BOLE COMPLEX
الذهاب إلى القناة على Telegram
📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام BOLE COMPLEX
تُعد قناة BOLE COMPLEX (@bole_complex) في القطاع اللغوي الإنكليزية لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 10 074 مشتركاً، محتلاً المرتبة 11 144 في فئة التكنولوجيات والتطبيقات والمرتبة 2 608 في منطقة إيطاليا.
📊 مؤشرات الجمهور والحراك
منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 10 074 مشتركاً.
بحسب آخر البيانات بتاريخ 21 أكتوبر, 2025، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار -193، وفي آخر 24 ساعة بمقدار 0، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.
- حالة التحقق: غير موثّقة
- معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 0%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً N/A% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
- وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 0 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 0 مشاهدة.
- التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 0.
📝 الوصف وسياسة المحتوى
يصف المؤلف القناة بأنها مساحة للتعبير عن الآراء الذاتية:
“Technology Channel”
بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 22 أكتوبر, 2025) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة التكنولوجيات والتطبيقات.
10 074
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-307 أيام
-19330 أيام
أرشيف المشاركات
10 074
Repost from Walaloon Jaalala
Kallattii mara irrattiyyuu ni argamna nu Hordofaa
Twitter
https://twitter.com/Kaachuu_yw
Instagram
https://www.instagram.com/kaachuu_yw
Facebook
https://www.facebook.com/kaachuuYW
Telegram
http://t.me/Walaloon_Jaalala
YouTube
https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment
10 074
“Atis dhuftee adeeroo?
Guddaa angafa koo
Qooree jiraa laata
Imimmaan saba koo?
Qeerroofi qarreen biyyaa
Maal sitti dhaamanii?
Gumaa koo baasanii?
Siidaa koo dhaabanii?
Gaaffiin Oromoo koo
Inni waggaa dheeraa
Erga ani deemee
Deebii argateeraa?”

#Share
@Walaloon_Jaalala
10 074
Repost from Walaloon Jaalala
Dubbisuun nama guutuu nama taasisa. Kanaaf ammoo iddoon itti barreeffamoota gaggabaaboo barumsa guddaa kennan itti argamu asidha. Maatii ta'aa. Sammuu keessan sooraa.
10 074
Yoo ofii aannan dhugde
Eenyuuf dhama kuusta?
Yoo ofii tabba baate
Eenyuun laga buusta?
Otuu harki ofii
Dhoqqeefi kosii haruu
Bar-meeqa foon nyaachuuf
Taa'anii ilkaan qaruu?
Namni farda yaabe
Maaf abaara lafa?
Yoo fardarraa kufe
Qilleensarratti hafaa!?
#Share
@Waloo_Leta
10 074
Dhiiga qulqullootaa
Dhiiga uummata nagaa
Dacheerra lolaastan
Akka bishaan lagaa…
Dhalataa ol adeemaa
Kan bor biyya dhaalu
Lafeen faffacaanaan ollaafi firri yaa’ee
Dhabe waan awwaalu!
Harka isin nyaachise
Biyyoo nyaachiftani
Gadameessa isin baate
Gadda baachiftani!
Gatiin dhiiga nagaa
Dirree gubbaa iyyu
Ni hafa hin se’iinaa
Hin hafu yoomiyyuu…
Lubbuu cicciramtee
Dabaan boolla galtu
Lafarrattis, Waaqarrattis
Inuma kaffaltu!
#Stopbombingcivilians
#Cobii
#NuunnuuQumbaa
#Oromoo
#Oromia
10 074
Repost from Walaloon Jaalala
Badhaasa Og-walaloo
Oduu gammachiisaa waloowwan walaloo barreessitan hundaaf! Wal dorgommii walaloo garee "Walaloon Jaalala"tin siniif qophaa'e irratti hirmaadhaa.
Ulaagaalee
1. Seeran qubeessuu
2. #WalaloonJaalala fayyadamuu
3. Siyaasa, arrabsoo fi Amantiin kan barreeffame
4. Walaloo haaraa kan mataa keessanii ta'uu qaba.
5. Suuraa qulqullina qaban waliin dhoobuu
Badhaasa
1ffaa kan ba'eef paakeejii intarneetaa 4G fi Kitaaba mata durren isaa "Galfata Seenaa" jedhu
2ffaa kan ba'eef kitaaba mata dureen isaa "Atis Akka Kee" jedhu
3ffaa kan ba'eeef ammoo hongansi garee "Walaloon Jaalala" ni kennamaaf
Sagalee
1. Like fi share'n argattan 70% keessaa qabama
2. Yaadni gaggeessitoota garichaa ammoo 30% walitti ida'amuun kan beeksifamu ta'a.
Guyyaan itti jalqabu
Onk, 15, 2015 /Oct, 25, 2022
Galgala Sa'aatii 3:00
Guyyaan itti dhumatu
Onk, 20, 2015 /Oct, 30, 2022
Galgala Sa'aatii 3:00
Join Fb:-
https://facebook.com/groups/walaloonjaalala/
10 074
Yartuun haafa cortee
Har'a buluu feetu
Gaafa lafti dhihu
Ni bari'a hin seetu!
#share
@Waloo_Leta
10 074
Kan safaraan qophaa'e
Lakkoofsi kee utuu jiruu
Qophee sitti hin taanetti
Maaf dhaqxe miila diruu?
Humni kee amma taakkuu
Hawwiin keemmoo dhumdhuma
'Kun kan koo miti' hin jettu
Dhuunfachuu feeta hundumaa!
Akkasiin fagoo hin geessu
Rakkattee nus rakkista
Sababnisaa, isa siif ta'u dhiistee
Isa sii hin taane harkista!
#share
@Waloo_leta
10 074
Amma feete beeki
Waan feetes qabaadhu
Yoo feete akaayii
Feetes cooma nyaadhu
Aangoo feetes yaabii
Akka feete ta’i
Daangaa feete darbi
Bakka feetes ga’i…
Boodawoo dachee seentee
Foon kee rirmi nyaataa
Maaliif akka nama
Du’aa mo’uu taataa?
Boodawoo “abujadii” uffatta
Suufii dhibba meeqa utuu qabduu golaa
Maaliif gaarii jibbitee
Hamaan sitti tolaa?
#share
@Waloo_leta
10 074
#Leta
Warrumti kaleessa
Wal wajjin meelate
Haqasaa sarbamee
Mar’umaan eelate,
Warrumti kaleessa
Karaa tokkoon fiige
“Adda hin baanu” jedhee
Maqaa tokkoon dhiige,
Warrumti kaleessa
Caba walii hokkolu
Irree tokkummaatiin
Xiyya diinaa qolu,
Warrumti kaleessa
Xiiqiin lafa jiisu
Ofii wal kabajee
Orma of kabachiisu…
.
.
Michuun afaan tokkoo
Firri gaafa golfaa
Har’a mana taa’ee
Du’a walii kolfa!
#share
@Waloo_leta
10 074
Repost from Walaloon Jaalala
Dubbisuun nama guutuu nama taasisa. Kanaaf ammoo iddoon itti barreeffamoota gaggabaaboo barumsa guddaa kennan itti argamu asidha. Maatii ta'aa. Sammuu keessan sooraa.
10 074
Repost from Walaloon Jaalala
Godaannisa
Fiilmii Afaan Oromoo Ajaa'ibaafi Sadarkaa isaa eeggate kanaan bohaaraa. Subscribe gochuun maatii keenya kabajaa fi jaalalaa ta'aa.
🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥
https://youtu.be/OSGAsiaUTbc
10 074
Repost from Walaloon Jaalala
Yoom Ka'a
Qof dubbii ajaa'ibaa Haftee Baqqalaatin. Daawwadha, Itti bohaaraa, Subscribe gochuun maatii keenya ta'aa
🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥
https://youtu.be/2uXR3dVb_5E
10 074
Repost from Walaloon Jaalala
Ifaajjii
Fiilmii Afaan Oromoo Baayyee Garaa Nama Nyaatu kana daawwadhaa. Hiriyoota keessanis Affeeraa. Subscribe gochuun maatii keenya ta'aa.
🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥
https://youtu.be/PhYk_TIGP_I
10 074
Repost from Walaloon Jaalala
Fakkiiwwan Ajaa'ibsiisoo akka kanaa hedduu nu biraa argattu. Ajajaanis kaasifachuu dandeessu. Koottaa nu daawwadhaa.
