Farfannaa Afaan oromoo
الذهاب إلى القناة على Telegram
Channel'n Kun Faarfannaa Afaan Oromoo Haaraa fi kan durii guyya guyyaan kan isiniif maxxansudha.
إظهار المزيد3 679
المشتركون
-124 ساعات
+47 أيام
+12030 أيام
أرشيف المشاركات
BARUMSAA WALITTI FUFAA QABUU DEEBI'EE DHUFUU YESUUS KIRISTOOS JEDHUU
KUTAA 1FFAA
Isa Jalqabaa
Du’aan Booda Namootni Garam Deemu?
______
❓Gaaffiin kun kan namoota baay’ee ti. Warri biyya lafaa gartokkeen isaanii du’aan booda jireenyis, duunis hin jiru jedhu.
Garri kaan immoo waa’ee wanta du’aan booda ta’uu hin beeknu jedhu.
👉Gaaffilee kana hundaaf macaafni qulqulluun deebii qaba.
✔️“warri jal’oonni gara adaba bara baraatti yommuu gataman, warri qajeelonni gara jireenya bara baraa dhaqu” jedha.
📖Mat 25:46
QAJEELOTA:
🌹Qajeelota jechuun warra maqaa ilma Waaqayyoo Yesuusitti amananii cubbuu isaanitti dhiifama argatan jechuudha.
📖HoE 2:38, 10:43, 1Yoh 2:12, 5:13.
🌹Warri qajeelotni du’aa ka’uu isa jalqabaa keessaa qooda qabu, duuni inni lammaffaan humna isaan irratti hin qabu.
📖Mul. 20:5, 1Qor 15:55.
🌹Mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu ifu.
📖Mat. 13:43.
JAL'OOTA .:
👉Jal’oota jechuun warra Waaqayyoof hin abboomamne jechuu yommuu ta’u, Waaqayyoof abboomamuu dhiisuun immoo Yesuusitti amanuu diduu jechuudha.
📖Yoh 3:36, 1Yoh 3:22, 5:10-12.
👉Isaan kun bara baraan warra Waaqayyo irraa adda ba’anii jiraataniidha.
📖Mul 20:15 Mat 12:41-42, 50.
👉Du’aa ka’uu isa jalqabaa keessaa qooda hin qaban,
duuni inni lammaffaan isaan irratti humna qaba.
📖Mul. 20:14. Ittii Fufaa........
متاح الآن! بحث تيليغرام 2025 — أهم رؤى العام 
