ar
Feedback
JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙

JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙

الذهاب إلى القناة على Telegram

𝗦𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮𝗻𝗲𝗲 𝗸𝘂𝗳𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗱𝗵𝗮𝗯𝗱𝘂𝘂 𝗸𝘂𝗳𝘂𝘂𝗻 𝗶𝗺𝗺𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗺𝗼'𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝘂𝘂𝗳 𝘁𝗮𝘁𝘁𝗮𝗮𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂𝘂.

إظهار المزيد
فنلندا167الفئة غير محددة

📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙

تُعد قناة JECHOOTA KAKA’UMSAA 🪙 (@jechoota_kakaumsaa1) في القطاع اللغوي Javanese لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 27 160 مشتركاً، محتلاً المرتبة في فئة اخرى والمرتبة 167 في منطقة فنلندا.

📊 مؤشرات الجمهور والحراك

منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 27 160 مشتركاً.

بحسب آخر البيانات بتاريخ 28 يونيو, 2026، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار -342، وفي آخر 24 ساعة بمقدار -8، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.

  • حالة التحقق: غير موثّقة
  • معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 16.42‎%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً N/A‎% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
  • وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 0 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 0 مشاهدة.
  • التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 0.

📝 الوصف وسياسة المحتوى

يصف المؤلف القناة بأنها مساحة للتعبير عن الآراء الذاتية:
𝗦𝗮𝗺𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗶𝗻 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮𝗻𝗲𝗲 𝗸𝘂𝗳𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗱𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗱𝗵𝗮𝗯𝗱𝘂𝘂 𝗸𝘂𝗳𝘂𝘂𝗻 𝗶𝗺𝗺𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗺𝗼'𝗮𝗺𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮’𝘂𝘂𝗳 𝘁𝗮𝘁𝘁𝗮𝗮𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂𝘂.

بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 29 يونيو, 2026) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة اخرى.

27 160
المشتركون
-824 ساعات
-417 أيام
-34230 أيام
أرشيف المشاركات
Miirota Sadan kanarraa of Eeggadhu ➊Gaafa ol kaatee fiixee milkaa'innaatti ol baate, boona qalbii irraa of eeggadhu. Boonni namoota sadarkaa milkii keetirra hin gahin akka ija tuffiitiin ilaaltu si taasisa. Sun immoo si namoota sanas ni cabsa. ➋Yeroo bakka gad-aanaarra jirtu hadheeffattee Ilaaluu irraa of eeggadhu 🚧. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri inaaffaa si seenuufi sababiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee buusa. ➌Yeroo jireenya kee gadi bu'uuf kufaatiin si muudate abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanti hundi asumarratti dhaabbatee, Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin. #Neelsan_Maandeellaa

Dubbiilee Hayyoota Addunyaa 16: ▬▬▬▬▬▬▬ 1. "Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. " — (Thomas Takias) 2. "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i!" — (Jecha warra Ingilizii) 3. "Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama." — (Wiiliyaam Sheekispir) 4. "Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha." — (Maaksim Troobey) 5. "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu." — (William Shekispir) 6. "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru." — (Jecha warra Morookoo) 7. "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha." — (Jecha warra Arabaa) 8. "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha." — (Jecha warra Chaayinaa) 9. "Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!" — (Jecha warra Ingilizii) 10. "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha." — (Jecha warra Aayilaandii) 11. "Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti." — (Maataammaa Gaandii) 12. "Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha." — (Abrahan Liinkan) 13. "Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu." — (Abraham Liinkan) 14. "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna." — (Rey Liiman Wiilber) 15. "Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu." — (Maaliif Waaltoo Imarsan) 16. "Maallaqni: √ Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu! √ Qoricha malee fayyaa hin bitu! √ Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu! √ Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu." — (Heenriik Ibsan) @Jechoota_Kakaumsaa1

𝕁𝔼ℂℍ𝔸 ℕ𝔸𝕄𝕆𝕆𝕋𝔸 𝕂𝔸ℕ𝔸 𝕊𝔸𝔻𝔼𝔼ℕ𝕀 𝔹𝔼𝔼𝕂𝕋𝕌? 👉1. Wanti tokko hamma hojjatamutti waan hin danda’amne sitti fakkaata. Yeroo baay’ee wanti tokko yeroo jalqabaaf si mudatu akka hin danda’amneetti sitti mul’ata. Sababni isaas, sodaa fi shakkii keessa keenyatti uumamuudha. Garuu yeroo ati itti seentee hojjachuu jalqabdu, wanti sun suuta suuta salphachaa dhufa. Muuxannoo argachuu fi yaalii irra deddeebi’uun waan ati dura akka hin danda’amneetti yaadde sana gara waan danda’amuutti jijjiira. Kanaaf, wanti ati yaadde akka hin danda’amne, yeroo baay’ee yaada kee qofa; hojiin garuu dhugaa isaa si agarsiisa. 👉 2.Yeroon kee gabaabaa dha; jireenya nama biraa jiraachuun hin qisaasessin. Jireenyi namaa yeroo gabaabaa keessatti darbaa waan ta’eef, yeroo kee waan ati hin jaallanne irratti fixuun bu’aa hin qabu. Namoonni biro maal jedhu, akkamitti si ilaalu jedhee yaaduun yeroo kee hedduu si jalaa balleessa. Garuu yoo ati of taatee, kaayyoo fi fedhii kee irratti xiyyeeffatte, jireenya hiika qabu jiraachuu dandeessa. Kanaafuu, yeroo kee bakka hin barbaachisne irratti hin gubin; jireenya kee akka fedhii keetti ijaarrachuun murteessaadha. 👉3. Balali’uu yoo dadhabde fiigi; fiiguu yoo dadhabde deemi; garuu yeroo hundaa gara fuulduraatti socho’i. Jireenya keessatti yeroo hundaa saffisaan milkaa’uun hin danda’amu. Yeroo tokko tokko rakkoon si quunnama, si dadhabsiisa, ykn si dhaaba. Garuu wanti barbaachisaan dhaabbachuu dhiisuu dha. Yoo ati balali’uu (saffisaan milkaa’uu) dadhabde, fiigi; yoo fiiguu dadhabde, tarkaanfii xiqqaa fudhadhu. Sochiin xiqqaan iyyuu gara fuulduraatti si geessa. Kanaaf, osoo hin dhaabbatin, sadarkaa kamiyyuu irratti gara kaayyoo keetti socho’uun milkaa’inaaf furtuudha. @Jechoota_Kakaumsaa1

Dhaloonni baay'een warqii ta'uu isaanii wallaaluun warqii barbaadutti karaa fagoo imalu! Of qabaachuun kee warqii qabaachuu caala! Of qaalessi of hin tuffatin! Of kabaji! Yaada gadheetti diina ta'i! Har'a caalaa boru firoomfadhu! Of argi of wallaalin! Of jajjabeessi of hin abaarin! Of eebbisaa jiraadhu! Gammadaa hojjedhu; hojjechaa gammadi! @Jechoota_Kakaumsaa1

Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne. Qofaa ta'uu malta.
Namni si cina dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a. Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a. Yeroo dheeraa karaa ati irra turte si gaddisiisuu danda'a. Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphachuu dandeessa. Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa. Ittuma fufii yaali! Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali! Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin! Jireenyi gara-bal'ina si gaafatti. Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu. Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru. Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki! Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira. Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira. Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati. @Jechoota_Kakaumsaa1

Nikoolaas Tesilaa: jabaa harki daaraa ammaare! ✵Gaafa 𝑟𝑒𝑚𝑜𝑡𝑒'dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta. ✵Gaafa 𝑠𝑤𝑖𝑡𝑐ℎ fayyadamtee ibsaa bantus argannoon isaa keessa jira. ✵Ogeessonni fayyaa dhukkubsattoota gaafa raajii kaasan (x-ray) argannoo isaa fayyadamu. ✵Sagale-guddiftuu, raadiyoo fi bilbilakee dabalatee, waan 𝑤𝑖𝑟𝑒𝑙𝑒𝑠𝑠'dhaan daddarbu kamuu gaafa fayyadamtu argannoo isaa fayyadamaa jirta. Tesilaan wantoota nuti jireenya keenya guyya-guyyaa keessatti itti fayyadamnu argannoolee dhibbootaan lakka'aman qaba. Garuu nama oolmaa haga kanaa addunyaadhaaf oole kanaaf bakki kenname faallaadha. Bara 1884 yeroo hojii argannoo isaaf bilchaatetti Toomaas Ediisan biratti qacaramee ture. Ta'us garuu yeroo muraasa booda waliif galuu hin dandeenye. Ediisan karaa daddarbiinsa kaarentii irratti DC wayya yoo jedhu, Teslaan ammoo argannoosaa kan ta'e AC filate. DC'n wantoota akka tirikkaafaa irratti nu fayyada. AC'n garuu fageenya dheeraa deemuu kan danda'uu fi warshaalee humna ibsaa guddaa gaafataniif kan fayyaduudha. Wal morkiin kun isaan gidduutti yoo ka'u, Ediisan beekamtii guddaa waan qabuuf AC'n miidhaa fiduu akka danda'u agarsiisuuf arbi ibsaadhaan qabamee akka du'u godhee Tv'dhaan mul'isee ture; gama baay'eedhaanis irratti duule. Ummatis kanaaf isa balaaleffatanii turan. (Har'a addunyaan kan isheen fayyadamaa jirtu garuu caalmaatti AC'dha). Tesilaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana turerraa adda ta'e waan qabuuf kara mootummaa hacuucamaa ture; miiltoo wajjin hojjetu irraas qarshii guddaa haalamee ture; laaboraatoriin isaas boodarra jalaa waan gubateef argannoo baay'ee dhabe. Yaadotni argannoo isaa yeroo hatamanittis, "wanti guddaan argannoon dhala namaa fayyadu hojjetamuu isaati" jedhee dhiisaa ture. Nama kallattii jireenya isaa hundumaan gufuun itti baay'ate ture. Xalayaa yeroo tokko haadha isaatiif barreesse irratti, "Waggaa hamma kanaa dhala namaa gargaaruuf hojii an hojjedhe galata hin arganne; arrabsoo fi tuffatamuu qofan buufadhe." Jedhee ture. Tesilaan yaada kalaqoota hedduudhaaf qabu baay'ee hojiitti hiikuuf danqamee, suuraa irraa akka mul'atutti waan nyaatullee hamma dhabuttis hiyyoomee bara 1943 qofaasaa hoteela keessatti du'ee argame. Argannoolee silaa har'a addunyaa kana fayyadan baay'eetu sammuu Tesilaa duukaa awwaalaman. Yeroo sanatti dhiibbatamee haala nama gaddisiisuun du'us, har'a maqaansaa ol ka'ee haasa'ama. Waggaatti yeroo tokko jaalattootni isaa addunyaarra jiran baay'een guyyaa dhaloota isaa ni kabajuuf. Abbaa qabeenyaa 1'ffaa kan ta'e Iloon Maski illee maqaa dhaabbata isaa guddicha 'Teslaa' jedhee yaadannoo isaaf moggaase. Gaarummaan osoo bifa qabaattee Tesilaa fakkaatti!

"Jireenya kootti guyyaa dabaluudhaaf hin fiigu, guyyaa kootti jireenya dabaluudhaaf fiiga malee."     — Ronald Rock @Jechoota_Kakaumsaa1

Ani nama dogongoraan dhalateedha. Nama miti Waaqnuu waan na beeku miti.Ani nama dogongoraan dhalateedha. Namavmiti Waaqnuu waan na beeku miti. Maal jireenyi akkasii? Maal utuu dhalachuumti koo hafeera ta'e hin wayyuu? Carraa abaaramaan akkasii kan koo qofa maaf ta'e" jettee beektaa? Hiriyyootni kee hundumtuu si biraa milkaa'anii jireenyi toora galeefi.. Bakka gurguddaa ga'aanii. Atimmoo rakkinni mana keetti wal gahee, Rakkina kee uffataan dhokfattee daabboo gogaa tokko ciniintee manaa baatee, gaafimmoo isumayyuu dhabdee agabuukee baatee beektaa? Halkan waarii sa'aati 9tti hirriba keessaa kaatee rakkinoota kee ilaaltee, carraan kee karaa hundumaan cuccufaa ta'uusaa ilaaltee siree keerratti imimmaan sii fi waaqni qofti L. Namni ati baayee abdattu tokko "Abshir anuu siif jira. Hin yaadda'iin! Waan barbaaddeen si cinan jira" jedhee waadaa siif galee, rakkinni morma gaafa si gahu itti billbilattee bilbila sirraa kaasuu didee beekaa? Wanti ati gatii guddaa itti baafte (yerookee, humna kee ykn maallaqa kees) itti baaftee, "kun naaf milkaa'eera" jettee abdatte tokkoo si jalaa babbadee, liqii namaa ofirraa baasuu dadhabdee karaa jallifattee dhokachaa jiraachuun si qunnamee beekaa? Humnaa fi beekumsa utuu qabduu, waan ittiin mul'ata kee galmaan gahattu dhabdee, karaa meeqa yaaltee dandeettii kee owwaaltee taa'uuf dirqamtee beektaa? Bakka jireenya kee dhokfattee, bilbilaa fi location kee hundumaa jijiirtee bakka maatii fi hiriyyoonni ykn namni si beeku kamuu sin argine jiraachuuf murteessitee beektaa? Waan sitti hima! Tasumaa abdii kee kuttee murtoowwan jireenyakee egeree dukkaneessan ofirratti hin murteessiin. Karaan ati irra adeemaa jirtuu fi haalli walxaxaan ati keessa jirtu daandii milkaa'insa keetti si geessanidha.Bor seenaa gootee dhalootatti akka himtuufidha. Qormaata jireenyaa qoramaa jirta beeki.Qormaata kana injifattee darbinaan hayyootaa fi namoota gurguddoo bor addunyaaf bu'aa buusan, Kan miidiyaan biyya keessaaf alaa seenaa jireenya kee fi milkaa'insa kee afgaaffii siif gochuuf dabaree qabatan akkati taatu hin shakku. Maalif yoo jette seenaa ati har'a dabarsaa jirtu kun seenaa salphaa miti! Qormaatichis qormaata salphaa miti! Kana injifattee darbitee, bor gaafati teessee dhugaa baatu, seenaan kee ofumaan "na dhaggeeffadhu! Na dhaggeeffadhu!" Namaan jedha. Tasumaa harka hin kenniin....! Ulfinni kee borii rakkina kee har'aan tasumaa Waaqni inni si uume bu'aa ba'ii kana si dabarsee iddoo atiyyuu ofiif hin yaanne, iddoo kabajamaa si geessisa.Maxxansa kana dubbiftee yoo jiratte, daqiiqaa tokko itti yaadi "Ati bor nama guddaa akka taatu" rakkina keetti himi. #Namoota haala akkasii keessa jiraniif maxxansa kana Share godhaatii ittiin naaf gahaa! Kana dubbisanii namni tokko ykn lama abdii akka horatan nan amana. Barreeffamni yoo sitti toleera ta'e react godhi.

Sooressa taʼuu yoo barbaadde, dursa sammuudhaan dureessa of taʼi. Sooressa taʼuu jechuun qabeenya malee kan ilaallamu miti. Qabeenya dhugaa keessaa inni guddaan sammuu dandeettii fi ilaalcha cimaa qabu dha. Namni sammuu isaa guddifate, of amane, yeroo fi carraa isaaf kenname ittiin fayyadamuudhaan yeroo hunda qabeenya horachuu dandaʼa. Ilaalcha sirrii horadhu: Milkaaʼina jalqaba sammuu keetii keessatti ijaari. Namni sammuu badhaadhaa qabu, haala ulfaataa keessaayyuu carraa keessaa baasuu dandaʼa. Of amansiisi: Namni of hin amanne wanta guddaa hojjechuu hin dandaʼu. Ofitti amanuun dursa, tarkaanfii itti aanutti si geessa. Barnoota fi dandeettii horadhu: Barachuu hin dhaabi. Ogeessa taʼi. Beekumsi qabeenya namaa irraa hin fudhatamne. Yeroo kee sirnaan fayyadami: Yeroon qabeenya caalaa barbaachisaa dha. Namni yeroo isaa tajaajila qabeenyaatti geeddare, badhaadhina ni argata. Haala hin taane keessaayyu carraa argi: Rakkoo keessa carraa arguu dandeessuun sammuu badhaadhaa agarsiisa. "Qabeenyi si barbaadu hin jiru  ati qabeenya barbaachisu of keessaa horachuu qabda. Sammuu kee keessatti dureessa taʼi; addunyaan si hordofa.""Milkaaʼinni alaa, milkaaʼina sammuu keessatti eegala." https://t.me/Jundinure5

photo content

Jireenya jiraattu keessatti dhiibbaa dansaa uumuuf qabxiilee ''6P'' asii gadii kanarratti xiyyeeffadhu! ▬▬▬▬▬▬▬▬ 6P 1. Pray/Waaqa Kadhadhu!🙏 Waaqni kenna waan hunda keenna, Kanaaf yeroo hundaa madda jireenya keenyaa waliin hariiroo qajeeltuu qabaachuu qabna. Kanaaf yeroo hunda waaqa haa kadhannu. 🙏 2. Plan/Karoorfadhu! Namni karoora hin qabne akka xiyyaara kallattii malee balali'uuti. Jireenya keessatti kallatti sirrii filatanii irra deeman. Plan=Vision + How to act Karoorfachuun dura mul'ata jireenyaa, kallattii jireenyaa qabaachutti dursa. Karoorri mala mul'aticha gara gochaatti deebisuuti. Karoorfachuun qisaasa'ama jireenyaa hir'isa. 3. Prioritize/Duraa duuba eegi! Karoorsuun waan dansaa. Waan karoorfatan duraa duuba eeganii gochatti hiikuun oogummaa gaafata. Yeroo malee akka hin dhalanneef, wantoota xiyyeeffannaan murteessanii gochatti hiikuun murteessaadha. 4. Persistent/Cichoominaan itti fufuu! Qabxiin kunis baay'ee murteessaaf baay'ee ijoodha. Jalqabanii dhiisuun amala namoota dhiibbaa dansaa uumuutii moti. Qeeransa hin qabni qabnaan gad hin dhiisani jedhanii mitiiree, mala jijjiiranii dhiphisanii itti deemuun yeroo maraa bu'aa guddaa qaba. 5. Patience/Obsa qabeessa ta'i! Bartee obsaa guddifachuun yeroo hundaa barbaachiisaadha. Ciminaa fi laafina, bu'iinsaa fi ba'iinsa, gaddaa fi gammachuu, dhabaa fi argachuu, gufuu fi qorumsa kamiyyuu obsaan jala muran. Obsaan qaalloman. Haala kamuu keessatti ciniinnadhuu obsi, harka hin kennin. 6. Play/Taphadhu Gammachuu qabaadhu, yeroo hundaa gammada keessaa madde fuula ifaa qabaadhu, maatii kee waliin, hiriyoota kee waliin taphadhu, kolfi... enjoy godhi!... gammachuun hin beellamanu, har'a jiraadhu! Boru, gaafa argadhe gammada, bashannana hin jedhin, hojjetaa gammadi, gammadaa hojjedhu! @Jechoota_Kakaumsaa1

MILKAA'UUF CARRAAQI! ■ Nɑmni kɑmiyyuu Jireenyɑ milkɑɑ'ɑɑ, kɑrɑɑ milkɑɑ'ɑɑ fi Gɑbɑɑ milkɑɑ'ɑɑ Keessɑ jirɑɑchuu ɑkkɑ bɑrbɑɑdu w
MILKAA'UUF CARRAAQI! ■ Nɑmni kɑmiyyuu Jireenyɑ milkɑɑ'ɑɑ, kɑrɑɑ milkɑɑ'ɑɑ fi Gɑbɑɑ milkɑɑ'ɑɑ Keessɑ jirɑɑchuu ɑkkɑ bɑrbɑɑdu wɑɑn irrɑtti mɑri'ɑtɑmu miti. Milkɑɑ'inɑɑf sɑbɑbni: Hɑɑlɑ jireenyɑ mɑɑtii keetii, hɑɑlɑ biyyɑ keetii fi iddoo jireenyɑ keetii utuu hin tɑ'in,   ❏️ Kɑroorɑ,   ❏️ Sɑgɑntɑɑ,   ❏️ yɑɑdɑɑ fi   ❏️ Ilɑɑlchɑ mɑtɑɑ keetiif qɑbdu irrɑtti hundɑɑ'ɑ. 🔑 Furtuun Milkɑɑ'inɑɑ Dɑndeettii fi Humnɑ qɑbduun hɑɑlɑ kɑmiyyuu keessɑtti of jijjiiruuf kutɑnnoo jijjiirɑmɑɑf ɑti gochuu qɑbduu dhɑ. ️➊. Wɑntɑ bɑrbɑɑdduu fi eessɑ ɑkkɑ ɑdeemtu murteessi! —(Decide whɑt you wɑnt ɑnd where you wɑnt to go) ️➋. Gɑlmɑ xumuurɑɑ qopheessi! Gɑlmichɑ gɑhuuf kɑroorsi! —(Set ɑ deɑdline ɑnd mɑke plɑn) ️➌. Kɑroorɑ kee irrɑtti hojjɑdhu! guyyɑɑ guyyɑɑdhɑɑn kɑllɑttii gɑlmichɑɑtti imɑli! —(Tɑke ɑction on your plɑn) ️➍. Hɑngɑ milkɑɑ'inɑɑtti Gonkumɑɑ: ➛ Hin dhɑɑbɑtin! ➛ Hin lɑɑfin! ➛ Mogoleen si in bu'in! ➛ Hɑrkɑ hin kennin! https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0

Wishing a blessed Eid that will inspire you with courage and strength to help you to win every challenge of life! Eid Mubarak
Wishing a blessed Eid that will inspire you with courage and strength to help you to win every challenge of life! Eid Mubarak!

New Post  See it open  👀 follow tiktok account https://vt.tiktok.com/ZSuVethTd/

New Post  See it open  👀 follow tiktok account https://vt.tiktok.com/ZSux1tV22/

Post 1 See it open 👀 Post 2 See it open 👀 Post 3 See it open 👀 Profile 💥click