠቀሱ ባለ ታሪክ ናቸው፡፡ በተለይም ወጣት ሴቶችንና ልጃገረዶችን በኑሮ ዘዴና በልዩ ልዩ ሙያ በማሰልጠን፤ ሴቶች ቃለ እግዚአብሔርን በትክክል እንዲረዱና በእምነት እንዲጸኑ በማድረግ ረገድ ነበራቸው ድርሻ በትውልድ ሁሉ ሲወሳ የሚኖር ታሪክ ነው፡፡ የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ለወ/ሮ ቀናቱ ከሮርሳ ቤተሰብ፤ ዘመድ አዝማድና ወዳጆች፤ እንዲሁም ለአይራ አካባቢ ምዕመናን ሁሉ ከጌታ መጽናናት እንዲበዛላቸው ትመኛለች፡፡ ከንግዲህ ወዲህ በጌታ የሚሞቱ ሙታን ብጹአን ናቸው……ከድካማቸው ያርፉ ዘንድ ዘንድ ሥራቸውም ይከተላቸዋል (ራዕ 14፡13)

የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ የዋናው ጽሕፈት ቤትና የጋራ ፕሮግራም አገልጋዮች፤ የተቋማቱም ሰራተኞች የ2018 ዓ.ም አዲስ ዘመን መለወጫ ዋዜማን በጸሎት፣ በዝማሬ፣ የእግዚአብሔርን ቃል በመከፋፈል እና ማዕድን በመቁረስ በጋራ አክብረዋል። የቤተ ክርስቲያኒቱን ሥራ አመራር ኮሚቴ በመወከል የቤተ ክርስቲያኒቱ ጠቅላይ ጸሐፊ ቄስ ዶ/ር ተሾመ አመኑ ለሰራተኞች የመልካም ምኞት መልዕክት አስተላልፈዋል።በመልዕክታቸውም የ2017 ዓመተ ምህረትን ዘወር ብለን ስንመለከት የጌታ ታማኝነት ያየንበት ነው ብለዋል። እንዲሁም በአዲሱ ዓመት ከበፊት ይልቅ የእንግዚአብሔርን ፊት በፀሎት የምፈልግበት፣ ቃሉን የምናጠናበት፣ በእውነት የምናገለግልበት እና የእግዚአብሔርን ፈቃድ በውሳኔዎቻችን ላይ የምንጠይቅበት ይሆን ዘንድ መልዕክታቸውን አስተላልፈዋል። በመጨረሻም የ2018 ዓ.ም መልካም የስኬት ዓመት ይሆን ዘንድ መልካም ምኞታቸውን ገልፀዋል።

Kana gochuuf immoo hojii keenya isa bara darbee keessa deebinee ilaaluunii fi mul’ata isa dhufuu qabaachuu qofaan ga’aa hin ta’u. Waaqayyo isa hojii gaarii hundumaaf hundee ta’e sodaachuunis nu barbaachisa. Sagaleen Waaqayyoo “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba oogummaa ti, warri isa duukaa bu’anii hojjetan hubannaa gaarii qabu, Waaqayyoon jejachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabbata.” jedha. Egaa biyya keenyaa keessaatti, darbees Addunyaa guutummaatti namootni hojii gaarii akka hin hojjenneef, dhalli namaa wal tumsee nagaadhaa fi jaalalaan wal gargaaree akka hin jiraannee kan godhu Waaqayyoon sodaachuu dadhabuu; hammmeenya wal irratti yaaduu fi gaarummaa hundumaa irraa fagaachuu dha. Hojiiwwan ulfina Waaqayyoo xuqanii fi ulfina dhala manaafis hin taane kan hojjetamaniifiis sodaan Waaqayyoo waan hir’ateefii dha. Waaqayyoon sodaachuun hubannaa namaaf kenna; hojiiwwan ulfina Waaqayyoo xuqanii fi nama miidhan kam irraa akka fagaatan nama gargaara waan ta’eef. Abbaan Faarsaa “Ajaja kee keessaa hubannaa nan argadha; kanaafis karaa sobaa hundumaa nan jibba” jedha. Kana Waan ta’eef waggaa haaraa isa eeggachaa jirru kana keessatti guyyaa hundumaa Waaqayyoon sodaachuudhaan hubannaa godhannee isa darbu isa hin darbinettii; isa kabajamaa isa gadi deebi’aattii, isa gaariis isa hamaattii adda baafachuudhaan itti gaafatamummaadhaa fi amanamummaadhaan ga’ee keenya ba’uudhaaf qophaa’uutu nu irraa eegama. Dhuma Irrattis: Waaqayyo Abbaan keenya bara 2018 kanatti Uummata biyya keenyaa hundumaaf, geggeessitoota sadarkaa garaa garaa iiratti hojjetaniif, Abbootii Amantii fi tajaajiltoota hundumaaf; akkasumas amanoota hundumaaf garaa Waaqayyoon sodaatu haa kennu! Biyya keenyas nagaatti haa eegu, hojii keenya hundumaas nuuf haa eebbisu jechaa; yeroo ayyaana waggaa haaraa kana ayyaaneffannu immoo namoota sababoota garaa garaan miidhamanii rakkina keessa bu’an, iyyeessotaa fi warra rakkatan yaadannee waan qabnu irraa isaaniif qoodnee akka wajjin ayyaanneffanu jaalala Gooftaatiin isinan gaafadha. Waaqayyo Abbaan keenya Itiyoophiyaa haa eebbisu! Waaqayyo isin haa eebbisuu, isin haa eeguu; Waaqayyo fuula isaa isiniif haa ibsuu, isinitti haa araaramuu; Waaqayyo fuula isaa gara keessanitti haa deebisuu, nagaa isaas isiniif haa kennuu ! Maqaa Abbaatti. Kan Ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis Waaqayyo Tokkoo. Ameen! Luba Dr. Yonas Yigezu, Prezidaantii WKWW Makane Yesus Itiyoophiyaa.