cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Oromoo Inspire ™💡

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮! 💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

إظهار المزيد
فنلندا95لم يتم تحديد اللغةالتعليم3 702
Advertising posts
37 257المشتركون
+1324 hour
+1497 يوم
+91930 يوم

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

seera bu’uura jireenyaa ❶Kan darbee wajjin nagaa buufadhu akka inni egeree kee hin jeeqneef. ❷Namoonni biroo waa'ee kee wanti yaadan dhimma kee miti. ❸Gammachuu keetiif itti gaafatamaan si qofa. ❹Jireenya kee namoota biroo wajjin wal hin madaalin, wal bira qabuun hattuu gammachuuti. ❺Yeroon waan hunda jechuun ni danda'ama fayyisa. Yeroo itti kenni. ❻Garmalee yaaduu dhiisi.Deebii hunda beekuu dhiisuun homaa miti. ❼Kolfi.Sababni isaa,Abbaan rakkoo addunyaa kanaa si qofa miti. 📧 @Oromoo_inspire 📧
إظهار الكل...
🙏 26 12👍 6
GATIINKEE HANGAMI (HOW MUCH YOUR WORTH IS? Abbaatu du'asaan dura ilmasaan akkas jedha, "Sa'aatiin kun kan akaakayyuun kee naaf kenneedha; innis waggaa 200 ol fixeera.Garuu, ani osoo siif hin kennin dura dukkaana (suuqii) itti sa'aatiin gurguramu deemiitii gatii hangamii akka baasu gaafadhu!" jedheen. Ilmis deemee dhufee, abbaasaatiin, " 'Sa'aatichi tureera (dulloomeera)' naan jechuun $5 naaf kennani" jedhe. Abbaanis "Suuqii bunaa deemi gaafadhu!" jedheen.Achis deemee gara isaatti deebi'uun, "Isaan immoo $10 naaf kennani" jechuun itti hime.Dhumarratti abbaan, "Muuziyeema deemii itti agarsiisi!" jedheenii. Innis deemee deebi'ee; abbasaatiin akkana jedhe, "Sa'aatii umurii heddu lakkoofsiseeru kanaatiif $1,000,000 naaf kennani." Abbaanis ilmasaan, "Bakki sirriin haala sirriin gatii kee akka dinqisiifatu akka beektun barbaade. Bakka dogoggoraa of hin kaa'iin! Kan gatii kee beeku kan si dinqisiifatuudha; bakka sin madaallee hin turin!" jedhee ilmasaa gorse jedhama. 📧 @Oromoo_inspire 📧
إظهار الكل...
14👍 2
Ati Addunyaa kanaaf kennaa addaati Namoota addunyaa kana jijjiiruf jiran keessaa ati isa tokkoodha. Addunyaa kanarra warshaalee hedduutu jira. Muraasni isaanii hojii walfakkaataa hojjatu. Muraasni isaanii immoo hojii garaa garaa hojjatu. Haa ta'u malee  warshaan huccuu oomishu  midhaan daakuu hin danda'u. Huccuu oomishuu qofa gaheen isaa. Ittiinan oomisha jettullee isa dura oomishu sanuu akka hin oomishne taasista. Garuu wanta hojjatameef saniin yoo hojjanne warshaan faayyidaa hin qabne hin jiru. Namnis akkasuma. Hundi keenyayyuu; kan dandeenyu, kennaa keenya  dhiisnee qarshi isaa qofa laallee wanta hin beekne abalu hojjatee, anus hojjachuun qaba jennee Sammuu of dhippifna. Hiriyaan kee carraa xiyyaara ofuu qaba yoo ta'e, ati immoo carraa konkolaataa ofuu qabda taanan mindaan xiyyaara ofuu keetin argattu hagamillee guddatus, jireenya kee siif jijjiira osoo hin taane rakkina sitti jijjiira. Kuni wantan ani uumee dubbadhee miti, seera uumamaati. okey? Osoo kan dandeenyuu fi kan baaknu hojjanee sabani nuti hin jijjiiramneef hin jiru. Mee warsha xiyyaara oomishuu fi warshaa waraqata(pestali) homishu ilaali. Osoo akka yaada keenyatii warshaa xiyyaara oomishu qofatu lafa kanarra guuta ture. Kanaafuu Guddachuuf hajjadhu malee hojii guddaa hojjachuuf teessee yeroo kee hin gubin. 📧 @Oromoo_inspire 📧
إظهار الكل...
👍 43 11🙏 4
TAKKA SEEQQADHAA AFAAN JIIFADHAA MEE AFAAN ISIN GOGEE 🤗🤗 Gaafa tokko namoonni baayyeen otuu walitti qabamanii mana tokko keessa taa'aa jiranii isaanuma keessaa tokko dhuufuu itti dhuufe. Namoonni nama dhuufe hin beekan turan yeruma sana namni biraa alaan dhufee "nama dhuufuu dhuufe kophee isaa sareen fuute", Jedhee isaan hundatti hime. Gaaf sana inni dhuufe kophee koo saree irraa naa buusaa jedhee lafaa utaale.😅🤣😅😂🤣🤣
إظهار الكل...
~ Yeroo hunda jireenya keessatti guyya guyyaan filannoo adda addaatu nuuf dhihaata. Dhiibbaa keessaafi alaa baay'eeniis nu mudachuu danda'a. #Carraaqqiin imala jireenya keenyaa kan galma ga'uunii danda'u ykn kan kufuunii danda'u, dhiibbaa keessa keenyaa uumamuun tahuun isaa beekkamaadha. Akkasumatti carraaqqii keenya kan gufachiisuufi kan kuffisuus, humnuma keessa keenya irraa madduudha. Haatahuu malee, dhiibbaan qaama biroorraa (alarraa) nutti dhufu jireenya keenya miidhuu hin qabu jechuudha. Eeyyeen qulqullina jireenya keenyaa kan murteessu dhiibbaalee gara alaafi keessarraa dhufu kanaani jechuudha. ~ Jireenya keenya bifa bareedaa taheen ijaaruuf waggoota dheeraa nutti fudhachuus danda'a nutti fudhachuu dhabuus danda'a. Garuu jireenya ijaaruu caalaa balleessuun baay'ee salphaadha. Carraaqqii waggoota baay'eef godhame obsa dhabuun sekondii tokkoo nu jalaa balleessuu danda'a. Haatahuu malee, jireenya keenya goonkuma kaka'umsaafi miira qofaan sochoosuuf yaaluunn nurra jiraachuu hin qabnu. Yaada yaadamee tokko irratti kaka'umsa akka humna tokkootti fayyadamuun gaariidha, garuu yaada yaadame sana gara fuul-duraatti tarkaanfachiisuun immoo baay'ee murteessaadha. ~ Gocha yaadame sana hunda tarkaanfachiisuuf ejjannoo fudhachuu keenya duraas, bu'aa isaa ilaaluu hin qabnu. Bu'aa argachuu qofaaf bololuun carraaqqii keenya bilaash taasisuudha. Imala jireenyaa keessatti kufaatii guddaan kan nu mudachaa ooluuf sababa bu'aa qofa irratti xiyyeeffannuufi. Maaliif seete, Jireenya keessatti jijjiirama irratti xiyyeeffachuu dhiifnee bu'aarratti yoo xiyyeeffanne, jijjiiramni nuti argachuu dandeenyu hin jiru. Garuu yoo bu'aa dhiifnee jijjiirama irratti xiyyeeffanne immoo yeroo gabaabaa keessatti bu'aa argachuu barbaanne san argachuu dandeenya waan taheef, jijjiirama irratti xiyyeeffachuun(focus) godhuun baay'ee gaariidha jedhu beektoonni!!✍︎ 📧 @Oromoo_inspire 📧
إظهار الكل...
👍 48 15🏆 1
12👍 4
Jireenya kee keessatti gaaffiin baay'ee bu'uura ta'e "Ani eenyu.? Mul'anni koohoo maalii?! Hojii maneen kee inni guddaan adunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa uuman kee si keessa kaa'e barabaaddee argachuu fi fiixaan bahinsa isaaf irratti hojjeechuu dha. Mul'ata mataa keetii barabaadee argachuuf fi irratti hojjechuudhaa yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jeechudha. 👉 Namoota gatii kee hin beekne irraa fagaadhu Sammuu kee jijjiiruu yoo dandeesse, Jireenya kee jijjiiruu dandeessa!" Wiiliyaam Jeemsi Misooma sammuu kee irratti hojachuuf Itti gaafatamummaa kan qabu si qofa. @WABIISG
إظهار الكل...
👍 54 15👏 5🥰 3🙏 3🤩 2
"Gonkumaa wanta har'a hojjechuu dandeessu, boriif hin kaa'in " benjeem 📧 @Oromoo_inspire 📧
إظهار الكل...
👍 57 17🥰 2
Jiraachuu yookaan jooruu! Filaadhu Milkaa’uu yoo feete gatii milkiin gaafatu  baruu fi baasuun sirra eegama.. 📧 @Oromoo_inspire 📧
إظهار الكل...
👍 48 9😁 6
Namni maqaa kee kan balleessu waan sadii sirraa barbaadee yeroo dhabuudha." ❶Faayidaa ofiitiif waa barbaadee yoo dhabe ❷Yoo sitti hinaafe ❸Yoo akka kee ta'uu dadhabe 📧 @Oromoo_inspire 📧
إظهار الكل...
👍 43🙏 17 11