cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

JEECHOOTA BEEKTOTAA

SHARE WAALI YAA GONUU ERGAA GUDDAA BAARACHUU DANDENYA. Hordoftootaa channel kana yoo qabaatani karaa kanaani nuu dubbisaa. @beeka24

إظهار المزيد
فنلندا1 767لم يتم تحديد اللغةعلم النفس10 536
مشاركات الإعلانات
563
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
+1930 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Photo unavailableShow in Telegram
Invite Your Friends and Earn Rewards! 🎉 Invite your friends to join our exciting Keno betting platform and win together! For every friend you invite, you'll earn: When they register:                   ⁨1 ETB⁩ When they play their first bet:       ⁨1 ETB⁩ When they make their first deposit:  ⁨5 ETB⁩ Not only that, your friend will earn ⁨15 ETB⁩ to start their betting journey. Simply click the "Share" button below, choose a chat to share your unique invite link with, and once your friend registers and starts playing, both of you will receive the bonus. Your unique invite link: ⁨https://telegram.me/kana_betting_bot?start=i1089078726
إظهار الكل...
Kana Bet

For any questions, contact us at @kana_bet_support

AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #7 ✪ Ni Galateeffatu Namoonni milkaa’an yeroo hunda eebba jireenya isaanii keessatti argamuuf Waaqayyoon galateeffatu; Gaafa galateeffatan caalaatti akka isaaniif kennamu sirriitti beeku; Hanga dhumaatti osoo abdii hin kutatin akka ciman kan isaan godhu shaakala galateeffannaa isaaniiti; Jireenya isaanii keessatti galateeffachuuf jijjiirama guddaa hin eegan, waan xixiqqoodhaaf garaadhaan galateeffatu; Wantoonni galateeffamuu qaban baay’achaa deemu. ▣ Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!!   Share gochuu hin dagatinaa!! ♡    ❍ㅤ    ⎙      ⌲                      
إظهار الكل...
Wantoota Dhala Namaa Milkeessan Sadan..........#C3............ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ✪ Competence (Dandeettii) ✪ Character (Amala) ✪ Chemistry (Keemistirii) ➛ Namni tokko dirree ogummaa isaatti barbaadamummaa, fudhatamummaa akkasumas nageenyummaa isaa mirkaneessuuf wantoota armaan olitti eeraman sadan walfaana horachuu qaba jedhama. ⓵. Dandeettii: Dandeettii qabda taanaan bakka hundatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'ee siin eega. Situ dhaqee banee hiika kennaaf. Dandeettii kee kanaan: ➛ Addunyaatu si mararsiifata; ➛ Kan rakkatetu si iyyaafata; ➛ Halkan hirriibaa si kaafata; ➛ Rakkoo isaaf fala si gaafata; Eeyyeen, dandeetticha keetu kanaan si gahe. Qabda taanaan ittumaa jabeeffadhu; hin qabdu taanaan hulaa isaa irra gori! Dandeetticha horadhu! ⓶. Character/Amala: Amalli kee namoota biratti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaa keefis utubaadha. Amala hin qabdu taanaan garuu dandeettii hangamuu qabaattu gateettiin namootaa danda'ee si hin baatu. ⓷. Chemistry/Keemistirii: Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha. Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaanii waliin walitti araarsuudha. Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaa fi ilaalcha tokko kanuma koo qofatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha. Kun yoo hin taane nageenyi kee yaaddessaa dha. Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata. ➛ Walumaa galatti dandeettiin kee barbaadamummaa kee murteessa. Amalli kee fudhatamummaa kee murteessa. Keemistiriin kee nageenya kee murteessa. Kanan Dubbise irraan isiniif qoode!
إظهار الكل...
KANA BEEKTAA LAATA? ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ✪ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti. ✪ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee? ✪ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture. ✪ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu. ⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu! ⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu! ⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu! ⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu! ⁃ Isaan wallaalota, ⁃ Isaan jibbitoota, ⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha. ⁃ Isaan koree jibbiinsaati, ⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha. ⩩ Ati immoo abbaa kaayyooti, ⩩ Ati immoo abbaa mul'ataati. ⩩ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha. ● Maalif isaan dhaggeeffattaree? ● Maalif jechi isaanii kaayyoo keetti shakkii uumuree? ● Maalif miirri kophummaa sitti dhagahamaree? ● Maaf miira jibbamuu keessummeessiftaree? ● Maalif kolfa gowwummaa isaaniitti aartee of miitaree? ● Maalif ofitti banbanuun karoora isaanii milkeessitaafiree? ⩩ Isaan hin dhaga'in! Daandii sirrii irra waan jirtuuf itti fufi! Baay'ina jibbitoota kee hin lakkaa'in! Gochaa gowwootaatti hin aariin! Fuuldura isaaniitti fuula kee hin gurraachessin! Atiif isaan dachee tokko irra jiraattu malee addunyaa tokko keessa hin jirtan. Jabaadhu korma koo! Ani nama akka keen jaaladha! @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa
إظهار الكل...
KAAYYOO DHAABBATAA MALEE RAKKOO DHAABBATAAN HIN JIRU! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ✪ Wantonni jireenya dhala namaa jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'in kan hafaniif abdii kutannaa dhala namaa irraa kan ka'edha. ✪ Namni mo'u abdii hin kutatu; namni abdii kutatu immoo hin mo'u. ✪ Waan tokko hojjechuuf yaaltee itti milkaa'uu yoo baatte, sun kufaatii utuu hin taane muuxannoodha; muuxannoo sana irraa immoo waan tokko baratta. ✪ Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokkollee hin qabdu. ✪ Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf iddoo hin kennin! ✪ Qeeqa namootaa sodaachuunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in! Hojii kamiyyuu yoo hojjette, gaarii ta'uu hamaa namoonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru. ✪ Jireenya kee keessatti raawwattee namoota kaaniin of hin madaalin! Eenyuun iyyuu hin dorgomin! Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gad baastee ittiin hojjechuuf qofa of dorgomi! Milkaa'ina kees ta'ee kufaatii kee kan nama biroon hin dorgomsiisin! ✪ Namni kan ittiin madaalamu madaallii sirriin namummaa isaa qofa. Sanaan ala madaalliwwan jiran hunduu madaalliwwan dogoggoraati. ✪ Qormaanni ati qoramtu kan namni qoramee hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kamiyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanaafuu, haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutin! ▣ Kaayyoo dhaabbataa malee rakkoo dhaabbataan hin jiru! @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa
إظهار الكل...
00:37
Video unavailableShow in Telegram
🚫 Fuula Waaqayyoottis ta'ee fuula namaatti waan jibbisiisaa kan ta'e 🚫 Anis Amala Sodoomummaa nan morma! 🚫 ❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌ 🚫 I am against Homosexual Behavior! 🚫 🚫🚫🚫🚫🚫🚫🚫🚫🚫 🚫🚫🚫🚫🚫 🚫🚫🚫🚫 @Gaaela_Gaarii @Gaaela_Gaarii
إظهار الكل...
1.66 MB
JECHOOTA BEEKTOTAA ...... “Rakkoon carraa ati waan dandeessu hunda akka gootu siif ta’a.” —Duukii Eelingtoon “Jireenya keessatti imalli barbaachisaan ati gochuu dandeessu namoota walakkaa karaa irra jiruu wajjin wal arguudha.” —Heenrii Booye “Gammachuun waan dheerina irraa hanqate olka’iinsaan bakka buusa.” —Roobart Firoost “Sa’aatii duubatti deebisuu hin dandeessu. Garuu ammas qilleensarra oolchuu dandeessa.” —Boonii Pruden Dogongorri guddaan ati gochuu dandeessu tokko akka hojjettu itti fufiinsaan sodaachuudha.” —Elbart Haabaard “Jireenya keessatti wanti mirkanaa’e tokko qofa kan jiru yoo ta’u innis wanti mirkanaa’e tokkollee akka hin jirredha.” —G.K. Chesterton Jechoota Beektotaa Onnee Isinitti horan argachuu yoo barbaaddan ammuma #JOIN godhuun nutti dabalamaa 👇👇👇👇 @OGUMMAA_A_U @OGUMMAA_A_U
إظهار الكل...
Gorsa xinnoo kana HUBADHU! ▬▬ ▬▬ ▬▬ ➥ Namaaf jettee yeroo kee hin gubin! ➥ Jaallatamuufis ta'ee jaalachuufis jettee hin rakkatin! Kan eenyummaa kee beeku si jaallata. ➥ Waan gaarii gootu hunda gatii isaa ilma namaa irraa hin eggatin waaqarraa galata argatta. ➥ Nama tokko jaallattee yoo dhabde itti hin gaddin sababni isaa waaqayyo nama sana akka inni siif hin taane waan beekuuf sirraa qabe. JAALALLI DHUGAA: ▷ Dhoksaa hin qabu. ▷ Gaabbii hin qabu. ▷ Jibba hin qabu. ▷ Wal tuffii hin qabu. ▷ Wal komii hin qabu. ▷ Walitti mufachuun yoo jiraates walirraa fagaachuu hin qabu. ▷ Jaalalli dhugaa onnee qulqulluu qofa barbaada. HIRIYAAN GANTUUN WAA SADII (3): ➊. Qoree bishaan keessaa ➋. Bofa marga keessaa ➌. Summii midhaan keessaati. HIRIYAAN DHUGAA WAA SAGAL(9) Garuu salgaan sun bakka sagaltama siif gaha. ➊. Abdii jiruu ➋. Obsaa jiruu ➌. Gorsaa jiruu ➍. Qajeelchaa karaa ➎. Dawaa sammuu ➏. Irkoo guyyaa rakkoo ➐. Galma geessaa kaayyoo keeti. ➑. Jajjabeessaa hojii keeti ➒. Gorfataa karaa guddinaa ➲ Hiriyyaa sobaa mannaa diina dhugaa wayya. Maaliif seete, diina akka diinatti beektee irraa fagaatta. Garuu hiriyaan gadheen si fakkaatee si nyaata. Kaayyoon Hiriyaa Gadhee: ➊. Jireenya kee balleessee namaa gadi si godhuu. ➋. Agartuu kee jamsee ija kee balleessuu. ➌. Miila kee mummuree tarkaanfii si dhorkuu. ➍. Harka kee si hidhee hojii irraa si hambisuu. ➎. Sammuu kee maraachisee baasee si salphisuu. ➏. Jaarsaa fi Jaartii Addaan baasee kophaatti si hambisuu. ➐. Fuudhaa fi heeruma dhorkee manatti si hambisuu. ➑. Uummata keessatti maqaa kee xiqqeessuu dha... HIRIYYAAN DHUGAA HOO? ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ➊. Karaa hamtuu irraa si gorsee karaa qajeeltuu siif hawwa. ➋. Yoo gaarii hojjatte gammachuu siif qaba. ➌. Yoo ati rakkatte si wajjin cinqama. ➍. Bakka ati hin jirretti toltuu kee haasa'a. ➎. Utubaa siif ta'ee mana siif ijaara. ➏. Olfuudhee si baatee tabarra si dhaaba. ➐. Kabaja siif laatee maqaa kee ol qaba. ➑. Gammachuu kee gammadee, gadditus si wajjin gadda. ➒. Dh
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.