cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Al-risala-tube

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube •°•Gaarommina qalbii •°• 𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔 🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. 🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
4 759
المشتركون
-524 ساعات
-87 أيام
-530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Photo unavailableShow in Telegram
🌿 Eid Mubark Baga idul adhaan isin gahe. Kan baranaa kan bara hedduu nu haa godhu.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
“• Guyyaan fuudhe(heerume) irra guyyaan caalu hin jiru. • Guyyaan barnoota fixee eebbifame irra guyyaan caalu hin jiru • Guyyaa ilmi naaf dhalate irra guyyaan caalu hin jiru • Guyyaan aangoo/qabeenya argadhe irra guyyaan caalu hin jiru” jechuu dandeessa. Namuu guyyaa keessatti gammade guyyoota kaan irra caalchifata. Ammoo addunyaan osoo afaan qabaattee dubbattee waan jattu beytuu? Guyyoota Kurnan ZulHijjaa kana guyyoota kaan irra caalchifatti. Kurnan ZulHijjaa, keessattuu guyyaa Arafaa guyyaan caalu hin jiru. “Irra caalaan guyyoota addunyaa Kurnan ZulHijjaa kana” ja’e ergamaan Rabbii Nabi Muhammadﷺ. Guyyoota kanniin Kheyriin dabarsi.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Baatiin Zulhijjaa Mul'attee jirti Baatiin Zulhijjaa guyyaa harraa waan mul'atteef bor Jum'aa Zulhijjaa 1 ta'a. Haaluma kanaan harri xumura baatii Zul Qa'adaati. Gama biraatiin Ayyaanni Iid al Adahaa kan bara kanaa gaafa zulhijjaa 10 ykn ammoo Alhadaa waxabajjii 9 bara 2016 irra oola
إظهار الكل...
Repost from Al-risala-tube
🔘 Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaal. ―――――――――――――――――― ① Hukmiin isaa maali? sunnaa jaalatamaadha. ② buliin jahan kun murtaa'aadhaa? Lakkii buliin kunniin baati shawwaal 29/30 keessaa kan inni hin soomanamne gaafa tokko jedhu sana qofa jechuunis gaafa guyyaa iidaa sana qofa malee buliiwwan hafan kaanniin keessaa jechuunis shawwaal gaafa bulii lamaffa irraa kaasee guyyaa jaha walitti aansees addaan babaasees soomuu ni danda'a. Ammoo osoo booduma iidaatii bulii jahan walitti aanan osoo somane gaariidha. ③ Namni qadaan soomana waajibaa irra jiru ajrii kana saamachuuf yoo dursa buliwwan shawwaal tana soome ni tahaa? Hin ta'u maaf jennaan jechuma rasuulaa (s.a.w) irraayyu hogga kaanu" Namni ramadana soomee ergasii shawwaal hordofsiise..." jedhan. Lammaffaa deeynii kaffaluun dirqama soomanni ramadaan deeynii rabbiiti dursa deeynii kaffalaniit sunnaa itti aansan. ④ Qadaa Soomana dirqamaatiifi soomana shawwaal guyyama tokkotti walitti qabee yoo niyyate ni ta'aa? Hin ta'u niyyaa qadaa'aa fi niyyaa sunnaa walitti qabuun. ⑤ Namni tokko erga fajriin bahee soomana shawwaal kana nan soomana jedhee yoo niyyatte akkami? Soomana sunnaa keessatti yoo namni sun waa hin nyaatin takkaa waan soomana jalaa balleessu hin raawwatin erga biiftuun baate boodas nan soomana jedhee yoo niyyatee soome rakkoo hin qabu. soomana waajibaaf ammoo niyyaan fajrii dura. ⑥Ajriin soomana bulii jahan baatii shawwaala maali? Ajrii gurguddaa qaba, isaan keessaa kan rasuulli s.a.w hadiisaan nuuf ibsan, ~kan abbaan ayyuub al ansaariin nuuf dabarseen"Ergamaan Rabbii (s.a.w) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa jaha isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase. ~bakka hanqinni waajibaa keessatti jiru siif guutti: guyyaa qiyaamaa rabbiin (s.w) wanti jalqaba gabarroottan isaa hisaabuu salaata yoo salaanni wajibaa miizaana hin guutiniif malaa'ikaa isaa ajaja akka sunnaawwan isaa ilaalani bakka hanqina waajibaa sana guuttuuf. ※ mallattoo keeyriin kan kee itti fufiinsa qabaachuu fi soomanni kan kee darbees Yoo rabbiin fedhe sirraa jaalatamuu siif taati. "Walumaa galatti soomanni bulii jahan ji'a shawwaal kan sadarkaa hedduu fi ajrii guddaa qabu waan ta'eef dhiiras ta'e dubartii namni soomanuu dandenyu haa soomannun dhaamsa keenya". ※Yaa rabbi soomanuu nuuf laaffisi, kan soomnes nurraa qeebali. Aamiin. ∴maddoota website islama kanniin daawwadha: ¹ https://mawdoo3.com/فضل_صيام_6_أيام_من_شوال ² https://binbaz.org.sa/fatwas/12637/لا-يشترط-التتابع-في-صيام-ست-شوال
إظهار الكل...
فضل صيام 6 أيام من شوال

. فضل صيام ستّة أيّامٍ من شوّال . شهر شوال . حُكم صيام ستّة أيّامٍ من شوّال . المراجع فضل صيام ستّة أيّامٍ من شوّال تترتّب على صيام ستّة أيّام من شوّال

Dhaamsa Iidaa Shk Amin Ibro 🍿 TvIslaamaa | YouTube link https://youtu.be/HMnqViUZSbk #iida Ramadaan dabrsine nu jalaa balleessu osoo hin taanee, iida sunnaa rasuulaa hordofe gaggeeffachuuf. ෴෴෴෴෴෴෴෴෴ ⏳ Hammi 6.9 MB 🎙 Daqiiqaa 51:47 ෴෴෴෴෴෴෴෴෴
إظهار الكل...
file_141936.mp3_m2vbot_241438938.opus6.86 MB
Photo unavailableShow in Telegram
Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1445ffaatiin isin gahe. Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ramadaana dabree nurraa qeebalee, kan bara dhufuu gammachuuf jaalalaan nuun haa gahu. عيد مبارك! تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال كل عام وأنتم بخير
إظهار الكل...
Repost from Al-risala-tube
🎙 Ustaaz Abdul-mannaan waa'ee zakaa fixrii gabaabinaa yoo ibsan. ⏳ MB 1 gadi. 🎵 2:30
إظهار الكل...
5.82 KB
Repost from Al-risala-tube
Photo unavailableShow in Telegram
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?! ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee. #Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata! #Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus. #Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata! #Halkan kana maaltu hojjatama?! ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ #Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees) #Qur'aaana qara'uu #Zikrii heddummeessuu. #Sadaqaa kennachuu. #wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha! ☀Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu☀ ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني. 🏷Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii. Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.
إظهار الكل...
#Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr 🎙Sh/Rashaad ⏳ 1.5 MB 🎵 6:11 📜【BOQONNAA MURTEE】📜 ० بسم الله الرحمن الرحيم #Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba) 1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر ①#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.} 2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ ②#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? } 3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ ③#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti. 4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ ④#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.} 5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ ⑤#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. } #Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.
إظهار الكل...
oiahw.mp31.46 MB
Repost from Al-risala-tube
Photo unavailableShow in Telegram
📜 #Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu. ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha. #Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha. #Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa. Yaa allaah nu waffaqi. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.